Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Joseef Raazarfoordii fi obboloonni kaan yeroo Awurooppaa daawwatanitti

1920—Waggoota Dhibba Tokko Dura

1920—Waggoota Dhibba Tokko Dura

BAROONNI 1920n yeroo jalqabanitti sabni Yihowaa hojii fuuldura isaanii jiruuf qophaaʼaa turan. Caqasni waggaa 1920f filatan, “GOOFTAAN humna kootii fi faarfannaa koo ti” jedha ture.—Far. 118:14, King James Version.

Yihowaan lallabdoota hinaaffaa qaban kana jajjabeessee ture. Waggaa sanatti lakkoofsi kolportarootaa ykn qajeelchitootaa 225 irraa gara 350⁠tti dabaleera. Akkasumas yeroo jalqabaatiif hojjettoonni ykn babalʼistoonni 8,000 ol taʼan sochii tajaajilaa isaanii waajjira muummeetiif gabaasa godhaniiru. Yihowaanis buʼaa guddaa isaaniif kennuudhaan isaan eebbiseera.

HINAAFFAA GUDDAA ARGISIISUU

Bitootessa 21, 1920⁠tti Joseef Raazarfoordi inni yeroo sanatti hojii barattoota Kitaaba Qulqulluu qindeessaa ture haasaa mata dureen isaa, “Namoonni Yeroo Harʼaa Jiranii fi Miliyoonaan Lakkaaʼaman Matumaa Hin Duʼan” jedhu dhiheessee ture. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu namoota fedhii qaban walgaʼii kanatti afeeruuf wanta dandaʼan hunda godhaniiru. Galma Tiyaatiraa guddaa Magaalaa Niwuu Yoorkitti argamu kireeffachuudhaan, waraqaa afeerrii gara 320,000 raabsanii turan.

Haasaa “Namoonni Yeroo Harʼaa Jiranii fi Miliyoonaan Lakkaaʼaman Matumaa Hin Duʼan” jedhutti namoota afeeruuf beeksisa gaazexaa irratti baʼe

Kanaan kan kaʼes, hamma isaan eegan caalaa namoonni hedduun dhufanii turan. Galmi tiyaatirichaa namoota 5,000 ol taʼaniin kan guutame siʼa taʼu, gara 7,000 kan taʼan immoo gara mana isaanitti deebiʼaniiru. Masaraan Eegumsaa, “walgaʼiin kun, walgaʼii Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Biyyoolessaa godhanii fi buʼa qabeessa taʼan keessaa tokko dha” jedheera.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu yaada, “namoonni yeroo harʼaa jiranii fi miliyoonaan lakkaaʼaman matumaa hin duʼan” jedhu labsuudhaan beekamaniiru. Yeroo sanatti ergaan Mootummichaa balʼinaan akka labsamu hin hubanne turan. Taʼus, hinaaffaa guddaa qabu turan. Lidee Oolmisteedi ishiin bara 1902⁠tti walgaʼii hirmaachuu eegalte, “Ilmaan namootaa hunda eebbi guddaan akka isaan eeggatu beekna turre, misiraachoo kanas namoota tajaajila irratti argannutti himuu irraa matuma duubatti jennee hin beeknu” jetteetti.

BARREEFFAMOOTA KEENYA MAXXANSUU

Nyaanni hafuuraa akka itti fufu gochuuf obboloonni Betʼel jiran barreeffamoota keenya tokko tokko ofuma isaaniitiin maxxansuu jalqaban. Meeshaa maxxansaa bitanii gamoo kireeffatanii fi Biruukiliin Niiwuu Yoorki, Daandii Maaritil 35⁠tti, mana jireenyaa Betʼel irraa xinnoo fagaatee argamu keessa dhaaban.

Liyoo Peelee fi Wooltar Keesiler tajaajila Betʼel kan eegalan Amajjii 1920 ture. Wooltar wanta yaadatu yommuu ibsu, “Yommuu achi geenyu, ilaaltuun ol anaa kutaa maxxansaa, gara keenya ilaalee, ‘laaqana dura saʼaatii tokkoo fi walakkaa qabdu.’ Achiis gamoo lafa jalaa keessaa kitaabota kaartooniidhaan jiran akka ol fidnu nu gaafate” jedheera.

Liyoonis wanta guyyaa itti aanutti taʼe yommuu yaadatu akkas jedheera: “Girgiddaa gamoo sanaa darbii tokkoffaa irra jiru miicuun hojii keenya ture. Hojichi hojii ani hamma yeroo sanaatti hojjedhe hunda caalaa gadhee ture. Taʼus kun hojii Gooftaa waan taʼeef, hojii iddoo guddaa qabu ture.”

