MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Waxabajjii 2020

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Hagayya 3-30, 2020⁠tti qoʼataman qabateera.

“Maqaan Kee Haa Qulqullaaʼu”

Mata duree qoʼannaa 23: Hagayya 3-9, 2020. Uumamawwan yaaduu dandaʼan hunda dhimma barbaachisaa akkamiitu mudachaa jira? Dhimmi kun barbaachisaa akka taʼu kan godhu maali dha? Nuti hoo furmaata kennuu irratti gaʼee akkamii qabna? Deebii gaaffii kanaa fi kana fakkaatan hubachuun keenya hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsachuuf nu gargaara.

Maqaa Kee Akkan Sodaadhuuf Nama Garaa Tokkichaa Na Godhi!

Mata duree qoʼannaa 24: Hagayya 10-16, 2020. Mata duree kana keessatti kadhannaa Daawit Mootichaa Faarfannaa 86:11, 12 irratti galmeeffamee jiru keessaa muraasa irratti xiyyeeffanna. Maqaa Yihowaa sodaachuu jechuun maal jechuu dha? Maqaa guddaa kana dinqisiifachuuf sababa akkamii qabna? Sodaan Waaqayyoo qorumsa akka hin kufne kan nu eegu akkamitti?

Gaaffii Dubbistootaa

“Firiin hafuuraa” amaloota Galaatiyaa 5:22, 23 irratti ibsaman qofadhaa?

“Ani Ofii Kootii Hoolota Koo Nan Barbaada”

Mata Duree 25: Hagayya 17-23, 2020. Namoonni amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turan tokko tokko gumii irraa kan fagaatan maaliifi? Waaqayyoo waaʼee isaanii maaltu itti dhagaʼama? Mata dureen kun deebii gaaffiiwwan kanaa qora. Kana malees, akkaataa Yihowaan namoota bara durii yeroo muraasaaf isa irraa fagaatanii turan itti gargaare irraa maal akka barannu ibsa.

“Gara Kootti Deebiʼaa!”

Mata Duree qoʼannaa 26: Hagayya 24-30, 2020. Yihowaan namoonni gumii irraa fagaatan gara isaatti akka deebiʼan barbaada. Namoota afeerraa Yihowaan “Gara Kootti Deebiʼaa!” jechuudhaan dhiheesse fudhachuu barbaadan jajjabeessuuf wanta hedduu gochuu dandeenya: Mata duree kana keessatti kana akka godhan akkamitti isaan gargaaruu akka dandeenyu qoranna.