Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 44

Ijoolleen Keessan Yommuu Guddatan Waaqayyoon ni Tajaajiluu?

Ijoolleen Keessan Yommuu Guddatan Waaqayyoon ni Tajaajiluu?

“Yesuusis ogummaa fi qaamaan guddachaa, Waaqayyoo fi namoota duratti surraa argachaa deeme.”—LUQ. 2:52.

FAARFANNAA 134 Ijoolleen Waaqayyo Irraa Adaraa Kennaman

QABIYYEE *

1. Murtoon hunda irra caaluu fi namni tokko gochuu dandaʼu maali dha?

YEROO baayʼee filannoon warri godhan ijoollee isaanii irratti dhiibbaa yeroo dheeraaf turu geessisa. Warri murtoo gaarii hin taane yoo godhan, ijoollee isaanii irratti rakkina geessisu. Murtoo gaarii yoo godhan garuu ijoolleen isaanii jireenya gammachiisaa jiraachuuf carraa gaarii akka argatan isaan taasisu. Dhugaa dha, ijoolleenis murtoo gaarii gochuu qabu. Murtoon hunda caaluu fi namni tokko gochuu dandaʼu, Yihowaa Abbaa keenya isa samii jaalala qabeessa taʼe tajaajiluu dha.—Far. 73:28.

2. Yesuusii fi warri isaa filannoo gaarii akkamii godhanii turan?

2 Warri Yesuus, ijoolleen isaanii Yihowaa akka tajaajilan gargaaruuf murteessanii turan, filannoon isaan godhanis Yihowaa tajaajiluun iddoo guddaa akka isaaniif qabu kan argisiisu ture. (Luq. 2:40, 41, 52) Yesuusis filannoo gaarii gaʼee kaayyoo Yihowaa keessatti qabu raawwachuuf isa gargaaru godheera. (Mat. 4:1-10) Yesuus gaarummaa kan qabu, amanamaa fi ija jabeessa taʼee guddateera. Warri Yihowaa jaallatan hundi Ilma akkasii qabaachuun koorrii fi gammachuun akka isaanitti dhagaʼamu godha.

3. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?

3 Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii arganna: Yihowaan Yesuusiin ilaalchisee filannoo gaarii akkamii godhe? Kiristiyaanonni warra taʼan, filannoo warri Yesuus, jechuunis Yoseefii fi Maariyaam godhan irraa maal barachuu dandaʼu? Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan hoo filannoo Yesuus godhe irraa maal barachuu dandaʼu?

YIHOWAA IRRAA BARADHAA

4. Yihowaan ilma isaa ilaalchisee filannoo barbaachisaa akkamii godheera?

4 Yihowaan Yesuusiif maatii baayʼee gaarii taʼe filateera. (Mat. 1:18-23; Luq. 1:26-38) Jechoonni Maariyaam Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamanii jiran, Yihowaa fi Dubbii isaatiif jaalala guddaa akka qabdu argisiisu. (Luq. 1:46-55) Yoseefis qajeelfama Yihowaa hordofuun isaa Waaqayyoon akka sodaatuu fi isa gammachiisuu akka barbaadu argisiisa.—Mat. 1:24.

5-6. Yihowaan Ilma isaa irra maaltu akka gaʼu heyyamee ture?

5 Yihowaan Yesuusiif maatii sooreyyii akka hin filanne hubadhaa. Aarsaan Yoseefii fi Maariyaam erga Yesuus dhalatee booda dhiheessan, hiyyeeyyii akka taʼan argisiisa. (Luq. 2:24) Yoseef, Naazireet keessaa mana isaa biratti mana xinnoo hojii mukaa itti hojjetu qabaachuu hin oolu. Keessumaa yeroo booda ijoollee torba ykn isaa ol waan godhataniif, qarshii ykn wantoota hedduu hin qaban.—Mat. 13:55, 56.

