Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Yihowaan Murtoo Koo Naaf Eebbiseera

Yihowaan Murtoo Koo Naaf Eebbiseera

Yommuu lafti bariʼu manneen naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran warra dhumaa muraasa, balbala isaanii jalaan tiraaktota galchinee xumurre. Yeroon isaa bara 1939 siʼa taʼu, gara saʼaatii tokkoo olii deemnee magaalaa xinnoo Joopliin ishii kibba dhiha Miizuurii U.S.Atti argamtu dhaquuf halkan walakkaa siree keenya irraa kaanee deemne. Suuta jennee ergama keenya erga xumurree booda, konkolaataa yaabbannee, bakka itti wal arguuf wal beellamne deemuudhaan, gareewwan konkolaataa kan biraatiin deeman hamma dhufanitti bakka sanatti isaan eeguu jalqabne. Haa taʼu malee, guyyaa sana utuu aduun hin baʼin tajaajila kan baanee fi naannoo tajaajilaa keenya saffisaan gadhiisnee kan deemne maaliifi jettanii gaafattu taʼa. Waaʼee kanaa boodan isinitti hima.

KANAN dhaladhe bara 1934tti ture. Warri koo Fireedii fi Eednaa Moolhaan yeroo kanatti gara waggaa 20tiif Barattoota Kitaaba Qulqulluu (Dhugaa Baatota Yihowaa) turan. Isaan Yihowaa akkan jaalladhu waan na barsiisaniif baayʼeen galateeffadha. Maatiin keenya magaalaa xinnoo kibba dhiha Kaansaasitti argamtu keessa kan jiraatu siʼa taʼu, obboloonni gumii keenya keessa jiran hundi Kiristiyaanota dibamoo turan jechuun ni dandaʼama. Maatiin keenya yeroo hunda walgaʼii irratti hirmaachuu fi dhugaa Dubbii Waaqayyoo warra kaaniif lallabuun isa gammachiisa ture. Yeroo baayʼee Sanbadduraa waaree booda daandii irratti kan tajaajillu siʼa taʼu, tajaajila kana yeroo ammaatti lallaba addababayii jennee waamna. Kun yeroo tokko tokko kan nama dadhabsiisu taʼus, yeroo tajaajila xumurru Abbayyeen aayis kireemii nuu bituudhaan nu jajjabeessa ture.

Gumiin keenya inni xinnaan naannoo tajaajilaa balʼaa kan qabu siʼa taʼu, kunis magaalota xixinnoo hedduu fi maasiiwwan qonnaa achitti dhihoo jiran kan dabalatu ture. Qonnaan bultoota yeroo haasofsiisnu yeroo baayʼee bakka barreeffamoota keenyaa kuduraa, buuphaa, ykn lukkuu fudhanna turre. Abbayyeen barreeffamoota sana dursee buusii godhee waan fudhatuuf, wantoonni kun soorata nuuf taʼu turan.

DUULAWWAN LALLABAA

Warri koo Foonoogiraafii hojii lallabaatiif itti fayyadaman tokko argatanii turan. Ani yeroo kanatti xinnoo waanan taʼeef taphachiisuu hin dandaʼun ture, taʼus, Abbayyee fi Harmeen yeroo deddeebii gaaffii godhanii fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessanitti yommuu haasaa obboleessa keenya Raazarfoordi isa waraabame taphachiisan isaan gargaaruun na gammachiisa ture.

Konkolaataa keenya meeshaa sagalee guddisu qabu duratti warra koo wajjin

Abbayyeen konkolaataa keenya Foord 1936 jedhamu gara konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabuutti kan jijjiire yommuu taʼu, meeshaan sagalee guddisu konkolaataa kana irratti hidhama ture. Konkolaataan kun ergaa Mootummichaa babalʼisuu irratti baayʼee buʼa qabeessa ture. Yeroo baayʼee jalqaba irratti xiyyeeffannaa namootaa harkisuuf, muuziqaan waraabame ni taphachiifama, achiis haasaan Kitaaba Qulqulluu waraabame ni dhageessifama ture. Haasaan waraabame sun dhagaʼamee yommuu xumuramu namoota fedhii qabaniif barreeffama kennina.

