Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa—“Fayyina Keessan Mirkaneessuuf Carraaqqii Cimaa Gochuu Keessan Itti Fufaa”

Dargaggootaa—“Fayyina Keessan Mirkaneessuuf Carraaqqii Cimaa Gochuu Keessan Itti Fufaa”

“Akkuma yeroo hunda ajajamtan . . . sodaa fi romʼaan fayyina keessan mirkaneessuuf carraaqqii cimaa gochuu keessan itti fufaa.”—FILP. 2:12.

FAARFANNAA: 133, 135

1. Cuuphaan tarkaanfii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

WAGGAA WAGGAADHAAN barattoonni Kitaaba Qulqulluu kumaan lakkaaʼaman ni cuuphamu. Isaan keessaa baayʼeen, umurii waggoota kurnanii irratti kan argamanii fi isaa gadi kan taʼani dha. Ijoolleen kun dhugaa keessatti guddatan taʼa. Ati isaan keessaa tokkoo? Taanaan galateeffamuu qabda. Cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanota irraa eegamu taʼuu isaa irra iyyuu, fayyina argachuuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe dha.—Mat. 28:19, 20; 1 Phe. 3:21.

2. Cuuphaan tarkaanfii sodaachuu ykn irraa baqachuu hin qabne kan taʼe maaliifi?

2 Cuuphamuun eebbawwan hedduudhaaf karaa kan banu taʼus, itti gaafatamummaas qaba. Akkamitti? Guyyaa cuuphamtetti, “Aarsaa furii Yesuus Kiristoositti amanuudhaan, cubbuu keessan irraa yaada garaa geeddarattanii, fedha Yihowaa raawwachuuf of murteessitaniittuu?” gaaffii jedhuuf eeyyee jechuudhaan deebii kenniteetta. Cuuphamuun kee akka of murteessite argisiisa. Waadaa guddaa Yihowaa jaallachuu fi waan hunda irra fedha isaa caalchisuuf galte dha. Kun walii galtee guddaa dha. Walii galtee kana galuu keetti gaabbuu qabdaa? Gonkumaa gaabbuu hin qabdu. Yihowaatti of kennuun kee yoom iyyuu dogoggora taʼuu hin dandaʼu. Filannoon kan biraan maal akka taʼe yaadi! Namni Yihowaa irraa addaan baʼee jiraatu, toʼannaa Seexanaa jala jiraata. Diyaabiloos akka ati fayyina argattu hin barbaadu. Siruma iyyuu, isa maddii dhaabbachuuf jecha ol aantummaa Yihowaa deggeruu diduudhaan jireenya bara baraa dhabuun kee isa gammachiisa.

3. Yihowaadhaaf of murteessuun kee eebbawwan akkamii siif argamsiisa?

3 Seexana deggeruu irraa haala faallaa taʼeen, Kiristiyaana of murteessitee fi cuuphamte taʼuun eebbawwan akkamii akka siif argamsiisu haa ilaallu. Amma Yihowaadhaaf waan of kenniteef ofitti amanamummaa guddaadhaan, “Waaqayyo gara koo erga taʼee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu danda’a?” jechuu dandeessa. (Far. 118:6) Waaqayyo maddii dhaabbachuu fi isa duratti fudhatama argachuu caalaa jireenya kee keessatti mirgi argattu kan biraan hin jiru.

ITTI GAAFATAMUMMAA DHUUNFAA

4, 5. (a) Cuuphaan itti gaafatamummaa dhuunfaa kan taʼe akkamitti? (b) Qorumsawwan namoota umurii kam irra iyyuu jiran irra gaʼan maal faʼi?

