MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Onkoloolessa 2018

Maxxansi kun matadureewwan qoʼannaa Muddee 3-30, 2018 kan qabate dha.

1918—Waggoota Dhibba Tokkoon Dura

Waraanni inni Guddaan amma iyyuu ni geggeeffama ture, taʼus haalawwan jalqaba waggaa sanaatti turan Barattoota Kitaaba Qulqulluu fi addunyaadhaaf wanti gaariin akka dhufu argisiisu turan.

Dhugaa Dubbachuu

Namoonni maaliif sobu, sobni miidhaa akkamii geessisa? Walii keenyatti dhugaa dubbachuu kan dandeenyu akkamitti?

Dhugaa Barsiisuu

Yeroo hafe keessatti, xiyyeeffannaan keenya Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi namoota dhugaa barsiisuu taʼuu qaba. Meeshaaleen Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnu akkamitti nu gargaaruu dandaʼu?

SEENAA JIREENYAA

Yihowaan Murtoo Koo Naaf Eebbiseera

Chaarlis Moolhaan yeroo dargaggeessa turetti foormii Betʼel guutuudhaan tajaajila isaa baliʼfateera. Yihowaan isa tarkaanfii inni fudhate hundumaa isaaf eebbiseera

Geggeessaa Keenya Kiristoositti Amanamaa

Jaarmiyaan Waaqayyoo yeroo saffisaan fuulduratti deemaa jiru kanatti, geggeessummaa Kiristoositti amanamuuf sababiiwwan akkamii qabna?

Haalawwan yoo Jijjiiraman Iyyuu Nagaa Keenya Eeggachuu

Jireenyi keenya utuu yaadin yommuu jijjiiramu, dhiphinni miiraa nu mudachuu dandaʼa. “Nagaan Waaqayyoo” akkamitti nu gargaaruu dandaʼa?

Kana Beektaa?

Isxifaanos duuka buutota Kiristoos keessaa ajjeefamuudhaan isa jalqabaati. Yeroo ariʼatamaa turetti tasgabbii guddaa kan argate akkamitti ture?