Magaalaa xinnoo Cheeriivaal, Kaansaas jedhamtu keessatti Poolisoonni konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabu, paarkii namoonni hedduun guyyaa Dilbataa itti boqotan keessa galchuu akka hin dandeenyee fi alatti garuu akka isaaf heyyamamu Abbayyeetti himan. Kanaafuu, Abbayyeen utuu hin mormin, konkolaaticha gara daandii paarkii sana maddii jirutti erga baasee booda, namoonni paarkicha keessa jiran ergicha akka dhagaʼaniif gara paarkichaatti garagalchee haasicha dhageessisuu isaa itti fufe. Yeroo akkasiitti Abbayyee fi obboleessa koo angafaa Jeerii wajjin taʼuun yeroo hunda na gammachiisa ture.

Waggoota 1930mman gara boodaatti, duulawwan addaa naannoowwan tajaajilaa mormii cimaa qaban saffisaan xumuruuf godhaman irratti ni hirmaanna turre. (Akkuma Joopliin Miizuuriitti goone) utuu lafti hin bariʼin kaanee suuta jennee tiraaktota ykn buukleetota balbala mana namootaa jalaan galchina turre. Sana booda, magaalaadhaa alatti wal arginee, namni poolisiin qabee hidhe jiraachuu fi dhiisuu isaa mirkaneessina.

Waggoottan sanatti, kallattiin tajaajilaa keenya baayʼee gammachiisaa taʼe isa hiriira beeksisaa jennee waamnu ture. Mootummicha beeksisuuf, beeksisa mormatti kaawwannee hiriira galuudhaan magaalaa keessa deemna turre. Hiriirri akkasii yommuu magaalaa keenya keessatti godhamu michoonni keenya beeksisa “Amantiin Kiyyoo fi Gowwoomsaa dha” jedhu mormatti kaawwatanii deemuu isaanii nan yaadadha. Magaalicha keessa gara kiiloo meetira 1.6 erga deemanii booda gara mana keenyaatti deebiʼan. Kan nama gammachiisu mormiin tokko illee isaan hin mudanne, kanaa mannaa, warra isaan ilaalan keessaa namoota fedhii qaban hedduu argatan.

WALGAʼIIWWAN JALQABAA

Maatiin keenya yeroo baayʼee walgaʼii gurguddaa irratti hirmaachuuf Kaansaasii gara Teeksaas ni deema ture. Abbayyeen Daandii baaburaa Miizuurii-Kaansaas-Teeksaasitti argamu keessa hojjeta ture; (Daandii Baaburaa M-K-T, ykn Kaatii jedhamees ni beekama), kanaafuu, waraqaa inni tola deemuuf qabutti fayyadamnee, kaffaltii malee waliin deemuudhaan firoota keenya ni gaafanna, akkasumas walgaʼiiwwan irratti argamna turre. Obboleessi haadha koo inni angafaa Fireed Wiismaarii fi haati manaa isaa Yuulaaleen, Teempil Teeksaas keessa jiraatu turan. Eessumni koo Fireed dhugaa baratee kan cuuphame, jalqaba waggoota 1900 keessa siʼa taʼu, sana booda wanta barate haadha koo dabalatee quxusuuwwan isaatti hime. Inni obboloota giddu gala Teeksaas bakka inni yeroo tokko tajaajilaa zoonii (yeroo ammaa ilaaltuu ol aanaa aanaa jedhama) taʼee itti tajaajilaa ture biratti baayʼee beekamaa ture. Inni nama gaarii fi gammachuu qabu, akkasumas isaa wajjin taʼuun kan nama gammachiisu ture. Inni nama dhugaadhaaf hinaaffaa qabu siʼa taʼu, yeroon dargaggeessa turetti dhiibbaa gaarii na irratti godheera.

Bara 1941 maatiin keenya walgaʼii guddaa tokko irratti hirmaachuuf baaburaan gara Seeyint Luwiis, Miizuurii deeme. Ijoolleen hundi haasaa “Ijoollee Mootichaa” jedhuu fi obboleessi keenya Raazarfoordi dhiheessu akka dhaggeeffataniif galmicha keessa iddoo tokko akka taaʼan afeeraman. Xumura haasichaa irratti, obboleessi keenya Raazarfoordii fi gargaartonni isaa warra garee keenya keessa jiran hundaaf kitaaba haaraa Ijoollee, jedhu akka kennaatti yommuu kennan baayʼee gammadne. Ijoolleen eebba hafuuraa kana irraa hirmaachaa turan 15,000 ol turan.

