Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 26

“Gara Kootti Deebiʼaa!”

“Gara Kootti Deebiʼaa!”

“Gara kootti deebiʼaa! Anis gara keessanitti nan deebiʼa.”—MIL. 3:7.

FAARFANNAA 102 ‘Warra Dadhaboo Gargaaraa’

QABIYYEE *

1. Yihowaan hoolota isaa keessaa tokko yommuu gara isaatti deebiʼu maaltu isatti dhagaʼama?

MATA DUREE darbe irratti Yihowaan tiksee gaarii tokkoon tokkoon hoolota isaa gara laafinaan kunuunsutti akka of fakkeesse ilaalleerra. Akkasumas Yihowaan hoolota isaa badan kam iyyuu ni barbaada. Yihowaan Israaʼelota isa dhiisaniin, “Gara kootti deebiʼaa! Anis gara keessanitti nan deebiʼa” jedheera. Yihowaan ani, “Hin geddaramu” waan jedheef, yeroo harʼaas akkasuma akka isatti dhagaʼamu ni beekna. (Mil. 3:6, 7) Yihowaan yeroo tajaajiltoota isaa badan keessaa tokko illee gara isaatti deebiʼu, innii fi maleekonni guddaa akka gammadan Yesuus dubbateera.—Luq. 15:10, 32.

2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii qoranna?

2 Mee namoota Yihowaa irraa fagaatan gargaaruu ilaalchisee fakkeenya Yesuus dubbate sadii haa qorannu. Hoolonni badan gara isaatti akka deebiʼan gargaaruuf amalawwan nu barbaachisan tokko tokko ni baranna. Akkasumas, warra dadhaban deggeruun nama kiisa kan jennu maaliif akka taʼe ni ilaalla.

SAANTIMA BADE BARBAADUU

3-4. Dubartiin Luqaas 15:8-10 irratti ibsamte diraakmaa jalaa bade of eeggannoodhaan kan barbaadde maaliifi?

3 Warra gara Yihowaatti deebiʼuu barbaadan argachuuf jabaannee hojjechuu qabna. Fakkeenya Wangeela Luqaas irratti galmeeffame keessatti, Yesuus dubartiin tokko wanta gatii guddaa qabu, jechuunis saantima diraakmaa jalaa bade argachuuf akkamitti akka barbaadde ibseera. Fakkeenyi kun barbaacha cimaa dubartiin tun saantima sana argachuuf goote irratti xiyyeeffata.—Luqaas 15:8-10 dubbisi.

4 Yesuus dubartiin sun saantima diraakmaa gatii guddaa qabuu fi jalaa bade sana yommuu argattu miira ishiitti dhagaʼame ibseera. Bara Yesuusitti Yihudoonni haadhotii taʼan tokko tokko guyyaa intalli isaanii heerumtutti saantimoota diraakmaa kudhan ishiidhaaf kennuu barsiifata godhatanii waan turan fakkaata. Tarii saantimni bade sun saantimoota sana keessaa tokko taʼuu dandaʼa. Dubartiin kun saantimichi lafa buʼeera jettee yaaddee turte. Kanaafuu, ibsaa qabsiistee kan barbaadde taʼus, homaa hin arganne. Ibsaan zayitii ishii saantima meetii xinnoo sana arguuf akka gaariitti ishiidhaaf hin ibsine taʼa. Dhuma irrattis guutummaa manichaa akka gaariitti harte. Achiis diraakmaan ishii inni gatii guddaa qabu awwaara keessaa ifa ibsaatiin yommuu calaqqisu argite. Ishiin saantimicha yommuu argattu gammachuu guddaan ishitti dhagaʼameera. Achiis gammachuu ishii isaanitti himuuf michootaa fi olloota ishii waamte.

