Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 25

“Ani Ofii Kootii Hoolota Koo Nan Barbaada”

“Ani Ofii Kootii Hoolota Koo Nan Barbaada”

“Ani ofii kootii hoolota koo nan barbaada, isaanis nan eega.”—HIS. 34:11.

FAARFANNAA 105 “Waaqayyo Jaalala Dha”

QABIYYEE *

1. Yihowaan haadha mucaa ishii hoosistuu wajjin kan wal fakkeeffamu akkamitti?

“HAATI mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu in dandeessii?” Kun gaaffii Yihowaan bara Isaayaas raajichatti gaafate dha. Waaqayyo saba isaatiin, “Utuma isheen isa irraanfattee iyyuu, ani matumaa si hin irraanfadhu!” jedhee ture. (Isa. 49:15) Yihowaan haadha tokkoo wajjin wal bira kan of qabu yeroo baayʼee miti. Yeroo kanatti garuu akkas godheera. Yihowaan hariiroo cimaa tajaajiltoota isaa wajjin qabu ibsuuf jaalala cimaa haadhaa fi mucaa ishii gidduu jirutti fayyadameera. Haadhotii hedduun akkuma obboleettii Jaasmiin jedhamtuu isaanitti dhagaʼama. Jaasmiin, “Yommuu mucaa kee hoosistu, isaa wajjin hariiroo umurii guutuu itti fufu uumta” jetteetti.

2. Yihowaan yeroo ijoollee isaa keessaa inni tokko isa irraa fagaatutti maaltu itti dhagaʼama?

2 Yihowaan yeroo ijoollee isaa keessaa inni tokko illee gumii Kiristiyaanaa irratti argamuu fi hojii lallabaa irratti hirmaachuu dhaabu ni hubata. Kanaafuu, waggaa waggaadhaan yeroo tajaajiltoonni isaa kumaan lakkaaʼaman qabbanaaʼan * hammam akka gaddu yaadi.

3. Yihowaan maal barbaada?

3 Obbolootaa fi obboleettota jaallatamoo qabbanaaʼan kana keessaa hedduun isaanii gara gumiitti ni deebiʼu, nutis gammachuudhaan isaan ni simanna! Yihowaan akka isaan deebiʼan barbaada, nutis akkasuma. (1 Phe. 2:25) Akkamitti isaan gargaaruu dandeenya ree? Gaaffii kana deebisuu keenya dura, tokko tokko gumii irratti argamuu fi tajaajila irratti hirmaachuu kan dhaaban maaliif akka taʼe beekuun keenya gaarii dha.

TOKKO TOKKO YIHOWAA TAJAAJILUU KAN DHAABAN MAALIIFI?

4. Hojiin namoota tokko tokko irratti dhiibbaa kan godhe akkamitti?

4 Obboloonni tokko tokko hundumaa caalaa hojiidhaaf iddoo guddaa kennaniiru. Obboleessi Haangi * jedhamuu fi Kibba Baha Eeshiyaa jiraatu tokko akkas jedheera: “Hojii koo irratti garmalee xiyyeeffadheen ture. Qabeenya hedduu yoon argadhe akka gaariitti Yihowaa tajaajiluu nan dandaʼa jedheen gowwummaadhaan yaada ture. Kanaafuu saʼaatii dheeraan hojjedha ture. Achiis, yeroo baayʼee gumii irraa hafuun jalqabe, dhuma irratti immoo guutummaatti nan dhaabe. Addunyaan namoota suutuma suuta Waaqayyo irraa fageessuuf waan qopheeffame fakkaata.”

5. Obboleettiin tokko rakkinni hedduun yommuu ishii irra gaʼu maal goote?

5 Obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko rakkoowwan hedduudhaan liqimfamaniiru. Aan ishiin Biritaaniyaa jiraattu haadha ijoollee shanii ti. Aan akkas jetteetti: “Ilmi koo tokko dhalachuu isaatii kaasee dhibee qaamaa cimaa qaba. Yeroo booda ijoollee durbaa koo keessaa tokko gumiidhaa baafamte, ilmi koo tokko immoo dhibee sammuutiin qabame. Kanaafuu, baayʼee waanan dhiphadheef walgaʼii irratti argamuu fi lallaba irratti hirmaachuu nan dhaabe. Dhuma irrattis nan qabbanaaʼe.” Aanii fi maatii ishii akkasumas namoota kan biroo rakkoowwan akkasii isaan irra gaʼeef ni gaddina!

