Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Geggeessaa Keenya Kiristoositti Amanamaa

Geggeessaa Keenya Kiristoositti Amanamaa

Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoosi.’—MAT. 23:10.

FAARFANNAA: 16, 14

1, 2. Erga Museen duʼee booda Iyaasuun qorumsi akkamii isa mudatee taʼuu qaba?

IYAASUUN yaada Yihowaan, “Museen garbichi koo duʼeera; egaa amma atii fi sabni kun hundinuu kaʼaatii laga Yordaanos kana ceʼaatii gara biyya isa ani saba Israaʼeliif kennu sanaa dhaqaa!” jechuudhaan isatti dubbate amma iyyuu ni yaadata. (Iya. 1:1, 2) Iyaasuu isa waggaa 40f gargaaraa Musee taʼee hojjetaa tureef kun jijjiirama tasaa ture!

2 Waggoota hedduudhaaf Israaʼeloota geggeessaa kan ture Musee waan taʼeef, Iyaasuun sabni Waaqayyoo geggeessummaa kootiif deebii akkamii kennu laata? gaaffiin jedhu isatti uumamee taʼuu dandaʼa. (Kes. 34:8, 10-12) Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko Iyaasuu 1:1, 2 ilaalchisee, “Bara duriittis taʼe bara keenyatti, yeroon aangoon nama tokko irraa nama kan biraatti itti darbu baayʼee rakkisaa dha” jedheera.

3, 4. Iyaasuun Waaqayyotti amanamuun isaa sirrii akka ture akkamitti beekna? Gaaffii akkamii of gaafachuu dandeenya?

3 Iyaasuun sodaachuuf sababii gaʼaa kan qabu taʼus, guyyoota muraasa gidduutti tarkaanfii murteessaa taʼe fudhateera. (Iya. 1:9-11) Waaqayyotti amanamuun isaa sirrii ture. Akka seenaan Kitaaba Qulqulluu ibsutti, Yihowaan Iyaasuu fi saba isaa Israaʼel maleekaa bakka buʼaa isaa taʼe tokkoon geggeesseera. Maleekaan kun Dubbicha jechuunis Ilma Waaqayyoo isa angafa ture jennee yaaduun keenya sirrii dha.—Bau. 23:20-23; Yoh. 1:1.

4 Yihowaan sabichi jijjiirama Iyaasuun geggeessaa isaanii taʼuu isaatiin dhufe akka fudhatan isaan gargaareera. Nuyis yeroo jijjiiramni guddaan taʼaa jiru keessa waan jiraannuuf, ‘Jaarmiyaan Waaqayyoo saffisaan fuulduratti deemaa yeroo jiru kanatti, Yesuus isa geggeessaa keenya taʼee muudametti amanamuuf sababii gaʼaa qabnaa?’ jennee gaafanna taʼa. (Maatewos 23:10 dubbisi.) Kanaafuu, mee Yihowaan kanaan dura yeroo jijjiiramni taʼetti geggeessaa amanamaa taʼuu isaa akkamitti akka argisiise qori.

SABA WAAQAYYOO GARA KANAʼAANITTI GEGGEESSUU

5. Iyaasuun Yerikootti yeroo dhihaatu maaltu isa mudate? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

5 Israaʼeloonni Laga Yordaanos ceʼanii utuu baayʼee hin turin, Iyaasuun wanti hin eegamne tokko isa mudate. Akkuma Yerikootti dhihaateen, namni goraadee qabate tokko isatti dhufe. Iyaasuun namicha waan hin beekneef, “Ati gara keenya moo gara diinota keenyaa ti?” jedhee isa gaafate. Loltuun sun eenyummaa isaa yeroo itti himu Iyaasuun baayʼee dinqisiifame. Namichi kun “angafa loltuu Waaqayyoo,” isa saba isaa oolchuuf qophaaʼe ture. (Iyaasuu 5:13-15 dubbisi.) Seenaan iddoo kan biraa jiru Yihowaan kallattiidhaan Iyaasuutti akka dubbate kan ibsu taʼu illee, akkuma sana dura gochaa ture ergamaa bakka buʼaa isaa taʼeen fayyadamee dubbachaa akka ture hin shakkisiisu.—Bau. 3:2-4; Iya. 4:1, 15; 5:2, 9; HoE. 7:38; Gal. 3:19.

