Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhugaa Dubbachuu

Dhugaa Dubbachuu

“Walii walii keessanitti dhugaa dubbadhaa!”—ZAK. 8:16.

FAARFANNAA: 56, 124

1, 2. Wanti sanyii namootaa irratti dhibbaa hunda caalaa gadhee taʼe geessise maali dha? Kanaaf kan itti gaafatamu hoo eenyu dha?

BILBILLI, ampooliin, konkolaataa fi firiijiin wantoota namoonni kalaqanii fi jireenya namootaa fooyyessan keessaa muraasa dha. Wantoonni namoonni kalaqan kan akka qawwee, fanjii, sijaaraa fi boombii atoomikii immoo jireenya namootaa balaadhaaf saaxilaniiru. Haa taʼu malee, meeshaan wantoota kana hunda dura turee fi ilmaan namootaa irratti dhiibbaa gadhee geessise tokko jira. Meeshaan kun maali dha? Soba dha! Soba jechuun, nama tokko dogoggorsuuf jennee wanta dhugaa akka hin taane beeknu tokko dubbachuu jechuu dha. Qaamni soba dubbate inni jalqabaa eenyu dha? Yesuus Kiristoos, “Diyaabilos” “abbaa sobaa” akka taʼe ibseera. (Yohaannis 8:44 dubbisi.) Diyaabilos soba isa jalqabaa kan dubbate yoomi?

2 Kun kan taʼe waggoota kumaan lakkaaʼamaniin dura dhaaba Eeden keessatti dha. Hiriyoonni gaaʼelaa warri jalqabaa Addaamii fi Hewaan Jannata Uumaan isaanii isaanif qopheesse keessa gammachuudhaan jiraatu turan. Diyaabilos dhimma kana keessa kan gale yeroo kanatti ture. Waaqayyo hiriyoonni gaaʼelaa kun “ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan” irraa akka hin nyaanne akka isaan ajajee fi ajaja kana immoo yoo cabsan akka duʼan ni beeka ture. Taʼus, Seexanni bofatti fayyadamuudhaan Hewaaniin matumaa, “Hin duutan [soba isa jalqabaa]; isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka” ishiidhaan jedhe.—Uma. 2:15-17; 3:1-5.

3. Sobni Seexanaa hamminaan kan guutame dha jedhamuu kan dandaʼu maaliifi? Kuni hoo maal geessiseera?

3 Sobni Seexanaa hamminaan kan guutamedha, sababiin isaas Hewaan isa amantee mukicha irraa yoo nyaate akka ishiin duutu guutummaatti beeka ture. Hewaanii fi Addaam lamaanuu Yihowaadhaaf ajajamuu waan didaniif yeroo booda duʼaniiru. (Uma. 3:6; 5:5) Dabalataanis, karaa cubbuu isaanii kana, “duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.” Dhuguma iyyuu, “namoota cubbuu Addaam ajajamuu diduudhaan hojjetee wajjin wal fakkaatu hin hojjenne irratti illee, duuti . . . akka mootiitti moʼeera.” (Rom. 5:12, 14) Akkuma kaayyoo Waaqayyoo isa duraatti jireenya mudaa fi dhuma hin qabneen gammaduu mannaa “Barri jireenyaa keenya waggaa 70, cimina addaa yoo qabaanne immoo waggaa 80 dha.” Taʼus, jireenyi yeroo baayʼee “rakkinaa fi gaddaan kan guutame dha.” (Far. 90:10, NW) Soba Seexanaatiin kan kaʼe wantoonni kun hundi dhufuun isaanii baayʼee gaddisiisaa dha.

4. (a) Gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii kennuu qabna? (b) Faarfannaan 15:1, 2, akka ibsutti michuu Yihowaa taʼuu kan dandaʼu eenyu?

