Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Gooftaa Duukaa Buʼuuf Jecha Wantoota Kaan Dhiisuu

Gooftaa Duukaa Buʼuuf Jecha Wantoota Kaan Dhiisuu

Abbaan koo “Yoo lallabuuf deemte, deebitee hin dhufin. Yoo deebitee dhufte, miila keetan cabsa” jedhee na sossodaachise. Kanaafuu, manaa baʼuufan murteesse. Gooftaa duukaa buʼuuf jecha wantoota kaan dhiisuu kanan jalqabe yeroo kanatti ture. Yeroo kanatti umuriin koo waggaa 16 ture.

HAALLI kun uumamuu kan dandaʼe maaliifi? Mee seenaa koon isinitti hima. Kanan dhaladhe Adoolessa 29, 1929⁠tti Filippiinsi keessatti, mandara xinnoo bulchiinsa Baalaakaan keessatti argamtutti ture. Yeroo sanatti dinagdeen kufee waan tureef jireenya salphaa jiraanna turre. Mucaa xinnoo yeroon turetti waraanni ni jalqabe. Loltoonni Jaappaan Filippiinsiin weeraran. Haa taʼu malee, mandarri keenya baayʼee fagaattee waan jirtuuf, kallattiidhaan waraanichaan hin miidhamne. Raadiyoo, televijiinii fi gaazexaa waan hin qabneef, waaʼee waraanichaa warra kaan irraa dhageenya turre.

Ijoollee saddeet keessaa isa lammaffaa kanan ture siʼa taʼu, yeroo umuriin koo waggaa saddeet taʼu akaakoliin koo akkan isaan wajjin jiraadhuuf na fudhatan. Kaatolikoota kan turre taʼus, akaakayyuun koo amantiidhaaf ilaalcha gaarii waan qabuuf barreeffamoota amantii hiriyoonni isaa isaaf fidan ni fudhata ture. Buukleetota Afaan Taagaaloogiin qophaaʼanii fi barumsawwan amantii sobaa saaxilan, akkasumas Kitaaba Qulqulluu akka natti argisiise nan yaadadha. Kitaaba Qulqulluu, keessumaa immoo Wangeelota arfan dubbisuun na gammachiisa ture. Akkas gochuun koo fakkeenya Yesuus akkan hordofu na kakaase.—Yoh. 10:27.

GOOFTAA DUUKAA BUʼUU BARACHUU

Loltoonni Jaappaan bara 1945⁠tti biyyattii gadhiisanii deeman. Yeroo kanatti warri koo gara manaa akkan deebiʼu na gaafatan. Akaakayyuun koos akkan deemu waan na jajjabeesseef nan deeme.

Utuu baayʼee hin turin, Sadaasa 1945⁠tti, Dhugaa Baatonni Yihowaa mandara keenyatti lallabuuf magaalaa Aangaat irraa dhufan. Obboleessi maanguddoon tokko gara mana keenyaa dhufee, Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee “guyyoota dhumaa” nuuf ibse. (2 Xim. 3:1-5) Kana malees, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu mandara nutti dhihoo jirtu keessatti geggeeffamu irratti akka argamnu nu affeere. Warri koo hin deemne, ani garuu nan deeme. Achitti namoonni 20 taʼan argamanii kan turan siʼa taʼu, tokko tokko gaaffii Kitaaba Qulqulluu gaafatu turan.

Wanti irratti mariʼachaa jiran hundi homaa waan naaf hin galleef, dhiisee deemuufan murteesse. Haa taʼu malee, yeruma sana faarfannaa Mootummichaa faarfachuu jalqaban. Faarfannichi baayʼee waan natti toleef achuman ture. Faarfannaa fi kadhannaa booda, hundi keenya walgaʼii Dilbata itti aanu Aangaatitti godhamu irratti akka argamnu affeeramne.

