Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Saʼaatiin Meeqa?

Saʼaatiin Meeqa?

SAʼAATIIN meeqa akka taʼe beekuu yommuu barbaaddu maal goota? Saʼaatii harka keetti hidhatte ykn saʼaatii kan biraa ilaalta taʼa. Hiriyaan kee tokko saʼaatii akka itti himtu si gaafatee beeka yoo taʼe, maal jettee itti himte? Karaan adda addaa saʼaatiin itti himamu jira. Akkamitti?

Fakkeenyaaf waaree booda saʼaa torbaaf daqiiqaa 30 haa jennu. Kanaafuu, 7:30 jettee deebisuu dandeessa taʼa. Bakka jiraattuu fi wanta baramaa taʼe irratti hundooftee saʼaatii 13:30 jettee deebisuus dandeessa taʼa. Akkaataan saʼaatiin itti himamu kun mala saʼaatii 24n lakkaaʼuu irratti kan hundaaʼe dha. Bakkawwan tokko tokkotti immoo saʼaatiin kun “walakkaa saddeet” jechuunis saddeet jechuu daqiiqaa 30 hirʼuu jedhamee ibsamuu dandaʼa.

Kitaaba qulqulluu waan dubbistuuf, namoonni bara Kitaabni Qulqulluun barreeffametti jiraatan saʼaatii akkamitti lakkaaʼu turan laata? jettee gaafatta taʼa. Karaa tokko qofa miti. Kutaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa waaʼee “ganamaa,” “waaree,” “guyyaa saafaa,” fi ‘galgalaa’ dubbata. (Uma. 8:11; 19:27; 43:16; Kes. 28:29; 1 Mot. 18:26) Yeroo tokko tokko garuu saʼaatiin caalaatti sirrii taʼe itti hojjetameera.

Bara Kitaabni Qulqulluun barreeffametti saʼaatii beekuuf eegdotatti fayyadamuun baramaa ture. Keessumaa yeroo halkaniitti baayʼee barbaachisu turan. Yesuus dhalachuu isaa jaarraawwan hedduu dura Israaʼeloonni halkan kutaa sadiitti qoqqoodu turan. (Far. 119:148) Abbootiin Firdii 7:19 waaʼee ‘halkan eeguu’ dubbata. Bara Yesuusitti immoo Yihudoonni mala halkan kutaa afuritti qoodanii lakkaaʼuu isa warri Giriikii fi Roomaa itti fayyadaman fudhatanii turan.

Wangeelonni kutaawwan halkanii kana yeroo hedduu caqasu. Fakkeenyaaf, yeroo Yesuus galaana irra deemee bidiruu barattoonni isaa keessa turan bira dhaqetti saʼaatiin isaa “halkan keessaa kutaa isa arfaffaa” ture. (Mat. 14:25) Yesuus fakkeenya tokko irratti akkana jedheera: “Garuu wanta kana beekaa: Abbaan manaa tokko hattuun saʼaatii meeqatti akka dhufu utuu beekee, dammaqee eeguudhaan manni isaa cabsamee akka hin saamamne godha” ture.—Mat. 24:43.

Yesuus yeroo barattoota isaatiin, “Kanaaf gooftaan manichaa, galgala yookiin halkan walakkaa yookiin iyya indaaqqoo yookiin barii obboroo, yoom akka dhufu waan hin beekneef yeroo hundumaa dammaqaa eegaa” jedhetti kutaa arfanuu ibseera. (Mar 13:35) Kutaawwan arfan kana keessaa inni jalqabaa, jechuunis “galgala” kan jedhame, erga aduun lixxee kaasee hamma galgala keessaa saʼaatii sadiitti jiru argisiisa. Kutaan inni lammaffaan immoo, “halkan walakkaa” siʼa taʼu, galgala gara saʼaatii sadii irraa jalqabee hamma halkan walakkaatti jiru argisiisa. Kutaan inni sadaffaan bariʼuu isaa dura ykn “iyya indaaqqoo,” siʼa taʼu, halkan walakkaadhaa hamma saʼaatii sagaliitti kan jiru argisiisa. Halkan Yesuus qabametti indaaqqoon kan iyye kutaa kanatti taʼuu hin oolu. (Mar. 14:72) Kutaan inni arfaffaan immoo “barii obboroo” siʼa taʼu, halkan keessaa saʼaatii sagalii kaasee hanga aduun baʼuutti kan jiru argisiisa.

Kanaafuu, namoonni bara Kitaabni Qulqulluun barreeffametti turan meeshaa saʼaatii ittiin lakkaaʼan kan hin qabne taʼanis, guyyaa ykn halkan ilaalchisee mala saʼaatii ittiin lakkaaʼan qabu turan.