6 Yihowaan Yesuusiin balaawwan tokko tokko irraa kan eege taʼus, Ilma isaa rakkina hundumaa irraa hin eegne. (Mat. 2:13-15) Fakkeenyaaf, Yesuus firoota isatti hin amanne qaba ture. Yesuus miseensota maatii jalqaba irratti inni Masiihii taʼuu isaa hin amanne tokko tokko qabaachuun hammam isa gaddisiisee taʼuu akka qabu mee yaadaa. (Mar. 3:21; Yoh. 7:5) Kana malees, Yesuus duʼa abbaa buddeenaa isaa Yoseef dandamachuun isa barbaachisee taʼuu hin oolu. Yesuus ilma hangafaa waan taʼeef, duuti Yoseef, bakka abbaa isaa buʼee, hojii abbaa isaa akka hojjetu isa taasisee taʼuu qaba. (Mar. 6:3) Yommuu guddachaa deemu immoo maatii isaa akkamitti akka kunuunsu barateera. Isaan gargaaruuf jabaatee hojjechuun isaa hin oolu. Kanaafuu dhuma guyyaatti baayʼee dadhabuun maal akka taʼe ofuma isaa irraa hubateera.

Warra kan taatan, gorsa argachuuf Dubbii Waaqayyotti akkamitti akka fayyadaman ijoollee keessan barsiisuudhaan, rakkoowwan jireenya keessatti isaan mudataniif isaan qopheessaa (Keeyyata 7 ilaali) *

7. (a) Hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee guddisuu ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii of gaafachuutu isaan gargaara? (b) Fakkeenyi 2:1-6 warri ijoollee isaanii akka leenjisan akkamitti gargaara?

7 Hiriyoota gaaʼelaa ijoollee godhachuu barbaaddan yoo taatan akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Nuti namoota gad of qabanii fi Yihowaa fi Dubbii isaa jaallatanidhaa? Daaʼima gatii guddaa qabu akka kunuunsinuuf Yihowaan nu filataa?’ (Far. 127:3, 4) Warra yoo taatan immoo akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Barbaachisummaa jabaatanii hojjechuu ijoollee koo barsiisaan jiraa?’ (Lal. 3:12, 13) ‘Balaa karaa qaamaa fi naamusaa addunyaa Seexanaa keessatti ijoollee koo mudachuu dandaʼu irraa isaan eeguuf wanta naaf dandaʼame hunda gochaan jiraa?’ (Fak. 22:3) Rakkina isaan mudatu hundumaa irraa ijoollee keenya eeguu hin dandeenyu. Kana gochuun wanta hin dandaʼamne dha. Haa taʼu malee, gorsa argachuuf Dubbii Waaqayyotti akkamitti akka fayyadaman barsiisuudhaan, suutuma suutaa fi jaalalaan rakkoowwan jireenya keessatti isaan mudataniif qopheessuu ni dandeessu. (Fakkeenya 2:1-6 dubbisi) Fakkeenyaaf, firri tokko waaqeffannaa dhugaa dhiisuuf yoo filate, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuun barbaachisaa taʼuu isaa Dubbii Waaqayyoo irraa akka baratan ijoollee keessan gargaaraa. (Far. 31:23) Yookiin namni jaallatan tokko yoo duʼe, gadda isaanii dandamachuu fi nagaa argachuuf Dubbii Waaqayyootti akkamitti akka fayyadaman isaanitti argisiisaa.—2 Qor. 1:3, 4; 2 Xim. 3:16.

YOSEEFII FI MAARIYAAM IRRAA BARADHAA

8. Akka Keessa Deebiin 6:6, 7 jedhutti Yoseefii fi Maariyaam maal godhaniiru?

8 Yoseefii fi Maariyaam qajeelfama Yihowaan warraaf kenne hordofuudhaan, Yesuus suuraa Yihowaa argatee akka guddatu gargaaraniiru. (Keessa Deebii 6:6, 7 dubbisi.) Yoseefii fi Maariyaam Yihowaadhaaf jaalala guddaa qabu turan, ijoolleen isaaniis jaalala akkasii akka horatan jajjabeessuuf dursa kennaniiru.

