Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan kanaa gadii deebisuuf yaali:

Warri godaantota taʼan ijoollee isaanii karaa hafuuraa gargaaruuf rakkoo gama qooqaatiin jiru tilmaama keessa galchuu kan qaban maaliifi?

Ijoolleen qooqa naannoo sanaa mana barumsaa fi naannoo isaanii irraa barachuun isaanii hin oolu. Mucaan keessan qooqa tokkoo ol beekuun isaa isa fayyaduu dandaʼa. Warra kan taʼan, mucaan isaanii dhugaa sirriitti akka hubatuu fi karaa hafuuraa akka guddatuuf, gumii qooqa naannoo sanaatiin geggeeffamu irratti yoo argame moo gumii afaan godaantotaatiin geggeeffamu irratti yoo argame wayya isa jedhu irratti yaaduu qabu. Warri Kiristiyaanota taʼan fedhii mataa isaaniitiif utuu hin taʼin, haala hafuuraa ijoollee isaaniitiif dursa kennuu qabu.—w17.05, ful. 9-11.

Yesuus Pheexirosiin, “Isaan kana caalaa na jaallattaa?” jedhee gaafate; “Isaan kana” kan jedhaman maali dha? (Yoh. 21:15)

Tarii Yesuus yeroo akkana jedhu waaʼee qurxummiiwwan achi turanii ykn waaʼee hojii qurxummii qabuu ykn waaʼee lachuu isaanii dubbachuu isaa ture taʼa. Yesuus erga duʼee booda Pheexiros gara hojii isaa isa duraanii, jechuunis qurxummii qabutti deebiʼee ture. Kiristiyaanonni iddoo hojiidhaaf kennan ilaalchisee ilaalcha isaanii qoruu qabu.—w17.05, ful. 22-23.

Abrahaam haati manaa isaa obboleettii isaa akka taate akka dubbattu kan ishii gaafate maaliifi? (Uma. 12:10-13)

Dhugaa dha, Saaraa fi Abrahaam abbaan isaanii tokko waan taʼeef karaa tokkoon obboleettii isaa turte. Saaraan haadha manaa isaa akka taate utuu dubbatteetti taʼee, Abrahaam ajjeefamuu waan dandaʼuuf sanyii Waaqayyo waadaa isaaf gale dhalachuu hin dandaʼu ture.—wp17.3, ful. 14-15.

Eliiʼaas Huutan namoota Afaan Ibrootaa barachuu barbaadan gargaaruuf mala akkamii qopheessee ture?

Huutan barattoonni isaa jechoota Afaan Ibrootaa hundee jechaa taʼanii fi maxxantoota duuraa ykn boodaa isaanii gargar baasanii beekuu akka dandaʼan barbaadee ture. Kanaafuu, jechoota hundee jechaa taʼan qubeewwan duudaa (solid form) taʼaniin, maxxantoota duuraa ykn boodaa immoo qubeewwan qaawwa qabaniin (outline form) barreessee ture. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Odeeffannoo Qoʼannaadhaaf Gargaaru Qabu (Ingiliffa) miiljalee isaa irratti mala kanaa wajjin wal fakkaatu fayyadama.—wp17.4, ful. 11-12.

Kiristiyaanni tokko namoota irraa of eeguuf jecha, meeshaa waraanaa qabaachuu ilaalchisee ejjennoo inni qabu irratti wantoota akkamiitu dhiibbaa godha?

Wantoota dhiibbaa godhan keessaa tokko tokko: Ija Waaqayyoo duratti lubbuun namootaa gatii guddaa qaba. Yesuus duuka buutonni isaa goraadee akka qabatan kan isaan gorse akka ittiin of eegan isaan jajjabeessuuf jedhee miti. (Luq. 22:36, 38) Goraadee keenya maarashaa gochuuf tumuu qabna. Lubbuun qabeenya kam irra iyyuu ni caala. Namoota kaan gufachiisuu irraa of eeggachuu fi fakkeenya gaarii taʼuu barbaanna. (2 Qor. 4:2)—w17.07, ful. 31-32.

Seenaa Yesuus ilaalchisee gabaasni Maatewosii fi Luqaas irra jiru adda adda kan taʼe maaliifi?

Maatewos kan xiyyeeffate Yooseef irratti, jechuunis yeroo Maariyaam ulfaaʼuu ishii beeku wanta itti dhagaʼamee fi ergaa Waaqayyoo Gibxiitti akka baqatu, booda immoo akka deebiʼu isaatti himame irratti ture. Luqaas immoo caalaatti kan xiyyeeffate Maariyaam irratti ture; fakkeenyaaf, Elsaabex bira deemuu ishii fi wanta yeroo Yesuus mana qulqullummaatti hafe ishiitti dhagaʼame dubbateera.—w17.08, ful. 32.

Kitaabni Qulqulluun haalawwan rakkisaa akkami dandamachuun isa barbaachisee ture?

Hiikni jechootaa fi ibsawwan Kitaaba Qulqulluu yeroodha gara yerootti jijjiirameera. Jijjiiramni siyaasaa qooqa namoonni baayʼeen fayyadaman irratti jijjiirama fideera. Kitaabni Qulqulluun gara qooqa namoonni baayʼeen dubbatanitti akka hin hiikamne mormiin irra gaʼee ture.—w17.09, ful. 19-21.

Maleekaa nu eegu qabnaa?

Lakkii. Yesuus maleekonni duuka buutota isaa fuula waaqayyoo akka ilaalan dubbatee ture. (Mat. 18:10) Yeroo akkana jedhu maleekonni duuka buutota isaatiif xiyyeeffannaa akka kennan dubbachuu isaa ture malee, karaa dinqii taʼeen tokkoon tokkoon isaanii akka eegan dubbachuu isaa hin turre.—wp17.5, ful. 5.

Jaalalli hunda irra caalu isa kami?

Yeroo seerawwan buʼuuraa sirrii irratti hundaaʼu, agaappeen jaalala hunda irra caalu dha. Hoʼisanii ykn cimsanii wal jaallachuu kan dabalatu taʼus, adda durummaadhaan kan beekamu faayidaa warra kaaniitiif jecha gocha ofittummaa irraa fagaachuu kan argisiisu dha.—w17.10, ful. 7.