Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Isin Wantoota Kana yoo Beektanii fi yoo Hojii Irra Oolchitan Gammadoo Dha”

“Isin Wantoota Kana yoo Beektanii fi yoo Hojii Irra Oolchitan Gammadoo Dha”

“Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa hojjechuu, hojii inni anaaf kennes guutummaatti raawwachuu dha.”—YOHAANNIS 4:34.

FAARFANNAA: 80, 35

1. Hafuurri addunyaa inni ofittummaa irratti hundaaʼe amala gad of qabuu keenya irratti dhiibbaa akkamii gochuu dandaʼa?

WANTA Dubbii Waaqayyoo irraa baranne hojii irra oolchuun ulfaataa kan taʼe maaliifi? Sababiin inni tokko wanta sirrii taʼe hojii irra oolchuun gad of qabuu kan gaafatu siʼa taʼu, dandeettii amala gad of qabuu keenya eegnee itti fufuuf qabnu irras haleellaan gaʼaa jira. Kana malees, “guyyoota dhumaa” kanatti, namoota ‘of jaallatan, maallaqa jaallatan, of jajan, of tuulanii fi of hin toʼanneen’ marfamnee jirra. (2 Xim. 3:1-3) Tajaajilaan Waaqayyoo tokko waaʼeen amala ofittummaa yommuu dubbatamuu fi jajamutti amala akkasii akka jibbu argisiisuu kan dandaʼu taʼus, faayidaa amala akkasii qabaachuun argamsiisutti hinaafuu dandaʼa. (Far. 37:1; 73:3) Namni tokko, ‘Faayidaa warra kaanii kan ofii koo dursuun barbaachisaadhaa? ‘Isa hunda irra xinnaatu’ akkan taʼetti yoon deddeebiʼe, namoonni kabaja naaf qaban dhabuu dandaʼuu laata?’ jedhee yaaduu illee ni dandaʼa. (Luq. 9:48) Hafuurri addunyaa inni ofittummaa irratti hundaaʼe dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuun, hariiroo gaarii gumii keessatti qabnuu fi eenyummaa Kiristiyaanaa keenya miidhuu dandaʼa. Haa taʼu malee, fakkeenyota gaarii Kitaaba Qulqulluu keessa jiran qoʼachuu fi isaaniin hordofuun keenya badhaasa nuuf argamsiisa.

2. Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan dhiibbaa akkamii nu irratti gochuu dandaʼu?

2 Namoonni amanamoo taʼan fakkeenya akka nuuf taʼan yoo barbaanne, wanta isaan raawwatanii fi buʼaa gaarii isaaniif argamsiise qoruu nu barbaachisa. Michoota Waaqayyoo taʼuu, isa biratti fudhatama argachuu fi fedha isaa raawwachuuf humna argachuu kan dandaʼan akkamitti? Qoʼannaan haala kanaan godhamu, karaa itti nyaata hafuuraa soorannu keessaa isa guddaadha.

NYAATA HAFUURAA SOORACHUUN ODEEFFANNOO ARGACHUU QOFA MITI

3, 4. (a) Barumsa hafuuraa akkamitti arganna? (b) Nyaanni hafuuraa beekumsa argachuu caalaa waan dabalatu qaba jechuu kan dandeenyu maaliifi?

3 Karaa Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota keenyaa, weeb saayitii keenyaa, JW Biroodkaastiingi, akkasumas karaa walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa keenyaa gorsaa fi leenjii hedduu ni arganna. Taʼus, akka Yesuus Yohaannis 4:34 irratti dubbatetti, nyaanni hafuuraa, beekumsa argachuu caalaa waan dabalatu qaba. Kan biraa maal dabalata? Yesuus, “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa hojjechuu, hojii inni anaaf kennes guutummaatti raawwachuu dha” jedheera.

4 Yesuusiif nyaanni hafuuraa, qajeelfama Waaqayyoo hojii irra oolchuu kan dabalatu ture. Kun nyaataa wajjin wal fakkaachuu kan dandaʼu akkamitti? Akkuma yommuu nyaata gaarii nyaannu, qaamni keenya itti toluu fi wanta barbaadu argatu, fedhii Waaqayyoo raawwachuu irratti yommuu hirmaannus garaan keenya jajjabina argata, amantiin keenyas soorata jireenya bara baraatiif isa barbaachisu ni argata. Miirri gaariin utuu sitti hin dhagaʼamin tajaajila dirree erga deemtee booda yeroo tajaajila kee xumurtu haaromtee fi humna argattee kan deebite yeroo meeqa akka taʼe ni yaadattaa?

