Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhugaa Barsiisuu

Dhugaa Barsiisuu

“Yaa Yihowaa, . . . Buʼuurri dubbii keetii dhugaa dha.”—FAR. 119:159, 160, NW.

FAARFANNAA: 29, 53

1, 2. (a) Yesuus jireenya isaa keessatti hojiin inni xiyyeeffannaa guddaa kenneef isa kami? Maaliifi? (b) “Warra Waaqayyoo wajjin hojjennu” taanee milkaaʼina argachuuf maal gochuu qabna?

YESUUS KIRISTOOS anaaxii fi tajaajilaa ture. (Mar. 6:3; Rom. 15:8) Hojiiwwan lamaanuu akka gaariitti beeka ture. Anaaxii waan tureef meeshaalee ittiin hojjetu sirriitti itti fayyadamuu fi muka murame tokko gara miʼa faayidaa qabu tokkootti jijjiiruu akkamitti akka dandaʼu barateera. Akka barsiisaa misiraachichaatti immoo namoonni Dubbii Waaqayyoo akka hubatan gargaaruuf beekumsa Kitaaba Qulqulluu qabutti akka gaariitti itti fayyadameera. (Mat. 7:28; Luq. 24:32, 45) Yesuus yommuu umuriin isaa waggaa 30 taʼu hojii anaaxii hojjechuu dhiiseera; sababiin isaas tajaajilaa taʼuun hojii baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa beeka ture. Kaayyoon Waaqayyo gara lafaatti isa erge inni tokko Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuu akka taʼe dubbateera. (Mat. 20:28; Luq. 3:23; 4:43) Yesuus tajaajilli hojii jireenya isaa keessatti xiyyeeffannaa isa duraa kennuuf akka taʼu kan godhe siʼa taʼu; warri kaanis akkas akka godhan barbaada ture.—Mat. 9:35-38.

2 Nuti anaaxii taʼuu baannus tajaajiltoota misiraachichaa akka taane garuu beekamaa dha. Hojiin kun hojii baayʼee barbaachisaa Waaqayyo irratti hirmaatu waan taʼeef “nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu” jedhamneerra. (1 Qor. 3:9; 2 Qor. 6:4) “Buʼuurri dubbii [Yihowaa] dhugaa” akka taʼe ni amanna. (Far. 119:159, 160, NW) Tajaajila keenya irratti, “dubbii dhugaa sirriitti barsiisuu” keenya mirkanaaʼoo taʼuu kan barbaannu kanaafi. (2 Ximotewos 2:15 dubbisi.) Kanaafuu, waaʼee Yihowaa, Yesuusii fi Mootummichaa barsiisuuf dandeettii meeshaa keenya isa guddaa, jechuunis Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuu guddifachuu keenya itti fufuu qabna. Tajaajila keenya irratti milkaaʼina akka argannu nu gargaaruuf jaarmiyaan Yihowaa meeshaalee buʼuuraa sirriitti baruun nu barbaachisu kan biroo qopheesseera. Meeshaaleen kun Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessatti argamu.

3. Dhugaa baʼuuf yeroo hafe kanatti maal irratti xiyyeeffachuu qabna? Hojiin Ergamootaa 13:48 kana gochuuf kan nu gargaaru akkamitti?

3 Tarii Meeshaalee Buʼuuraa Lallabuuf Itti Fayyadamnu jedhamuu mannaa Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnu kan jedhame maaliifi jettee gaafatta taʼa. “Lallabuu” jechuun ergaa tokko labsuu jechuu siʼa taʼu, ‘barsiisuun’ garuu namni tokko wanta dhagaʼe sana hubatee hojii irra akka oolchu gochuuf barumsicha ibsuufii jechuudha. Dhugaa baʼuuf yeroo hafe kanatti namoonni qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka jalqaban gochuu fi dhugaa barsiisuu irratti xiyyeeffachuu qabna. Kana jechuun warra “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” barbaaduu fi barattoota Kiristoos akka taʼan gargaaruu qabna jechuudha.—Hojii Ergamootaa 13:44-48 dubbisi.

4. Namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” beekuu kan dandeenyu akkamitti? Argachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

4 Warra “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” beekuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma jaarraa jalqabaatti ture karaan namoota akkanaa argachuu itti dandeenyu isaaniif dhugaa baʼuudhaan qofa dha. Kanaafuu, akkuma Yesuus barsiise, ‘magaalaa yookiin ganda kamitti iyyuu yommuu seennu, nama nu simatee ergaa keenya fudhatu barbaaduu’ qabna. (Mat. 10:11) Namoonni garaa qajeelaa hin qabne, warri of tuulanii fi wantoota hafuuraatiif dantaa hin qabne misiraachichaaf deebii gaarii kennu jennee hin eegnu. Kanaafuu namoota amanamoo, gad of qaboo fi dhugaa beelaʼan barbaanna. Barbaacha kana carraaqqii Yesuus yeroo anaaxii turetti muka miʼa manaa, balbala, waanjoo ykn wantoota biraa hojjechuuf taʼu barbaaduuf godhu wajjin wal fakkeessuu dandeenya. Yesuus muka mijataa taʼe erga argatee booda meeshaalee anaaxii ittiin hojjetuu fi dandeettii isaatti fayyadamee miʼa barbaadamu sana hojjechuu dandaʼa. Nutis namoonni garaa qajeelaa qaban barattoota akka taʼan gochuuf yommuu carraaqnu akkasuma gochuu qabna.—Mat. 28:19, 20.

5. Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnu ilaalchisee maal beekuu qabna? Fakkeenya kenni. (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

5 Meeshaaleen buʼuuraa kun tokkoon tokkoon isaanii faayidaa qabu. Meeshaalee anaaxii Yesuus itti fayyadamaa ture akka fakkeenyaatti haa ilaallu. * Meeshaaleen ittiin safaruu fi milikkita ittiin gochuuf, muruuf, boca ittiin baasuuf, uruuf, akkasumas wal qixxeessuuf, dabsuu fi walitti qabsiisuuf gargaaran isa barbaachisu turan. Haaluma wal fakkaatuun tokkoon tokkoon Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnuu faayidaa mataa isaanii qabu. Kanaafuu meeshaalee buʼuuraa nuu kennaman kanaa fi akkamitti akka itti fayyadamnu mee haa ilaallu.

MEESHAALEE NU BEEKSISAN

6, 7. (a) Kaardiiwwan teessoo akkamitti itti fayyadamtu? (b) Waraqaan afeerrii walgaʼii gumii kaayyoo akkamii lama qaba?

6 Kaardiiwwan Teessoo. Kaardiin kun xinnoo taʼus of beeksisuu fi namoota gara weebsaayitii keenyaatti qajeelchuuf meeshaa buʼa qabeessa taʼe dha. Namoonni weebsaayitii keenya yoo argatan waaʼee keenya caalaatti baruu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu gaafachuu illee ni dandaʼu. Namoonni 400,000 ol taʼan karaa weebsaayitii keenyaa qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu akka isaaniif geggeeffamu gaafataniiru, akkasumas namoonni dhibbaan lakkaaʼaman guyyaa guyyaadhaan ni gaafatu! Sochii guyyaa guyyaadhaan gootu irratti carraa argattutti fayyadamtee dhugaa baʼuuf kaardii kana muraasa qabachuu dandeessa.

7 Waraqaa afeerrii. Waraqaa afeerrii gumii kan jedhamu kaayyoo lama qaba. Waraqaan kun, “Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu afeeramteetta” jedha. Akkasumas, “walgaʼii keenya irratti” ykn “Dhugaa Baatuu tokkoo wajjin” qoʼachuun akka dandaʼamu ibsa. Kanaafuu, meeshaan kun eenyummaa keenya beeksisuu malees, namoonni “wantoota hafuuraa dheebotan” kaan nu wajjin Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan afeera. (Mat. 5:3) Dhugaa dha, namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼatanis qoʼachuu baatanis, walgaʼii keenya irratti argamuu yoo barbaadan gammachuudhaan simanna. Walgaʼii keenya irratti yoo argaman, barumsa Kitaaba Qulqulluu isa dhugaa ilaalchisee wanta nuti barsiisnu arguu fi dhagaʼuu dandaʼu.