Muraasni keenya walgaʼii mana maatii Kiruuzitti godhamu irratti argamuuf gara kiilomeetira saddeetii miilaan deemne. Ijoollee xixinnoon namoota 50 achitti argaman keessa turan illee barumsawwan Kitaaba Qulqulluu ulfaataa taʼan irratti yaada kennuun isaanii baayʼee na ajaaʼibe. Walgaʼiiwwan muraasa irratti ergan argamee booda, Obboleessi keenya Daamiyaan Saantos inni maanguddoo taʼee fi qajeelchaa taʼee tajaajilaa ture, mana isaanii akkan bulu na affeere. Gaafa sana galgala Kitaaba Qulqulluu irratti baayʼee mariʼanne.

Yeroo sana namoonni cuuphamuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barachuun isaanii qofti gaʼaa ture. Walgaʼiiwwan muraasa irratti ergan argamee booda, obboloonni anaa fi namoota kaan, “Cuuphamuu ni barbaadduu?” jedhanii nu gaafatan. Anis, “Eeyyee, nan barbaada” jedheen deebise. ‘Kiristoos isa Gooftaa taʼe tajaajiluu’ nan barbaadan ture. (Qol. 3:24) Achii, laga dhihoo jiru tokko erga dhaqnee booda Guraandhala 15, 1946⁠tti lamaan keenya cuuphamne.

Kiristiyaanota cuuphamne waan taaneef, fakkeenya Yesuus hordofuudhaan yeroo hunda lallabuu akka qabnu hubannee turre. Abbaan koo kana gochuu kootti waan hin gammanneef, “Ati lallabuuf umuriin kee hin geenye. Kana malees, laga keessa lixxee baate jechuun, lallabuuf gaʼumsa qabda jechuu miti” naan jedhe. Anis, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuun keenya wanta Waaqayyo barbaadu akka taʼen ibseef. (Mat. 24:14) Kana malees, ‘Waadaan Waaqayyoof gale raawwachuu akkan qabun’ itti hime. Abbaan koo wantan jalqaba irratti ibse dubbachuudhaan kan na sossodaachise yeroo kanatti ture. Eeyyee, lallaba koo na dhaabsisuuf kutatee kaʼee ture. Haala kanatu galmawwan hafuuraa koo hordofuuf jecha wantoota kaan akkan dhiisu karaa bane.

Maatiin Kiruuz isaan wajjin Aangaat keessa akkan jiraadhu na affeeran. Kana malees, anii fi intalli isaanii Nooraan ishiin quxisuu hundumaa taate qajeelchaa akka taanu nu jajjabeessan. Lamaan keenya iyyuu Sadaasa 1, 1947⁠tti qajeelchaa taane. Nooraan magaalaa kan biraatti kan tajaajiltu siʼa taʼu, ani garuu Aangaatitti tajaajiluu koon itti fufe.

WANTOOTA KAAN DHIISUUF CARRAA KAN BIRAAN NAAF BANAME

Tajaajila koo jalqabee waggaa sadaffaatti, obboleessi Arli Istiwaarti jedhamuu fi waajjira damee irraa dhufe namoota 500 ol taʼaniif iddoo magaalattii gidduutti argamuu fi namoonni baayʼeen walgaʼanitti haasaa kenne. Haasaa kan kenne Ingiliffaan siʼa taʼu, sana booda ani immoo yaada ijoo isaa Afaan Taagaaloogiin nan dubbadhan ture. Mana barumsaatti kanan baradhe waggaa torba qofa taʼus, barsiisonni keenya yeroo hunda Ingiliffa fayyadamu turan. Wanti Ingiliffa koo fooyyessuuf na gargaare inni tokko barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan Afaan Taagaaloogiin kan hin jirre taʼuu isaa ti. Kanaafuu, baayʼee isaanii Afaan Ingiliffaatiinan dubbisa ture. Kun immoo dandeettii Ingiliffaa koo guddifachuudhaan haasaa yeroo sana dhihaates taʼe sana booda dhihaatan hiikuuf na dandeessiseera.