5. Ogummaadhaan tarkaanfii fudhachuun buʼaa maalii qaba?

5 Ogummaa jechuun adda durummaadhaan barumsa Waaqayyoo hojii irra oolchuu jechuu dha. (Far. 107:43) Faayidaan ogummaan argamsiisu carraaqqiin godhamuufii kan qabu dha. “Wanta ati caalaatti hawwitu keessaa kan isheedhaan qixxaatu hin jiru. . . . Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti, warri jabeessanii ishee qabatan haa gammadan!” (Fak. 3:13-18) Yesuus, “Isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha” jedheera. (Yoh. 13:17) Barattoonni wanta Yesuus akka raawwatan isaan barsiise hojjechuu isaanii yoo itti fufan gammachuu itti fufiinsa qabu argatu. Barumsaa fi fakkeenya Yesuus kan fudhatan al tokko qofa yeruma sanaaf hin turre. Kutaa jireenya isaanii taʼee ture.

6. Ogummaa argisiisuu irratti jabaannee itti fufuu kan qabnu maaliifi?

6 Wanta dhugaa akka taʼe beeknu hojii irra oolchuu irratti jabaannee itti fufuun harʼas barbaachisaa dha. Kana fakkeenyaan ibsuuf, namni makaanikii taʼe tokko, miʼa ittiin hojjetu, meeshaa fi beekumsa qabaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wantoota kana yoo itti hojjechuu baate faayidaa hin argatu. Kanaan dura hojii makaanikii hojjechuudhaan adeemsa keessa muuxannoo gaarii argateera yoo taʼe, beekumsa isaa eegee itti fufuu fi buʼa qabeessa taʼuuf, wanta barate hojii irra oolchuu isaa itti fufuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, jalqaba irratti wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baranne hojii irra waan oolchineef, gammachuu arganneerra taʼa. Taʼus, gammachuu itti fufiinsa qabu kan argannu, guyyaa guyyaadhaan gad of qabnee barumsa Yihowaatiin yoo jiraanne dha.

7. Ogummaa guddifachuuf, fakkeenyota Kitaaba Qulqulluutiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

7 Mee haalawwan garagaraa amalli gad of qabuu keenya qoramuu itti dandaʼu tokko tokko qoruudhaan tajaajiltoonni bara durii amanamoo taʼan haalawwan akkasii akkamitti akka moʼan haa ilaallu. Karaa hafuuraa cimaa taʼuuf, odeeffannoo argachuu caalaa wanti nu barbaachisu jira. Kanaafuu, qabxiiwwan kana tokkoon tokkoon isaanii dhuunfaatti akkamitti hojii irra akka oolchitu yaadi, achiis utuu hin turin hojii irra oolchi.

SI WAJJIN QIXXEE AKKA TAʼANITTI ISAAN ILAALI

8, 9. Haalli Hojii Ergamootaa 14:8-15 irratti galmeeffame waaʼee amala gad of qabuu Phaawulos maal ibsa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

8 Fedhiin Waaqayyoo, “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe akka argatani dha.” (1 Xim. 2:4) Akaakuu namootaa hedduu hamma ammaatti dhugaa hin baratiniif ilaalcha akkamii qabda? Phaawulos ergamaan mana sagadaa keessaa namoota hamma tokko waaʼee Waaqayyoo beekan barbaadaa kan ture taʼus, carraaqqii isaa Yihudoota qofa irratti hin daangessine ture. Deebiin namoonni waaqolii kan biraa waaqeffatan kennan amalli gad of qabuu isaa hammam gad fagoo akka taʼe qoree ture.

