Gaaffii Dubbistootaa
Kiristiyaanonni gaaʼela qaban mala ittisa ulfaa IUD (intrauterine device) ykn luuppii jedhamutti fayyadamuun Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal hin faallessine akka taʼe yaaduu?
Gama kanaan hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan hundi dhugaa jiruu fi qajeelfama Kitaaba Qulqulluu qoruu qabu. Sana booda murtoo Waaqayyo duratti sammuu qulqulluu qabaatanii akka jiraatan isaan gargaaru gochuu qabu.
Jalqaba namoonni lama (Bishaan Badiisaa booda immoo namoonni saddeet) qofti yeroo turanitti Yihowaan, “Horaa, baay’adhaas” jechuudhaan ajajee ture. (Uma. 1:28; 9:1) Kitaabni Qulqulluun ajajni kun Kiristiyaanotaaf akka hojjetu hin dubbatu. Kanaafuu, hiriyoonni gaaʼelaa baayʼina maatii isaanii daangessuuf ykn yeroo ijoollee itti godhatan murteessuuf mala ittisa ulfaa tokko tokkotti fayyadamuu ykn dhiisuun murtoo isaanii ti. Wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qabu?
Kiristiyaanonni mala ittisa ulfaa kam iyyuu qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii madaaluu qabu. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni ulfa baasuu akka mala ittisa ulfaatti hin fudhatan. Taʼe jedhanii ulfa baasuun, wanta Kitaabni Qulqulluun lubbuudhaaf ulfina kennuu ilaalchisee dubbatu wajjin wal faallessa. Kiristiyaanonni lubbuu yeroo booda nama guutuu taʼu tokko addaan kutuu hin barbaadan. (Bau. 20:13; 21:22, 23; Far. 139:16; Er. 1:5) Luuppiitti fayyadamuu wajjin haala wal qabateen hoo ilaalcha akkamii qabu?
Dhimmi kun Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 1979 (Ingiliffa), fuula 30-31 irratti ibsi irratti kennamee ture. Luuppiiwwan yeroo sanatti turan, meeshaawwan pilaastikii sochii hin qabnee fi ulfa ittisuuf gadameessa keessa kaaʼaman turan. Barreeffamni sun, luuppiin akkamitti akka hojjetu guutummaatti akka hin beekamne ibsee ture. Ispeeshaalistoonni hedduun luuppiin sochii hin qabne kun, isparmiin hanqaaquu dubartii bira akka hin geenyee fi hanqaaquu sana akka hin gabbisne akka godhu dubbataniiru.
Hanqaaquun gabbachuu baannaan immoo jireenyi hin jalqabu.Haa taʼu malee, ragaawwan tokko tokko akka argisiisanitti darbee darbee hanqaaquun ni gabbata. Hanqaaquun gabbate ujummoo Faalooppiyaan jedhamu keessatti guddachuu (gadameessaa alatti ulfi uumamuu) ykn gara gadameessaa dhaquu dandaʼa. Hanqaaquun gabbate gara gadameessaa yoo dhaqe, luuppiin jiraachuun isaa hanqaaquun gabbate sun gidgiddaa gadameessaatti akka hin maxxannee fi ulfa taʼee akka hin guddanne gochuu dandaʼa. Lubbuu guddachaa jiru tokko addaan kutuun akka ulfa baasuutti ilaalama. Barreeffamni sun akkana jechuudhaan xumura: “Kiristiyaanni dhugaan luuppii fayyadamuun sirrii taʼuu fi dhiisuun isaa isa yaaddessu tokko, odeeffannoowwan kana wanta Kitaabni Qulqulluun lubbuudhaaf ulfina kennuu ilaalchisee dubbatu wajjin wal bira qabee madaaluu qaba”—Far. 36:9.
Yaanni kun bara 1979tti erga baʼee booda, gama saayinsiitiin ykn yaalii fayyaatiin guddinni argame jira.
Akaakuuwwan luuppii lama hojii irra oolaniiru. Akaakuun luuppii sibiila diimaa (koopparii) maddisiisu tokko bara 1988tti Yunaayitid Isteetis keessatti balʼinaa argama ture. Bara 2001tti immoo luuppiin hoormoonii gadhiisu gabaa irra ooluu jalqabe. Akkaataa akaakuuwwan luuppii lamaan kun itti hojjetan ilaalchisee hubannaa akkamiitu jira?
