Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 42

Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Lama

Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Lama

“Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.”—1 XIM. 4:16.

FAARFANNAA 77 Ifa Addunyaa Dukkanaaʼaa Keessatti Ifu

QABIYYEE *

1. Barattoota gochuun hojii lubbuu baraaruu akka taʼe akkamitti beekna?

BARATTOOTA gochuun hojii lubbuu baraaruuti. Kana akkamitti beekna? Yesuus ajaja Maatewos 28:19, 20 irra jiru yeroo kennetti, “dhaqaatii . . . isaan cuuphuudhaan . . . , namoota barattoota godhaa” jedhee ture. Cuuphaan hammam barbaachisaa dha? Ulaagaa warri fayyina argachuu barbaadan guutuu qabani dha. Namni cuuphamuu barbaadu tokko, jireenya bara baraa argachuu kan dandaʼu Yesuus waan nuuf duʼeef qofa akka taʼe amanuu qaba. Pheexiros ergamaan Kiristiyaanota obboloota isaa taʼaniin, ‘Cuuphaan, amma isin fayyisaa jira, kan isin fayyisus karaa duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoosi’ kan jedhe kanaaf ture. (1 Phe. 3:21) Kanaaf, barataa haaraan tokko yommuu cuuphamu jireenya bara baraa argachuuf abdii qabaata.

2. 2 Ximotewos 4:1, 2 barsiisota akkamii akka taanu nu jajjabeessa?

2 Barattoota gochuuf “ogummaa barsiisuu” keenya guddifachuu qabna. (2 Ximotewos 4:1, 2 dubbisi.) Maaliif? Sababiin isaas Yesuus ajaja, ‘dhaqaatii barattoota godhaa; isaan barsiisaa’ jedhu nuu kenneera. Phaawulos ergamaan hojichatti “cimi; kana gochuudhaan ofii kees taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita” jedheera. Kanaafuu, Phaawulos, “barumsa barsiistaniif yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni” jechuuf sababii gaʼaa qaba ture. (1 Xim. 4:16) Barsiisuun barattoota gochuu wajjin walitti dhufeenya waan qabuuf, akkaataan itti barsiisnu caalaatti gaarii akka taʼu gochuu barbaanna.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu maal baranna?

3 Namoota miliyoonaan lakkaaʼaman dhaabbataadhaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru barsiisaa jirra. Taʼus, akkuma mata duree darbe irratti ibsame, isaan keessaa baayʼeen barattoota Yesuus Kiristoos taʼanii akka cuuphamaniif akkamitti akka isaan gargaarru beekuu barbaanna. Mata duree kana keessatti barsiisaan kam iyyuu barataan isaa guddina godhee akka cuuphamu gargaaruuf wantoota dabalataa gochuu qabu shan ilaalla.

YEROO BARSIISTAN KITAABA QULQULLUU FAYYADAMAA

Kitaaba Qulqulluu fayyadamtee barsiisuu irratti ogummaa qabdu fooyyessuuf akka si gargaaru barsiisaa muuxannoo qabu gaafadhu (Keeyyata 4-6 ilaali) *

4. Barsiisaan tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yeroo geggeessu of toʼachuu kan qabu maaliifi? (Miiljalees ilaali.)

4 Wanta Dubbii Waaqayyoo irraa barsiisnu ni jaallanna. Kanaafuu, waaʼee wanta jaallannu kanaa waan hedduu dubbachuuf qoramuu dandeenya. Taʼus, namni Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa geggeessus taʼe, Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii ykn Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessu baayʼee dubbachuu hin qabu. Barsiisaan tokko Kitaaba Qulqulluu fayyadamee barsiisuuf, of toʼachuu fi waaʼee kutaa Kitaaba Qulqulluu sanaa ykn waaʼee dhimma sanaa wanta beeku hunda ibsuuf yaaluu irraa of qusachuu qaba. * (Yoh. 16:12) Mee beekumsa Kitaaba Qulqulluu yeroo cuuphamtetti qabdu, isa amma qabduu wajjin wal bira qabii ilaali. Yeroo sanatti kan hubatte barumsa buʼuuraa qofa taʼuu hin oolu. (Ibr. 6:1) Wanta yeroo ammaa beektu barachuuf waggoota hedduu sitti fudhateera, kanaaf, barataa haaraa tokko waan hundumaa al tokkotti barsiisuuf hin yaaliin.