4 Kiristiyaana cuuphamte waan taateef, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu warra kee irratti kan hundaaʼe hin taʼu. Warra kee jala kan jirtu yoo taʼe illee, fayyina keetiif sumatu itti gaafatamummaa fudhata. Kana yaadachuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Qorumsa gara fuulduraatti si mudachuu dandaʼu hunda dursitee beekuu waan hin dandeenyeefi. Fakkeenyaaf, umurii waggoota kurnanii keessa utuu hin galin kan cuuphamte yoo taate, yeroo dargaggeessa taatu miirrii fi dhiibbaan haaraan akka si mudatu hin shakkisiisu. Intalli waggaa 18 takka akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee mucaan tokko ayyaana dhalootaa mana barumsaatti kabajame tokko irratti muraa keekii waan dhabeef Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu isaatti hin gaabbu. Haa taʼu malee, waggoota muraasa booda saalqunnamtii akka raawwatu yeroo dhiibbaa cimaan isa irra gaʼutti, seerawwan Yihowaatiif ajajamuun yeroo hunda gaarii akka taʼe isa amansiisuun barabaachisaa taʼa.”

5 Dhugaa dha, qorumsi haaraan kan mudatu dargaggoota qofa miti. Namoonni gaʼeessota taʼanii cuuphaman illee qorumsi amantii hin eegamne isaan mudachuu dandaʼa. Qorumsawwan kun gaaʼela, fayyaa ykn hojii wajjin kan wal qabatan taʼuu dandaʼu. Dhuguma iyyuu, namni tokko umuriin isaa hammam iyyuu yoo taʼe, haalli Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu gaafatu isa mudachuu ni dandaʼa.—Yaq. 1:12-14.

6. (a) Waadaa Yihowaadhaaf galte eeguun kee haala tokko irratti kan hundaaʼe miti kan jennu maaliifi? (b) Filiphisiyus 4:11-13 irraa barumsa akkamii argachuu dandeessa?

6 Waadaa Yihowaadhaaf galte eeguun kee haala tokko irratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadachuun kee, haala akkamii keessatti iyyuu amanamaa taʼuuf si gargaara. Kana jechuun, hiriyoonni ykn warri kee isa tajaajiluu yoo dhaaban illee, ati isa tajaajiluu kee akka itti fuftu Qaama uumama cufa irratti ol aantummaa qabutti himte jechuu dha. (Far. 27:10) Haala akkamii keessatti iyyuu murtoo kee wajjin wal simtee jiraachuuf gargaarsa Yihowaatiin jabina argachuu dandeessa.—Filiphisiyus 4:11-13 dubbisi.

7. “Sodaa fi romʼaan” fayyina kee mirkaneessuuf carraaqqii cimaa gochuu jechuun maal jechuu dha?

7 Yihowaan michuu isaa akka taatu barbaada. Michummaa kana qabatanii itti fufuunii fi fayyina ofii mirkaneessuun garuu carraaqqii gochuu gaafata. Filiphisiyus 2:12, “Sodaa fi romʼaan fayyina keessan mirkaneessuuf carraaqqii cimaa gochuu keessan itti fufaa” jedha. Yaanni caqasa kanaa, qorumsi akkamii iyyuu yoo si mudate michuu Yihowaa taatee itti fufuu fi isaaf amanamaa taatee jiraachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe itti yaaduu akka qabdu si hubachiisa. Garmalee ofitti amanamuu hin qabdu. Namoonni yeroo dheeraadhaaf Waaqayyoon tajaajilan illee karaa irraa jalʼataniiru. Fayyina kee mirkaneessuuf maal gochuu dandeessa ree?

KITAABA QULQULLUU QOʼACHUUN BARBAACHISAA DHA

8. Qoʼannaa dhuunfaa gochuun maal dabalata? Barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

8 Michuu Yihowaa taʼuun qunnamtii gama lamaa, jechuunis dhaggeeffachuu fi dubbachuu kan dabalatu dha. Karaan inni guddaan Yihowaa itti dhaggeeffannu, dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu dha. Kun immoo Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan beekumsa argachuu dabalata. Yeroo kana gootutti, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun beekumsa sammuu kuufachuu qofa akka hin taane yaadadhu. Qormaata mana barumsaa darbuuf jecha waan tokko sammuutti qabachuu wajjin wal fakkaachuu hin qabu. Qoʼannaan buʼa qabeessa taʼe, adeemsa gammachiisaa amalawwan Yihowaa caalaatti beekuuf godhamu wajjin wal fakkaata. Kana gochuun kee caalaatti Waaqayyotti akka dhihaattuu fi innis akka sitti dhihaatu godha.—Yaq. 4:8.

