Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 41

Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Tokko

Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Tokko

‘Isin xalayaa Kiristoos isa nuti warra tajaajiltoota taaneen, barreeffame akka taatan ifatti argisiistaniittu.’—2 QOR. 3:3.

FAARFANNAA 78 ‘Dubbii Waaqayyoo Barsiisuu’

QABIYYEE *

Qoʼataan Kitaaba Qulqulluu gumichi guddise yommuu cuuphamu arguu caalaa wanti gumii tokko gammachiisu jiraa? (Mata duree qoʼannaa 41 keeyyata 1 ilaali)

1. 2 Qorontos 3:1-3 mirga barataa Kitaaba Qulqulluu tokko qoʼachiisnee akka cuuphamu gargaaruuf arganne dinqisiifachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

QOʼATAAN Kitaaba Qulqulluu naannoo tajaajilaa gumii keessanitti argamu tokko yeroo cuuphamu yommuu argitan maaltu isinitti dhagaʼama? Baayʼee akka gammaddan beekamaadha. (Mat. 28:19) Barataa haaraa kana kan qoʼachiise isin yoo taʼe immoo yommuu inni cuuphamu arguun caalaatti akka isin gammachiisu hin shakkisiisu! (1 Tas. 2:19, 20) Barattoonni haaraa cuuphaman warra isaan qoʼachiiseef qofa utuu hin taʼin, guutummaa gumichaatiif “xalayaa deggersaa” akka taʼan argisiisu.—2 Qorontos 3:1-3 dubbisi.

2. (a) Gaaffii barbaachisaa kam ilaalla? Maaliif? (b) Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu maali dha? (Miiljalee ilaali.)

2 Waggoottan arfan darbanitti giddu galaan qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu * gara 10,000,000 taʼan jiʼa jiʼaan addunyaa mara irraa gabaasa yommuu godhaman arguun nama gammachiisa. Akkasumas waggoottan kanatti giddu galaan namoonni 280,000 ol taʼan waggaa waggaadhaan cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa fi barattoota Yesuus Kiristoos taʼaniiru. Barattoota Kitaaba Qulqulluu miliyoonaan lakkaaʼaman kana keessaa baayʼeen isaanii akka cuuphaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan namoonni barattoota Kiristoos akka taʼaniif obsaan yeroo fi carraa hamma isaaniif kennetti, guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruuf hatattamaan wanta dandeenyu hunda gochuu barbaanna. Yeroon saffisaan dhumaa jira!—1 Qor. 7:29a; 1 Phe. 4:7.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu maal baranna?

3 Fedhii ariifachiisaa barattoota gochuu kanaaf furmaata kennuuf, barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe beekuuf, Qaamni Ol Aanaan waajjiroota damee gaafatee ture. Mata duree kanaa fi isa itti aanu irratti qajeelchitoota, misiyoonotaa fi ilaaltota ol aanoo muuxannoo qaban irraa maal akka barannu ilaalla. * (Fak. 11:14; 15:22) Isaan qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu caalaatti buʼa qabeessa akka taʼuuf, wanta barsiisonnii fi barattoonni gochuu qaban ibsaniiru. Mata duree kana keessatti barattoonni guddina godhanii cuuphamuuf wanta gochuu qaban shan ilaalla.

TORBAN TORBANIIN QOʼADHAA

Teessanii waliin Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuu ni dandeessu yoo taʼe baraticha gaafadhaa (Keeyyata 4-6 ilaali)

4. Qoʼannaa balbala irratti godhamu ilaalchisee maal hubachuu qabna?

4 Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun balbaluma namichaa irra dhaabatanii qoʼannaa geggeessu. Kun Kitaaba Qulqulluudhaaf fedhii akka qabaatu gochuuf jalqabbii gaarii taʼus, mareen akkasii yeroo baayʼee gabaabaa fi torban torbaniin kan godhamu taʼuu dhiisuu dandaʼa. Obboloonni tokko tokko fedhii nama sanaa caalaatti guddisuuf, teessoo namichaa fudhachuudhaan hamma beellamni isaanii gaʼutti bilbilaan ykn ergaa gabaabaadhaan yaada Kitaaba Qulqulluu isaaf hiru. Mareen darbee darbee godhamu akkasii gara qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu buʼaa qabeessa taʼeetti utuu hin jijjiiramin jiʼootaaf itti fufuu dandaʼa. Haa taʼu malee, barataan kun Dubbii Waaqayyoo qoʼachuuf yeroon inni * ramaduu fi carraaqqiin inni godhu kanuma qofa yoo taʼe of murteessee cuuphamuu ni dandaʼaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa.