6-8. (a) Qajeelfamni Yihowaan kennu tokko tokko ilaalcha namaatiin yeroo madaalamu sirrii kan hin fakkaanne maaliifi? (b) Qajeelfamawwan kun ogummaa irratti kan hundaaʼanii fi yeroo sirrii taʼetti kan kennaman taʼuun isaanii kan mirkanaaʼe akkamitti? (Miiljalees ilaali.)

6 Iyaasuun akkaataa Yerikoo itti qabatu ilaalchisee maleekaa isaan geggeessaa ture sana irraa qajeelfama ifaa taʼe argateera. Qajeelfama sana keessaa tokko tokko jalqaba irratti buʼa qabeessa fakkaachuu dhiisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Yihowaan dhiironni hundi dhagna akka qabatan ajajee kan ture siʼa taʼu, kanaan kan kaʼes guyyoota muraasaaf madaaʼanii turan. Dhuguma namoota ciccimoo taʼan kana yeroo kanatti dhagna qabuun sirrii turee?—Uma. 34:24, 25; Iya. 5:2, 8.

7 Israaʼeloonni humni isaanii daangeffame kun, loltoonni diinaa yoo isaan weeraran maatii isaaniitiif akkamitti eegumsa akka godhan isaan yaaddessee akka ture hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, akkuma tasaa odeeffannoo “sababii Israaʼelootaaf karri mandara Yerikoo jabaatee cufamee” akka jiru ibsu dhagaʼan. (Iya. 6:1) Haalli isaa jijjiiramee wanti isaan hin eegne raawwatamuun isaa, amantiin isaan qajeelfama Waaqayyoo irratti qaban akka cimu kan godhu ture mitii?

8 Kana malees, Israaʼeloonni Yerikoo akka hin waraanne, kanaa mannaa guyyaa jaʼaaf guyyaatti al tokko guyyaa torbaffaatti immoo al torba akka marsan ajajaman. Loltoonni tokko tokko, ‘Kun yeroo fi humna qisaasessuu dha!’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Geggeessaan Israaʼel inni ijatti hin mulʼanne garuu maal gochaa akka jiru sirriitti beeka ture. Qajeelfamni kun amantii Israaʼelootaa cimsuu qofa utuu hin taʼin, loltoota Yerikoo jajjaboo taʼanii wajjin kallattiidhaan wal waraanuu irraas isaan oolcheera.—Iya. 6:2-5; Ibr. 11:30. *

9. Qajeelfama jaarmiyaa Yihowaa hordofuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenya kenni.

9 Seenaa kana irraa maal baranna? Yeroo tokko tokko sababiin jaarmiyaan Yihowaa qajeelfama haaraa itti kenne guutummaatti nuuf hin galu taʼa. Fakkeenyaaf, qoʼannaa dhuunfaadhaaf, tajaajilaa fi walgaʼiiwwaniif meeshaalee elektirooniksiitti fayyadamuun barbaachisaa taʼuu isaa ilaalchisee jalqaba irratti gaaffiin nutti uumamee taʼuu dandaʼa. Amma garuu, yoo dandaʼame wantoota kanatti fayyadamuun gaarii taʼuu isaa hubachuu hin oollu. Kanaan dura shakkii akkamii iyyuu yoo qabaanne amma buʼaa guddina teknooloojii kanaan argame yeroo hubannu, amantiin keenyaa fi tokkummaan keenya ni cima.