9. Yoseefii fi Maariyaam filannoo barbaachisaa akkamii godhaniiru?

9 Yoseefii fi Maariyaam akka maatiitti barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuuf filataniiru. Mana sagadaa Naazireet jiru torban torbaniin dhaqaa akka turan akkasumas waggaa waggaadhaan Ayyaana Faasikaatiif Yerusaalem dhaqaa akka turan hin shakkisiisu. (Luq. 2:41; 4:16) Imala Yerusaalemitti godhan kana irratti Yesuusii fi quxusuuwwan isaa seenaa saba Yihowaa barsiisuuf itti fayyadamanii, tarii immoo achumaan iddoowwan Kitaaba Qulqulluu irratti ibsaman daawwatanii taʼuu dandaʼa. Lakkoofsi maatii isaanii yommuu dabalaa deemu, Yoseefii fi Maariyaam barsiifata hafuuraa gaarii qaban eeganii itti fufuun isaanitti ulfaatee taʼuu dandaʼa. Taʼus, kana gochuun isaanii isaan kiiseera. Waaqeffannaa Yihowaatiif waan dursa kennaniif maatichi hariiroo Yihowaa wajjin qabu eegee jiraateera.

10. Warri Kiristiyaana taʼan Yoseefii fi Maariyaam irraa maal baratu?

10 Warri Waaqayyoon sodaatan Yoseefii fi Maariyaam irraa maal baratu? Hundaa caalaa, Yihowaa garaadhaa akka jaallattan, jechaa fi gocha keessaniin ijoollee keessan barsiisaa. Kennaa guddaan isaaniif kennuu dandeessan Yihowaa akka jaallatan isaan gargaaruu akka taʼe hubadhaa. Barumsa guddaa isaanii kennuu dandeessan keessaa tokko barsiifata qoʼannaa, kadhannaa, walgaʼiiwwanii fi tajaajila irratti hirmaachuu qaban eeganii akka itti fufan isaan barsiisuu dha. (1 Xim. 6:6) Dhugaa dha, wanta jireenyaaf barbaachisus ijoollee keessaniif kennuu qabdu. (1 Xim. 5:8) Taʼus, badiisa sirna moofaa kana irraa oolanii addunyaa haaraa Waaqayyootti akka galan kan gargaaru, qabeenya isaan qaban utuu hin taʼin, hariiroo gaarii ijoolleen keessan Yihowaa waliin qaban akka taʼe yaadadhaa.—His. 7:19; 1 Xim. 4:8.

Warri Kiristiyaana taʼan maatii isaaniif jedhanii filannoo hafuuraa gaarii akka godhan arguun baayʼee nama gammachiisa! (Keeyyata 11 ilaali) *

11. (a) Gorsi 1 Ximotewos 6:17-19 irratti argamu warri yommuu ijoollee isaanii guddisan filannoo gaarii akka godhan kan gargaaru akkamitti? (b) Maatiin keessan galma akkamii baafachuu dandaʼa? Kunoo eebba akkamii argamsiisa? (Saanduqa, “ Galmawwan Akkamii Baafachuu Dandeessu?” jedhu ilaali.)

11 Warri Kiristiyaana taʼan hedduun maatii isaaniif jedhanii filannoo hafuuraa gaarii akka godhan arguun baayʼee nama gammachiisa! Dhaabbataadhaan waliin waaqeffatu. Walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan naannoo irratti hirmaatu. Tajaajila irrattis ni hirmaatu. Maatiiwwan tokko tokko naannoo tajaajilaa baayʼee itti hin hojjetamnetti illee lallabuu dandaʼaniiru. Kaan immoo Betʼeliin daawwatu ykn pirojektii ijaarsa tiʼookraasii deggeru. Maatiiwwan sochii akkasii filatan gama qarshiitiin aarsaa kaffalu akkasumas rakkinni tokko tokko isaan mudachuu dandaʼa. Taʼus, faayidaan argatan badhaadhina hafuuraa isaaniif argamsiisa. (1 Ximotewos 6:17-19 dubbisi.) Ijoolleen maatii akkasii keessatti guddatan yeroo baayʼee barsiifata gaarii baratan eeganii itti fufu, akkasumas matumaa hin gaabban. *Fak. 10:22.

YESUUS IRRAA BARADHAA

12. Yesuus yommuu guddatu maal gochuu qaba ture?

12 Abbaan Yesuus inni samii yeroo hundumaa filannoo gaarii godha; maatiin Yesuus warri lafa irraas filannoo ogummaa irratti hundaaʼe godhaniiru. Haa taʼu malee, Yesuusis yommuu guddatu filannoo mataa isaa gochuu qaba ture. (Gal. 6:5) Inni akkuma hunda keenyaa mirga filannaa qaba. Fedha ofii isaatiif dursa kennuuf filachuu ni dandaʼa ture. Taʼus, hariiroo gaarii Yihowaa wajjin qabu eegee itti fufuuf filateera. (Yoh. 8:29) Fakkeenyi isaa dargaggoota yeroo harʼaa jiran kan gargaaru akkamitti?