9 Fakkeenyaaf, adeemsa misiyoonummaa Phaawulos isa jalqabaa irratti, namoonni Liqaaʼoniyaa innii fi Barnaabaas, Zuusii fi Hermees waaqolii sobaa isaanii warra humna guddaa qaban akka taʼanii fi bifa namaatiin akka mulʼatan yaaduudhaan dogoggoraan isaan hubatanii turan. Phaawulosii fi Barnaabaas carraa kanatti fayyadamanii beekamtii argachuuf qoramanii turanii? Haalli kun ariʼatama magaalaawwan kanaan dura daawwatan lamaan keessatti isaan irra gaʼe hundumaa irraa akka isaan boqochiisu isaanitti dhagaʼamee turee? Beekamtii argachuun misiraachicha babalʼisuuf gargaaruu dandaʼa jedhanii yaadanii turanii? Matumaa! Kanaa mannaa, yeruma sana uffata isaanii tarsaasuudhaan morman, akkasumas tuuta namootaa sana keessa seenuudhaan, “Maaliif wanta akkasii gootu? Nuti namoota akkuma keessan dadhabina qabnu dha” jedhanii iyyan.—HoE. 14:8-15.

10. Phaawulosii fi Barnaabaas namoota Liqaaʼoniyaa wajjin qixxee akka taʼanitti kan of ilaalan karaa kamiin ture?

10 Phaawulosii fi Barnaabaas dadhabina qabaachuu isaanii yommuu dubbatan, akkaataan waaqeffannaa isaanii kan warra waaqolii sobaa waaqeffatanii wajjin tokko dha jechuu isaanii hin turre. Namoonni lamaan kun misiyoonota karaa adda taʼeen muudaman turan mitii? (HoE. 13:2) Hafuura qulqulluudhaan dibamanii, akkasumas abdii ulfina qabeessa taʼe uffatanii hin turree? Eeyyee, taʼus, Phaawulosii fi Barnaabaas namoonni Liqaaʼoniyaas misiraachichaaf deebii gaarii yoo kennan, carraa akkasii argachuu akka dandaʼan hubatanii turan.

11. Yommuu lallabnu amala Phaawulos gad of qabuudhaan argisiise hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Gad of qabuu irratti fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Tokkoffaa, wanta humna Yihowaatiin raawwanneef, ulfinni akka nuuf kennamu eeguu ykn fudhachuu barbaaduu irratti qorumsa nu mudatu kam iyyuu mormuu qabna. Tokkoon tokkoon keenya akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Namootan isaaniif lallabu akkamittan ilaala? Utuu natti hin beekamin ilaalcha dogoggoraa hawaasni ani keessa jiraadhu namoota adda taʼan tokkoof qabu horachaan jiraa?’ Kan nama gammachiisu, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman, namoonni misiraachichaaf deebii kennan amma iyyuu jiraachuu isaanii beekuuf naannoo tajaajilaa isaanii sakattaʼaa jiru. Obboloonni tokko tokko afaan ykn aadaa namootaa, warri kaan gad aanoo akka taʼanitti ilaalan illee barachuuf carraaqqii godhu. Dhugaa Baatonni namoota akkasiitiif lallabuuf carraaqan karaa kamiin iyyuu namoota kana akka caalan godhanii of ilaaluu hin qaban. Kanaa mannaa, ergaa Mootummichaatiin garaa isaanii tuquuf tokkoon tokkoon namaa hubachuuf yaalii godhu.

MAQAA ISAANII CAQASAATII NAMOOTA KAANIIF KADHADHAA

12. Ephaafraan ofittummaa irraa walaba taʼee warra kaaniif akka yaadu kan argisiise akkamitti ture?

12 Karaa kan biraan gad of qabuudhaan qajeelfama Waaqayyoo akka hordofnu itti argisiisnu immoo, namoota “akkuma keenya amantii gatii guddaa qabu argataniif” kadhachuudha. (2 Phe. 1:1) Ephaafraan akkas godhee ture. Kitaabni Qulqulluun barreeffama Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin barreesse hunda keessatti al sadii qofa isa caqasa. Phaawulos mana ofii isaa isa Roomaatti argamu keessatti hidhamee yeroo turetti, Ephaafraan, “yeroo hundumaa cimsee isiniif kadhachaa jira” jechuudhaan Kiristiyaanota Qolosaayis keessa jiraniif barreesseera. (Qol. 4:12) Ephaafraan Obboloota akka gaariitti ni beeka, akkasumas garaadhaa isaaniif yaada ture. Phaawulosii wajjin ‘hidhamee kan jiru’ taʼuun isaa wantoota karaa hafuuraa warra kaan barbaachisan akka dagatu isa hin goone. (Film. 23) Kanaafis wanta godhe qaba. Kun ofittummaa irraa walaba taʼanii warra kaaniif yaaduu kan argisiisu mitii? Keessumaa dhuunfaatti maqaa isaanii caqasnee tajaajiltoota Yihowaa warra hidhata keenya taʼaniif kadhachuun humna guddaa qaba.—2 Qor. 1:11; Yaq. 5:16.