Ebla 1943 magaalaa Koofiiviil, Kaansaas keessatti walgaʼii barbaachisaa mata dureen isaa “Waamicha Hojiidhaaf Dhihaate” jedhu goonee turre. Walgaʼii kana irratti qophii haaraan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii jedhuu fi gumiiwwan hunda keessatti geggeeffamu ni beeksifame, akkasumas buukleetiin barumsa 52 qabatee fi mana barumsaa kana keessatti itti hojjetamu baʼeera. Haasaa barataa koo isa jalqabaa kanan dhiheesse wagguma sana keessa gara boodaatti ture. Kana malees, walgaʼii kana irratti obboloota muraasaa wajjin haroo qorraa naannoo sana jiru keessatti waanan cuuphameef walgaʼiin kun anaaf adda ture.

BETʼEL KEESSA TAJAAJILUUN BARBAADA TURE

Bara 1951tti barumsa koo yommuun xumuru jireenya koo gara fuulduraa ilaalchisee murtoowwan tokko tokko gochuun na barbaachisee ture. Betʼel keessa bakka Jeeriin duraan tajaajilaa turetti tajaajiluuf fedhii guddaa waanan qabuuf, foormiin ani guute yeruma sana gara Biruukiliinitti ergame. Murtoon kun karaa hafuuraa faayidaa guddaa naaf argamsiiseera. Foormiin koo yeroo muraasa keessatti fudhatama kan argate siʼa taʼu, Bitootessa 10, 1952tti tajaajila Betʼel akkan jalqabun afeerame.

Barruulee fi barreeffamoota qopheessuu irratti hirmaachuuf jecha, fedhiin koo kutaa maxxansaa keessa hojjechuu ture. Haa taʼu malee, jalqaba keessummeessaa akkan taʼun ramadame, boodas kushinaatti kanan ramadame siʼa taʼu, kunis barumsa guddaa naaf argamsiiseera. Kanaafuu kutaa maxxansaa keessa hojjechuuf matumaa mirga argadhee hin beeku. Haa taʼu malee, sirreeffamni sagantaa obboloota kushinaa keessatti hojjetan irratti godhame baayʼee na fayyadeera, sababiin isaas sagantaan kun guyyaa guyyaa laayibirarii Betʼelitti fayyadamee qoʼannaa dhuunfaa gochuuf yeroo gaʼaa naaf kenna ture. Kunis karaa hafuuraa guddachuu fi amantii koo cimsachuuf na gargaareera. Kana malees, Betʼel keessa hamma naaf dandaʼame yeroo dheeraa Yihowaa tajaajiluuf murtoon godhe naaf cimseera. Jeeriin bara 1949tti Betʼelii baʼee Paatiriishaa kan fuudhe taʼus, Biruukiliinitti dhihoo jiraatu turan. Isaan waggoottan jalqabaa ani Betʼel keessa turetti, baayʼee na gargaaraniiru, akkasumas na jajjabeessaniiru.

Betʼel ergan galee utuma baayʼee hin turin, obboloota Betʼel bakka buʼanii haasaa sabaa dhiheessan dabalataa qopheessuuf qorumsi geggeeffamee ture. Obboloonni qophii kana keessatti akka hirmaataniif galmeeffaman, waggaa keessatti gumiiwwan Biruukiliin irraa kiiloo meetira 322 fagaatan deemanii haasaa sabaa dhiheessuu fi gumii wajjin tajaajila irratti hirmaachuu qabu turan. Anis obboloota kana keessaa tokko taʼuuf mirga argadheera. Haasaa sabaa koo isa jalqabaa yeroo sanatti saʼaatii tokko fudhatu yommuun dhiheessu sodaa guddaan natti dhagaʼamee ture. Yeroo baayʼee gara gumiiwwanii kanan deemu baaburaan ture. Bara 1954 Dilbata waaree booda tibba qorraa tokkotti gara Niwuu Yoorki deemee galgala deebiʼee Betʼelitti galuuf baabura tokko yaabbachuu koo nan yaadadha. Haa taʼu malee, yeroon deebiʼu bokkaa guddaan qilleensaa fi cabbii makate ni roobe. Kanaafuu motorri baaburichaa inni elektiriikiidhaan hojjetu rakkinni isa mudate. Dhuma irratti, baaburichi Wiixata ganama saʼaatii kudha tokkotti buufata baaburaa Niwuu Yoorki gaʼe. Iddoo kanaa baabura lafa jalaa gara Biruukiliin deemu yaabbadhee ergan deemee booda, baabura rakkinni isa mudate sana irra halkan guutuu taaʼaa kanan bulee fi kanan dadhabe taʼus kushinaa galee hojjechuun jalqabe. Haa taʼu malee, gammachuun ani obboloota tajaajiluu fi dhuma torbanii adda taʼe akkasiitti namoota hedduu wajjin wal baruudhaan argadhu aarsaa ani kaffalu hunda kan caalu ture.