5. (a) 1 Tasalonqee 2:13 wajjin haala wal simuun barataan keenya qoʼannaa isaa irraa maal akka hubatu barbaanna? (b) Barataan tokko waaʼee wanta barachaa jiruu akka dubbatu akkamitti jajjabeessuu dandeenya?

5 Barataan keenya wanti inni barachaa jiru, Dubbii Waaqayyoo irraa akka madde akka hubatu barbaanna. (1 Tasalonqee 2:13 dubbisi.) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Barataan keessan waaʼee wanta barachaa jiruu akka dubbatu jajjabeessaa. Yeroo hundumaa caqasoota Kitaaba Qulqulluu baratichaaf ibsuu mannaa muraasa isaanii akka inni ibsu gaafadhaa. Baratichi Dubbii Waaqayyoo dhuunfaatti akkamitti akka hojii irra oolchu akka hubatu gargaaraa. Caqasa dubbise ilaalchisee wanta yaaduu fi wanta isatti dhagaʼamu ibsuu akka dandaʼuuf, gaaffiiwwan ilaalchaa gaafadhaa. (Luq. 10:25-28) Fakkeenyaaf akkas jedhaa gaafadhaa: “Caqasni kun amalawwan Yihowaa hubachuuf kan si gargaare akkamitti?” “Dhugaa Kitaaba Qulqulluu kana irraa kan fayyadamtu akkamitti?” “Waaʼee wanta amma barattee maaltu sitti dhagaʼama?” (Fak. 20:5) Wanti caalaatti barbaachisaa taʼe baratichi hammam beeka isa jedhu utuu hin taʼin, wanta beeku hammam jaallata akkasumas hojii irra oolcha isa jedhu dha.

6. Babalʼisaan muuxannoo qabu qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenya irratti akka argamu gochuun gaarii taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

6 Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yommuu geggeessitu babalʼisaan barsiisutti muuxannoo qabu akka si wajjin argamu ni gootaa? Akkas taanaan, qoʼannaa sana akkamitti geggeessaa akka jirtuu fi Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti fayyadamuu kee ilaalchisee wanta hubate akka sitti himu gaafachuu dandeessa. Ogummaa barsiisuu kee fooyyeffachuu yoo barbaadde gad of qabuu qabda. (HoE. 18:24-26 wajjin wal bira qabii ilaali.) Sana booda, baratichi wanta barachaa jiru hubachuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee babalʼisichi maal akka yaadu gaafadhu. Akkasumas torban tokko ykn isaa oliif iddoo kan biraa deemta yoo taʼe babalʼisichi qoʼannaa kana akka siif geggeessu gaafachuu dandeessa. Akkas gochuun kee qoʼannaan gootan akka gargar hin cinne godha, akkasumas baratichi barbaachisummaa qoʼannaa akka hubatu isa gargaara. Qoʼannaan kun “kan kee” akka taʼee fi namni kan biraan geggeessuu akka hin dandeenye matumaa sitti dhagaʼamuu hin qabu. Kana malees, barataan kee dhugaa barachuu irratti guddina itti fufiinsa qabu akka godhuuf, wanta caalaatti gaarii taʼe akka argatu barbaadda.

MIIRA HOʼAA FI AMANANNAADHAAN BARSIISAA

Barataan keessan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka hojii irra oolchu akka hubatu gargaaruuf muuxannoo obbolootaa itti himaa (Keeyyata 7-9 ilaali) *

7. Barataan tokko wanta barachaa jiru jaallachuuf maaltu isa gargaara?

7 Barataan kee dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru ilaalchisee miira hoʼaa ati qabduu fi amanannaa kee arguun isaa barbaachisaa dha. (1 Tas. 1:5) Taanaan wanta barachaa jiru caalaatti jaallachuun isaa hin oolu. Barbaachisaa yoo taʼe, qajeelfama Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuun akkamitti akka si gargaare itti himi. Yoo akkas goote, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama hojii irra ooluu fi isas fayyadu akka qabu ni hubata.

8. Barataa Kitaaba Qulqulluu kee gargaaruuf wanti gochuu dandeessu kan biraa maali dha? Kana gochuu kan qabdu hoo maaliifi?

