Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

1918—Waggoota Dhibba Tokkoon Dura

1918—Waggoota Dhibba Tokkoon Dura

Masaraan Eegumsaa Amajjii 1, 1918, yaada “Barri 1918 maal qabatee dhufa laata?” jedhuun jalqaba. Waraanni inni Guddaan Awurooppaa keessaatti amma iyyuu geggeeffamaa kan ture taʼus, haalawwan jalqaba waggaa sanaatti turan Barattoota Kitaaba Qulqulluu fi guutummaa addunyaatiif wanti gaariin akka dhufu kan argisiisan fakkaatu turan.

ADDUNYAAN WAAʼEE NAGAA NI MARIʼATA TURE

Amajjii 8, 1918, Pireezidaant Wuudrowu Wiilsan, haasaa Mana Maree Yunaayitid Isteetisiif dhiheesse irratti, qabxiiwwan “nagaa haqa qabeessaa fi dhaabbataa” taʼeef barbaachisaa akka taʼan isatti dhagaʼamu 14 ibseera. Namni kun, biyyoonni walitti buʼiinsa nagaadhaan akka furan, meeshaan waraanaa akka hirʼifamuu fi ‘biyyoonni, waldaa saboota guguddaas taʼan xixiqqaa wal qixa fayyadu tokko’ akka hundeessan yaada dhiheesseera. “Qabxiileen Kudha Arfan” inni dhiheesse kun booda, Waldaa Mootummoota Addunyaa hundeessuu fi waliigaltee nageenyaa Varsaayiles gochuu irratti gumaacha gochuudhaan Waraanni Guddaan kun akka dhaabatu godheera.

MORMITOONNI NI INJIFATAMAN

Waggaa sana dura turetti jeequmsi kan ture taʼus, * haalli yeroo walgaʼiin waggaa Waldaa Masaraa Eegumsaa Kitaaba Qulqulluu fi Tiraaktii godhametti ture akka argisiisutti Barattoonni Kitaaba Qulqulluus nagaan dhiheenyatti akka dhufu isaanitti dhagaʼama ture.

Walgaʼii Amajjii 5, 1918, godhame kana irratti namoonni beekamoon Betʼelii baafamanii turan tokko tokko dhaabbaticha harka isaanii keessa galfachuuf yaalanii turan. Riichaard Baarbar, inni daawwataa ol aanaa amanamaa taʼe, walgaʼicha kadhannaadhaan jalqabe. Achiis gabaasni hojii waggaa darbee erga dhihaatee booda, filannoon hoggantootaa waggaa waggaatti godhamu ni geggeeffame. Obboleessi keenya Baarbar Joseef Raazarfoordii fi obboloota kan biraa jaʼa kaadhimamtoota godhee dhiheesse. Achiis abbaan alangaa warra mormitootaa deggeru tokko, warra Betʼelii baafaman dabalatee namoota torba kaadhimamtoota godhee dhiheesse. Taʼus namoonni kun injifatamaniiru. Miseensonni achi keessatti abbaa qabeenyaa taʼan, obboleessa keenya Raazarfoordii fi obboloota amanamoo kan biraa jaʼan sagalee caalmaa hedduutiin hoggantoota akka taʼan filatan.

Obboloonni walgaʼii kana irratti argaman hedduun, walgaʼiin kun, “walgaʼii sana dura irratti hirmaatan hunda caalaa eebbifamaa” akka taʼe dubbataniiru. Taʼus gammachuun isaanii yeroo baayʼee hin turre.

KITAABA ZA FINISHD MISTIRII ILAALCHISEE WANTA NAMOOTATTI DHAGAʼAME

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu jiʼoota hedduudhaaf kitaaba Za Finishd Mistirii jedhamu raabsaa turan. Namoonni garaa qajeelaa qabanii fi kitaabicha dubbisan, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu achi keessa jiran fudhataniiru.

Ediwaard Kiriisti, inni Kaanaadaa keessatti daawwataa ol aanaa ture, waaʼee hiriyoota gaaʼelaa kitaaba Za Finishd Mistirii jedhamu dubbisanii fi torban shan gidduutti dhugaa fudhatanii dubbatee ture! “Hiriyoonni gaaʼelaa kun guutummaatti of kennanii kan turan taʼuu isaa irra iyyuu guddina gaarii gochaa turan” jedheera.

Namichi kitaaba kana fudhate tokko yaada achi irraa argate yeruma sana hiriyoota isaatti himeera. Namichi kun ergaan kitaabichaa isa “rukutee” akka ture dubbateera. Wanta yaadatu ilaalchisee akkana jedheera: ‘Daandii Sadaffaa jedhamu irraa gad deemaa utuun jiruu, wanti ani bilookkeettii akka taʼe yaade tokko gateettii koo na rukute, garuu bilookkeettii utuu hin taʼin, kitaaba ‘Za Finishd Mistirii’ ture. Anis fudhadhee galeen guutummaa isaa dubbise. Sana booda, kitaabicha aariidhaan karaa foddaa isaa kan gad darbate qeesii tokko akka taʼen bare. Namichi kun gocha kan biraa jireenya isaa keessatti raawwate kam iyyuu caalaa, wanta al tokko raawwate kanaan namoota hedduu gara abdii jiraataatti akka jijjiire nan amana. Sababii aarii qeesii kanaatiin, amma Waaqayyoon jajachaa jirra.’