Gaafuman haasaa isaa hiiketti Obboleessi keenya Aarli, obboleessi qajeelchaa taʼe tokko ykn lama Betʼelitti tajaajiluuf akka barbaadamu gumii keenyaaf ibse. Kun kan taʼe, misiyoononni walgaʼii guddaa Guddina Tiʼookraasii jedhamuu fi bara 1950⁠tti Niiwu Yoork, Yunaayitid Isteetisitti geggeeffamu irratti argamuuf waan deemaniif namni iddoo isaanii buʼu barbaachisee ture. Obboloota affeeraman keessaa isa tokkon ture. Yeroo kanatti immoo, hojii Betʼel hojjechuufan haala bare dhiiseen deeme.

Waxabajjii 19, 1950⁠tti Betʼel galeen hojii isa haaraa jalqabe. Betʼel mana guddaa, dulloomaa mukoota guguddaadhaan marfamee fi lafa heektaara tokko irratti argamu ture. Obboloonni achitti tajaajilan baayʼeen gaaʼela kan hin godhanne turan. Ganama kaʼeen nyaata qopheessu irratti gargaara ture. Achii immoo saʼaatii sadii jalqabee uffatan tookkosa ture. Saʼaatii boodas hojuma kanan hojjedha. Misiyoononni walgaʼii biyyoolessaa irraa erga deebiʼanii boodas Betʼelitti tajaajiluu koo ittuman fufe. Barruulee gumiiwwaniif ergaman nan mara, hojii kontiraata barreeffamaa wajjin walqabatee fi kutaa keessummoonni itti simatamanitti (riisseepshiniitti) nan hojjedhan ture; akkan hojjedhu waanan gaafatamuu hunda nan hojjedhan ture.

GIILʼAADITTI BARACHUUF FILIPPIINSIIN GADHIISANII DEEMUU

Bara 1952⁠tti, obboloota kan biraa jaʼa wajjin Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 20⁠ffaa irratti akka hirmaannu yeroo affeeramnu baayʼeen gammade. Wantoonni Yunaayitid Isteetisitti arginee fi wanti nu mudate hedduun nuuf haaraa ture. Haalli isaa wantan yeroon mandara keenya ishii xinnoo keessa jiraachaa turetti beeku irraa baayʼee adda ture.

Obboloota Giilʼaaditti wajjin baranne faana

Fakkeenyaaf, miʼa manaa nuyi hin beeknetti fayyadamuu barachuu qabna turre. Qilleensi isaas nuuf baayʼee adda ture! Gaaf tokko ganama gadi baʼee yeroon ilaalu, naannoon isaa guutummaatti adii taʼee ture; baayʼee bareeda ture. Yeroo jalqabaatiif cabbii kanan arge yeroo kana ture. Sana booda garuu, garmalee akka qorrun hubadhe!

Haa taʼu malee, leenjii gaarii Giilʼaaditti fudhannutti baayʼee gammannee waan turreef wantoota kanatti baruun nu hin rakkisne. Barsiisonni keenya malawwan buʼa qabeessa taʼanitti fayyadamanii nu barsiisu turan. Qorannaa fi qoʼannaa gaarii gochuu baranneerra. Leenjiin Giilʼaaditti argadhe karaa hafuuraa guddina gochuuf na gargaareera.

Giilʼaadii eebbifamee ergan baʼee booda, qajeelchaa addaa taʼeen yeroodhaaf Biroonkis ishii magaalaa Niiwu Yoorki Siitii keessatti argamtutti ramadame. Kun immoo, Adoolessa 1953⁠tti, walgaʼii guddaa Niiwu Worlid Soosaayitii jedhamuu fi kutaa magaalattii kanatti geggeeffame irratti argamuuf carraa naa bane. Walgaʼicha booda hojii Filippiinsi keessatti naa kennamettan deebiʼe.