Yihowaa wajjin qunnamtii gaarii gochaa jirtaa? (Keeyyata 8-11 ilaali)

9. Qoʼannaa dhuunfaa kee irratti meeshaawwan kamfaan si fayyadaniiru?

9 Jaarmiyaan Yihowaa meeshaalee qoʼannaa gaarii gochuuf si gargaaran hedduu qopheesseera. Fakkeenyaaf, barreeffamni jw.org irraa kutaa “Dargaggoota” jedhu jalatti argamuu fi “Gilgaala Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu” (Amaariffa) jedhu, taʼeewwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman irraa barumsa argachuuf si gargaaruu dandaʼa. Kana malees, barreeffamni qoʼannaa kitaaba, “Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?” jedhamuuf qophaaʼe, amantii kee cimsachuuf si gargaaruu dandaʼa. Barreeffamoonni qoʼannaa kun, waaʼee amantii keetii namoota kaaniif ibsuuf si gargaaruu dandaʼu. Yaadawwan qoʼannaadhaaf gargaaran kan biraan, Dammaqaa! Ebla 2009 (Amaariffa) mata duree “Gaaffii Dargaggootaa . . . Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Koo Gammachiisaa Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu irratti argamu. Qoʼannaa gochuunii fi xiinxaluun, fayyina keenya mirkaneessuuf carraaqqii gochuu keenya irratti gaʼee guddaa qaba.—Faarfannaa 119:105 dubbisi.

KADHANNAAN BAAYʼEE BARBAACHISA DHA

10. Kiristiyaana cuuphame tokkoof kadhannaan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

10 Karaan Yihowaa itti dhageenyu inni tokko qoʼannaa dhuunfaa yommuu taʼu, kadhannaan immoo karaa itti isa haasofsiisnu dha. Kiristiyaanni tokko kadhannaa akka sirna amantii hiika hin qabne tokkootti ilaaluu hin qabu; yookiin immoo wanta dinqiidhaan waan barbaanne nuu argamsiisu miti. Kanaa mannaa, kadhannaan karaa Uumaa keenya wajjin itti wal qunnamnu dha. Yihowaan yaada keenya akka isaaf ibsinu barbaada. (Filiphisiyus 4:6 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun dhiphinni akkamii iyyuu yeroo si mudatu ‘wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gattee akka dhiistu’ si jajjabeessa. (Far. 55:22) Gorsi kun akka si fayyadu sitti dhagaʼamaa? Obboloonni miliyonaan lakkaaʼaman gorsi kun akka isaan fayyade sii mirkaneessuu dandaʼu. Siinis si fayyaduu dandaʼa!

11. Yeroo hunda Yihowaa galateeffachuu kan qabdu maaliifi?

11 Kan kadhannu Yihowaa irraa gargaarsa gaafachuuf qofa taʼuu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun, “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa” jedha. (Qol. 3:15) Yeroo tokko tokko rakkinuma keenya irratti waan xiyyeeffannuuf, eebbawwan hedduu argachuu keenya daganna. Guyyaa guyyaadhaan yoo xinnaate wantoota itti galateeffachuu dandeessu sadii irratti maaliif hin yaaddu? Achii, eebbawwan sanaaf kadhannaadhaan Yihowaa galateeffachuu dandeessa. Intalli waggaa 18 Abigaayil jedhamtuu fi umurii ishii waggaa 12⁠tti cuuphamte akkana jetteetti: “Qaama uumama cufa keessa jiru kam iyyuu caalaa Yihowaan galateeffamuu akka qabu natti dhagaʼama. Kennaa nuu kenneef, carraa argannetti hundatti isa galateeffachuu qabna.”