5. Akka Luqaas 14:27-33, jedhutti Yesuus wanta hojii barattoota gochuu irratti nu gargaaru akkamii ibse?

5 Yesuus yeroo tokko baasii barataa isaa taʼuun gaafatu fakkeenyaan ibsee ture. Waaʼee nama gamoo ijaaruu barbaade tokkoo fi waaʼee mootii waraana dhaquu barbaade tokkoo dubbateera. Yesuus namni ijaaru sun gamoo sana ijaaree xumuruuf, ‘dura taaʼee qarshii gaʼaa qabaachuu isaa shallaguu’ akka qabuu fi mootichis loltoonni isaa wanta yaadan gochuu akka dandaʼan ‘jalqaba taaʼee gorsa gaafachuu’ akka qabu dubbateera. (Luqaas 14:27-33 dubbisi.) Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus namni barataa isaa taʼuu barbaadu isa duukaa buʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe sirriitti itti yaaduu akka qabu beeka ture. Kanaafuu, barattoonni keenya torban torbaniin akka nu wajjin qoʼatan jajjabeessuu qabna. Kana kan goonu akkamitti?

6. Qoʼataa guddina godhu qabaachuuf maal gochuuf yaaluu dandeenya?

6 Qoʼannaa balbala irratti gootan dheeressuudhaan jalqabaa. Tarii yeroo wal argitan hundatti caqasoota dabalataa irratti mariʼachuu dandeessu. Abbaan manichaa maree dheeraa gootanitti erga baree booda, iddoo tokko teessanii maree keessan itti fufuu ni dandeessu yoo taʼe gaafadhaa. Deebiin abbaan manichaa kennu waaʼee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu maaltu akka itti dhagaʼamu ibsa. Yeroo boodas guddina isaa saffisiisuuf torbanitti siʼa lama qoʼachuuf fedhii qabaachuu isaa isa gaafachuu dandeessu. Haa taʼu malee, torbanitti al tokko ykn al lama qoʼachuu caalaa wanti barbaachisu jira.

QOʼACHIISUU KEESSAN DURA YEROO HUNDA QOPHAAʼAA

Qoʼannaa keessaniif akka gaariitti qophaaʼaa akkasumas baratichi akkamitti akka qophaaʼu itti argisiisa (Keeyyata 7-9 ilaali)

7. Barsiisaan yeroo qoʼannaa geggeessu hundatti akka gaariitti qophaaʼuu kan dandaʼu akkamitti?

7 Barsiisota waan taataniif yeroo qoʼannaa geggeessitan hundatti akka gaariitti qophaaʼuu qabdu. Barreeffamicha dubbisuu fi caqasoota kennaman ilaaluudhaan jalqabuu dandeessu. Qabxiiwwan ijoo barumsichaa yaadatti qabadhaa. Mata duree barumsichaa, mata dureewwan xixiqqaa, gaaffiiwwan qoʼannaa, caqasoota “dubbisi” jedhan, fakkii fi viidiyoo mata duree kana ibsuuf gargaaruu dandaʼu hunda irratti yaadaa. Achiis, baratichi salphaatti hubachuu fi hojii irra oolchuu akka dandaʼuuf, barataa keessan yaadatti qabachuudhaan barumsicha karaa salphaa fi ifa taʼeen akkamitti dabarsuu akka dandeessan xiinxalaa.—Nah. 8:8; Fak. 15:28a.

8. Jechoonni Phaawulos Qolosaayis 1:9, 10 irra jiran barataa keenyaaf kadhachuu ilaalchisee maal nu barsiisu?

8 Yeroo qophooftanitti waaʼee baratichaa fi wanta isa barbaachisu ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa dhiheessaa. Karaa garaa namichaa tuquun Kitaaba Qulqulluu irraa barsiisuuf akka isin gargaaru Yihowaa gaafadhaa. (Qolosaayis 1:9, 10 dubbisi.) Wanti hubachuuf ykn fudhachuuf baratichatti ulfaachuu dandaʼu yoo jiraate yaaduuf yaalaa. Galmi keessan baratichi guddina godhee akka cuuphamu gargaaruu akka taʼe yaadadhaa.