4 Yesuus hojii Seexanaa yommuu ibsu: “Dhugaan isa keessa waan hin jirreefis dhugaatti jabaatee hin dhaabanne” jedheera. Soba isaatiin ‘guutummaa lafaa dogoggorsaa’ waan jiruuf yeroo ammaatti iyyuu dhugaan isa keessa hin jiru. (Mul. 12:9) Nuti Diyaabilos akka nu dogoggorsu hin barbaannu. Mee gaaffiiwwan sadan armaan gadii haa ilaallu: Seexanni namoota kan dogoggorsu akkamitti? Namoonni yeroo baayʼee kan soban maaliifi? Kana malees, akka Addaamii fi Hewaan michooma Yihowaa wajjin qabnu matumaa akka hin dhabne yeroo hunda ‘dhugaa akka dubbannu’ argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?—Faarfannaa 15:1, 2 dubbisi.

SEEXANNI NAMOOTA KAN DOGOGGORSU AKKAMITTI?

5. Seexanni yeroo harʼaa ilmaan namootaa kan dogoggorsu akkamitti?

5 Phaawulos ergamaan ‘nuti Seexanaan gowwoomfamuu’ irraa of eeguu akka dandeenyu dubbateera; “sababiin isaas nuti akeeka isaa beekna.” (2 Qor. 2:11) Amantii sobaa, sirna siyaasaa mancaʼaa taʼee fi sirna daldalaa sassataan guutame dabalatee guutummaan addunyaa toʼannaa Diyaabilos jala akka jiru beekna. (1 Yoh. 5:19) Seexannii fi jinniiwwan isaa namoonni iddoo ol aanaa irra jiran ‘soba akka dubbatan’ dhiibbaa isaan irratti gochuun isaanii nu hin dinqisiisu. (1 Xim. 4:1, 2) Fakkeenyaaf, namoonni hojii daldalaa guguddaa irratti bobbaʼan karaa beeksisawwan isaanii, oomisha miidhaa geessisan gurguruuf soba dubbatu ykn qarshii namootaa fudhachuuf isaan gowwoomsu.

6, 7. (a) Keessumaa geggeessitoonni amantii soba dubbatan kan itti gaafataman maaliifi? (b) Soba geggeessitoonni amantii dubbatan akkamii dhageesseetta?

6 Keessattuu geggeessitoonni amantii soba dubbatan jireenya gara fuulduraa warra soba isaanii amananii balaadhaaf waan saaxilaniif geggeessitoonni kun itti gaafatamu. Namni tokko barumsa sobaa yoo fudhatee fi gochawwan Waaqayyo balaaleffatu yoo raawwate carraa barabaraaf jiraachuuf qabu dhabuu dandaʼa. (Hos. 4:9) Yesuus geggeessitoonni amantii bara isaatti turan gowwoomsaa akkanaatiif akka itti gaafataman beeka ture. Akkana jechuudhaan kallattiidhaan isaanitti dubbateera: “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana isiniif wayyoo! Isin namni tokko akka jijjiiramu gochuuf galaanaa fi lafa gogaa irra joortu; namichi yommuu amanticha fudhatus isin caalaa dachaa lama nama Gahaannamiif [badiisa barabaraatiif] malu akka taʼu isa gootu” (Mat. 23:15, milj.) Yesuus geggeessitoota amantii sobaa kanneen jechoota ciccimoodhaan isaan balaaleffateera. Dhuguma iyyuu isaan ‘kan abbaa isaanii kan Diyaabilos, isa nama ajjeesuu ti.’—Yoh. 8:44.

7 Yeroo harʼaa addunyaa irra geggeessitoonni amantii paastaroota, qeesotaa fi rabbii jedhaman ykn maqaa kan biraatiin waamaman hedduun jiru. Akkuma Fariisotaa isaanis dhugaa Dubbii Waaqayyoo irra jiru hin barsiisan; kanaa mannaa ‘dhugaa Waaqayyoo sobatti jijjiiru.’ (Rom. 1:18, 25) Isaan barumsawwan sobaa kan akka, “namni yeroo tokko fayye yeroo hundumaa fayyeera,” lubbuun namaa hin duutu, riiʼinkaarneeshinii fi yaada dogoggoraa, Waaqayyo akkaataa jireenyaa namoota saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwatanii fi gaaʼela isaanii ni heyyama jedhu babalʼisu.