5. Warra gumii irraa fagaatan barbaaduun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

5 Akkuma fakkeenya Yesuus irraa ilaalletti, wanta bade tokko barbaaduun hojii cimaa gaafata. Haaluma kana fakkaatuun, warra gumii irraa fagaatan barbaaduuf jabaannee hojjechuu nu barbaachisa. Namoonni kun nu wajjin walitti qabamuu erga dhiisanii waggoonni hedduun darbanii taʼuu dandaʼa. Tarii bakka obboloonni naannoo sanaa isaan hin beeknetti galanii illee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yeroo kanatti warra qabbanaaʼan kana keessaa tokko tokko gara Yihowaatti deebiʼuuf hawwaa akka jiran hin shakkisiisu. Namoonni kun maatii waaqeffattoota isaa warra dhugaa wajjin Yihowaa tajaajiluu kan barbaadan taʼus, gargaarsi keenya isaan barbaachisa.

6. Miseensonni gumii hundi namoota qabbanaaʼan barbaaduu irratti hirmaachuu kan dandaʼan akkamitti?

6 Warra qabbanaaʼan barbaaduu irratti eenyufaatu hirmaachuu dandaʼa? Hundi keenya, jechuunis jaarsoliin, qajeelchitoonni, miseensonni maatii fi babalʼistoonni hundi isaan barbaaduu irratti gargaarsa gochuu ni dandaʼu. Michuu ykn fira qabbanaaʼe tokko qabdaa? Manaa gara manaa ykn addababayii irratti yeroo tajaajiltu nama qabbanaaʼe tokko argattee beektaa? Namni kun jaarsoliin gumii dhufanii akka isa gaafatan ni barbaada yoo taʼe, teessoo isaa isaaniif kennuu akka dandeessu isaaf ibsi.

7. Yaada jaarsi Toomaas jedhamu tokko kenne irraa maal baratte?

7 Keessumaa jaarsoliin warra gara Yihowaatti deebiʼuu barbaadan barbaaduuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandaʼu? Yaada jaarsi gumii Toomaas * jedhamu kenne haa ilaallu. Obboleessi kun Ispeen kan jiraatu siʼa taʼu, dhugaa baatonni 40 ol gara gumiitti akka deebiʼan gargaareera. Toomaas akkas jedheera: “Jalqaba, obbolootaa fi obboleettota gara garaa bakka obboloonni kun amma jiraatan beekuu dandaʼan yoo jiraatan nan gaafadha. Yookiin, babalʼistoonni nama gumii irratti hirmaachuu dhiise tokko beeku yoo taʼe isaan nan gaafadha. Isaanis barbaacha kana irratti hirmaachaa akka jiran waan isaanitti dhagaʼamuuf, obboloonni hedduun deggersa gochuuf fedhii guddaa qabu. Booda, obboloota ykn obboleettota qabbanaaʼan yommuun daawwadhu, waaʼee ijoollee isaanii fi firoota isaanii isaan nan gaafadha. Warra qabbanaaʼan keessaa tokko tokko ijoollee isaanii gara gumiitti fidaa kan turan siʼa taʼu, ijoolleen kunis yeroo taʼe tokkotti babalʼistoota turan taʼa. Isaanis gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaarsi isaan barbaachisa.”

ILMAANII FI INTALOOTA YIHOWAA BADAN GUMIITTI DEEBISAA

8. Fakkeenya waaʼee ilma badee fi Luqaas 15:17-24 irratti galmeeffame keessatti abbaan ilma isaa isa yaada geddarate kan qabe akkamitti?

8 Warra gara Yihowaatti deebiʼuu barbaadan gargaaruu yoo barbaanne, amalawwan akkamii qabaachuu qabna? Fakkeenya Yesuus waaʼee ilma mana dhiisee bade tokkoo dubbate irraa barumsa argachuu dandeenyu tokko tokko haa ilaallu. (Luqaas 15:17-24 dubbisi.) Yesuus ilmi kun dhuma irratti dogoggora isaa hubachuudhaan gara manaatti deebiʼuuf akkamitti akka murteesse ibseera. Abbaan mucichaa isa simachuuf itti fiigee isa hammachuudhaan akka isa jaallatu isaaf mirkaneesseera. Mucaan kun qalbiin isaa waan isa ceephaʼeef, ilma jedhamee waamamuun akka isaaf hin malle isatti dhagaʼameera. Abbaan kun ilma isaa kanaaf gadduudhaan yommuu inni miira isaa isaaf ibsu isa dhaggeeffate. Achiis ilma isaa kana akka nama qacarameetti utuu hin taʼin, miseensota maatii isaa warra jaallatamoo keessaa tokko akka taʼetti isa simachuu isaa isaaf mirkaneessuuf wanta kan biraa godhe. Jaalala isaa isaaf ibsuuf, afeerra qopheesse akkasumas ilma isaa yaada geddarate kanaaf uffatawwan babbareeddoo kenne.