Dargaggootaa, qajeelfama warra keessanii matummaa hin tuffatinaa (Keeyyata 13 ilaali) *

13. Yesuus yeroo ijoollee turetti filannoo barbaachisaa akkamii godhee ture?

13 Yesuus yeroo ijoollee turetti warra isaatiif ajajamuu filateera. Isaan caalaa akka beeku yaaduudhaan matumaa qajeelfama isaanii fudhachuu didee hin beeku. Kanaa mannaa, ‘isaaniif bitamuu isaa itti fufeera.’ (Luq. 2:51) Yesuus itti gaafatamummaa hangafa taʼuudhaan qabuuf iddoo guddaa akka kenne hin shakkisiisu. Maatii isaa gargaaruu akka dandaʼuuf, abbaa isaa Yoseef irraa ogummaa harkaa barachuuf jabaatee akka hojjete beekamaadha.

14. Yesuus Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti kan baratu akka ture akkamitti beekna?

14 Warri Yesuus waaʼee dinqiidhaan dhalachuu isaa fi wanta maleekonni Waaqayyoo waaʼee isaa dubbatan isatti himanii taʼuu dandaʼa. (Luq. 2:8-19, 25-38) Yesuus wantuma isatti himame qofaan na gaʼa jedhee hin dhiisne; ofii isaatiinis Kitaaba Qulqulluu qoʼatee ture. Yesuus Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti kan baratu akka ture akkamitti beekna? Yeroo ijoollee turetti, barsiisonni Yerusaalem turan, ‘hubannaa fi deebii isaa baayʼee dinqisiifatanii’ kan turan taʼuun isaa kana argisiisa. (Luq. 2:46, 47) Akkasumas, Yesuus yommuu umuriin isaa waggaa 12 turetti Yihowaan Abbaa isaa akka taʼe mirkaneeffatee ture.—Luq. 2:42, 43, 49.

15. Yesuus fedha abbaa isaa raawwachuuf akka filate akkamitti argisiise?

15 Yesuus gaʼe kaayyoo Yihowaa keessatti qabu yommuu baratetti fedha waaqayyoo raawwachuuf filateera. (Yoh. 6:38) Namoonni hedduun akka isa jibban beekee waan tureef, kana yaaduun baayʼee isa dhiphisuu dandaʼa ture. Taʼus, Yihowaadhaaf bitamuu filateera. Yesuus Dh.K.B. bara 29tti yommuu cuuphame xiyyeeffannaan isaa inni guddaan fedha Yihowaa raawwachuu taʼeera. (Ibr. 10:5-7) Yeroo muka dhiphinaa irratti duʼetti illee, fedha abbaa isaa raawwachuu itti fufeera.—Yoh. 19:30.

16. Barumsi ijoolleen Yesuus irraa baratan tokko maali dha?

16 Warra keessaniif ajajamaa. Akkuma Yoseefii fi Maariyaam warri keessanis mudaa kan hin qabne miti. Taʼus, warri keessan akka isin eegan, isin leenjisanii fi qajeelfama isiniif kennaniif Yihowaadhaan muudamaniiru. Gorsa isaanii yoo fudhatanii fi aangoo isaanii yoo kabajjan ‘gaarii isiniif taʼa.’—Efe. 6:1-4.

17. Akka Iyaasuu 24:15 jedhutti dargaggoonni ofii isaaniif murtoo akkamii gochuu qabu?

17 Eenyuun Akka Tajaajiltan Murteessaa. Yihowaan eenyu akka taʼe, kaayyoon isaa maal akka dabalatuu fi fedha isaa jireenya keessan keessatti akkamitti akka raawwattan mirkaneeffadhaa. (Rom. 12:2) Taanaan murtoo jireenya keessan keessatti baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis murtoo Yihowaa tajaajiluu gochuu dandeessu. (Iyaasuu 24:15 dubbisi; Lal. 12:1) Dhaabbataadhaan Kitaaba Qulqulluu yoo dubbistanii fi qoʼattan, jaalalli Yihowaadhaaf qabdan guddachaa deema, amantiin isa irratti qabdanis cimaa deema.