QANANII MAGAALAA KEESSA JIRAACHUUDHAAN ARGAMU DHIISUU

Obboloonni waajjira damee keessa hojjetan, ‘Amma daawwataa ol aanaa aanaa taatee baata’ naan jedhan. Kun immoo fakkeenya Gooftaa Yesuus isa hoolota Yihowaa gargaaruuf gara magaalaawwan fagoo deemee hordofuuf carraa haaraa kan naaf banu ture. (1 Phe. 2:21) Aanaa balʼaa giddu galeessa Luuzoon, ishii Filippiinsi keessatti odoola guddaa taate dabalatuttan ramadame. Kun immoo bulchiinsa Baalaakaan, Nuyeevaa Eesiihaa, Tarlaak akkasumas Zaambaalesi kan dabalatu ture. Magaalaawwan tokko tokko daawwachuuf, daandii rakkisaa tulluuwwan Siyeeraa Maatiree qaxxaamuruun na barbaachisa ture. Geejjibni uummataa gara naannoowwan kanaatti geessu waan hin jirreef, konkolaattota feʼumsaa kadhadheen jirma guguddaa (gudeelcha) feʼan irra akkan taaʼu isaan gaafadha ture. Yeroo baayʼee kan naaf heyyaman taʼus, kun geejjiba namatti tolu hin turre.

Gumiiwwan sana keessaa hedduun, gumiiwwan kaan wajjin yeroo wal bira qabamanii ilaalaman xixinnoo fi haaraa turan. Kanaafuu, obboloonni walgaʼiiwwanii fi tajaajila dirree karaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeen gurmeessuu irratti yeroon isaan gargaaru baayʼee dinqisiifatu turan.

Booda immoo aanaa guutummaa naannoo Biikool qabatuttan jijjiirame. Aanaan kun caalaatti tuutawwan naannoo fagootti argaman kan qabate siʼa taʼu, qajeelchitoonni addaa bakka itti lallabamee hin beekne dhaqanii tajaajilu turan. Mana tokkotti manni fincaanii isaanii boolla jirmi lama gidduu isaa qaxxaamuru ture. Yeroon jirmicha irra baʼu, jirmichi boolla keessatti kan gadi kufe yommuu taʼu, anis wajjinan kufe. Dhidhiqadhee cireedhaaf dhihaachuuf yeroo dheeraa natti fudhate!

Waaʼee Nooraa ishii Baalaakaanitti ana faana qajeelchaa taatee yaaduu kanan jalqabe yeroon aanaa kana keessatti tajaajilutti ture. Yeroo kanatti ishiin magaalaa Damaageeteetti qajeelchaa addaa taatee tajaajilaa turte; anis ishii gaafachuun dhaqe. Sana booda yeroo muraasaaf xalayaa kan walii barreessine siʼa taʼu, bara 1956⁠tti wal fuune. Torban cidha keenya booda ture, gumii Odoola Raapuu Raapuu jedhamutti argamu daawwachuudhaan dabarsine. Gaara baʼuu fi karaa dheeraa miillaan deemuun kan nu barbaachise taʼus, waliin taʼuudhaan obboloota naannoo fagootti argaman tajaajiluun keenya baayʼee nu gammachiisee ture!

DEEBIʼEE BETʼELTTI AKKAN TAJAAJILUN AFFEERAME

Gara waggaa afuriitiif hojii daawwannaa irratti erga waliin hojjennee booda, waajjira damee keessa akka tajaajillu affeeramne. Achiis, Amajjii 1960⁠tti hojii Betʼel isa yeroo dheeraadhaaf hojjenne jalqabne. Waggoota hedduudhaaf obboloota itti gaafatamummaa guddaa qaban wajjin tajaajiluudhaan waan baayʼee kanan baradhe siʼa taʼu, Nooraanis Betʼel keessatti hojii garaa garaa hojjetteetti.