8. Namoonni siyaasaa yeroo dhihootti soba akkamii akka dubbatan eegna? Nuti hoo deebii akkamii kennuu qabna?

8 Namoonni siyaasaa ilmaan namootaa dogoggorsuuf sobatti fayyadamu. Soba kana keessaa inni guddaan labsii namoonni “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jechuudhaan labsan siʼa taʼu, kunis yeroo dhihootti ni dhagaʼama. Haa taʼu malee, “badiisni itti hin yaadamne battaluma sanatti isaan irra gaʼa.” Yaalii sirni kun hamaa taʼuu isaa salphisnee akka ilaallu gochuuf godhamu kanaan gowwoomfamuu hin qabnu! Dhugaa dubbachuuf, “guyyaan Yihowaa akkuma hattuun halkaniin dhufutti akka dhufu” nuti akka gaariitti beekna.—1 Tas. 5:1-4.

NAMOONNI YEROO BAAYʼEE KAN SOBAN MAALIIFI?

9, 10. (a) Namoonni kan soban maaliifi? Kuni hoo maal geessise? (b) Waaʼee Yihowaa maal yaadachuu qabna?

9 Argannoo haaraan tokko yeroo baayʼee beekamu yeroo booda baayʼinaan oomishama. Soba wajjin haala wal qabateenis wanti raawwatame kana wajjin tokkodha. Soba babalʼisuun hawaasa yeroo harʼaa jiru keessatti baramaadha, akkasumas namoota kan gowwoomsan warra beekamoo taʼan qofa miti. Barreeffamni “Kan Sobnu Maaliifi?” jedhuu fi Yuudiit Baatchaarjiin qophaaʼe tokko akkana jedha, “sobni amala namoota keessatti hundee cimaa godhate akka taʼetti ilaalamaa dhufeera.” Namoonni yeroo baayʼee kan soban balaa irraa of eeguuf ykn beekamtii argachuufi. Kana malees, namoonni dogoggoraa fi balleessaa isaanii dhoksuuf ykn maallaqaa fi buʼaa dhuunfaa kan biraa argachuuf sobu. Barreeffamni olitti ibsame akka dubbatutti namoonni “karaa guddaas taʼe xiqqaadhaan namoota hin beeknetti, warra isaan wajjin hojjetanitti, hiriyoota isaaniittii fi namoota jaalatanitti soba dubbachuun isaanitti hin ulfaanne jiru.”

10 Sobni kun hundi maal geessise? Wal amantiin akka dhabamuu fi hariiroon namoota gidduu jiru akka badu godheera. Fakkeenyaaf, haati manaa takka abbaa manaa ishii amanamaa taʼe gowwoomsuun ishii fi dhimma naamusaan ala taʼe tokko dhoksuuf sobuun ishii hammam akka nama gaddisiisu yaadaa. Yookiin immoo namni dhoksaatti haadha manaa isaa fi ijoollee isaa irra miidhaa geessisu tokko namoota biratti abbaa manaa fakkeenya gaarii taʼu yommuu of fakkeessu yaadaa. Haa taʼu malee, namoonni sobduun akkanaa wanta kam iyyuu Yihowaa jalaa dhoksuu akka hin dandeenye yaadachuu qabna; sababiin isaas wanti hundi isa duratti “qullaa fi ifatti kan baafame dha.”—Ibr. 4:13.

11. Fakkeenyi gadheen Hanaaniyaa fi Saphiiraa maal nu barsiisa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

11 Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼanii fi jaarraa jalqabaatti turan tokko Waaqayyoon sobuuf ‘Seexanni akka ija jabaatan’ kan isaan godhe akkamitti akka taʼe dubbata. Hanaaniyaa fi Saphiiraan ergamoota gowwoomsuuf garaa isaanii keessatti yaadanii turan. Qabeenya isaanii erga gurguranii booda wanta gurguran irraa muraasa qofa kennan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun buusii godhaniin gumii fuulduratti arjaa fakkaatanii mulʼachuu waan barbaadaniif qarshii hundumaa akka kennan ergamootatti himan. Taʼus, Yihowaan wanta isaan raawwatan waan argeef, isaan adabeera.—HoE. 5:1-10.