Koopparii: Akkuma olitti ibsame, luuppiin isparmiin gadameessa keessa darbee hanqaaquu bira akka hin geenye dhowwa. Kana malees, luuppiiwwan koopparii maddisiisan isparmiitti summii taʼuudhaan isa ajjeesu. * Dabalataanis, luuppiiwwan koopparii qaban gidgiddaa gadameessaa jijjiiru.
Hoormoonii: Luuppiiwwan hoormoonii qorichawwan ulfa ittisan keessa jiru wajjin wal fakkaatu qaban garaa garaatu jira. Luuppiiwwan kun gadameessa keessatti hoormoonii gadhiisu. Luuppiiwwan kun gadameessa dubartoota tokko tokkoo keessatti hanqaaquun akka hin uumamne godhu. Hanqaaquun yoo gadhiifamuu baate gabbachuu hin dandaʼu. Kana malees, hoormooniin luuppiiwwan kana keessa jiru gidgiddaa gadameessaa ni haphisa. * Akkasumas dhangalaʼaa fiixee gadameessaa keessa jiru waan furdisuuf, isparmiin qaama saalaa dubartii keessa darbee gadameessa keessa akka hin galle ittisa. Kun buʼaa dabalataa luuppiiwwan sochii hin qabne irraa hin argamne dha.
Akkuma olitti ibsame, luuppiiwwan akaakuu lamaanuu gidgiddaa gadameessaa jijjiiru. Haa taʼu malee, hanqaaquun yoo uumamee fi yoo gabbate hoo? Gadameessa keessa galuu kan dandaʼu taʼus, gidgiddaa gadameessaa isa haphatetti maxxanuu hin dandaʼu. Kun immoo ulfa sana akkuma reefu jalqabameen addaan kutuu dandaʼa. Taʼu iyyuu, carraan kun itti taʼuu dandaʼu baayʼee muraasa akka taʼe yaadama; qorichawwan afaaniin fudhataman wajjin haala wal qabateenis kun darbee darbee mudachuu dandaʼa.
Kanaafuu, luuppiin koopparii qabus taʼe hoormoonii gadhiisu hanqaaquun akka hin gabbanne godha jedhee eenyu iyyuu afaan guutee dubbachuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, ragaan saayinsii akka ibsutti luuppiiwwan kun haala olitti ibsameen waan hojjetaniif, dubartiin itti fayyadamtu carraan ulfaaʼuuf qabdu muraasa.
Hiriyoonni gaaʼelaa luuppii fayyadamuuf yaadaa jiran, luuppiin akkamii naannoo isaaniitti akka argamu, akkasumas faayidaa fi miidhaa dubartittii irratti geessisuu dandaʼu ilaalchisee ogeessa fayyaa gaʼumsa qabuu mariisisuu dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa kun ogeessa fayyaa dabalatee eenyu iyyuu wanta isaan gochuu qaban akka isaaniif murteessu eeguus taʼe heyyamuu hin qaban. (Rom. 14:12; Gal. 6:4, 5) Kun murtoo dhuunfaa ti. Waaqayyoon gammachiisuu fi isa duratti sammuu qulqulluu qabaatanii itti fufuuf fedhii qabaachuudhaan murtoo dhuunfaa isaanii gochuu qabu.—1 Ximotewos 1:18, 19; 2 Ximotewos 1:3 wajjin wal bira qabii ilaali.
^ key. 4 Barreeffamni Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa Ingiliiz qopheesse tokko akkana jedha: “Luuppiin koopparii baayʼee maddisiisu parsantii 99 caalaa buʼa qabeessa dha. Kana jechuun, waggaa tokko keessatti dubartoota luuppii fayyadaman 100 keessaa tokkoo gaditu ulfaaʼaa jechuu dha. Luuppiiwwan koopparii xinnoo qaban immoo baayʼee buʼa qabeessa hin taʼan.”
^ key. 5 Luuppiiwwan hoormoonii maddisiisan gidgiddaa gadameessaa waan haphisaniif, yeroo tokko tokko laguu isaanitti baayʼatu hirʼisuuf dubartoota heerumaniifis taʼe hin heerumneef ni ajajamu.