Maashinii maxxansaa Masaraa Eegumsaa Maxxansuuf gargaaru

Torban muraasaa gidduutti tajaajiltoota fedhiidhaan hojjetanii fi hinaaffaa qabaniin Masaraan Eegumsaa ni maxxanfame. Masaraan Eegumsaa maxxansi Guraandhala 1, 1920 koppiin kuma jaatama taʼu maashinii maxxansaa darbii lammaffaa irra jiruun maxxanfame. Yeroo kanatti obboloonni maashinii maxxansaa maqaa masootiin Baatilshiip jedhanii waaman kutaa lafa jalaa keessa dhaaban. Barruun Za Gooldan Eej jedhamus Ebla 14, 1920 kaasee maxxanfamuu jalqabe. Yihowaan carraaqqii namoota fedhiidhaan hojjetan kanaa akka eebbise hin shakkisiisu.

“Kun hojii Gooftaa waan taʼeef, hojii iddoo guddaa qabu ture”

“NAGAADHAAN HAA JIRAANNU”

Sabni Yihowaa amanamoon hojii akka haaraatti eegalan hojjechuu fi walitti michoomuu dandaʼaniiru. Taʼus, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yeroo rakkisaa bara 1917 hanga 1919⁠tti turetti jaarmiyicha dhiisanii baʼanii turan. Maarree, isaan gargaaruuf maaltu godhamuu dandaʼa?

Masaraan Eegumsaa Ebla 1, 1920 mata duree, “Nagaadhaan Haa Jiraannu” jedhu qabatee baʼee ture. Barruun kun afeerraa gammachiisaa, “Namni hafuura Gooftaa qabu kam iyyuu . . . tokkummaadhaan jiraachuu fi qaama tokko taʼuuf, . . . wantoota darban irraanfachuuf fedhii akka qabaatu, . . . hin shakkinu” jedhu dhiheessee ture.

Namoonni hedduun jechoota gaarummaa qaban kanaaf deebii gaarii kennaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko akkas jedhanii turan: “Warri kaan hojii [lallabaa] irratti hirmaachaa utuu jiranii nuti waggaa darbee fi sana dura callisnee taaʼuun keenya sirrii akka hin taane amannee turre. . . . Kana booda matumaa akka karaa irraa hin jallanne ni abdanna.” Hojjettoonni deebiʼanii hojii jalqaban kun fuuldura isaaniitii hojii hedduu qabu turan.

BARREEFFAMA “ZG” JEDHAMU RAABSUU

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Waxabajjii 21, 1920 barreeffama “ZG,” ykn The Finished Mystery * jedhamu raabsuuf duula guddaa eegalan. Bara 1918 yeroo dhorkametti kitaabni kun baayʼinaan kuufamee ture.

Kolportaroota qofa utuu hin taʼin, hojjettoonni hundi barreeffama kana akka raabsan afeeramanii turan. “Gumii hunda keessatti namni [cuuphame] hundi fedhiidhaan hirmaachuu qaba. Gumiiwwan babalʼistoonni kitaaba kana akka raabsan jajjabeessuuf dhaadannoo, ‘waan tokko nan godha’ jedhu fayyadamu turan.” Edmandi Huuppar wanta yaadatu yommuu dubbatu, duulli kun namoota hedduudhaaf manaa gara manaa yeroo tajaajilan isa jalqabaati jedheera. Itti dabalees, “Yeroo kanatti hojiin fuulduratti nu eeggatu isa nuti yaadne caalaa balʼaa akka taʼe guutummaatti hubachuu jalqabne” jedheera.

AWUROOPPAATTI HOJICHA DEEBISANII QINDEESSUU

Yeroo Waraana Addunyaa tokkoffaatti Barattoota Kitaaba Qulqulluu biyyoota kan biraa jiraatan wajjin wal qunnamuun ulfaataa waan tureef, Obboleessi keenya Raazarfoordi obboloota jajjabeessuu fi hojii lallabaa deebisee qindeessuu barbaadee ture. Kanaafuu, Hagayya 12, 1920 innii fi obboloonni kan biroon afur yeroo dheeraadhaaf gara Biritaaniyaa, ardii Awurooppaa fi Giddu Gala Bahaatti imalan.

Obboleessa Raazarfoordi Gibxiitti

Obboleessi Raazarfoordi Biritaaniyaa yeroo daawwatetti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu walgaʼii guguddaa sadii fi walgaʼii uummataa 12 godhan. Namoonni walgaʼiiwwan kana irratti argaman tilmaamaan 50,000 taʼu turan. Masaraan Eegumsaa waaʼee daawwannaa kanaa cuunfee yommuu ibsu, “Obboloonni haaromanii fi jajjabaatanii turan. Jaalalaa fi tajaajila isaaniitiin caalaatti tokko taʼaniiru, warri gaddanii turanis gammadaniiru” jedheera. Obboleessi Raazarfoordi ammas Paarisitti mata duree, “Namoonni Yeroo Harʼaa Jiranii fi Miliyoonaan Lakkaaʼaman Matumaa Hin Duʼan” jedhuun haasaa kennee ture. Haasichi yommuu jalqabamu galmichi guutee ture. Namoonni dhibba sadii taʼanis odeeffannoo dabalataa argachuuf gaafataniiru.