9. Barsiisaan tokko barataan isaa qoʼannaadhaaf akka qophaaʼu kan isa gargaaru akkamitti? Ibsi.

9 Barataan tokko karaa dhaabbataa taʼeen qoʼachuudhaan wanta Yihowaa fi Yesuus godhan dinqisiifachuu fi caalaatti barachuuf fedhii akka qabaatu ni abdanna. (Mat. 5:3, 6) Baratichi qoʼannaa isaa irraa guutummaatti fayyadamuuf, wanta barachaa jiru irratti xiyyeeffachuu qaba. Kana gochuu akka dandaʼuuf, qoʼachuu isaa dura barumsicha dubbisuu fi akkamitti akka hojii irra oolchu xiinxaluudhaan qoʼannaa isaa hundaaf qophaaʼuun barbaachisaa taʼuu isaa isaaf ibsaa. Barsiisaan akkamitti gargaaruu dandaʼa? Kun akkamitti akka godhamu argisiisuuf baratichaa wajjin barumsa tokko qophaaʼaa. * Gaaffiiwwan qoʼannaatiif deebii kallattii akkamitti akka argatu ibsaafii akkasumas deebii isaa yaadachuu akka dandaʼuuf jechoota ijoo ykn gaaleewwan qofatti mallattoo akkamitti akka godhu itti argisiisaa. Achiis jecha mataa isaatiin deebii akka kennu gaafadhaa. Kana gochuun isaa, barumsicha hangam akka hubate beekuuf isin dandeessisa. Taʼus, barataa keessan jajjabeessuuf wanti gochuu dandeessan kan biraanis jira.

GUYYAA GUYYAADHAAN YIHOWAA WAJJIN AKKA WALITTI DUBBATU BARSIISAA

Barataan keessan Yihowaa wajjin akkamitti akka walitti dubbatu barsiisaa (Keeyyata 10-11 ilaali)

10. Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaan dubbisuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Wanta dubbisne irraa caalaatti fayyadamuuf maaltu nu gargaara?

10 Barataan tokko torban torbaniin barsiisaa isaa wajjin qoʼachuu malees, ofii isaatii guyyaa guyyaadhaan wantoota tokko tokko gochuudhaan fayyadamuu dandaʼa. Yihowaa wajjin walitti dubbachuu qaba. Akkamitti? Yihowaa dhaggeeffachuu fi isatti dubbachuudhaan. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan Waaqayyoon dhaggeeffachuu dandaʼa. (Iya. 1:8; Far. 1:1-3) Jw.org irraa “Sagantaa Macaafa Qulqulluu Dubbisuuf Gargaaru” akkamitti akka fayyadamu itti argisiisaa. * Dubbisa isaa irraa caalaatti akka fayyadamu gargaaruuf, wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa barsiisuu fi wanta barate jireenya isaa keessatti akkamitti akka hojii irra oolchu akka xiinxalu jajjabeessaa.—HoE. 17:11; Yaq. 1:25.

11. Barataan tokko sirriitti kadhachuu kan dandaʼu akkamitti? Irra deddeebiʼee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun isaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

11 Barataan keessan guyyaa guyyaan kadhachuudhaan Yihowaatti akka dubbatu jajjabeessaa. Jalqabaa fi xumura qoʼannaa keessanitti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessaa, akkasumas kadhannaa kana irratti waaʼee barataa keessanii ibsaa. Baratichi kadhannaa keessan yommuu dhagaʼu, kadhannaa garaadhaa madde akkamitti akka dhiheessuu fi maqaa Yesuus Kiristoosiin gara Yihowaatti dhiheessuu akka qabu barata. (Mat. 6:9; Yoh. 15:16) Barataan keessan guyyaa guyyaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuun (Yihowaa dhaggeeffachuun) akkasumas kadhachuun (Yihowaatti dubbachuun) isaa caalaatti Waaqayyotti dhihaachuuf akkamitti akka isa gargaaru yaadaa! (Yaq. 4:8) Barsiifata kana qabaachuun isaa barataan keessan of murteessuu fi cuuphamuuf guddina akka godhu isa gargaara.