AKKAATAA KIRISTOOS JAARRAA JALQABAATTI ITTI GEGGEESSE

10. Walgaʼii barbaachisaa qaamni ol aanaan Yerusaalemitti godhe duuba kan ture eenyu dha?

10 Qorneelewos gara Kiristiyaanummaatti erga jijjiiramee gara waggaa 13 booda, Yihudoonni Kiristiyaana taʼan tokko tokko amma iyyuu namoonni akka dhagna qabatan jajjabeessu turan. (HoE. 15:1, 2) Anxokiyaa keessatti falmiin yommuu kaʼu, Phaawulos gaafficha gara qaama ol aanaa Yerusaalem jiruutti akka geessu qophiin godhame. Haa taʼu malee, qajeelfama kana duuba eenyutu ture? Phaawulos, “Kanan ol baʼes mulʼata Gooftaan natti argisiiseen ture” jedheera. Qaamni ol aanaan falmichaaf furmaata akka kennuuf, Kiristoos haala mijeessaa akka ture ifaa dha.—Gal. 2:1-3.

Kiristoos geggeessaa taʼee hojjechaa akka ture jaarraa jalqabaatti mulʼateera (Keeyyata 10 fi 11 ilaali)

11. (a) Dhagna qabaa wajjin haala wal qabateen Yihudoota Kiristiyaana taʼan gidduu ilaalchi akkamii itti fufee ture? (b) Fedhiin Phaawulos jaarsolii Yerusaalem deggeruudhaaf qabu kan qorame akkamitti? (Miiljalees ilaali.)

11 Qaamni ol aanaan qajeelfama Kiristoos isaaf kenneen, Kiristiyaanonni Yihudoota hin taʼin dhagna qabachuun akka isaan hin barbaachisne ifaa godhe. (HoE. 15:19, 20) Haa taʼu malee, Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan, erga murtoon kun godhamee waggoota hedduu boodas ijoollee isaanii dhagna qabuu itti fufanii turan. Jaarsoliin Yerusaalem jiran Phaawulos Seera Musee akka hin eegne odeeffamaa jiraachuu isaa yommuu dhagaʼan, qajeelfamoota inni itti hin yaadne tokko tokko isaaf kennan. * (HoE. 21:20-26) Jaarsoliin kun, namoonni Phaawulos ‘Seericha eegaa akka jiru’ akka beekaniif, dhiirota afur fudhatee gara mana qulqullummaa akka dhaqu isatti himan. Phaawulos rakkinni inni guddaan Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan dhagna qabaa ilaalchisee hubannaa sirrii dhabuu isaanii akka taʼe dubbachuudhaan, wanta isaan akka inni godhu isatti himan kana mormuu dandaʼa ture. Phaawulos garuu fedhii jaarsoliin sun amantoota gidduu tokkummaan akka jiraatu gochuuf qaban deggeruudhaan, gad of qabee ajaja isaaf kenname fudhateera. Haa taʼu malee, ‘Duuti Yesuus Seerri Musee akka hafu kan godhe taʼus, Yesuus dhimmi kun utuu furmaata hin argatin yeroo hammanaatiif akka turu kan heyyame maaliifi?’ jennee gaafanna taʼa.—Qol. 2:13, 14.

12. Kiristoos dhimmi dhagna qabaa utuu hin furamin yeroo dheeraa akka turu kan heyyame maaliif akka taʼe kan argisiisu maali dha?

12 Sirreeffama hubannaa irratti godhamu fudhachuun namoota tokko tokkotti yeroo fudhata. Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan ilaalcha isaanii sirreessuuf yeroo baayʼeen isaan barbaachisa ture. (Yoh. 16:12) Namoonni tokko tokko dhagna qabaan hariiroo addaa isaan Waaqayyoo wajjin qabaniif mallattoo taʼuun isaa akka hafe amananii fudhachuun isaanitti ulfaatee ture. (Uma. 17:9-12) Warri kaan immoo, ariʼatamni nu irra gaʼa jedhanii waan sodaataniif, hawaasa Yihudootaa irraa adda akka hin taaneef duubatti jedhanii turan. (Gal. 6:12) Yeroo booda garuu Kiristoos karaa xalayaawwan Ergamoonni geggeessaa hafuuraatiin barreessaniin qajeelfama dabalataa kenneera.—Rom. 2:28, 29; Gal. 3:23-25.

