Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Harʼaa Sagalee Malakataa Dhagaʼanii Tarkaanfii Fudhachuu

Yeroo Harʼaa Sagalee Malakataa Dhagaʼanii Tarkaanfii Fudhachuu

YIHOWAAN “guyyoota dhumaa” kanatti saba isaa qajeelchaa fi karaa hafuuraa sooraa akka jiru hundi keenya ni amanna. (2 Xim. 3:1) Taʼus, ajaja inni nuuf kennu fudhachuun gaʼee hunda keenyaa akka taʼe beekamaa dha. Haala keenya Israaʼeloota lafa onaa keessa turanii wajjin wal bira qabuu dandeenya. Isaan sagalee malakataa yommuu dhagaʼan tarkaanfii fudhachuu qabu turan.

Yihowaan, ‘waldaa ittiin walitti waamuu fi buufanni buqqifatee akka kaʼu gochuuf’ meetii tumame irraa malakata lama akka tolchu Musee ajajee ture. (Lak. 10:2) Sabichi maal gochuu akka qaban argisiisuuf, luboonni malakatoota sana karaa gara garaatiin afuufuu qabu turan. (Lak. 10:3-8) Yeroo harʼaa sabni Waaqayyoo karaa hedduudhaan qajeelfama argatu. Karaawwan malakatawwan bara durii itti afuufaman nu yaadachiisan kana keessaa sadan isaanii haa ilaallu. Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran walgaʼiiwwan guguddaa irratti akka argaman afeeramaniiru, ilaaltonni ol aanaa muudaman leenjii fudhachaa jiru akkasumas gumiiwwan hundi qajeelfama yeroo isaa eeggate ni argatu.

WALGAʼII GUGUDDAADHAAF WAAMAMUU

Yihowaan “guutummaan waldaa” karra godoo qulqullummaa kallattii bahaatiin argamu biratti akka walitti qabaman yommuu barbaadu, luboonni malakatoota lamaanuu ni afuufu turan. (Lak. 10:3) Gosoonni bakka afuritti hiramanii naannoo godoo qulqullummaa sana buufatan hundi sagalee addaa kana ni dhagaʼu. Warri karrichatti dhihoo buufatan daqiiqaa muraasa keessatti tarkaanfii fudhatu taʼa. Warri kaan immoo xinnoo fagaatanii waan jiraniif, achi gaʼuuf, yeroonii fi carraaqqiin dabalataa isaan barbaachisa taʼa. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan hundi isaanii akka argamanii fi akka fayyadaman barbaada.

Yeroo harʼaa godoo qulqullummaa biratti walitti hin qabamnu, taʼus, walgaʼiiwwan saba Waaqayyoo irratti akka argamnu ni afeeramna. Isaanis walgaʼiiwwan naannoo fi walgaʼiiwwan addaa kaan siʼa taʼan, bakka kanatti odeeffannoo fi qajeelfama barbaachisaa arganna. Biyyoota addunyaa mara jiran hunda keessatti sabni Yihowaa sagantaa wal fakkaataa qabu. Kanaafuu, warri afeerraa kana fudhatan, namoota gammadoo hedduu wajjin walitti qabamaa jiru. Namoonni tokko tokko warra kaan caalaa deemuun isaan barbaachisa. Taʼus, warri afeerrii kana fudhatanii argaman hundi carraaqqii gochuun isaanii akka isaan kiise ni hubatu.

Warri bakka walgaʼii guguddaan itti godhamu irraa fagaatanii tuuta xixinnoo keessa jiran hoo faayidaa ni argatuu? Teknooloojii ammayyaatiin kan kaʼe, tuutawwan akkasii hedduun sagantaa wal fakkaatu irraa fayyadamuu dandaʼaniiru akkasumas walgaʼii guguddaa irratti illee akka argaman itti dhagaʼameera. Fakkeenyaaf, yeroo daawwannaa bakka buʼaa waajjira muummee tokkotti, waajjirri damee Beeniin, magaalaa Niijar, Aarliit jedhamtuu fi Gammoojjii Sahaaraa keessa, bakka albuudni baafamutti argamtutti saganticha dabarsee ture. Walgaʼii kana irratti obbolootaa fi obboleettota dabalatee namoonni fedhii qaban 21 argamaniiru. Bakka fagoo kan jiran taʼus, namoota 44,131 wajjin akka walgaʼan isaanitti dhagaʼamee ture. Obboleessi tokko akkas jedhee barreesseera: “Saganticha waan dabarsitaniif garaadhaa isin galateeffanna. Hammam akka nu jaallatan nu hubachiiseera.”

ILAALTOTA OL AANAA LEENJII DABALATAATIIF WAAMUU

Luboonni Israaʼeloota taʼan malakata tokko qofa yommuu afuufan, dunkaana walgaʼii biratti argamuu kan qabu, ‘geggeessitootaa [ajajjootaa, NW] fi dura buutota kumaatamaa’ qofa dha. (Lak. 10:4) Isaan bakka kanatti Musee irraa odeeffannoo fi leenjii fudhatu. Kunis itti gaafatama gosoota isaanii keessatti qaban baʼuuf isaan gargaara. Geggeessitoota sana keessaa tokko utuu taatee, achitti argamuu fi irraa fayyadamuuf wanta siif dandaʼame hunda hin gootu turtee?