13. Kadhannaa kee keessatti fakkeenya Ephaafraa hordofuu kan dandeessu akkamitti?

13 Namoota maqaa isaanii caqastee isaaniif kadhachuu dandeessu mee yaadi. Akkuma Ephaafraa, obboloonni keenya hedduun warra gumii isaanii keessa jiraniif, maatiiwwan itti gaafatamummaa guddaa qabaniif ykn warra murtoo cimaa gochuu qabaniif ykn qorumsa guddaa keessa jiraniif ni kadhatu. Obboloonni hedduun namoota maqaan isaanii weeb saayitii jw.org jedhamu irra jiraniif ni kadhatu. * Kana malees, warra nama jaallatan duʼaan dhaban, warra balaan uumamaa dhiheenyatti isaan irra gaʼee fi waraana irraa oolan, akkasumas warra haala dinagdee rakkisaa taʼe keessa jiraatan yaadachuun keenya gaariidha. Obboloonnii fi obboleettonni kadhannaan keenya isaan barbaachisuu fi kadhannaa keenya irraa faayidaa argachuu dandaʼan hedduun akka jiran ifaa dha. Namoota akkasiitiif yommuu kadhannu, faayidaa ofii keenyaatiif qofa utuu hin taʼin, faayidaa warra kaaniitiifis akka yaadnu argisiisna. (Filp. 2:4) Yihowaan kadhannaa akkasii ni dhagaʼa.

‘DHAGGEEFFACHUUTTI ARIIFATAA TAʼI’

14. Yihowaan dhaggeeffachuu irratti fakkeenya hunda caalu kan taʼe akkamitti?

14 Kallattii kan biraan amalli gad of qabuu keenya hangam gad fageenya akka qabu argisiisu immoo, namoota dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu keenya dha. Yaaqoob 1:19, “dhaggeeffachuutti ariifataa” taʼuu akka qabnu dubbata. Gama kanaan Yihowaan fakkeenya hunda caalu taʼeera. (Uma. 18:32; Iya. 10:14) Haasaa Baʼuu 32:11-14 (dubbisi) irratti galmeeffamee jiru irraa maal akka barannu haa ilaallu. Yihowaan Museen yaada dabalataa akka isaaf kennu kan isa hin barbaachisne taʼus, wanta isatti dhagaʼamu akka dubbatu carraa isaaf kenneera. Namni nama yaada dogoggoraa dhiheessu tokko obsaan dhaggeeffatee, sana booda yaada isaa kana fudhatee hojii irra oolchu jiraa? Taʼus, Yihowaan namoota amantiidhaan isa waammatan obsaan dhaggeeffata.

15. Warra kaan kabajuu irratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Hundi keenya akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Yihowaan gad jedhee namootaa wajjin walitti dhufeenya kan godhuu fi akkuma Abrahaam, Raahel, Musee, Iyaasuu, Maanoʼaa, Eliyaasii fi Hisqiyaasiin dhaggeeffate namoota kan dhaggeeffatu erga taʼee, anoo obboloota koo kabajuu, yaada isaanii dhaggeeffachuu fi hojii irra oolchuudhaan hunda isaanii kabajuu hin qabuu? Gumii koo ykn maatii koo keessaa namni yeroo ammaatti xiyyeeffannaa koo barbaadu jiraa? Kana ilaalchisee maal gochuun qaba? Waaʼee kanaa hoo maal gochuun dandaʼa?’—Uma. 30:6; Abo. 13:9; 1 Mot. 17:22; 2 Sen. 30:20.