MUUXANNOON OFII BUʼAA QABA

12, 13. Gaarummaa Yihowaa jireenya kee keessatti kan miʼeeffatte akkamitti akka taʼe yaaduun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

12 Daawit Mootichi inni qorumsawwan nama gaddisiisan hedduu jalaa oole, “Gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta’e, isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu!” jechuudhaan faarfateera. (Far. 34:8) Caqasni kun, muuxannoon ofii buʼaa akka qabu argisiisa. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya yeroo dubbistu, akkasumas walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yeroo argamtu, muuxannoowwan nama jajjabeessanii fi Waaqayyo namoonni amanamoo taʼanii akka jiraatan kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe argisiisan dhageessa. Karaa hafuuraa guddachaa yeroo deemtu garuu, jireenya ofii keetii keessatti harka Yihowaa arguun kee barbaachisaa dha. Jireenya kee keessatti gaarummaa Yihowaa kan argite akkamitti?

13 Karaan Kiristiyaanonni hundi gaarummaa Yihowaa itti miʼeeffatan tokko jira. Innis, Waaqayyoo fi Ilma isaatti dhihaachuuf kan affeeraman taʼuu isaa ti. Yesuus, “Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu” jedheera. (Yoh. 6:44) Kun siifis akka hojjetu sitti dhagaʼamaa? Dargaggeessi tokko, ‘Yihowaan warra koo ofitti harkise, ani garuu isaanuman hordofe’ jedha taʼa. Haa taʼu malee, yeroo of murteessitee cuuphamteetti Yihowaa wajjin walitti dhufeenya adda taʼe akka uumte argisiisteetta. Amma isa biratti ni beekamta. Kitaabni Qulqulluun, “Namni tokko Waaqayyoon kan jaallatu yoo taʼe garuu Waaqayyo isa ni beeka” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (1 Qor. 8:3) Iddoo jaarmiyaa Yihowaa keessatti qabduuf yeroo hunda bakka guddaa kennuu fi iddoo kana dinqisiifachuuf carraaqqii godhi.

14, 15. Tajaajilli amantii kee cimsuuf kan si gargaaru akkamitti?

14 Karaa kan biraan gaarummaa Yihowaa miʼeeffachuu itti dandeessu, waaʼee amantii keetii warra kaanitti yeroo himtu gargaarsa isaa argachuu kee ti. Tajaajila irratti ykn mana barumsaatti kana gochuu dandeessa. Dargaggoonni tokko tokko mana barumsaatti hiriyoota isaaniitiif lallabuun isaanitti ulfaata. Maaliif akka taʼe ni hubatta taʼa. Deebii akkamii akka kennan beekuun waan hin dandaʼamneefi. Keessumaa immoo tokko tokkoon utuu hin taʼin yeroo walitti qabamanii jiranitti isaanitti himuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti maaltu si gargaaruu dandaʼa?

15 Dura, wantoota amma itti amantu amantee kan fudhatte maaliif akka taʼe yaadi. Barreeffamoota qoʼannaa weebsaayitii jw.org irratti kutaa “Dargaggoota” jedhu jala jiranitti akka gaariitti fayyadamuu dandeessa. Barreeffamoonni kun, wanta itti amantu irratti, maaliif akka itti amantee fi amantii kee kana warra kaaniif akkamitti ibsuu akka dandeessu akka yaaddu si gargaaruuf kan qophaaʼani dha. Wanta itti amantu irratti ragaa cimaa yoo qabaattee fi sirriitti yoo qophoofte, waaʼee maqaa Yihowaa dhugaa baʼuuf dirqamni akka si irra jiru sitti dhagaʼama.—Er. 20:8, 9.