6. Qolosaayis 3:13 hojii irra oolchuu dhiisuun namni tokko suutuma suuta saba Yihowaa irraa akka fagaatu kan taasisu akkamitti?

6 Qolosaayis 3:13 dubbisi. Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko nama hidhata amantii isaanii taʼeen miidhamaniiru. Phaawulos ergamaan yeroo tokko tokko obboleessa ykn obboleettii tokko ‘sababii itti komannu’ qabaachuu akka dandeenyu hubateera. Karaa haqa hin qabneen qabamuu illee ni dandeenya. Yoo of eeggachuu baanne haaloo qabachuu dandeenya. Aariin namni tokko suutuma suuta saba Yihowaa irraa akka fagaatu gochuu dandaʼa. Mee muuxannoo obboleessa Paabiloo jedhamuu fi Ameerikaa Kibbaa jiraatu haa ilaallu. Balleessaa akka raawwate sobaan waan himatameef, mirga tajaajilaa gumii keessatti qabu ni dhabe. Maal godhe ree? Paabiloon akkas jedheera: “Baayʼeen aare, achiis suutuma suuta gumii irraa nan fagaadhe.”

7. Qalbiin nama ceephaʼu nama tokko irratti dhiibbaa akkamii geessisa?

7 Yookiin namni kanaan dura seera Waaqayyo cabse tokko qalbiin isaa isa ceephaʼuu fi jaalala Waaqayyoo argachuuf gaʼumsa akka hin qabne akka isatti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Namni kun yaada geddaratee dhiifama kan argate taʼu illee, kana booda saba Waaqayyoo keessaa tokko taʼuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Obboleessi Firaansiiskoo jedhamu akkas isatti dhagaʼama ture. Akkas jedheera: “Ejja raawwachuu kootiin kan kaʼe nan adabame. Jalqaba irratti walgaʼii irratti argamuu koo kanan itti fufe taʼus, baayʼee waanan dhiphadheef, saba Yihowaa gidduutti argamuuf gaʼumsa akkan hin qabne natti dhagaʼame. Qalbiin koo waan na ceephaʼeef, Yihowaan dhiifama akka naaf hin goone ofin amansiise. Yeroo booda, gumii irratti argamuu nan dhaabe.” Waaʼee obbolootaa fi obboleettota haalawwan olitti ilaalle isaan irra gaʼee, maaltu sitti dhagaʼama? Isaaniif ni gadditaa? Hunda caalaa immoo waaʼee isaanii Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

YIHOWAAN HOOLOTA ISAA NI JAALLATA

Tikseen Israaʼel tokko waaʼee hoolaa bade tokkoo cimsee yaada (Keeyyata 8-9 ilaali) *

8. Yihowaan namoota kanaan dura isa tajaajilaa turan ni irraanfataa? Ibsi.

8 Yihowaan namoota kanaan dura isa tajaajilaa turanii fi yeroo muraasaaf saba isaa wajjin walitti qabamuu dhiisan hin irraanfatu. Akkasumas hojii isaan tajaajila isaa irratti raawwatan hin irraanfatu. (Ibr. 6:10) Isaayaas raajichi fakkeenya gaarii akkaataa Yihowaan saba isaa itti kunuunsu argisiisu galmeesseera. Isaayaas, “Inni akka tikseetti hoolota isaa in tiksa, ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata” jedhee barreesseera. (Isa. 40:11) Yommuu hoolota isaa keessaa tokko tuuta hoolotaa irraa fagaatu, Tiksee Guddichatti maaltu itti dhagaʼama? Yesuus yommuu barattoota isaa gaaffii kana gaafatetti miira Yihowaa ibseera: “Maal isinitti fakkaata? Namni tokko hoolota 100 yoo qabaatee fi isaan keessaa hoolaan tokko yoo jalaa badde, hoolota 99 sana gaara irratti dhiisee ishii jalaa badde sana barbaacha hin deemuu? Dhuguman isiniin jedha, yoo ishii argate hoolota 99n warra hin badne sana caalaa ishiitti guddaa gammada.”—Mat. 18:12, 13.