8. Namoonni walgaʼii keenya irratti yoo xinnaate al tokko argamuun isaanii hangam barbaachisaadha? Fakkeenya kenni.

8 Namoonni yoo xinnaate al tokko walgaʼii keenya irratti akka argaman afeeruu keenya itti fufuun baayʼee barbaachisaadha. Maaliifi? Namoonni kun garaagarummaa guddaa naannoo karaa hafuuraa badhaadhaa bakka walgaʼii keenyaatti mulʼatuu fi haala hafuuraa onaa Baabilon Guddittii keessatti argamu gidduu jiru arguu dandaʼu. (Isa. 65:13) Hiriyoonni gaaʼelaa Yunaayitid Isteetis keessa jiranii fi Reeyii fi Liindaa jedhaman waggoota muraasa dura kana hubataniiru. Isaan waldaa dhaquun akka isaan barbaachisu murteessan. Waaqayyotti kan amanan siʼa taʼu, fedhii hafuuraa isaanii guuttachuu akka qaban isaanitti dhagaʼame, kanaafuu, gara waldaawwan magaalaa isaanii keessa jiran hundumaa dhaquu jalqaban. Waldaawwanii fi gareewwan amantii hedduun jiru turan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun jalqabumaa kaasanii waldaan isaan miseensa itti taʼuu qaban, ulaagaa lama guutuu akka qabu murteessan. Ulaagaan isaan baasan kun tokkoffaa, walgaʼii isaanii irratti wanta tokko barachuu qabna, lammaffaa immoo, miseensonni waldaa sanaa namoota Waaqayyoon bakka buuna jedhan fakkaachuu qabu kan jedhu ture. Waggoota hedduu booda waldaawwan magaalaa sana keessa jiran hundumaa kan dhaqan taʼus, baayʼee abdii kutatan. Wanta tokko illee hin baranne, akkaataan namoonni waldaa dhaqan ittiin of miidhagsanis ulfina kan hin qabne ture. Waldaawwan dhaquuf galmeeffatan keessaa isa dhumaatii yommuu baʼan, Liindaan gara hojii ishii deemte, Reeyi immoo gara manaatti qajeele. Gara mana isaatti deemaa utuu jiruu Galma Walgaʼii tokko bira yommuu gaʼu, ‘Seenee maal akka isaan taʼan maaliifan hin ilaalu?’ jedhee yaade. Dhugaa dubbachuuf, kun wanta inni arge hundumaa kan caalu ture! Namoonni Galma Walgaʼii sana keessa jiran hundi miira hoʼaa kan qaban, namatti kan dhihaatanii fi seeraan kan uffatan turan. Reeyi tarree jalqabaa irra kan taaʼe siʼa taʼu, wanta barates ni jaallate! Haalli kun isa Phaawulos ergamaan namicha yeroo jalqabaatiif gara walgaʼii Kiristiyaanaa dhufee fi “Dhuguma Waaqayyo isin gidduu jira” jechuudhaan dubbatee wajjin wal fakkaata. (1 Qor. 14:23-25) Reeyi sana booda Dilbata yeroo hunda walgaʼii irratti argame; achiis walgaʼii torban gidduutti godhamu irratti argamuu jalqabe. Liindaanis walgaʼii irratti argamuu kan jalqabde siʼa taʼu, umurii isaanii waggoota 70mmaniitti Kitaaba Qulqulluu qoʼatanii cuuphamaniiru.

MEESHAAWWAN MAREE JALQABUUF GARGAARAN

9, 10. (a) Tiraaktonni itti fayyadamuuf salphaa kan taʼan maaliifi? (b) Tiraaktii Mootummaan Waaqayyoo Maalidha? jedhu akkamitti itti fayyadamuun akka dandaʼamu ibsi.

9 Tiraaktota. Tiraaktota akka gaariitti maree jalqabuuf salphaatti itti fayyadamuu dandeenyu saddeet qabna. Tiraaktonni kun bara 2013tti erga baʼanii kaasee, gara biliyoona shanii kan taʼan maxxanfamaniiru! Gaarummaan tiraaktota kanaa, hundi isaanii waan wal fakkaataniif, isa tokkotti fayyadamuu yoo baranne hunda isaanitti fayyadamuu dandeenya. Nama tokko maree jalqabsiisuuf tiraaktii tokkotti akkamitti fayyadamuu dandeessu?