Ilaalcha akkanaa kan qabu qeesii kana qofa hin turre. Abbootiin taayitaa Kaanaadaa, kitaabni kun yaada namoonni mootummaa irratti akka kakaʼan godhuu fi waraana irratti akka hin hirmaanne dhowwu kan qabate akka taʼe ibsuudhaan Guraandhala 12, 1918 kitaabicha dhorkan. Sana booda utuma hin turin abbootiin taayitaa Yunaayitid Isteetis akkasuma godhan. Bakka buutonni mootummaa, ragaa ittiin hoggantoota jaarmiyichaa himatan barbaacha mana jireenyaa Betʼelii fi waajjiroota Niwuu Yoorki, Pensilvaaniyaa fi Kaalifoorniyaa jiran sakattaʼan. Bitootessa 14, 1918, Kutaan Haqaa Yunaayitid Isteetis, kitaaba Za Finishd Mistirii maxxansuu fi raabsuun carraaqqii waraanaaf godhamu kan daangessuu fi iccitii biyyaa dabarsanii kennuu ilaalchisee seera baʼe kan faallessu akka taʼe ibsuudhaan dhorke.

HIDHAA!

Caamsaa 7, 1918, Kutaan Haqaa, Joovaanii Decheekaa, Joorji Fiisher, Aleksaandar Maakmiilaan, Roobart Maartiin, Fireediriik Roobinsan, Joseef Raazarfoordi, Wiiliyaam Vaan Ambargii fi Kileetan Wuudwoorz qabuuf ajaja baafate. Namoonni kun, “karaa seeraan alaatiin, hamminaan kakaʼanii, taʼe jedhanii namoonni akka hin ajajamne, amanamoo akka hin taane, akkasumas raayyaa waraanaa fi humna waraanaa galaanaa Yunaayitid Isteetis keessatti tajaajiluu akka didan akka godhan” himataman. Waxabajjii 3, 1918 dhimmi isaanii ilaalamuu kan jalqabe taʼus, akka isaanitti murteeffamu hin shakkisiisu ture. Maaliif?

Abbaan alangaa walii galaa Yunaayitid Isteetis seera iccitii biyyaa dabarsanii kennuu ilaalchisee baʼee fi “olola ittisuuf buʼa qabeessa” taʼe akka cabsan isaan himate. Caamsaa 16, 1918 Manni Maree, seera, namoota “wanta dhugaa taʼe, kakaʼumsa gaarii fi sababii gaariidhaan,” maxxansaniif eegumsi akka godhamu ibsu fooyyessuuf yaada dhihaate fudhachuu dide. Wanti isaan irratti wal falman inni guddaan kitaaba Za Finishd Mistirii ture. Galmeen Mana Maree Yunaayitid Isteetis kana ilaalchisee akkana jedheera: “Wantoota ololawwan hamoo akkasiitiif fakkeenya taʼan keessaa tokko kitaaba ‘Za Finishd Mistirii’ jedhamu dha. . . Kitaabni kun loltoonni kaayyoo keenya akka hin fudhanne godha . . . akkasumas labsii nuti baasnu akka morman . . . kakaasa.”

Waxabajjii 20, 1918, namoonni murtii akka kennan filataman obboloonni saddeettanuu wanta ittiin himataman hundumaa irratti balleessaa akka qaban ibsan. Guyyaa itti aanutti abbaan seeraa murtii dabarse. Akkana jedhe: “Ololli amantii himatamtoonni kun lallabanii fi babalʼisan, garee Raayyaa Waraanaa Jarman tokko caalaa hamaa dha. . . . Adabni isaaniif kennamu cimaa taʼuu qaba.” Obboloonni saddeettan kun waggaa 10 hanga 20 kan isaanitti murteeffame siʼa taʼu, torban lama booda Mana Hidhaa Fedaraalaa Atlaantaa Joorjiyaa galan.

HOJIIN LALLABAA ITTI FUFE

Yeroo kanatti Barattoota Kitaaba Qulqulluu irra mormii cimaan gaʼee ture. Biiroon Qorannaa Fedaraalaa (FBI) sochii isaanii gad fageenyaan qoruudhaan, ragaa barreeffamaa kumaan lakkaaʼamu qopheessee ture. Ragaawwan kun obboloonni keenya lallabuu isaanii itti fufuuf murteessanii akka turan argisiisu.

Itti gaafatamaan mana poostaa Orlaandoo Filooriidaa xalayaa FBIf barreesse irratti akkana jedheera: “[Barattoonni Kitaaba Qulqulluu] magaalicha keessatti manaa gara manaa deemanii labsaa jiru, kanas kan godhan irra caalaa halkaniini dha. . . . Haalli isaa caalaatti akka hammaatu gochuu isaanii waan itti fufan fakkaata.”