YIHOWAA WAJJIN HARIIROO DHUUNFAA AKKA QABAATU GARGAARAA

12. Barsiisaan tokko barataan isaa Yihowaa wajjin hariiroo akka qabaatu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

12 Wanti baratichi qoʼannaa isaa irraa barate yaada isaa qofa utuu hin taʼin, garaa isaas hawwachuu qaba. Maaliif? Garaan keenya inni fedhii fi miira keenya of keessatti qabate hojiidhaaf nu kakaasa. Yesuus wantoota hedduu namoota kan barsiise yommuu taʼu, isaanis wanta baratan jaallatanii turan. Haa taʼu malee, namoonni kan isa duukaa buʼan garaa isaaniis waan tuqeef ture. (Luq. 24:15, 27, 32) Barataan keessan Yihowaa akka Qaama tokkootti akka ilaalu, jechuunis isaa wajjin hariiroo uumuu fi akka Abbaa, Waaqaa fi Michuu isaatti isa ilaaluu akka dandaʼu hubachuu qaba. (Far. 25:4, 5) Yeroo qoʼattanitti amalawwan Waaqayyoo sirriitti ibsaa. (Bau. 34:5, 6; 1 Phe. 5:6, 7) Mata dureen qoʼattan maal iyyuu yoo taʼe, xiyyeeffannaan baratichaa amalawwan Waaqayyoo warra dinqisiisoo irratti akka taʼu godhaa. Baratichi amalawwan Yihowaa warra gaggaarii, jechuunis jaalala, gaarummaa fi gara laafina isaa akka dinqisiifatu gargaaraa. Yesuus, ‘Waaqa kee Yihowaa jaallachuun’ “ajaja isa hunda irra caaluu fi isa duraa ti” jedheera. (Mat. 22:37, 38) Barataan keessan Waaqayyoof jaalala guddaa akka qabaatu gargaaraa.

13. Barataan tokko waaʼee amala Yihowaa akka baratu akkamitti gargaaruu akka dandeenyu ilaalchisee fakkeenya kenni.

13 Barataa keessanii wajjin yommuu haasoftan, Yihowaa maaliif akka jaallattan ibsaafii. Kunis barataan keessan Waaqayyoo wajjin hariiroo dhuunfaa cimaa taʼe uumuu akka qabu isa hubachiisuu dandaʼa. (Far. 73:28) Fakkeenyaaf, himni barreeffama qoʼannaa irra jiru ykn caqasni waaʼee Yihowaa, jechuunis waaʼee jaalala, ogummaa, haqa ykn humna isaa mulʼisuu fi garaa keessan tuqe jiraa? Barataa keessanitti himaa, akkasumas kun sababiiwwan Abbaa keessan isa samii itti jaallattan hedduu keessaa tokko akka taʼe akka beeku godhaa. Barataan Kitaaba Qulqulluu kam iyyuu guddina godhee cuuphamuuf wanti isa barbaachisu kan biraanis jira.

WALGAʼII GUMII IRRATTI AKKA ARGAMU JAJJABEESSAA

Barataan keessa dafee walgaʼii irratti argamuu akka jalqabu jajjabeessaa! (Keeyyata 14-15 ilaali)

14. Ibroonni 10:24, 25 waaʼee walgaʼiiwwan gumii barataan Kitaaba Qulqulluu tokko guddina akka godhu gargaaranii maal jedha?

14 Hundi keenya iyyuu barattoonni keenya guddina godhanii akka cuuphaman barbaanna. Karaa barbaachisaan itti isaan gargaarru keessaa inni tokko walgaʼiiwwan gumii irratti akka argaman jajjabeessuu dha. Barsiisonni muuxannoo qaban, barattoonni dafanii walgaʼii hirmaachuu jalqaban saffisaan guddina akka godhan dubbataniiru. (Far. 111:1) Barsiisonni tokko tokko barattoonni isaanii barumsa Kitaaba Qulqulluu walakkaa isaa qoʼannaa isaanii irraa, walakkaa isaa immoo walgaʼii irraa akka argatan isaaniif ibsu. Barataa keessanii wajjin Ibroota 10:24, 25 dubbisaa, akkasumas walgaʼii gumii irratti yoo argame faayidaa inni argatu isaaf ibsaa. Viidiyoo Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? * jedhamu taphachiisaafii. Barataan keessan torban torbaniin walgaʼii irratti argamuu kutaa jireenya isaa akka godhatu gargaaraa.