9. Tiksee gaariin bara duriitti ture tokko hoolota isaa haala akkamiitiin qaba? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

9 Yihowaa tikseetti fakkeessuun sirrii kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas, bara duriitti tikseen gaariin tokko waaʼee hoolota isaa baayʼee yaada. Fakkeenyaaf, Daawit hoolota isaa eeguuf leencaa fi amaaketa rukutee ajjeeseera. (1 Sam. 17:34, 35) Tiksee gaariin tokko yommuu hoolaan tokko badu illee sirriitti hubata. (Yoh. 10:3, 14) Tikseen akkasii hoolota 99 warra hafan gola hoolotaa ykn tiksee kan biraatti dhiisee isa bade sana barbaaduu ni deema. Yesuus, “Abbaan koo inni samii warra xixinnoo kana keessaa tokko illee akka badu hin barbaadu” jechuudhaan fakkeenya kanatti fayyadamee dhugaa barbaachisaa tokko nu barsiiseera.—Mat. 18:14.

Tikseen Israaʼel durii keessa ture tokko hoolaa isaa bade tokkoof ni yaada (Keeyyata 9 ilaali)

YIHOWAAN HOOLOTA ISAA NI BARBAADA

10. Akka Hisqiʼel 34:11-16 jedhutti Yihowaan hoolota isaa badaniif abdii akkamii kenneera?

10 Yihowaan “warra xixinnoo” tuuta hoolotaa isaa irraa fagaatan dabalatee hunduma keenya ni jaallata. Waaqayyo hoolota isaa badan akka barbaaduu fi fayyummaa hafuuraa isaanii deebisanii akka argatan akka isaan gargaaru karaa Hisqiʼel raajichaa abdii kenneera. Akkasumas tarkaanfii isaan oolchuuf fudhatu adda baasee kan ibse siʼa taʼu, tarkaanfiin isaa kun, tarkaanfii tikseen Israaʼel yommuu hoolaan tokko badu fudhatuu wajjin wal fakkaata. (Hisqiʼel 34:11-16 dubbisi.) Jalqaba, tikseen sun hoolaa sana kan barbaadu siʼa taʼu, kunis yeroo baayʼee fi carraaqqii hedduu kan gaafatu dha. Achiis, hoolaa bade sana yommuu argatu deebisee gara tuuta hoolotaatti fida. Kana malees, hoolaan sun madaaʼeera ykn beelaʼeera yoo taʼe, tiksichi hoolaa dadhabe sana jaalalaan deggera, madaa isaa isaaf hidha, ni baata, akkasumas ni soora. Jaarsoliinis tiksee “tuuta hoolota Waaqayyoo” waan taʼaniif, namoota gumii irraa fagaatan kam iyyuu yommuu gargaaran tarkaanfii akkasii fudhachuu qabu. (1 Phe. 5:2, 3) Jaarsoliin isaan barbaadu, gara tuuta hoolotaatti akka deebiʼan isaan gargaaru akkasumas deggersa hafuuraa barbaachisu isaaniif gochuudhaan jaalala isaanitti argisiisu. *

11. Tikseen gaariin tokko maal hubata?

11 Tikseen gaariin tokko hoolaan tokko baduu akka dandaʼu ni hubata. Kanaafuu, hoolaan tokko yoo tuuta hoolotaa irraa fagaate, tiksichi gara jabinaan isa hin qabu. Mee Yihowaan tajaajiltoota isaa yeroo muraasaaf isa irraa fagaatan tokko tokko yommuu gargaarutti fakkeenya inni nuuf kaaʼe haa ilaallu.