10 Tiraaktii Mootummaan Waaqayyoo Maalidha? jedhu filachuu dandeessu taʼa. Gaaffiiwwan fuula tiraaktichaa irra jiran namichatti argisiisuudhaan akkas jedhaa gaafadhaa, “Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼe gaafattee beektaa? Maal sitti fakkaata . . . ?” Achiis deebii sadan keessaa isa kam akka filatu gaafadhaa. Deebiin inni filate sirrii ykn dogoggora taʼuu isaa utuu hin dubbatin, fuula itti aanu irraa mata duree “Macaafni Qulqulluun Maal Jedha” jedhu baasaatii caqasoota achi irra jiran, jechuunis Daaniʼel 2:44 fi Isaayaas 9:6 ibsaafii. Kan dandaʼamu taanaan maree keessan itti fufaa. Xumura maree keessanii irratti mata duree “Wantoota Kanarratti Yaadi” jedhuu fi duuba tiraaktichaa irraa jiru jalaa, yaada “Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti jireenyi maal fakkaata?” jedhu itti argisiisaa. Kun maree yeroo itti aanu nama sanaa wajjin gootaniif buʼuura taʼa. Lammata yeroo wal argitan, birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhuu fi meeshaa ittiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisnu keessaa tokko taʼe barumsa 7ffaa itti argisiisuu dandeessa.

MEESHAAWWAN AMANTII NAMAA GUDDISAN

11. Barreeffamoonni keenya maal raawwachuuf qophaaʼu? Taʼus, waaʼee isaanii maal beekuu qabna?

11 Barruulee. Masaraan Eegumsaa fi Dammaqaan addunyaa irratti barreeffamoota balʼinaan maxxanfamanii fi hiikamani dha! Barreeffamoonni kun addunyaa irratti balʼinaan waan raabsamaniif, mata dureen qola isaanii irra jiru namoota bakka hunda jiran akka hawwatan godhamanii qophaaʼu. Meeshaawwan kana namoonni wanta yeroo harʼaa jireenya isaanii keessatti barbaachisaa taʼe irratti akka xiyyeeffatan gargaaruuf itti fayyadamuu qabna. Kanaafuu barreeffamoota kana namoota isaaniif maluuf kennuu kan qabnu taʼus, tokkoon tokkoon isaanii eenyuuf akka qophaaʼan beekuu qabna.

12. (a) Dammaqaan eenyuuf qophaaʼa? Kaayyoon isaa hoo maali dha? (b) Meeshaa kanatti fayyadamuudhaan dhiheenyatti milkaaʼina akkamii argattaniittu?

12 Dammaqaan namoota beekumsa Kitaaba Qulqulluu xinnoo qabaniif ykn homaa hin qabneef qophaaʼa. Namoonni akkasii tarii waaʼee barumsa Kiristiyaanaa homaa kan hin beekne, waaʼee amantii hamma tokko shakkii kan qaban ykn Kitaabni Qulqulluun faayidaa qabaachuu isaa kan hin beekne taʼuu dandaʼu. Kaayyoon Dammaqaa! inni guddaan Waaqayyo jiraachuu isaa namoota dubbisan amansiisuu dha. (Rom. 1:20; Ibr. 11:6) Kana malees namoonni dubbisan, Kitaabni Qulqulluun, “dhuguma . . . dubbii Waaqayyoo” taʼuu isaa irratti amantii qaban akka guddifatan gargaaruu dha. (1 Tas. 2:13) Mata dureewwan qola isaanii irra jiran sadan * kan bara 2018f qophaaʼan, “Daandii Gammachuu,” “Iccitii Milkaaʼina Maatii 12,” fi “Gargaarsa Warra Gaddaniif Taʼu” kan jedhani dha.

13. (a) Masaraan Eegumsaa maxxansi sabaa eenyuuf qophaaʼa? (b) Meeshaa kanatti fayyadamuudhaan dhiheenyatti buʼaa akkamii argattaniittu?