15. Barataan tokko dhaabbataadhaan walgaʼii akka hirmaatu jajjabeessuuf maal gochuu dandeenya?

15 Barataan keessan hamma ammaatti walgaʼii gumii hin hirmaanne yoo taʼe ykn dhaabbataadhaan hin hirmaatu yoo taʼe maal gochuu dandeessu? Walgaʼii dhiheenyatti gootan irraa yaada barattan tokko miira hoʼaadhaan itti himaa. Kun gumii akka dhufu afeeruu caalaa isa kakaasuu dandaʼa. Masaraa Eegumsaa ykn Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa gumiitti qoʼatamaa jiru isaaf kennaa. Walgaʼii itti aanu irratti wanta irratti mariʼatamu itti argisiisaa, akkasumas kutaan caalaatti xiyyeeffannaa isaa harkisu isa kam akka taʼe gaafadhaa. Wanti barataan keessan walgaʼii jalqaba hirmaatu irratti argu, wanta walgaʼii amantii kam irratti iyyuu arge irra baayʼee caala. (1 Qor. 14:24, 25) Namoota fakkeenya gaarii inni hordofuu dandaʼu isaaf taʼanii fi guddina godhee akka cuuphamu isa gargaaruu dandaʼanii wajjin wal baruu dandaʼa.

16. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu barattoonni guddina godhanii akka cuuphaman gargaaru geggeessuuf maal gochuu qabna? Mata duree itti aanu irratti maal baranna?

16 Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu barataan tokko guddina godhee akka cuuphamu gargaaru geggeessuu kan dandeenyu akkamitti? Barattoonni torban torbaniin akka qoʼatanii fi qoʼannaa isaanii dura akka qophaaʼan jajjabeessuudhaan qoʼannaan isaanii baayʼee barbaachisaa akka taʼe akka hubatan isaan gargaarra. Akkasumas guyyaa guyyaadhaan Yihowaa wajjin walitti akka dubbatanii fi Isaa wajjin hariiroo dhuunfaa akka qabaatan jajjabeessuu dandeenya. Barattoonni walgaʼii gumii irratti akka argamanis isaan jajjabeessuu barbaanna. (Saanduqa “ Barataan Tokko Guddina Godhee Cuuphamuuf Wanta Gochuu Qabu” jedhuu fi fuula 12 irra jiru ilaali.) Mata dureen itti aanu immoo barsiisonni Kitaaba Qulqulluu barattoonni isaanii guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruuf wanta gochuu qaban shan ibsa.

FAARFANNAA 76 Hammam Gammadda?

^ key. 5 Nama tokko waa barsiisuu jechuun ‘karaa haaraa ykn adda taʼeen akka yaadu, akka itti dhagaʼamu ykn akka hojjetu’ gargaaruu jechuu dha. Caqasni waggaa keenya 2020, Maatewos 28:19, namoonni barattoota Yesuus Kiristoos cuuphaman akka taʼaniif, Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiisuu fi barsiisuun hammam barbaachisaa akka taʼe nu yaadachiisa. Mata duree kanaa fi itti aanu irratti hojii baayʼee barbaachisa kana irratti fooyyaʼiinsa gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 2 IBSA JECHAA: Karaa dhaabbataa fi qindoomina qabuun Kitaaba Qulqulluu fayyadamtee mariʼachiisaa jirta taanaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa jirta jechuu dha. Qoʼannaan akkamitti akka godhamu erga itti argisiistee booda al lama yoo qoʼattanii fi qoʼannaan kun akka itti fufu amanuuf sababa yoo qabaatte gabaasa gochuu dandeessa.

^ key. 3 Dabalataanis, mata dureewwan kun yaada “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu” jedhanii fi Tajaajila Mootummaa Adoolessa 2004 hamma Caamsaa 2005⁠tti walitti aananii baʼan qabataniiru. (Amariffa.)

^ key. 4 Yaadni barataa dhiiraaf kenname dubartiifis ni hojjeta.

^ key. 9 JW Library irraa MIIDIYAA > WALGAʼII FI TAJAAJILA KEENYA > DANDEETTII KEENYA FOOYYEFFACHUU jedhu jalaa viidiyoo daqiiqaa afurii Barattoonni Keenya Akkamitti Akka Qophaaʼan Leenjisuu jedhu ilaali.

^ key. 10 BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > MEESHAALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUUF GARGAARAN jedhu jalaa ilaali.

^ key. 14 JW Library irraa MIIDIYAA > WALGAʼIIWWANII FI TAJAAJILA KEENYA > MEESHAALEE TAJAAJILAA FAYYADAN jedhu jalaa ilaali.