Koloneelli tokko sochii obboleessi keenya Fireediriik Firaanz inni booda Qaama Ol Aanaa taʼe godhu gabaasuuf biiroo kanaaf barreessee ture. Koloneelli kun, “Fireediriik Firaanz . . . kitaaba ‘Za Finishd Mistirii’ jedhamu kumaan lakkaaʼamu gurguruu irratti ciminaan hirmaatee ture” jedhee barreesseera.

Chaarlis Feekal inni yeroo booda miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajiles ariʼatamni cimaan isa irra gaʼeera. Abbootiin taayitaa kitaaba Za Finishd Mistirii jedhamu raabsuu isaatiin kan kaʼe, kan isa qaban siʼa taʼu, xalayaa inni dhuunfaatti namootaa wajjin waliif barreessu sakattaʼaniiru. Inni ‘Ostiriyaa ishii diina taatee wajjin waltaʼiinsa akka qabutti’ ilaalamee Baaltimoor Meerilaandi keessatti jiʼa tokkoof hidhameera.’ Namoota isa qoraniif ija jabinaan yommuu dhugaa baʼutti, yaada Phaawulos 1 Qorontos 9:16, irratti, “Misiraachicha yoon lallabuu baadhe garuu anaaf wayyoo!” jechuudhaan barreesse yaadatee ture. *

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu misiraachicha hinaaffadhaan labsuu malees, obboloota Atlaantaatti hidhaman gadhiisisuuf, mallattoo iyyannoodhaaf isaan gargaaru ni sassaabu turan. Aanaa Gaardiner wanta yaadattu akkana jechuudhaan ibsiteetti: “Nuti yeroo hunda wanta taʼe tokko ni hojjenna. Yeroo obboloonni keenya mana hidhaa galanitti nuti immoo namoota mallatteessan barbaanna turre. Kana gochuufis manaa gara manaa deemna turre. Mallattoo kuma hedduutti lakkaaʼamu arganneerra! Namoonni kun Kiristiyaanota dhugaa akka taʼanii fi karaa seeraan alaa akka hidhaman namoota haasofsiisnutti himna turre.”

WALGAʼII GUGUDDAA

Yeroo rakkisaa kanatti obboloota karaa hafuuraa jajjabeessuuf, walgaʼii guguddaan irra deddeebiʼee godhama ture. Masaraan Eegumsaa kun akkana jedheera: ‘Waggaa sanatti walgaʼiiwwan guguddaan afurtamaa ol taʼan godhamaniiru. Walgaʼiiwwan kana hunda irraa gabaasawwan nama jajjabeessan ni argamu turan. Sana dura walgaʼiin hundi kan godhamu dhuma bonaatti ykn jalqaba arfaasaa ture; amma garuu waggaa guutuu jiʼa hundumaatti walgaʼiin ni godhama.’

Namoonni garaa qajeelaa qaban amma iyyuu misiraachicha ni fudhatu turan. Walgaʼii Kileevlaandi Ohaayootti godhame irratti namoonni gara 1,200 kan argaman siʼa taʼu, namoonni 42 cuuphamaniiru; isaan keessaa tokko mucaa xinnoo siʼa taʼu, “dinqisiifannaan inni Waaqayyoof qabuu fi of murteessuun isaa namoonni gaʼeessota taʼan hedduun akka qaanaʼan kan godhu ture.”

ITTI AANSUUDHAAN HOO?

Barri 1918 xumuramuu jala yommuu gaʼu, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu waaʼeen gara fuulduraa isaan yaaddessee ture. Qabeenya Biruukiliin jiru keessaa tokko tokko kan gurgurame siʼa taʼu, teessoon waajjira muummees gara Piitisbargi, Pensilvaaniyaatti jijjiirame. Namoonni geggeessitoota taʼan mana hidhaatti rakkachaa kan jiran taʼus, walgaʼii waggaa abbootii aksiyoonii kan biraa Amajjii 4, 1919⁠tti geggeessuuf karoorri ni baʼe. Maaltu taʼe ree?

Obboloonni keenya hojii isaanii cimanii itti fufanii turan. Wanta gara fuulduraatti isaan eeggatu ilaalchisee amanannaa guutuu waan qabaniif, bara 1919f caqasa waggaa, “Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu” jedhu filatan. (Isa. 54:17) Haala akka tasaa jijjiiramuu fi amantii isaanii cimsu, akkasumas hojii guddaa fuuldura isaanii jiruuf isaan qopheessu simachuuf qophaaʼoo turan.

^ key. 6 Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2017 (Ingiliffa) ful. 172-176 irra mata duree “Waggaa Dhibba Tokkoon Dura—1917” jedhu ilaali.

^ key. 22 Seenaa jireenyaa Chaarlis Feekal Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 1969, (Ingiliffa) mata duree, “Hojii Gaarii Hojjechuu Itti Fufuudhaan Gammachuu Argachuu” jedhu ilaali.