KIRISTOOS YEROO AMMAATTIS GUMII ISAA GEGGEESSAA JIRA

13. Yeroo harʼaatti akkaataa Kiristoos itti geggeessu dinqisiifachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

13 Jaarmiyichi jijjiirama tokko tokko kan godhe maaliif akka taʼe guutummaatti yoo hubachuu dadhabne, akkaataa Kiristoos kanaan dura itti geggeessaa ture irratti yaaduun keenyaa gaarii dha. Bara Iyaasuuttis taʼe jaarraa jalqabaatti, Kiristoos saba Waaqayyoo akka walii galaatti eeguuf, amantii isaanii cimsuuf, akkasumas tokkummaa akka qabaatan gochuuf yeroo hunda qajeelfama gaarii kenna ture.—Ibr. 13:8.

14-16. Qajeelfamni, “garbichi amanamaanii fi ogeessi” kennu, Kiristoos nageenya hafuuraa keenyaaf akka yaadu kan argisiisu akkamitti?

14 “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” yeroo sirriitti qajeelfama kan nuu kennu taʼuun isaa, Yesuus nageenya hafuuraa keenyaaf akka yaadu ifatti mulʼisa. (Mat. 24:45) Maark inni ijoollee afur qabu akkana jedheera: “Seexanni maatiiwwan irratti haleellaa geessisuudhaan, gumiiwwan laaffisuuf yaalii godha. Maatiiwwan torban torbaniin waaqeffannaa maatii akka godhatan jajjabeeffamuun isaanii, mataawwan maatiitiif ergaa ifa taʼe dabarsa; innis maatii keessan eegaa kan jedhu dha!”

15 Qajeelfama Kiristoos kennu kan hubannu yoo taʼe, inni guddina hafuuraa keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa akka kennu beekna. Paatiriik inni jaarsa taʼee tajaajilu akkana jedheera: “Namoonni tokko tokko dhuma torbaniitti muraasa taʼanii tajaajila dirreetiif walgaʼii gochuun jalqaba irratti abdii isaan kutachiisee ture. Haa taʼu malee, qophiin kun amalawwan guguddaa Yesuus qabu keessaa isa tokko jechuunis, namoota rakkataniif kan yaadu taʼuu isaa ifatti kan argisiisu dha. Obboloonnii fi obboleettonni sochii baayʼee hin goone caalaatti akka dinqisiifatamanii fi kan barbaadaman akka taʼan akka isaanitti dhagaʼamu godheera; kanaan kan kaʼes, karaa hafuuraa guddataniiru.”

16 Kiristoos fedhii hafuuraa keenya nuuf guutuu malees, hojii guddaa yeroo harʼaa lafa irratti hojjetamaa jiru irratti xiyyeeffachuu keenya akka itti fufnu nu gargaaraa jira. (Maarqos 13:10 dubbisi.) Andireen inni dhiheenya jaarsa taʼee muudame, jijjiirama jaarmiyaan Waaqayyoo qajeelfama irratti godhu yeroo hunda xiyyeeffannaadhaan hordofa. Akkana jedheera: “Hojjettoonni waajjira damee keessa hojjetan hirʼifamuun isaanii, yerichi ariifachiisaa taʼuu isaa fi humna keenya hojii lallabaatiif oolchuun barbaachisaa taʼuu isaa nu yaadachiisa.”

QAJEELFAMA KIRISTOOS AMANAMUMMAADHAAN DEGGERUU

17, 18. Faayidaa jijjiiramawwan dhiheenya godhaman fudhachuudhaan arganne irratti xiinxaluun buʼaa qaba kan jennu maaliifi?

17 Qajeelfama inni nuuf kennu irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus Kiristoos inni Mootii keenya taʼe ammas taʼe gara fuulduraatti nu gargaara. Kanaafuu, faayidaa jijjiiramawwan dhiheenya godhaman fudhachuudhaan argannutti haa gammadnu. Tarii jijjiiramawwan walgaʼii torbanii ykn tajaajila irratti godhaman irraa akkamitti akka fayyadamtan yeroo waaqeffannaa maatii gootan irratti mariʼachuudhaan jajjabina argachuu dandeessu.