Yeroo harʼaa, jaarsoliin gumii “ajajjoota” miti akkasumas hoolota Waaqayyoo tika isaanii jala jiran irratti gooftaa hin taʼan. (1 Phe. 5:1-3) Taʼus, tuuta hoolotaa tiksuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda akka godhan beekamaa dha. Kanaafuu, leenjii dabalataa kan akka Mana Barumsaa Tajaajila Mootummichaa irratti akka hirmaatan yommuu afeeraman gammachuudhaan fudhatu. Yeroo kanatti jaarsoliin dhimmoota gumii wajjin wal qabatan caalaatti karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti akka raawwatan baratu. Kunis warri gumii keessa jiran hundi caalaatti Yihowaatti akka dhihaatan gargaara. Manneen barumsaa kana irratti hirmaattee kan hin beekne taʼu illee, namoota hirmaatan irraa faayidaa argatee akka taʼu hin shakkisiisu.

SIRREEFFAMA AKKA GOONU YEROO GAAFATAMNU

Luboonni Israaʼeloota taʼan yeroo tokko tokko sagalee malakataa jijijjiiranii afuufu turan. Kun Yihowaan guutummaan buufatichaa akka deemu kan barbaadu taʼuu isaa beeksisa. (Lak. 10:5, 6) Buufaticha sochoosuun, qindoomina guddaa kan barbaadu siʼa taʼu, tokkoon tokkoon namaas hojii guddaa hojjechuu isa gaafata. Israaʼeloonni tokko tokko yeroon miirri wal makaan isaanitti dhagaʼamee ture jiraachuu dandaʼa. Maaliifi?

Tarii tokko tokko waamichi deemsaa sun akka tasaa akka taʼee fi irra deddeebiʼee al hedduu akka godhame isaanitti dhagaʼamee taʼa. Yeroo tokko tokko, ‘duumessichi galgalaa hamma ganamaatti’ qofa tura. Yeroo kaanitti immoo deemuu isaanii dura, ‘guyyaa lama, jiʼa tokko ykn isaa ol’ tura. (Lak. 9:21, 22) Kana malees, buufatichi iddoo tokkoo gara kan biraatti kan sochoʼe siʼa meeqa ture? Kitaabni Lakkoofsaa boqonnaa 33 iddoowwan Israaʼeloonni buufatan gara 40 caqasa.

Israaʼeloonni tokko tokko yeroon bakka gaaddisa qabu itti argatan jiraachuu dandaʼa. “Lafa onaa guddaadhaa fi sodaachisaa” kanatti gaaddisa akkasii argachuun baayʼee nama gammachiisa. (Kes. 1:19) Kanaafuu, iddoo jijjiiruun haala nama hin gammachiisneef caalaatti nu saaxila jedhanii yaaduuf qoramanii taʼuu dandaʼa.

Gosoonni deemuu yommuu jalqabanitti immoo, tokko tokko hanga dabareen isaanii gaʼutti eeguun isaanitti ulfaatee taʼuu dandaʼa. Sagalee malakataa jijjiiramu kan dhagaʼan hunduma isaanii taʼus, hundi isaanii al tokkotti deemsa hin jalqaban. Sagaleen malakataa kun jijjiiramee yommuu afuufamu, gosoonni kallattii bahaatiin buufatan jechuunis Yihudaa, Yisaakorii fi Zebuloon deemuu akka qaban argisiisa. (Lak. 2:3-7; 10:5, 6) Erga isaan deemanii booda, luboonni yeroo lammataatiif garee gosoota sadan kallattii kibbaatiin jiraniif sagalee malakataa jijjiiramu dhageessisu. Luboonni sun hanga guutummaan buufatichaa deemutti haaluma kanaan itti fufanii afuufu.

Tarii atis sirreeffama jaarmiyichi godhe tokko tokko ilaalchisee miirri gara garaa sitti dhagaʼamee beeka taʼa. Jijjiiramni hin eegamne hedduun yommuu godhamutti immoo baayʼee sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Yookiin tarii, jijjiiramawwan tokko tokko waan sitti tolaniif, sana booda akka hin jijjiiramne barbaaddee taʼuu dandaʼa. Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, obsi kee qoramee fi jijjiirama sanatti baruuf yeroo sitti fudhatee taʼuu dandaʼa. Taʼus, wanta gochuu akka qabnu hubanne hojii irra oolchuuf yoo carraaqne, Yihowaan nu eebbisuun isaa akka hin oolle hubachuu dandeenya.

Bara Museetti Yihowaan dhiirota, dubartootaa fi ijoollee miliyoonaan lakkaaʼaman lafa onaa keessa geggeesseera. Utuu inni isaan kunuunsaa fi qajeelfama isaaniif kennaa hin turre taʼee hin oolan turan. Yeroo harʼaa qajeelfama Yihowaatiin miidhaa hafuuraa irraa eegumsa argachaa jirra. Inni akka isatti dhihaannuu fi amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu nu gargaaraa jira. Kanaafuu, hundi keenya akkuma Israaʼeloonni amanamoo taʼan godhan sagalee malakataa adda taʼeef deebii kennuuf haa murteessinu!