8 Yeroo qoʼattanitti, waaʼee namoota haala rakkisaa baratichi keessa jiruu wajjin wal fakkaatu isaan mudatee turee fi moʼuu dandaʼan itti himaa. Nama gumii keessan jiruu fi baratichi fakkeenya isaa irraa fayyadamuu dandaʼu qoʼannaa keessan irratti akka argamu godhi. Yookiin immoo mata duree “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira * jedhuu fi jw.org irratti walitti aansee baʼu irraa muuxannoo nama jajjabeessu argachuu dandeessa. Mata dureewwanii fi viidiyoowwan akkasii barataan kee qajeelfama Kitaaba Qulqulluu jireenya isaa keessatti hojii irra oolchuun ogummaa akka taʼe hubachuuf isa gargaara.

9. Barataan kee wanta barate maatii isaa fi michoota isaatti akka himu jajjabeessuu kan dandeessu akkamitti?

9 Baratichi gaaʼela kan qabu yoo taʼe, hiriyaan gaaʼelaa isaa qoʼachaa jirtii? Qoʼachaa hin jirtu yoo taʼe, qoʼannaa gootan irratti akka argamtu afeeri. Barataan kee wanta barachaa jiru maatii isaa fi michoota isaatti akka himu jajjabeessi. (Yoh. 1:40-45) Akkamitti? Salphumatti, “Dhugaa kana maatii keetiif akkamitti ibsita?” ykn “Qabxii kana michuu kee tokkoof ibsuuf caqasa kamitti fayyadamuu dandeessa?” jettee gaafachuu dandeessa. Akka kanaan baratichi barsiisaa akka taʼu leenjisuu dandeessa. Achiis yommuu ulaagaa isaa guutu babalʼisaa hin cuuphame taʼee tajaajila irratti hirmaachuu dandaʼa. Baratichi nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaadu kan biraa ni beeka yoo taʼe gaafachuu dandeessa. Beeka taanaan, yeruma sana haasofsiisiitii akka sii wajjin qoʼatu afeeri. Akkasumas viidiyoo Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama? * jedhu itti argisiisi.

BARATICHI GUMII KEESSAA MICHOOTA AKKA HORATU JAJJABEESSAA

Baratichi gumii keessaa michoota akka horatu jajjabeessaa (Keeyyata 10-11 ilaali) *

10. 1 Tasalonqee 2:7, 8 akka jedhutti barsiisaan tokko fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandaʼu akkamitti?

10 Barsiisonni barattoota isaaniitiif dhuunfaatti xiyyeeffannaa guddaa kennuu qabu. Gara fuulduratti obboloota ykn obboleettota hafuuraa keessan akka taʼanitti isaan ilaalaa. (1 Tasalonqee 2:7, 8 dubbisi.) Michoota isaanii addunyaa keessa jiran dhiisuu fi Yihowaa tajaajiluuf sirreeffama barbaachisu hundumaa gochuun isaaniif salphaa miti. Gumii keessaa michoota dhugaa akka argatan isaan gargaaruu qabna. Yeroo qoʼattan qofa utuu hin taʼin, yeroo kaanittis yeroo isaanii wajjin dabarsuudhaan michoota isaaniif taʼaa. Hamma guyyaa qoʼannaa keessaniitti isaaniif bilbiluun, ergaa gabaabaa isaaniif erguun ykn nagaa gaafachuun dhugumaan akka isaaniif yaaddan argisiisa.

11. Barattoonni keenya gumii keessaa maal akka argatan barbaanna? Maaliifi?

11 Jechamni, mucaan tokko akka guddatu gargaaruuf namoonni mandaricha keessa jiraatan hundinuu ni barbaachisu, jedhu jira. Nutis, “Nama tokko barataa gochuuf guutummaan gumichaa ni barbaachisa” jechuu dandeenya. Barsiisonni buʼa qabeeyyii taʼan barattoota isaanii namoota gumii keessa jiranii fi dhiibbaa gaarii isaan irraan geessisanii wajjin kan wal barsiisan kanaafi. Akka kanaan barattoonni saba Waaqayyoo karaa hafuuraa fi miiraa deggersa isaaniif gochuu dandaʼanii wajjin michoomuu dandaʼu. Barattoonni hundi kutaa gumichaa fi kutaa maatii hafuuraa keenya akka taʼan akka itti dhagaʼamu barbaanna. Obbolummaa Kiristiyaanaa isa hoʼaa fi jaalala qabeessa taʼetti akka dhihaatu barbaanna. Taanaan, namoota Yihowaa akka jaallatu isa hin gargaarree wajjin michummaa cimaa qabu dhaabuun salphaa isaaf taʼa. (Fak. 13:20) Michoonni isaa duraanii yoo isa dhiisan, jaarmiyaa Yihowaa keessaa michoota dhugaa argachuu akka dandaʼu beeka.—Mar. 10:29, 30; 1 Phe. 4:4.