Istuudiyoo WBBR keessaa tamsaasuuf yommuu qophoofnu

Waggoota jalqabaa ani Betʼel keessa turetti, buufata WBBR jedhamu keessatti tamsaasa raadiyoodhaan darbu irratti akkan hirmaadhu nan afeeraman ture. Yeroo sanatti Istuudiyoowwan raadiyoo kanaa kan argaman fooqii lammaffaa gamoo 124 Kolombiyaa Heeyitsi irratti dha. Namoota sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu torbanitti darbu irratti hirmaatan keessaa tokko bakka buʼeen hojjedha. Obboleessi keenya Aleeksaandar Hiyuu Maakmiilaan inni yeroo dheeraadhaaf miseensa maatii Betʼel ture, sagantaa raadiyoo kana irratti yeroo hunda hirmaata ture. Inni Obboleessa keenya Maak jedhamee kan waamamu siʼa taʼu, tajaajila Yihowaa keessatti jabaatanii dhaabachuu irratti nu dargaggoota warra miseensa maatii Betʼel taaneef fakkeenya gaarii ture.

Fedhii namootaa kakaasuuf tajaajila irratti waraqaa afeerrii WBBR raabsina

Bara 1958 hojii Mana Barumsaa Giilʼaad wajjin wal qabate akkan hojjedhu nan afeerame. Hojiin koo eebbifamtoonni viizaa akka argatanii fi dhiironnii fi dubartoonni hinaaffaa qaban kun geejjiba akka argatan gargaaruu ture. Yeroo sanatti gatiin xiyyaaraa baayʼee miʼaa waan tureef, xiyyaaraan kan deeman eebbifamtoota muraasa qofa turan. Warri gara Afriikaa fi Baha Fagoo deeman baayʼeen doonii feʼumsaatiin deemu turan. Xiyyaarri daldalaa yommuu tajaajila jalqabu, gatiin xiyyaaraa baayʼee waan xiqqaateef, misiyoononni hedduun yeruma sana xiyyaaraan gara ramaddii isaaniitti ergaman.

Sagantaa eebbaa dura dippiloomaa Giilʼaad walitti qabuu

WALGAʼIIDHAAF DEEMUU

Bara 1960 namoota walgaʼii biyyoolessaa bara 1961tti godhamuuf Yunaayitid Isteetisii gara Awurooppaa deemaniif xiyyaara kireeffamu akkan qopheessu hojiin dabalataa naaf kenname. Anis obboloota xiyyaara kireeffame sanaan Niwuu Yoorkii gara Haambargi Jarmanitti walgaʼii sanaaf deemanii wajjin deemeera. Walgaʼii sana booda obboloonni Betʼel sadii fi ani konkolaataa kireeffannee, Jarmanii gara Xaaliyaanii deemuudhaan waajjira damee Roomaa jiru daawwanne. Sana booda Gaarreen Priiniiz irra qaxxaamurree gara Faransaayi, achiis gara Ispeen bakka hojiin lallabaa keenya dhorkamaa itti ture deemne. Yeroo kanatti kennaa fakkeessinee barreeffamoota muraasa obboloota keenya Baarseloonaa jiraniif kennuu dandeenyeerra. Isaanii wajjin wal arguun baayʼee kan nama gammachiisu ture! Achiis gara Amistardaam erga deemnee booda, xiyyaara keenya isa gara Niwuu Yoorkitti deebiʼu yaabbanne.