16. Waaʼee amantii keetii dubbachuuf akka hin mamne maaltu si gargaaruu dandaʼa?

16 Haa taʼu malee, kan qophoofte yoo taʼe illee waaʼee amantii keetii dubbachuuf mamuu dandeessa. Obboleettiin umuriin ishii waggaa 18 taʼee fi umurii ishii waggaa 13⁠tti cuuphamte takka, “Wantan itti amanu beeka, taʼus yaada koo ibsuun na rakkisa” jetteetti. Rakkina kana moʼuu kan dandeesse akkamitti ree? Akkana jetteetti: “Akkuma qoosaatti dubbachuufan yaala. Ijoolleen kutaa koo keessatti baratan wanta raawwatan bilisummaadhaan dubbatu. Anis akkuma isaanii bilisummaan natti dhagaʼamuu qaba. Kanaafuu, haasaa keenya gidduutti fakkeenyaaf, ‘Gaaf tokko Kitaaba Qulqulluu utuun barsiisuu . . . ’ jedheen dubbachuu jalqaba. Achiis, yaadan dubbachuu barbaade isa kaanan itti fufa. Wantin yeroo sanatti dubbachuu barbaade inni guddaan waaʼee Kitaaba Qulqulluu taʼuu baatus, yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu yeroon barsiisu maal akkan godhu beekuu barbaadu. Yeroo tokko tokko waaʼee kanaa na gaafatu. Mala kanatti fayyadamaa yeroon deemu, lallabuun salphaa naa taʼaa dhufe. Ergan akkas godhee booda yeroo hunda miira gaariitu natti dhagaʼama!”

17. Ilaalchi amantii keetiif qabdu, warra kaanitti waaʼee amantii keetii dubbachuuf kan si gargaaru akkamitti?

17 Warra kaan akka kabajju yoo argisiistee fi jaalala yoo isaaniif qabaatte, yeroo baayʼee isaanis gaarummaadhaan sii deebisu. Ooliiviyaan ishiin umuriin ishii waggaa 17 taʼee fi umurii waggoota kurnanii keessa utuu hin galin cuuphamte, “Haasaa koo keessatti Kitaaba Qulqulluu yoon caqase akka mankaraarsituu amantiitti na ilaalu jedheen sodaadha” jetteetti. Booda garuu Ooliiviyaan karaa adda taʼeen yaaduu jalqabde. Sodaa ishii irratti garmalee xiyyeeffachuu mannaa akkana jetteetti: “Dargaggoonni baayʼeen waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa homaa hin beekan. Dhugaa Baatonni isaan haasofsiisnu nu qofa dha. Kanaafuu, deebiin isaan nuu kennan amala keenya irratti hundaaʼa. Yeroo waaʼee amantii keenyaa dubbannutti kan qaanofnu, kan sodaannu ykn baayʼee kan rakkannu yookiin immoo kan hoollannu yoo taʼe hoo? Akkas taanaan, eenyummaa keenyatti akka hin boonne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Ofitti amanamummaa dhabuu keenyaan kan kaʼe, karaa sirrii hin taaneen nutti dubbachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, waaʼee amantii keenyaa mariʼachuu akkuma marii kaaniitti kan ilaalluu fi salphaatti, akkasumas ofitti amanamummaadhaan kan dubbannuu yoo taʼe, nu kabajuu dandaʼu.”

FAYYINA KEE MIRKANEESSUUF CARRAAQQII GOCHUU KEE ITTI FUFI

18. Fayyina kee mirkaneessuuf carraaqqii gochuun maal dabalata?

18 Akkuma olitti ilaalle, fayyina kee mirkaneessuuf carraaqqii gochuun itti gaafatamummaa guddaa dha. Kun immoo Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluu, kadhannaa dhiheessuu, akkasumas karaa Yihowaan dhuunfaatti itti si eebbise irratti yaaduu kan dabalatu dha. Wantoota kana raawwachuun kee, ofitti amanamummaa michuu Yihowaa taʼuudhaan argatte siif guddisa. Kun immoo waaʼee amantii keetii dubbachuuf si kakaasa.—Faarfannaa 73:28 dubbisi.

19. Fayyina kee mirkaneessuuf carraaqqiin gootu kan si hin gaabbisiisne maaliifi?

19 Yesuus, “Namni ana duukaa buʼuu barbaadu hundi of haa ganu; muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu” jedheera. (Mat. 16:24) Dhuguma iyyuu, of murteessuu fi cuuphamuu dabalatee duuka buutuu taʼuun dirqama Kiristiyaana tokko irraa eegamu dha. Taʼu iyyuu, tarkaanfiin kun yeroo ammaattis taʼe yeroo addunyaa haaraa keessa bara baraaf jiraannutti eebbawwan dhuma hin qabne nuuf argamsiisa. Kanaafuu, fayyina kee mirkaneessuuf carraaqqii gochuu kee itti fufuuf sababii quubsaa qabda!