BARBAACHISUMMAA GALMA OF MURTEESSUU FI CUUPHAMUU IBSAAFII

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu sadarkaa sadarkaadhaan galma cuuphamuu bira gaʼuu dandaʼu (Keeyyata 12-13 ilaali)

12. Waaʼee of murteessuu fi cuuphamuu barataa keenyatti himuu kan qabnu maaliifi?

12 Waaʼee of murteessuu fi cuuphamuu ifatti dubbadhaa. Sababiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu itti geggeessinu, namni sun cuuphamee barataa akka taʼu gargaaruu dha. Dhaabbataadhaan qoʼachuu fi keessumaa immoo walgaʼii irratti argamuu erga jalqabee jiʼoota muraasa gidduutti, baratichi kaayyoon inni Kitaaba qulqulluu itti qoʼatu Dhugaa Baatuu taʼee Yihowaa akka tajaajilu isa gargaaruu akka taʼe hubachuu qaba.

13. Barataan tokko guddina godhee cuuphamuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu qaba?

13 Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko sadarkaa sadarkaadhaan galma cuuphamuu bira gaʼuu dandaʼa. Baratichi jalqaba Yihowaa beeka, akkasumas isa jaallata, achiis amantii isa irratti qabaata. (Yoh. 3:16; 17:3) Sana booda Yihowaa wajjin hariiroo uuma, akkasumas gumii wajjin michummaa qabaata. (Ibr. 10:24, 25; Yaq. 4:8) Yeroo boodas gochawwan gadhee taʼan dhiisuudhaan cubbuu isaa irraa yaada geddarata. (HoE. 3:19) Akkasumas amantiin isaa dhugaa warra kaanitti akka himu isa kakaasa. (2 Qor. 4:13) Achiis Yihowaadhaaf of murteessa, of murteessuu isaas cuuphamuudhaan argisiisa. (1 Phe. 3:21; 4:2) Guyyaan kun hundumaaf guyyaa gammachiisaa dha! Baratichi galma isaa irra gaʼuuf tarkaanfii yommuu fudhatu hundatti, garaadhaa isa galateeffadhaa, akkasumas kallattii sirrii taʼeen guddachuu isaa akka itti fufu jajjabeessaa.

GUDDINA BARATICHAA YEROO YEROODHAAN GAMAAGGAMAA

14. Barsiisaan tokko guddina barataa isaa akkamitti gamaaggamuu dandaʼa?

14 Barataan tokko guddina gochuudhaan of murteessee akka cuuphamu yommuu gargaarrutti obsa qabaachuu qabna. Taʼus, yeroo taʼe tokkotti Yihowaa tajaajiluuf fedha qabaachuu isaa beekuun nu irra jira. Baratichi ajaja Yesuus abboomamuuf yaalaa akka jiru wanta argisiisu hubattaniittuu? Moo Kitaaba Qulqulluu irraa waanuma xiyyeeffannaa isaa harkisu qofa barachuu barbaada?

15. Barsiisaan tokko mallattoowwan barataan isaa guddina gochaa akka jiru argisiisan kamfaa hubachuu qaba?

15 Guddina barataan kee gochaa jiru yeroo yerootti gamaaggami. Fakkeenyaaf, Yihowaa ilaalchisee wanta isatti dhagaʼamu ni ibsaa? Yihowaatti kadhannaa ni dhiheessaa? (Far. 116:1, 2) Kitaaba Qulqulluu dubbisuun isa gammachiisaa? (Far. 119:97) Dhaabbataadhaan walgaʼii irratti ni argamaa? (Far. 22:22) Jireenya isaa keessatti jijjiirama tokko tokko godheeraa? (Far. 119:112) Wanta baratu maatii fi michoota isaatti himuu jalqabeeraa? (Far. 9:1) Hunda caalaa immoo Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuu ni barbaadaa? (Far. 40:8) Baratichi wantoota kana keessaa tokkoon illee guddina gochaa hin jiru yoo taʼe, kana kan hin goone maaliif akka taʼe tooftaadhaan hubachuuf yaalaa, achiis gaarummaadhaan garuu immoo ifatti irratti mariʼadhaa. *