Gara waggaa tokkoo booda immoo obboloota walgaʼiiwwan biyyoolessaa walitti aansanii addunyaa maratti godhaman irratti hirmaachuuf bakka buʼoota taʼanii deemaniif geejjiba akkan mijeessu Betʼel keessatti hojiin dabalataa naaf kenname. Kun walgaʼii mata dureen isaa, “Misraachoo Bara Baraa” jedhuu fi bara 1963tti godhame ture. Obboloonni bakka buʼoota taʼan 583 walgaʼii Awurooppaa, Eeshiyaa fi Kibba Paasifiikitti godhamu irratti erga hirmaatanii booda, deemsa isaanii Hoonooluluu, Hawaayii fi Paaseedeenaa, Kaalifoorniyaatti akka xumuran qophiin ni godhame. Karoorri daawwannaa sun bakka Kitaabni Qulqulluun itti barreeffame daawwachuuf Libaanosii fi Yordaanos deemuu kan dabalatu ture. Hojiin dippaartimentiin keenya hojjetu xiyyaaraa fi bakka bultii qindeessuu malees, viizaa biyya deeman sana hundumaatiif barbaachisu qopheessuu kan dabalatu ture.

HIRIYAA IMALAA HAARAA

Barri 1963 sababii kan biraatiin kan kaʼe, anaaf iddoo guddaa qaba. Waxabajjii 29, Liilaa Roojersi ishii Miizuuriidhaa dhuftee fi waggaa sadii dura miseensa maatii Betʼel taatee wajjin gaaʼela godhanne. Cidha keenya erga godhannee torban tokko booda, anii fi Liilaan addunyaa mara irra deemuudhaan Giriik, Gibxii fi Libaanosiin daawwanne. Bakka kanaa saʼaatii muraasaaf xiyyaaraan gara Yordaanos deemne. Yordaanos keessatti hojiin lallabaa dhorkaa waan turee fi Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya sana akka seenan viizaan akka isaaniif hin kennamne waan nutti himameef, yommuu achi geenyu maaltu taʼa laata jennee yaaddofnee turre. Haa taʼu malee, yommuu achi geenyu obboloonni hedduun barreeffama “Dhugaa Baatota Yihowaa Baga Nagaan Dhuftan” jedhu qabatanii buufata xiyyaaraa akka dhaabatan yeroo arginu baayʼee gammadne! Biyya Kitaabni Qulqulluun itti barreeffame ija keenyaan arguun keenyas baayʼee nu gammachiise! Iddoowwan abbootiin amantii durii jiraatan, bakka Yesuusii fi ergamoonni itti lallaban, akkasumas bakka Kiristiyaanummaan irraa kaʼee guutummaa lafaa irratti babalʼate daawwanneerra.—HoE. 13:47.

Liilaan ramaddii tajaajilaa keenya hunda irratti waggoottan 55f hiriyaa amanamtuu naaf taateetti. Yeroo hojiin keenya biyyoottan sana keessatti dhorkaa turetti Ispeenii fi Poortugaaliin yeroo hedduu daawwanneerra. Obboloota keenya jajjabeessuu, akkasumas barreeffamootaa fi wantoota isaan barbaachisan kan biroo isaaniif geessuu dandeenyeerra. Obboloota buufata loltootaa durii Kaadiiz Ispeen keessatti hidhaman tokko tokko gaafachuu illee dandeenyeerra. Haasaa Kitaaba Qulqulluutiin isaan ijaaruu dandaʼuu kootti garaan koo gammachuudhaan guutama.

Paatiriishaa fi Jeerii Moolhaan wajjin gara Walgaʼii “Nagaa Lafa Irraa” bara 1969 godhametti utuu deemnuu

Bara 1963 kaasee, walgaʼii biyyoolessaa addunyaa maratti geggeeffamuuf, adeemsa gara Afriikaa, Awustiraaliyaa, Giddu Galaa fi Kibba Ameerikaa, Awurooppaa, Baha Fagoo, Hawaayi, Niwuu Ziilaandii fi Porto Riikootti godhamu qindeessuu dandaʼuu koo akka mirga guddaattan ilaala. Liilaa fi ani walgaʼii Waarsoo, Poolaanditti bara 1989 godhame dabalatee, walgaʼii hedduu irratti waliin hirmaanneerra. Obboloonni Raashiyaa hedduun walgaʼii guddaa kana irratti yeroo jalqabaatiif hirmaachuu dandaʼaniiru! Obboloonnii fi obboleettonni argine hedduun sababii amantii isaaniitiin mana hidhaa Sooviyeet keessatti waggoota hedduu dabarsaniiru.