9. Warri qabbanaaʼan gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaruuf amalawwan akkamii qabaachuu qabna? (Saanduqa “ Warra Deebiʼuu Barbaadan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?” jedhu ilaali.)

9 Yihowaan abbaa fakkeenya sana irratti ibsamee wajjin wal fakkaata. Inni obbolootaa fi obboleettota keenya warra qabbanaaʼan ni jaallata, gara isaatti akka deebiʼanis ni barbaada. Nutis fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan akka deebiʼan isaan gargaaruu ni dandeenya. Kun immoo obsa qabachuu, miira isaanii hubachuu fi jaalala qabaachuu gaafata. Amalawwan akkasii agarsiisuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

10. Namni tokko karaa hafuuraa akka bayyanatu gargaaruu irratti obsi gaʼee akkamii qaba?

10 Namni tokko karaa hafuuraa fayyuuf yeroo waan isatti fudhatuuf, obsa qabaachuu qabna. Namoonni qabbanaaʼanii turan hedduun, kan deebiʼan jaarsolii fi warri gumii keessa jiran kaan siʼa baayʼee deddeebiʼanii erga isaan gaafatanii booda akka taʼe ni dubbatu. Obboleettiin Naansii jedhamtuu fi Kibba Baha Eeshiyaa jiraattu akkas jetteetti: “Michuun koo gumii keessa jirtu tokko gargaarsa guddaa naaf gooteetti. Ishiin akkuma obboleettii koo angafaatti na jaallatti turte. Yeroo gaarii kanaan dura waliin dabarsine na yaadachiiste. Miira koo yommuun ibsu obsaan na dhaggeeffate, gorsa naaf kennuu irraas dubbatti hin jenne. Ishiin michuu dhugaa yeroo kamitti iyyuu gargaarsa kennuuf qophaaʼe naaf taatee turte.”

11. Nama aare tokko tasgabbeessuuf miira namaa hubachuun kan barbaachisu maaliifi?

11 Amalli miira namaa hubachuu dibata gaarii wajjin wal fakkaata; miira miidhame fayyisuu ni dandaʼa. Namoonni qabbanaaʼan tokko tokko waggoota hedduu dura nama gumii keessa jiru tokkotti waan mufataniif amma iyyuu miirri isaanii miidhamee fi aaraa jiru taʼa. Miirri isaanitti dhagaʼamu kun fedhii gara Yihowaatti deebiʼuuf qaban jalaa ukkaamseera. Tokko tokko jalʼinni isaan irratti raawwatamee akka ture isaanitti dhagaʼama taʼa. Nama isaan dhaggeeffatuu fi miira isaanii isaaniif hubatu barbaadu taʼa. (Yaq. 1:19) Maariyaa ishiin yeroo taʼe tokkotti qabbanooftee turte akkas jetteetti: “Nama na dhaggeeffatu, na jajjabeessu akkasumas nama gorsa gaarii fi gargaarsa naaf kennu na barbaachisa ture.”