12. Namoota sobanii fi yaada isaanii hin jijjiirranne maaltu isaan eeggata? Maaliifi?

12 Soba ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? Seexannii fi warri sobuudhaan isa fakkaatan akkasumas yaada isaanii hin jijjiirranne hundi gara ‘haroo ibiddaatti’ deemaa jiru. (Mul. 20:10; 21:8; Far. 5:6) Maaliifi? Sababiin isaas Yihowaan namoota soban akkanaa ‘warra gochi isaanii Waaqayyo duratti jibbisiisaa taʼe’ wajjin tokko akka taʼanitti ilaala.—Mul. 22:15, milj.

13. Waaʼee Yihowaa maal beekna? Beekumsi kuni hoo maal gochuuf nu kakaasa?

13 Yihowaan ‘akka namaa akka hin sobne’ beekna. Dhuguma iyyuu inni, ‘Waaqa sobuu hin dandeenye dha.’ (Lak. 23:19; Ibr. 6:18) ‘Waaqayyo arraba sobu in jibba.’ (Fak. 6:16, 17) Isa biratti fudhatama argachuuf ulaagaa isaa isa dhugaa taʼeen jiraachuu qabna. Kanaafuu nuti ‘wal hin sobnu.—Qol. 3:9.

NUTI ‘DHUGAA DUBBANNA’

14. (a) Miseensota amantii sobaa irraa adda akka taane argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Dhugaa buʼuuraa Luqaas 6:45 irra jiru ibsi.

14 Kiristiyaanonni dhugaan miseensota amantii sobaa irraa karaan itti adda taʼan tokko maalidha? Nuti ‘dhugaa dubbanna.’ (Zakaariyaas 8:16, 17 dubbisi.) Phaawulos, ‘[Nuti] akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessina, kanas kan goonu, wanta dhugaa taʼe dubbachuudhaani’ jedhee ibseera. (2 Qor. 6:4, 7) Yesuus, “Afaan wanta garaa keessa guute dubbata” jedheera. (Luq. 6:45) Kanaafuu namni gaariin tokko garaa isaa keessatti dhugaa yommuu dubbatu dubbii dhugaan afaan isaa keessaa baʼa. Karaa guddaadhaanis taʼe xinnaa namoota hin beeknetti, warra isa wajjin hojjetanitti, hiriyoota isaattii fi namoota jaalatutti dhugaa dubbata. Waan hundumaan amanamoo taʼuuf yaalaa akka jirru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe fakkeenyota ibsan tokko tokko mee haa ilaallu.

Rakkina jireenya obboleettii shamarree tanaa argitee? (Keeyyata 15, 16 ilaali)

15. (a) Jireenya bifa lama qabu jiraachuuf yaaluun matumaa ogummaa kan hin taane maaliifi? (b) Dargaggoonni dhiibbaa hiriyaa gaarii hin taane dandamachuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.)

15 Dargaggeessa yoo taate hiriyoota kee biratti fudhatama argachuu barbaadda taʼa. Jireenya bifa lama qabu jiraachuudhaan, wanta namoonni tokko tokko godhan akka hin raawwanne mirkanaaʼaa taʼi. Namoonni akkanaa maatii fi gumii keessatti nama qulqulluu kan fakkaatan siʼa taʼu dargaggoota kaanii fi weebsaayitii hawaasaa irratti immoo guutummaatti nama kan biraa taʼu. Jechoota gadhee dubbatu, uffata seera hin qabne uffatu, muuziqaa gadhee taʼe dhaggeeffatu, alkoolii ykn qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatu, saala faallaa wajjin dhoksaatti waliin baʼu akkasumas wantoota gadhee taʼan kan biroo raawwatu taʼa. Kana malees, jireenya sobaa jiraatu, warra isaanii, namoota hidhata amantii isaanii taʼanii fi Waaqayyoon ni sobu. (Far. 26:4, 5) Yihowaan yommuu nuti ‘afaan keenyaan [qofa] ulfina isaaf kenninuu fi garaan keenya garuu baayʼee isa irraa fagoo taʼu’ ni beeka. (Mar. 7:6) Yaada fakkeenya irra jiruu fi, “Yeroo hundumaa garaan kee sodaa Waaqayyoof haa hinaafu malee, cubbamootatti hin hinaafin!” jedhu hojii irra oolchuun keenya baayʼee gaariidha.—Fak. 23:17. *