Walgaʼii guddaa tokko irratti utuun haasaa kennuu, obboleessa gara Afaan Keebuwaanootti hiiku wajjin

Amma Betʼel keessa taaʼee guddina hafuuraa Filippiinsi keessa jiru arguu dandaʼeera. Jalqaba gaaʼela utuun hin godhatin yeroon gara Betʼel dhufetti, guutummaa biyyattii keessa babalʼistoota 10,000 taʼantu jira ture. Yeroo ammaatti Filippiinsi keessa babalʼistoonni 200,000 ol taʼan kan jiran yommuu taʼu, hojii lallabaa barbaachisaa taʼe kana deggeruuf immoo Betʼel keessa obboloonni dhibbaan lakkaaʼaman ni hojjetu.

Waggoota hedduu keessatti hojichi babalʼachaa yeroo dhufu, Betʼeliniis balʼisuun barbaachisaa taʼe. Kanaafuu, Qaamni Ol Aanaan lafa gamoo haaraa guddaa taʼe ijaaruuf taʼu akka barbaannu nu gaafate. Anii fi obboleessi ilaaltuu ol aanaa maxxansaa taʼe, Chaayinoota baayʼee naannoo Betʼel jiraatan keessaa namni lafa isaa gurguruu barbaadu yoo jiraate gaafachuuf manaa gara manaa deemne. Namni gurguruu barbaadu hin jiru ture; siruma iyyuu abbaan lafaa tokko, “Chaayinoonni ni bitu malee hin gurguran” nuun jedhe.

Obboleessa keenya Albarti Shiroodariif haasaa utuun hiikuu

Haa taʼu malee, gaaf tokko abbaan lafaa Yunaayitid Isteetisitti galuu barbaade tokko, lafa isaa bituu kan barbaannu taʼuu keenya akka tasaa nu gaafate. Kun immoo sana booda namoonni hedduun lafa isaanii gurguruuf akka kakaʼan godhe. Ollaan kan biraan tokkos gurguruuf murteesse, warri kaanis akka gurguran isaan jajjabeesse. Lafa namicha ‘Chaayinoonni hin gurguran’ jedhe sanaa illee ni binne. Yeroo gabaabaa keessatti, lafti Betʼel dachaa sadii oliin balʼate. Kun akka taʼu fedha Yihowaa akka ture sirriittan amane.

Bara 1950⁠tti miseensota maatii Betʼel keessaa anatu quxisuu ture. Amma garuu anaa fi haadha manaa tiyyatu angafa dha. Gooftichi kan na geessu garamitti iyyuu yoo taʼe, isa duukaa buʼuun koo na hin gaabbisiisu. Dhugaa dha, warri koo manaa na baasaniiru; Yihowaan garuu maatii guddaa hidhata amantii koo taʼan naaf kenneera. Hojiin nuu kennamu kan akkamii iyyuu yoo taʼe, Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuu kennu shakkii tokko illee hin qabu. Anii fi Nooraan gaarummaa Yihowaan nutti argisiise hundaaf baayʼee galateeffanna; warri kaanis Yihowaa miʼeeffatanii akka ilaalan isaan jajjabeessina.—Mil. 3:10.

Yeroo tokko Yesuus nama Maatewos isa Lewwii jedhamu, “Duuka buutuu koo taʼi” jechuudhaan affeeree ture. Inni hoo deebii akkamii kenne? “Wanta hunda dhiisee kaʼee [Yesuus] duukaa buʼuu jalqabe.” (Luq. 5:27, 28) Anis carraawwan kana fakkaatan argadheera; warri kaanis akkasuma akka godhanii fi eebba hedduu akka argatan isaan nan gorsa.

Guddina Filippiinsi keessatti argamaa jiru irratti gumaacha gochuu itti fufuun koo na gammachiisa