12. Jaalalli Yihowaa namoota qabbanaaʼan gara saba isaatti akkamitti akka harkisu fakkeenyaan ibsi.

12 Kitaabni Qulqulluun jaalala Yihowaan saba isaatiif qabu hidhaa ykn wadarootti fakkeessa. Jaalalli Waaqayyoo wadarootti kan fakkeeffamu akkamitti? Mee fakkeenya kana ilaali: Galaana hunkuramu keessa akka jirtuu fi namni tokko uffata bishaanichaan akka hin nyaatamne si oolchu akka siif darbate godhii yaadi. Kun walʼaansoo ati bishaanichaan akka hin liqimfamne gootu waan sii salphisuu dandaʼuuf, gargaarsa kana akka dinqisiifatu hin shakkisiisu. Taʼus, lubbuudhaan itti fufuuf uffata sana qabaachuun kee qofti gaʼaa miti. Bishaanichi qorraa waan taʼeef, bidiruu lubbuu baraaru bira yoo geesse malee ooluu hin dandeessu. Nama wadaroo siif darbatee gara bidiruu sanaatti si harkisu si barbaachisa. Yihowaan Israaʼeloota isa irraa fagaataniin, ‘ani hidhaa jaalalaatiin isaan nan harkise’ jedheera. (Hos. 11:4) Waaqayyo harʼas namoota isa tajaajiluu dhaabanii fi rakkoowwanii fi yaaddoodhaan moʼaman ilaalchisee akkasuma itti dhagaʼama. Inni akka isaan jaallatuu fi gara ofii isaatti isaan harkisuu akka barbaadu akka hubatan barbaada. Yihowaan jaalala isaa kana akka isaaniif ibsitu sitti fayyadamuu dandaʼa.

13. Muuxannoo humna jaalalli obbolummaa qabu ibsu tokko dubbadhu.

13 Namoonni qabbanaaʼan Yihowaan akka isaan jaallatuu fi nutis akka isaan jaallannu isaaniif mirkaneessuun barbaachisaa dha. Paabiloo inni mata duree darbe irratti ibsame waggoota 30f qabbanaaʼee tureera. Akkas jedheera: “Guyyaa tokko ganama, utuun manaa baʼaa jiruu, obboleettii maanguddoon gaarummaa qabdu takka natti dhuftee, jaalalaan na haasofsiiste. Anis akkuma mucaa xinnootti booʼuun jalqabe. Yihowaan akka ishiin na haasofsiistuuf gara kootti waan ishii erge akka natti fakkaateen ishiitti hime. Gara Yihowaatti deebiʼuuf kanan murteesse yeroo kanatti ture.”

WARRA DADHABOO JAALALAAN DEGGERAA

14. Akkuma fakkeenya Luqaas 15:4, 5 irratti ibsametti, tikseen sun hoolaa bade sana erga argatee booda maal godhe?

14 Namoota qabbanaaʼaniif deggersa itti fufiinsa qabu isaaniif gochuu qabna. Akkuma ilma badee fi fakkeenya Yesuus keessatti ibsame sanaa miirri isaanii baayʼee miidhamee taʼuu dandaʼa. Akkasumas wanta addunyaa Seexanaa keessatti isaan mudateen kan kaʼe karaa hafuuraa baayʼee laafanii taʼuu dandaʼa. Amantii Yihowaa irratti qaban deebisanii akka jabeeffatan isaan gargaaruu nu barbaachisa. Yesuus fakkeenya waaʼee hoolaa bade ibsu keessatti, tikseen sun hoolaa sana gateettii isaa irra kaaʼuudhaan akkamitti baatee gara tuuta hoolotaatti akka deebise ibseera. Tikseen sun hoolaa bade sana barbaaduudhaan saʼaatii hedduu dabarseera akkasumas humna hedduu fixeera. Taʼus, hoolaan sun ofuma isaatiin deebiʼuuf humna waan hin qabneef, isa baatee gara tuuta hoolotaatti deebisuu akka qabu hubateera.—Luqaas 15:4, 5 dubbisi.

15. Namoota dadhaboo gara Yihowaatti deebiʼuu barbaadan akkamitti gargaaruu dandeenya? (Saanduqa “ Meeshaa Gatii Guddaa Qabu” jedhu ilaali.)

15 Namoonni qabbanaaʼan dadhabina isaanii akka moʼaniif, yeroo fi humna hedduu aarsaa gochuu nu barbaachisuu dandaʼa. Taʼus, gargaarsa hafuura Yihowaa, Dubbii isaa fi barreeffamoota karaa gumii argannuun, karaa hafuuraa deebiʼanii akka ciman isaan gargaaruu dandeenya. (Rom. 15:1) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Jaarsi gumii muuxannoo qabu tokko, “Namoonni qabbanaaʼan hedduun gara Yihowaatti deebiʼuuf erga murteessanii booda, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaan barbaachisa” jedheera. * Kanaafuu, nama qabbanaaʼe tokko akka qoʼachiistu yoo gaafatamte, mirga kana gammachuudhaan fudhachuu qabda. Jaarsi kun itti dabaluudhaan, “Babalʼisaan qoʼannaa akkasii geggeessu michuu gaarii, namni qabbanaaʼe sun iccitii isaa itti himuu dandaʼu taʼuu qaba” jedheera.