Beeksisa haasaa Landan, Galma Rooyaal Albartitti kenname

Torbeewwan itti aananitti, obboloonni tokko tokko Ateensi, Kaayiroo fi Yerusaalemiin daawwatanii turan. Obboleessi Raazarfoordi iddoowwan kanatti namoota fedhii argisiisan hordofuuf, magaalaa Raamaalaa ishii Yerusaalemitti dhihoo jirtutti iddoo barreeffamni itti kuufamu hundeesse. Achiis gara Awurooppaatti deebiʼee Waajjira Giddu Galaa Awurooppaa hundeesse, barreeffamni achitti akka maxxanfamus qophii godhe.

JALʼINA HAQAA RAAWWATAME SAAXILUU

Fulbaana 1920⁠tti Barattoonni Kitaaba Qulqulluu maxxansa addaa barruu Za Gooldan Eej isa ariʼatama bara 1918 Barattoota Kitaaba Qulqulluu irra gaʼe saaxilu lakk. 27⁠ffaa baasan. Baatilshiip inni olitti caqasame, koppii barruu kanaa miliyoona afurii ol maxxansuuf halkanii fi guyyaa hojjeta ture.

Suuraa Eemaa Maartiin isa poolisiin kaase

Dubbistoonni barreeffama kanaa waaʼee haala addaa obboleettii Eemaa Maartiin mudate beekaniiru. Obboleettiin Maartiin, Saan Beernaadiinoo Kaalifoorniyaatti Kolportarii turte. Bitootessa 17, 1918 ishiinii fi obboloonni sadii Eedwaard Haam, Eedwaard Juuliyes Sooneenbargii fi E. A. Isteevan walgaʼii Barattoota Kitaaba Qulqulluu xinnoo tokko irratti argamanii turan.

Namoota walgaʼicha irratti argaman keessaa inni tokko kan achitti argame Kitaaba Qulqulluu barachuuf hin turre. Namichi kun booda, “Gara walgaʼii kanaa kanan dhaqe . . . Qajeelfama abbaan alangaa naaf kenneen ture. Kanan dhaqes ragaa argachuuf ture” jedheera. “Ragaa” barbaadu sana, jechuunis kitaaba The Finished Mystery jedhamu koppii tokko argateera. Guyyoota muraasa booda obboleettiin Maartiinii fi obboloonni sadan ni qabaman. Kitaaba dhorkame kana raabsuudhaan seera akka cabsan himataman.

Eemaa Maartiinii fi obboloonni sadan yakkaan himatamanii hidhaan waggaa sadii itti murteeffame. Caamsaa 17, 1920⁠tti ol iyyannoon irra deddeebiʼanii dhiheessan fudhatama waan dhabeef, mana hidhaatti ergaman. Taʼus haalli isaa utuma hin turin jijjiirame.

Waxabajjii 20, 1920 Obboleessi Raazarfoordi walgaʼii Saan Firaansiiskootti godhame irratti muuxannoo isaanii dubbate. Namoonni walgaʼicha irratti argaman haala Kiristiyaanonni kun itti qabamanitti waan rifataniif Pireezidaantii Yuunaayitid Isteetisiif telegiraamii ergan. Yaada akkas jedhu barreessan: ‘Aadde Maartiin seera akka cabsitetti himatamuun ishii haqa jalʼisuu akka taʼetti ilaalla. Abbootiin taayitaa Federaalaa aangoo isaaniitiin aadde Maartiin kiyyootti galchanii himata irratti dhiheessuudhaan akka hidhamtu gochuun isaanii fudhatama waan hin qabneef ni balaaleffanna.’

Guyyaa itti aanutti Pireezidaanti Wuudrowu Wiilsan murtii obboleettii Maartiinii fi obboleessa Haam, Sooneenbargii fi Isteevan irratti dabarfame yeruma sana jijjiirsisan. Haqa malee hidhamuun isaanii ni xumurame.

Waggaan 1920 xumuramuu jala yommuu gaʼu, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu wantoota itti gammadan hedduu qabu turan. Hojiin waajjira muummeetti hojjetamu babalʼachuu isaa kan itti fufe siʼa taʼu, Kiristiyaanonni dhugaan, rakkina ilmaan namootaatiif furmaata kan fidu Mootummaa Waaqayyoo akka taʼe yeroo kam iyyuu caalaa lallabaniiru. (Mat. 24:14) Waggaan itti aanu bara 1921 immoo yeroo dhugaa Mootummichaa caalaatti lallabuu itti dandaʼan ture.

^ key. 18 Barreeffamni The Finished Mystery jedhamu jildii torbaffaa Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Irratti Godhame ti. “ZG” inni qolli isaa haphii taʼe kan baʼe akka Masaraa Eegumsaa maxxansa Bitootessa 1, 1918⁠tti ture. “Z” jechuun Zaayen Waach Taawar kan bakka buʼu siʼa taʼu, “G,” immoo qubee torbaffaa waan taʼeef, jildii torbaffaa argisiisa.