Maatiin kee fi namoonni kaan jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee akka deeman gargaaraa jirtaa? (Keeyyata 17 fi 18 ilaali)

18 Miira qajeelfamawwan jaarmiyaan Yihowaa nuuf kennu duuba jiruu fi faayidaa isaan nuuf argamsiisan kan hubannu yoo taʼe, qajeelfama sana gammachuudhaan hordofuun keenya hin oolu. Barreeffamoota maxxanfaman hirʼisuu fi teknooloojiiwwan haaraatti fayyadamuun, qarshii keenya akka qusatuu fi hojii Mootummichaa addunyaa maratti babalʼisuuf akka gargaaru sirriitti beekna. Kana yaadatti qabachuudhaan, kan dandaʼamu taanaan, barreeffamoota bifa elektirooniksiitiin qophaaʼanii fi miidiyaa balʼinaan fayyadamuu dandeenya. Karaa kanaan, akkuma Kiristoos qabeenya jaarmiyichaatti ogummaadhaan fayyadamuun akka nu yaaddessu argisiisna.

19. Qajeelfama Kiristoos deggeruu kan qabnu maaliifi?

19 Qajeelfama Kiristoos garaadhaa yommuu deggerru, amantii warra kaanii ni jabeessina, akkasumas tokkummaadhaaf gumaacha goona. Andireen baayʼina maatii Betʼel addunyaa maraa hirʼisuuf tarkaanfii fudhatame ilaalchisee akkana jedheera: “Jijjiirama akkasii fudhachuu irratti ilaalchi gaariin obboloonni duraan Betʼel keessa turan qaban akkan isaan amanuu fi isaan kabaju na kakaaseera. Obboloonni kun hojii isaaniif kenname kamitti iyyuu gammaduudhaan, konkolaataa Yihowaa wajjin qixxee deemuu isaanii itti fufaniiru.”

AMANTII QABAACHUUDHAAN GEGGEESSAA KEENYATTI AMANAMAA

20, 21. (a) Geggeessaa keenya Kiristoositti amanamuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Mata duree itti aanu irratti gaaffii kam qorra?

20 Yesuus Kiristoos inni geggeessaa keenya taʼee muudame, dhiheenyatti ‘moʼicha isaa ni xumura’ akkasumas “gocha sodaachisaa . . . in argisiisa.” (Mul. 6:2; Far. 45:4) Taʼus yeroo ammaatti illee, jireenya addunyaa haaraa keessatti argannuuf, akkasumas hojii yeroo sanatti namoota duʼaa kaafaman barsiisuu fi lafa jannata gochuu irratti hojjennuuf nu qopheessaa jira.

21 Jijjiiramni akkamii iyyuu yoo dhufe Geggeessaa fi Mootii keenyatti hamma amanamnetti, inni addunyaa haaraatti nu galcha. (Faarfannaa 46:1-3 dubbisi.) Keessumaa yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti wanti hin eegamne yommuu nu mudatu, jijjiirama fudhachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maarree, nagaa keenya eegnee itti fufuu fi Yihowaa irratti amantii guutuu qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffiin kun mata duree itti aanu irratti ibsama.

^ key. 8 Qorattoonni hambaa, jijjiga magaalaa Yerikoo keessatti midhaan kuufame hedduu kan argatan siʼa taʼu, kun immoo magaalattiin yeroo dheeraadhaaf marfamtee akka hin turre argisiisa; nyaannis magaalattii keessaa hin dhumne. Israaʼeloonni Yerikoo akka saaman waan isaaniif hin heyyamamnee fi yeroon isaa yeroo midhaan itti sassaabamu waan tureef akkasumas midhaan hedduu ala kan jiru waan tureef, yeroon kun isaan weeraruuf yeroo sirrii ture.—Iya. 5:10-12.

^ key. 11 Saanduqa, “Phaawulos gad of qabuudhaan qorumsa mo’eera” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 15, 2003, (Amaariffa) ful. 24 irra jiru ilaali.