Miseensota maatii Betʼelii fi misiyoonota ijaaruu fi jajjabeessuuf waajjiroota damee addunyaa maratti argaman daawwachuun anaaf mirga guddaa dha. Waajjira damee Kooriyaa Kibbaa yeroo dhumaatiif yeroo daawwannetti, obboloota keenya Suwoonitti hidhaman keessaa 50 arguu dandeenyeerra. Obboloonni sun hundi ilaalcha sirrii kan qaban siʼa taʼu, deebiʼanii tajaajila isaanii irratti hirmaachuuf hawwii qabu. Isaanii wajjin wal arguun keenya baayʼee nu jajjabeesseera!—Rom. 1:11, 12.

GAMMACHUU GUDDINNI ARGAME FIDE

Yihowaan yeroo ani bara 1943tti cuuphametti babalʼistoota 100,000 irraa kaasee, gara babalʼistoota miliyoona saddeetii olii yeroo ammaa biyyoota 240 keessatti tajaajilaa jiraniitti guddisuudhaan akkamitti saba isaa akka eebbise arguu dandaʼeera. Obboloonni Giilʼaad irraa eebbifaman hojii lallabaa irratti adda durummaadhaan hirmaachuun isaanii kanaaf gumaacha guddaa godheera. Waggoota hedduudhaaf misiyoonota kana hedduu isaanii wajjin hojjechuu fi ramaddii isaanii biyya alaa akka deeman isaan gargaaruun gammachuu guddaa naaf argamsiiseera!

Yeroon dargaggeessa turetti foormii Betʼel guutuudhaan tajaajila koo balʼifachuuf murteessuu kootti baayʼeen gammada. Yihowaan tarkaanfii koo hundumaa irratti guddaa na eebbiseera. Gammachuun tajaajila Betʼel irraa argadhe malees, anii fi Liilaan gumiiwwan Biruukiliin keessa jiranii fi bakka michoota hedduu itti argannee wajjin tajaajiluuf mirga arganneerra.

Deggersa Liilaan guyyaa guyyaadhaan naaf gootuun tajaajilan Betʼelitti raawwadhu itti fufeera. Amma umuriin koo waggaa 84 taʼus, hojii waajjiroota damee wajjin waliif barreessuudhaan hojjetamu irratti gargaarsa waanan godhuuf hojii hojjechaan jira.

Yeroo ammaatti Liilaa wajjin

Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa dinqisiisaa taʼuu fi garaagarummaa guddaa warra Yihowaa tajaajilanii fi hin tajaajille gidduu jiru arguun gammachuu guddaa dha. Yaada Miilkiyaas 3:18 irra jiruu fi “Isin garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jalʼoota gidduu jiru, warra ana Waaqayyoof hojjetuu fi warra anaaf hin hojjenne gidduu jirus dabaltanii in argitu” jedhu caalaatti ifatti hubachuu dandeenyeerra. Sirni Seexanaa namoota abdii hin qabnee fi jireenya isaanii keessatti gammachuu hin qabneen guutamuudhaan guyyaa guyyaadhaan, yommuu diigamu argaa jirra. Warri Yihowaa jaallatanii fi isa tajaajilan garuu yeroo rakkisaa kanatti illee, jireenya gammachiisaa taʼee fi abdii gara fuulduraa amansiisaa taʼe qabu. Misiraachoo Mootummichaa babalʼisuuf mirga guddaa qabna! (Mat. 24:14) Hundi keenya yeroo Mootummaan Waaqayyoo addunyaa moofaa kana balleessuu fi fayyaa guutuu fi jireenya dhuma hin qabne dabalatee addunyaa haaraa eebbawwan abdachiifaman hundumaa wajjin fidu hawwiidhaan eegganna. Yeroo sanatti tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon lafa kana irratti jireenya bara baraa argatu.