16. Mirga tajaajila yeroo guutuu argachuuf yommuu gaafannu dhugaa dubbachuu kan qabnu maaliifi?

16 Tarii qajeelchaa taatee tajaajiluu ykn gosa tajaajila yeroo guutuu kan biraa irratti fakkeenyaaf Betʼel galtee tajaajiluu barbaadda taʼa. Yeroo foormii guuttu waaʼee fayyaa keetii, filannoo bashannanaa kee fi naamusaa kee gaaffiiwwan dhihaataniif amanamummaadhaan deebii sirrii taʼe kennuun kee barbaachisaadha. (Ibr. 13:18) Wanta Yihowaan jibbu ykn qalbii kee jeequ yoo raawwattee fi waaʼee isaa jaarsolii gumiitti hin himne yoo taʼe hoo? Qalbii qulqulluudhaan tajaajiluu akka dandeessuuf akka si gargaaran gaafadhu.—Rom. 9:1; Gal. 6:1.

17. Waaʼee obboloota keenyaa namoota nu ariʼatanitti yommuu dubbannu maal gochuu qabna?

17 Fakkeenyaaf, abbootiin taayitaa biyya keessa jiraattutti hojii Mootummichaa dhorkaniiru yoo taʼee fi ati immoo waaʼee obbolootaa gaafatamuuf waamamteetta yoo taʼe maal goota? Wanta beektu hunda itti himuu qabdaa? Yesuus bulchaa Roomaatiin yommuu gaafatametti maal godhe? Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu, “calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba,” jedhu wajjin haala wal simuun Yesuus yeroo tokko tokko waan tokko iyyuu hin dubbatu ture! (Lal. 3:1, 7; Mat. 27:11-14) Haala akkanaa keessatti obboloota keenya balaadhaaf akka hin saaxille ogeeyyii taʼuu fi of eeggannoo gochuu qabna.—Fak. 10:19; 11:12.

Yeroo itti callistuu fi yeroo itti dhugaa jiru hunda dubbattu kan murteessitu akkamitti? (Keeyyata 17, 18 ilaali

18. Waaʼee obboloota keenyaa jaarsoliitti yommuu dubbannu itti gaafatamummaa akkamii qabna?

18 Namni gumii keessa jiru tokko cubbuu cimaa yoo hojjetee fi ati immoo waaʼee kanaa beekta yoo taʼe hoo? Jaarsoliin, gumichi karaa naamusaa qulqulluu akka taʼu gochuuf itti gaafatamummaa qaban waaʼee kanaa wanta beektu si gaafachuu dandaʼu. Keessattuu michuu kee dhihoo ykn fira kee yoo taʼe maal goota? “Namni dubbii dhugaa dubbatu qajeelummaa mulʼisa.” (Fak. 12:17; 21:28) Kanaafuu utuu homaa hin dhoksin ykn hin jalʼisin wanta beektu hundumaa jaarsoliitti himuuf itti gaafatamummaa qabda. Namni cubbuu hojjete sun hariiroo Yihowaa wajjin qabu deebisee akka haaressu gargaaruu akka dandaʼaniif jaarsoliin gumii dhugaa isaa beekuuf mirga qabu.—Yaq. 5:14, 15.

19. Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii baranna?

19 Daawit faarfatichi, “Ati keessa namummaa namaatti amanamummaa arguutti in gammadda” jechuudhaan gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera. (Far. 51:6) Daawit dhugaa dubbachuun keessa keenyaa jechuunis garaa keenya keessaa akka dhufu beeka ture. Kiristiyaanonni dhugaan kallattii jireenyaa isaanii hunda keessatti ‘walii isaaniitti dhugaa dubbatu.’ Akka tajaajiltoota Waaqayyootti karaan adda taʼuu keenya argisiisuu itti dandeenyu kan biraan immoo tajaajila keenya irratti dhugaa barsiisuudhaani. Mata duree itti aanu irratti kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 15 Birooshura Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname jedhamu irraa gaaffii 6⁠ffaa, “Dhiibbaa Hiriyaa Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu, akkasumas Gaaffiiwwan Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan, Jildii 2 (Amaariffa) boqonnaa 16, “Jireenya Bifa Lama Qabu—Dubbachuu Kanan Qabu Maaliifi?” jedhu ilaali.