SAMII FI LAFA IRRATTI GAMMACHUUN NI TAʼA

16. Samii irraa gargaarsa argachuu akka dandeenyu akkamitti beekna?

16 Namoota qabbanaaʼanii fi gara Yihowaatti deebiʼuu barbaadan gargaaruu irratti maleekonni nuu wajjin akka hojjetan muuxannoowwan hedduun ni argisiisu. (Mul. 14:6) Fakkeenyaaf, Silviyoo inni Ikuwaador jiraatu, gargaarsa gara gumiitti deebiʼuuf isa barbaachisu argachuuf cimsee kadhata ture. Achiis utuma inni kadhachaa jiruu bilbilli balbala isaa ni iyye. Jaarsoliin lama balbala isaa dura dhaabatanii turan. Jaarsoliin kun yeroo isaa wajjin dabarsanitti gargaarsa isa barbaachisu isaaf kennuu jalqabuu isaaniitti gammadaniiru.

17. Namoota karaa hafuuraa dadhaban gargaaruudhaan badhaasa akkamii arganna?

17 Namoota karaa hafuuraa dadhaboo taʼan gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaruudhaan gammachuu guddaa argachuu dandeenya. Saalvaador inni qajeelchaa taʼee fi warra qabbanaaʼaniif xiyyeeffannaa addaa kennu wanta dubbate hubadhaa: “Yeroo tokko tokko gammachuudhaan kan kaʼe imimmaan koo toʼachuu hin dandaʼu. Yihowaan hoolaa isaa jaallatamaa taʼe tokko addunyaa Seexanaa irraa oolchuu isaa fi anis isaa wajjin hojii kana irratti hirmaachuuf mirga argachuu koo yommuun yaadu baayʼeen gammada.”—HoE. 20:35.

18. Karaa hafuuraa qabbanoofteetta yoo taʼe waaʼee maalii mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa?

18 Saba Yihowaa wajjin walitti qabamuu kee dhaabdeetta yoo taʼe, inni amma iyyuu akka si jaallatu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa. Inni gara isaatti akka deebitu barbaada. Gara isaatti deebiʼuuf tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuu si barbaachisa. Haa taʼu malee, akkuma abbaa fakkeenya Yesuus keessatti ibsame sanaa, Yihowaan akka ati deebitu si eegaa jira, gammachuudhaan si simatas.

FAARFANNAA 103 Tiksitoota—Dhiirota Kennaa Taʼan

^ key. 5 Yihowaan namoonni gumii irratti argamuu fi tajaajiluu dhiisan gara isatti akka deebiʼan barbaada. Namoota afeerraa Yihowaan, “Gara kootti deebiʼaa!” jechuudhaan dhiheesse fudhachuu barbaadan gargaaruuf wanta hedduu gochuu dandeenya. Mata duree kana keessatti tarkaanfii kana akka fudhataniif akkamitti isaan gargaaruu akka dandeenyu ilaalla.

^ key. 7 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 15 Namoonni qabbanaaʼan tokko tokko kitaaba, Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa jedhu qoʼachuudhaan gargaarsa argataniiru, warri kaan immoo kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu irraa boqonnaa muraasa qoʼachuudhaan fayyadamaniiru. Qoʼannaa akkasii geggeessuuf caalaatti gaʼumsa kan qabu eenyu akka taʼe Koree Tajaajilaa Gumiitu murteessa.

^ key. 68 IBSA FAKKII: Obboloonni gara garaa sadii obboleessa gara gumiitti deebiʼuu barbaadu tokkoof gargaarsa yommuu godhan. Isaa wajjin wal qunnamuu isaanii itti fufuu, akka isa jaallatan isaaf mirkaneessuudhaan akkasumas xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffachuudhaan kana gochaa jiru.