16. Qoʼannaa nama tokkoo wajjin gootan dhaabuu akka qabdan wanti argisiisu maal taʼuu dandaʼa?

16 Nama tokko qoʼachiisuu keessan itti fufuu ykn dhiisuu akka qabdan beekuuf yeroo yeroodhaan gamaaggamaa. Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Qoʼannaa isaatiif hin qophaaʼuu? Walgaʼii irratti argamuuf fedhii hin qabuu? Amma iyyuu barsiifata gadhee qabaa? Ammaa iyyuu miseensa amantii sobaatii?’ Deebiin gaaffiiwwan kanaa eeyyee yoo taʼe, nama kanaa wajjin qoʼachuu itti fufuu jechuun, nama bishaan akka isa tuqu hin barbaanne tokko daakaa barsiisuuf yaaluu wajjin wal fakkaata. Baratichi wanta barachaa jiru dhugumaan kan hin dinqisiifannee fi jijjiirama gochuuf fedhii kan hin qabne yoo taʼe, isaa wajjin qoʼachuu kan itti fuftan maaliifi?

17. Akka 1 Ximotewos 4:16 jedhutti barsiisonni Kitaaba Qulqulluu hundi maal gochuu qabu?

17 Itti gaafatamummaa barattoota akka goonu nuuf kennameef iddoo guddaa kennina, akkasumas barattoonni keenya guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruu barbaanna. Kitaaba Qulqulluu kan fayyadamnuu fi miira hoʼaa fi amanannaadhaan kan barsiisnu kanaafi. Baratichi gumii keessaa michoota akka horatu ni jajjabeessina. Galma of murteessuu fi cuuphamuu akka qabaatu ibsina, akkasumas yeroo yeroodhaan guddina baratichaa ni gamaaggamna. (Saanduqa, “ Barsiisaan Tokko, Baratichi Guddina Godhee Akka Cuuphamuuf Wanta Gochuu Qabu” jedhu fuula 13 irraa ilaali.) Hojii lubbuu baraaru irratti hirmaachuu keenyatti baayʼee gammadna! Kanaafuu, barattoota guddina godhanii cuuphaman qoʼachiisuuf wanta dandeenyu hunda gochuuf haa murteessinu.

FAARFANNAA 79 Jabaatanii Akka Dhaabatan Isaan Barsiisaa

^ key. 5 Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yommuu geggeessinu namoonni akka Yihowaan isaan irraa barbaadutti akka yaadan, akka isaanitti dhagaʼamuu fi waa akka raawwatan isaan gargaaruuf mirga arganneerra. Mata dureen kun ogummaa barsiisuu keenya fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe balʼinaan ibsa.

^ key. 4 Mata duree, “Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Yommuu Geggeessitan Dogoggora Kanneen Irraa Fagaadhaa” jedhuu fi Barreeffama Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Fulbaana 2016 irratti baʼe ilaali.

^ key. 8 WAAʼEE KEENYA > MUUXANNAAWWOON jedhu jalaa ilaali.

^ key. 9 JW Library irraa MIIDIYAA > WALGAʼIIWWANII FI TAJAAJILA KEENYA > MEESHAALEE TAJAAJILAAF FAYYADAN jedhu jalaa ilaali.

^ key. 15 Masaraa Eegumsaa Bitootessa 2020 irraa mata duree, “Jaalalli Yihowaadhaaf Qabdan Cuuphamuuf Isin Kakaasa” fi “Cuuphamuuf Qophoofteettaa?” jedhu ilaali.

^ key. 77 IBSA FAKKII: Qoʼannaan erga jalqabamee yeroo muraasa booda, obboleettiin muuxannoo qabdu, obboleettiin qoʼachiistu yeroo qoʼannaatti baayʼee dubbachuu akka hin qabne akka hubattu utuu ishii gargaartuu.

^ key. 79 IBSA FAKKII: Yeroo qoʼannaatti barattuun akkamitti haadha manaa gaarii akka taatu baratti. Booda wanta baratte abbaa manaa ishiitti himti.

^ key. 81 IBSA FAKKII: Barattuun sunii fi abbaan manaa ishii mana michoota Galma Walgaʼiitti wal barte tokkotti yeroo gaarii dabarsaa jiru.