‘WAAQAYYO TARII GAD DEEBIʼUU KOO NI ILAALA’

Daawit “Isa dhiisaa!” jedheera. Utuu si taʼee maal goota? (Keeyyata 16, 17 ilaali)

16. Daawit Mootichi yommuu Shimeʼiin isa aarsetti maal godhe?

16 Gad of qabuun yommuu wanti nu aarsu nu mudatu of toʼachuufis nu gargaara. (Efe. 4:2) Kana ilaalchisee 2 Saamuʼel 16:5-13 (dubbisi) irra fakkeenya gaarii argachuun ni dandaʼama. Shimeʼiin inni fira Saaʼol Mootichaa taʼe, Daawitii fi tajaajiltoota isaa arrabseera, akkasumas miidhaa qaamaa irraan gaʼeera. Daawit isa ajjeesuuf humna kan qabu taʼus, haala kana obsaan dandaʼeera. Daawit miira isaa toʼachuuf humna kan argate akkamitti ture? Kitaaba Faarfannaa boqonnaa sadii qoruudhaan waaʼee kanaa hubannaa argachuu ni dandeenya.

17. Daawit miira isaa akka toʼatu kan isa gargaare maal ture? Nuti hoo fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Yaanni mata duree Faarfannaa boqonnaa 3 irra jiru, faarfannaan kun kan qindeeffame yeroo Daawit ‘ilma isaa Abiishaalom duraa baqatettiakka ture, argisiisa. Yaanni lakkoofsa 1 fi 2 irra jiru, yaada Lammaffaa Saamuʼel boqonnaa 16 irra jiruu wajjin wal sima. Itti aansuudhaan Faarfannaan 3:4, “Ani sagalee koo ol fuudheen Waaqayyoon waammadha, inni immoo tulluu isaa isa qulqulluu irraa deebii anaaf in kenna” jechuudhaan amanannaa Daawit qabu ibsa. Nutis yeroo miidhaan nu irra gaʼu kadhachuu ni dandeenya. Yihowaanis hafuura qulqulluu isa jabaannee akka dhaabannu nu gargaaru nuu kennuudhaan deebii nuu kenna. Haala amala of toʼachuu akka qabaattu si gaafatu ykn jibba sababii malee si irra gaʼuuf tola dhiifama akka gootu si gaafatu yaaduu ni dandeessaa? Yihowaa miidhaa si irra gaʼu akka ilaaluu fi eebba akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessaa?

“OGUMMAAN HUNDUMAA IRRA IN CAALTI”

18. Qajeelfama Waaqayyoo hojii irra oolchuu keenya yoo itti fufne akkamitti fayyadamuu dandeenya?

18 Wanta sirrii akka taʼe beeknu hojii irra oolchuun keenya eebba guddaa nuuf argamsiisa. Fakkeenyi 4:7 “ogummaan hundumaa irra in caalti” jechuun isaa kan nama dinqisiisu miti! Ogummaan beekumsa irratti kan hundaaʼe taʼus, wanta dhugaa akka taʼe beeknu qofa utuu hin taʼin, caalaatti murtoo goonu wajjin walitti dhufeenya qaba. Goondaan illee ogummaa akka qabdu ni argisiisti. Goondaan yeroo bonaatti nyaata isaanii qopheeffachuudhaan uumamaan ogummaa akka qaban ni argisiisu. (Fak. 30:24, 25) Kiristoos inni, “ogummaa Waaqayyoo” taʼe yeroo hundumaa wanta Abbaa isaa gammachiisu raawwata. (1 Qor. 1:24; Yoh. 8:29) Waaqayyo, garaagarummaa filannaa sirrii gochuu fi filannaa sana hojii irra oolchuu gidduu jiru beeka. Akkasumas namoota gad of qabuudhaan jabaatanii dhaabatanii fi wanta dhugaa akka taʼe beekan hojii irra oolchan ni badhaasa. (Maatewos 7:21-23 dubbisi.) Kanaafuu, gumiin bakka obboloonni hundi gad of qabuudhaan Yihowaa tajaajiluu itti dandaʼan akka taʼu gochuuf hojjechuu kee itti fufi. Wanta dhugaa akka taʼe beeknu hojii irra oolchuun yeroo fudhata, akkasumas obsa barbaada, taʼus, kana gochuun mallattoo gad of qabuu siʼa taʼu, kunis yeroo ammaattis taʼe bara baraaf gammachuu nuuf argamsiisa.

^ key. 13 Mata duree “Jehovah’s Witnesses Imprisoned for Their Faith” jedhuu fi NEWSROOM > LEGAL DEVELOPMENTS jala jiru ilaali.