12. Yihowaan Yoonaasiin kan qabe akkamitti ture?

12 Yoonaas raajichi hojii isaaf kenname irraa baqatee ture. Taʼus, Yihowaan Yoonaasitti dafee abdii hin kutanne. Akkuma tiksee gaarii tokkoo, Yihowaan isa oolcheera akkasumas hojii isaaf kenname akka raawwatuuf jabina isa barbaachisu akka argatu isa gargaareera. (Yon. 2:7; 3:1, 2) Booda, Waaqayyo buqqee hadhooftuu tokkotti fayyadamee Yoonaas gatii tokkoon tokkoon lubbuu namootaa qabu akka hubatu isa gargaareera. (Yon. 4:10, 11) Kana irraa barumsa maalii arganna? Jaarsoliin namoota qabbanaaʼanitti dafanii abdii kutachuu hin qaban. Kanaa mannaa, hoolaan tokko tuuta hoolotaa irraa akka fagaatu kan isa godhe maal akka taʼe hubachuuf yaalii godhu. Hoolaan sun gara Yihowaatti yommuu deebiʼus, jaarsoliin jaalalaa fi xiyyeeffannaa isaaf kennuu isaanii itti fufu.

13. Akkaataa Yihowaan barreessaa faarfannaa 73 itti qabe irraa maal baranna?

13 Barreessaan Faarfannaa 73 hamoonni milkaaʼina kan argatan fakkaachuu isaanii yommuu ilaalu abdii kutatee ture. Fedhii Waaqayyoo raawwachuun faayidaa qabaachuu isaa shakkee ture. (Far. 73:12, 13, 16) Maarree, Yihowaan maal godhe? Nama kanatti hin murteessine. Waaqayyo wanti inni dubbate illee Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godheera. Yeroo booda, faarfatichi, jireenya keenya keessatti Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuun, wanta kan biraa kam irra iyyuu akka caalu hubateera. (Far. 73:23, 24, 26, 28) Barumsa akkamii arganna? Jaarsoliin namoota Yihowaa tajaajiluun faayidaa qabaachuu isaa shakkuu jalqabanitti dafanii murteessuu hin qaban. Isaanitti murteessuu mannaa, akkas kan godhanii fi akkasitti kan dubbatan maaliif akka taʼe beekuuf yaaluu qabu. Jaarsoliin jajjabina Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuu kan dandaʼan yoo akkas godhan qofa dha.

14. Eliyaas gargaarsi kan isa barbaachise maaliif ture? Yihowaan hoo kan isa gargaare akkamitti?

14 Eliyaas raajichi Iizaabel Mootittii jalaa baqateera. (1 Mot. 19:1-3) Namni Yihowaadhaaf raajii taʼee tajaajilu kan biraan akka hin jirre yaadee fi hojiin isaa gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. Eliyaas baayʼee dhiphachuu isaatiin kan kaʼe, duʼuu barbaadee ture. (1 Mot. 19:4, 10) Yihowaan Eliyaasitti murteessuu mannaa, inni kophaa isaa akka hin taane, humna Waaqayyo irratti amanannaa qabaachuu akka dandaʼuu fi amma iyyuu hojiin hojjetu hedduun akka jiru isaaf mirkaneesseera. Yihowaan wanta Eliyaasiin yaaddesse gaarummaadhaan dhaggeeffateera akkasumas hojii haaraa isaaf kenneera. (1 Mot. 19:11-16, 18) Barumsa akkamii arganna? Hundi keenya keessumaa jaarsoliin hoolota Yihowaa gaarummaadhaan qabuun isaan irra jira. Namni tokko, wanti tokko akka isa aarse yommuu dubbatus taʼe dhiifamni Yihowaa akka isaaf hin malle yommuu ibsu, jechuunis wanta isatti dhagaʼamu yommuu baasee dubbatu, jaarsoliin isa dhaggeeffachuu qabu. Akkas gochuudhaan Yihowaan hoolaa bade sanaaf iddoo guddaa akka kennu isaaf mirkaneessuuf yaalu.