13 Masaraan Eegumsaa, maxxansi sabaa wantoota karaa hafuuraa namoota Waaqayyoo fi Dubbii isaatiif hamma tokko kabaja qabaniif barbaachisu irratti xiyyeeffata. Namoonni kun hamma tokko beekumsa Kitaaba Qulqulluu kan qaban taʼus, barumsa isaa sirriitti hin hubatan. (Rom. 10:2; 1 Xim. 2:3, 4) Mata dureewwan qola isaanii irra jiran sadan kan bara 2018 gaaffiiwwan, “Kitaabni Qulqulluun Bara Keenyaaf ni Hojjetaa?,” “Yeroon Gara Fuulduraa Maal Fidee Dhufa?,” fi “Waaqayyo Siif ni Yaadaa?” jedhaniif deebii kennu.

MEESHAAWWAN NAMA KAKAASAN

14. (a) Viidiyoowwan Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessatti argaman arfan kaayyoon isaanii maali dha? (b) Viidiyoowwan kana argisiisuudhaan buʼaa akkamii argattaniittu?

14 Viidiyoowwan. Bara Yesuusitti namni hojii mukaa hojjetu tokko meeshaa harkaa qofatti fayyadama ture. Yeroo ammaa garuu namoonni hojii mukaa hojjetan, meeshaalee elektiriikiidhaan hojjetan, magaazii, urtuu, meeshaa ittiin wal qixxeessan, meeshaa ittiin mismaara galchanii fi kan biroo qabu. Yeroo ammaa barreeffamoota maxxansuu malees, viidiyoowwan babbareedoo qabna; isaan keessaa arfan kanatti aananii jiru: Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi?, Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama?, Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama?, fi Dhugaa Baatonni Yihowaa Eenyu? Viidiyoowwan daqiiqaa lamaa gadi taʼan yeroo dhugaa baanutti buʼa qabeeyyii dha. Warra dheeraa taʼan yeroo deddeebii gaaffii goonuttii fi namoota yeroo dheeraa qabaniif itti fayyadamuu dandeenya. Meeshaawwan gaggaarii taʼan kun namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatanii fi walgaʼii keenya irratti akka argaman isaan kakaasuu dandaʼu.

15. Viidiyoowwan keenya qooqa isaaniitiin ilaaluun namoota irratti dhiibbaa akkamii akka godhu fakkeenyaan ibsi.

15 Kana fakkeenyaan ibsuuf, obboleettiin takka dubartii biyya Maayikirooneeshiyaatii dhuftee fi afaan dhalootaa ishii Yaapiis taʼe yommuu argattu, viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? jedhu afaan ishiitiin itti argisiiste. Viidiyoon sun taphachuu yommuu jalqabu, dubartiin sun, “Kun qooqa koo ti. Ani kana hin amanu! Akkaataa dubbii isaa irraa nama biyya kootii akka inni taʼe beekuu dandaʼeera. Inni qooqa koo dubbata!” jette. Sana booda, wantoota qooqa ishiitiin jw.org irratti baʼan hundumaa akka dubbistuu fi akka ilaaltu dubbatte. (HoE. 2:8, 11 wajjin wal bira qabii ilaali.) Muuxannoo kan biraas ilaalaa. Obboleettiin Yunaayitid Isteetis keessa jiraattu takka, viidiyoodhuma kana isa qooqa isaatiin qophaaʼe ilma obboleessa ishii biyya alaa jiraatuuf ergite. Innis erga ilaalee booda iimeelii ishiidhaaf godhe irratti akkas jedheera: “Kutaan inni addunyaan toʼannaa humna isa hamaa jala akka jiru dubbatu xiyyeeffannaa koo harkiseera. Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu akka naaf godhamu gaafadheera.” Namni kun biyya hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraata!

MEESHAAWWAN DHUGAA BARSIISUUF GARGAARAN

16. Kaayyoo tokkoon tokkoon birooshuroota kanaa ibsi: (a) Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu. (b) Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! (c) Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?