18. Dargaggoonni filannoo akkamii gochuu qabu? Kun hoo maal isaaniif argamsiisa?

18 Jireenya Keessan Keessatti Fedha Yihowaatiif Dursa kennaa. Addunyaan Seexanaa dandeettii keessan faayidaa ofii keessaniitiif yoo fayyadamtan gammadoo akka taatan abdii kenna. Taʼus, namoonni galma foonii irratti xiyyeeffatan, ‘cinqii hedduudhaan’ akka of waraanan beekna. (1 Xim. 6:9, 10) Faallaa kanaatiin, Yihowaa yoo dhaggeeffattanii fi fedha isaaf dursa kennuuf yoo filattan, jireenyi keessan milkaaʼina qabaata, ‘wanti gootanis wal isiniif qixxaata.’—Iya. 1:8.

MAAL GOCHUUF FILATTA?

19. Warri maal yaadachuu qabu?

19 Warra kan taatan, ijoolleen keessan Yihowaa akka tajaajilan gargaaruuf wanta dandeessan hunda godhaa. Isatti amanamaa, innis filannoo ogummaa irratti hundaaʼe akka gootan isin gargaara. (Fak. 3:5, 6) Wanta isin dubbattan caalaa, wanti isin raawwattan ijoollee keessan irratti dhiibbaa akka godhu yaadadhaa. Kanaafuu, murtoo Yihowaa biratti fudhatama akka argatan carraa isaaniif banu godhaa.

20. Dargaggoonni Yihowaa tajaajiluu yoo filatan eebbawwan akkamii argatu?

20 Dargaggootaa, warri keessan filannoo ogummaa qabu akka gootan isin gargaaruu dandaʼu. Haa taʼu malee, Yihowaa biratti fudhatama argachuun filannoo keessan irratti kan hundaaʼe dha. Kanaafuu, fakkeenya Yesuus hordofuudhaan Abbaa keessan isa jaalala qabeessa tajaajiluu filadhaa. Yoo akkas gootan, ammaa jireenya hojiidhaan guutame, nama kiisuu fi gammachiisaa jiraattu. (1 Xim. 4:16) Fuulduratti immoo, jireenya hunda caalaa gammachiisaa taʼe qabaattu!

FAARFANNAA 133 Dargaggummaatti Yihowaa Waaqeffadhaa

^ key. 5 Kiristiyaanonni ijoolleen isaanii yommuu guddatan gammadoo akka taʼanii fi Yihowaa akka tajaajilan barbaadu. Warri ijoolleen isaanii galma kana irra akka gaʼan gargaaruuf filannoo akkamii gochuu qabu? Kiristiyaanonni dargaggoota taʼan jireenya milkaaʼina dhugaa qabu jiraachuuf filannoo akkamii gochuu qabu? Mata dureen kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.

^ key. 11 Dammaqaa! Onkoloolessa 2011, ful. 20 irraa mata duree, “Warra Koo Maaliin Iyyuu hin Jijjiiru” (Amaariffa) akkasumas mata duree, “Xalayaa Addaa Warraaf Ergame” jedhu Dammaqaa! Bitootessa 8, 1999, ful. 25 ilaali. (Ingiliffa)

^ key. 65 IBSA FAKKII: Maariyaam, Yesuus Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabaatu gootee taʼuu qaba. Haadholiin yeroo harʼaa jiranis ijoolleen isaanii Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabaatan gochuu dandaʼu.

^ key. 67 IBSA FAKKII: Yoseef maatii isaa wajjin mana sagadaa dhaquuf iddoo guddaa kan kennu taʼuu qaba. Abbootiin yeroo harʼaa jiran walgaʼii gumii irratti maatii isaanii wajjin argamuuf iddoo guddaa kennu.

^ key. 69 IBSA FAKKII: Yesuus abbaa isaa irraa ogummaa harkaa barateera. Dargaggoonni yeroo harʼaa jiranis abbaa isaanii irraa ogummaa barachuu dandaʼu.