HOOLOTA WAAQAYYOO BADANIIF MAALTU NUTTI DHAGAʼAMUU QABA?

15. Akka Yohaannis 6:39 jedhutti Yesuus hoolota Abbaa isaa akkamitti ilaala ture?

15 Yihowaan waaʼee hoolota isaa badanii maaltu akka nutti dhagaʼamu barbaada? Yesuus gama kanaan fakkeenya nuuf taʼeera. Yesuus hoolonni Yihowaa hundi Waaqayyo duratti gatii guddaa akka qaban waan beekuuf, ‘hoolonni mana Israaʼelii badan’ hundi gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaruuf wanta isaaf dandaʼame hunda godheera. (Mat. 15:24; Luq. 19:9, 10) Akkasumas Yesuus tiksee gaarii waan taʼeef, hoolonni Yihowaa akka hin badne eeguuf wanta isaaf dandaʼame hunda godheera.—Yohaannis 6:39 dubbisi.

16-17. Jaarsoliin waaʼee namoota Yihowaa irraa fagaatan gargaaruu maaltu isaanitti dhagaʼamuu qaba? (Saanduqa “ Hoolaa Bade Tokkotti Wanta Dhagaʼamu” jedhu ilaali.)

16 Phaawulos ergamaan jaarsoliin gumii Efesoon keessa jiran fakkeenya Yesuus akka hordofan isaan gorseera. Phaawulos, ‘Warra dadhaban gargaaraa akkasumas wanta Gooftaa Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhee dubbate sana yaadadhaa’ jedheera. (HoE. 20:17, 35) Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran gama kanaan itti gaafatama guddaa akka qaban ifa dha. Jaarsi gumii Saalvaador jedhamuu fi Ispeen jiraatu tokko akkas jedheera: “Yihowaan hoolota isaa badan hangam akka kunuunsu yommuun yaadu, isaan gargaaruuf wanta naaf dandaʼame hunda gochuufan kakaʼa. Tiksee hafuuraa waanan taʼeef, Yihowaan akkan isaan kunuunsu akka barbaadu mirkanaaʼaa dha.”

17 Namoonni gumii irraa fagaatanii turan, warri mata duree kana keessatti ibsaman hundi gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaarsa argataniiru. Ammuma iyyuu, namoonni Yihowaa irraa fagaatan hedduun akkas gochuu barbaadu. Mata dureen itti aanu namoonni kun gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaruuf wanta gochuu dandeenyu balʼinaan ibsa.

FAARFANNAA 139 Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali

^ key. 5 Namoonni waggoota dheeraadhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turan tokko tokko maaliif suutuma suuta gumii irraa fagaatu? Waaqayyo waaʼee isaanii maaltu itti dhagaʼama? Mata dureen kun deebii gaaffiiwwan kanaa ibsa. Akkasumas akkaataa Yihowaan bara duriitti namoota yeroo muraasaaf isa irraa fagaatanii turan tokko tokko itti gargaare irraa maal barachuu akka dandeenyu ibsa.

^ key. 2 IBSA JECHAA: Babalʼisaa qabbanaaʼe kan jedhamu, nama jiʼa jaʼaaf ykn isaa oliif sochii lallabaa fi hojii barattoota gochuu irratti hirmaannaa akkamii iyyuu gochuu isaa gabaasa hin goone dha. Taʼus, babalʼistoonni qabbanaaʼan amma iyyuu obbolootaa fi obboleettota keenya dha, nutis isaan jaallanna.

^ key. 4 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 10 Mata dureen itti aanu karaawwan jaarsoliin wantoota sadan kana gochuu itti dandaʼan ibsa.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Tikseen Israaʼel tokko waaʼee hoolaa bade tokko waan yaaduuf, barbaadee gara tuuta hoolotaatti akka deebiʼu isa gargaara. Tiksitoonni hafuuraa yeroo harʼaa jiranis akkasuma godhu.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Obboleettiin qabbanoofte takka imaluuf utuu Atoobisii eegduu, Dhugaa Baatonni lama gammachuudhaan yommuu lallaba addabaabayii irratti hirmaatan argite.