16 Birooshuroota. Nama dandeettii dubbisuu muraasa qabu ykn barreeffamni qooqa isaatiin qophaaʼe hin jirre akkamitti dhugaa barsiisuu dandeenya? Meeshaa kanaaf gargaaru qabna, innis birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu * jedhudha. Meeshaa gaariin qoʼannaa jalqabuuf gargaaru, birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhudha. Mata dureewwan 14 duuba birooshurichaa irra jiran itti argisiisuudhaan, caalaatti xiyyeeffannaa isaa kan harkise isa kam akka taʼe gaafachuu dandeessu. Achiis barumsa sanatti fayyadamaatii qoʼannaa jalqabsiisaa. Yeroo deddeebii gaaffii gootanitti mala kanatti fayyadamuuf yaaltanii beektuu? Birooshurri meeshaalee buʼuuraa barsiisuuf itti fayyadamnu keessa jiru inni sadaffaan immoo Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi? isa jedhudha. Birooshurri kun barattoonni jaarmiyichaa wajjin akka wal baran gochuuf kan qophaaʼe dha. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yeroo geggeessitan hundatti akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessan beekuuf, Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Bitootessa 2017 ilaalaa.

17. (a) Kaayyoon tokkoon tokkoon kitaabota qoʼannaa maali dha? (b) Namoota cuuphamuuf guddina gochaa jiran hundumaa irraa maaltu barbaadama? Maaliifi?

17 Kitaabota. Birooshura tokkotti fayyadamtanii qoʼannaa erga jalqabdanii booda, yeroo kamitti iyyuu gara kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhutti jijjiiruu ni dandeessu. Meeshaan kun barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee beekumsa namichi sun qabu isaaf guddisa. Kitaaba kana erga xumurtanii booda, barataan sun guddina hafuuraa gochaa jira yoo taʼe, qoʼannaa keessan kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”  * jedhutti fayyadamuudhaan itti fufaa. Meeshaan kun barataan sun dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti akkamitti akka hojii irra oolchu isa barsiisa. Namoonni haaraan, erga cuuphamanii booda illee kitaabota kana lamaan hamma xumuranitti qoʼannaa isaanii itti fufuu akka qaban yaadadhaa. Kana gochuun isaanii dhugaa keessatti hundee cimaa akka qabaatan isaan gargaara.—Qolosaayis 2:6, 7 dubbisi.

 18. (a) Namoota dhugaa barsiisnu waan taaneef, 1 Ximotewos 4:16 maal akka goonu nu jajjabeessa? Kunoo buʼaan isaa maali dha? (b) Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnutti yommuu gargaaramnu galmi keenya maal taʼuu qaba?

18 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, ‘ergaan dhugaa misiraachichaa’ inni namoota gara jireenya bara baraatti geessu adaraadhaan nutti kennameera. (Qol. 1:5; 1 Ximotewos 4:16 dubbisi.) Kana galmaan gaʼuuf, Meeshaaleen Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnu nuuf kennamaniiru. (“ Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnu” ilaali.) Meeshaawwan kana hamma dandaʼame akka gaariitti itti haa fayyadamnu. Babalʼistoonni hundi nama fedhii qabu tokkoof barreeffama isa kam kennuu fi yoom kennuu akka qaban murteessuu dandaʼu. Taʼus, kaayyoon keenya barreeffama raabsuu qofa miti; namoota ergaa keenyaaf fedhii hin qabneef barreeffama kennuus hin qabnu. Galmi keenya namoota garaa qulqulluu qaban, gad of qaboo taʼanii fi beela hafuuraa qaban jechuunis namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” barattoota gochuu dha.—HoE. 13:48; Mat. 28:19, 20.

^ key. 5 Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2010, (Amaariffa) mata duree “Anaaxicha” jedhuu fi saanduqa “Meeshaalee Anaaxichaa” jedhu ilaali.

^ key. 12 Barruun Dammaqaa! yeroo ammaa Afaan Oromootiin hin argamu. Afaan Ingiliffaa fi Amaariffaan garuu argachuun ni dandaʼama.

^ key. 16 Namichi sun dubbisuu hin dandaʼu yoo taʼe, birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhuu fi gara caalaan isaa fakkii qabateen akka isin hordofu gochuu dandeessu.

^ key. 17 Kitaabni Jaalala Waaqayyoo Keessaa Utuu hin Baʼin Jiraadhaa jedhamu Afaan Oromootiin yommuu baʼu, bakka isa kanaa itti hojjetamuu qaba.