Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 42

Amantii Cimaa Dhugaa Irratti Qabdu Jabeessii Qabadhu

Amantii Cimaa Dhugaa Irratti Qabdu Jabeessii Qabadhu

“Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa; wanta gaarii taʼe jabeessaa qabadhaa.”—1 TAS. 5:21.

FAARFANNAA 142 Abdii Keenya Cimsinee Qabachuu

QABIYYEE *

1. Namoonni hedduun kan burjaajaʼaan maaliifi?

DHAABBILEEN amantaa Kiristiyaana ofiin jedhan hedduun karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun isa waaqeffachaa akka jiran isaanitti dhagaʼama. Kanaafuu, dhimma kana ilaalchisee namoonni hedduun burjaajaʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, “Amantaan dhugaa tokko dha moo, amantaan hundi Waaqayyoon ni gammachiisu?” jedhanii gaafatu. Wanti barsiisnu dhugaa taʼuu isaa fi waaqeffannaan Waaqayyo biratti fudhatama qabu waaqeffannaa Dhugaa Baatonni Yihowaa hordofan qofa akka taʼe guutummaatti ni amannaa? Dhuguma waaʼee kanaa mirkanaaʼaa taʼuun ni dandaʼamaa? Mee ragaawwan jiran haa ilaallu.

2. Akka 1 Tasalonqee 1:5 irratti ibsametti, Phaawulos ergamaan wanti itti amanu dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼaa kan taʼe akkamitti?

2 Phaawulos ergamaan dhugaa irratti amantii cimaa qaba ture. (1 Tasalonqee 1:5 dubbisi.) Amantiin isaa kun miira irratti kan hundaaʼe miti. Phaawulos Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qoʼata ture. “Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman” akka taʼanis ni amana. (2 Xim. 3:16) Maarree, Dubbii Waaqayyoo qoruudhaan maal hubate? Kitaabota Qulqulluu keessaa ragaa geggeessitoonni amantaa Yihudii fudhachuu didanii fi Yesuus Masiihii abdachiifame taʼuu isaa ibsu argateera. Geggeessitoonni amantaa fakkeessitoota taʼan kun Waaqayyoon akka bakka buʼan kan dubbatan taʼus, hojii isaaniitiin isa gananiiru. (Tit. 1:16) Phaawulos garuu haala isaan irraa faallaa taʼeen Dubbii Waaqayyoo keessaa wanta itti amanuu fi wanta dhiisu hin filanne. Kanaa mannaa, “gorsa Waaqayyoo hunda” barsiisuu fi hojii irra oolchuuf qophaaʼaa ture.—HoE. 20:27, milj.

3. Dhugaa akka arganne mirkanaaʼoo taʼuuf gaaffiiwwan keenya hundaaf deebii argachuu qabnaa? (Saanduqa, “ Gochawwanii fi Yaadawwan Yihowaa—‘Lakkoofsi Isaanii Gita hin Qabu’” jedhus ilaali.)

3 Namoonni tokko tokko, ‘Amantaa dhugaan gaaffiiwwan deebiin isaanii kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argamne dabalatee, gaaffii hundaaf deebii kennuu qaba’ jedhanii yaadu. Garuu akkas jedhanii yaaduun sirrii dhaa? Mee fakkeenya Phaawulos haa qorru. Phaawulos, “Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa” jechuudhaan Kiristiyaanota jajjabeesseera; taʼus, wanti inni hin hubanne hedduun akka jirus ifatti dubbateera. (1 Tas. 5:21) “Beekumsi nuti qabnu guutuu miti” jechuudhaan barreesseera; itti dabaluudhaanis, “Daawwitii sibiilaatiin bifa dimimmisaaʼu argina” jedheera. (1 Qor. 13:9, 12) Phaawulos wanta hundumaa hin hubanne; nutis wanta hundumaa hubachuu hin dandeenyu. Taʼus, Phaawulos Yihowaa ilaalchisee dhugaawwan buʼuuraa beeka ture. Ragaa gaʼaa dhugaa akka argate isaaf mirkaneessu qaba ture!

4. Dhugaa akka arganne amanannaa qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Kiristiyaanota dhugaa ilaalchisee maal qorra?

4 Karaan dhugaa akka arganne caalaatti mirkanaaʼoo taʼuu itti dandeenyu keessaa inni tokko, waaqeffannaa ilaalchisee fakkeenya Yesuus nuuf kaaʼee fi wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaatti gochaa jiran wal bira qabuu dha. Mata duree kana keessatti, Kiristiyaanonni dhugaan (1) waaqeffannaa waaqolii tolfamoo irraa akka fagaatan, (2) maqaa Yihowaa akka kabajan, (3) dhugaa akka jaallatan, akkasumas (4) jaalala guddaa akka waliif qaban ilaalla.

WAAQEFFANNAA WAAQOLII TOLFAMOO IRRAA NI FAGAANNA

5. Karaa sirrii Waaqayyoon itti waaqeffachuu qabnu ilaalchisee Yesuus irraa maal baranna? Wanta inni barsiise hojii irra oolchuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

5 Yesuus Yihowaadhaaf jaalala guddaa waan qabuuf yeroo samii keessa turettis taʼe yeroo lafa irra turetti isa qofa waaqeffata. (Luq. 4:8) Barattoonni isaas akkasuma akka godhan isaan barsiiseera. Yesuusis taʼe barattoonni isaa amanamoon waaqeffannaadhaaf fakkiitti fayyadamanii hin beekan. Waaqayyo hafuura waan taʼeef, wanti ilmaan namootaa hojjetan kam iyyuu isa fakkaachuu hin dandaʼu! (Isa. 46:5) Fakkii namoota qulqulloota jedhamanii kaasuudhaan kadhannaa isaanitti dhiheessuun hoo fudhatama qabaa? Yihowaan ajajawwan kurnan kenne keessaa isa lammaffaa irratti, “Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru . . . kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin. Ati isaaniif hin sagadin” jedheera. (Bau. 20:4, 5) Namoota Waaqayyoon gammachiisuu barbaadaniif ajajni kun ifa dha.

6. Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffannaa isaanii irratti fakkeenya eenyuu hordofu?

6 Hayyoonni seenaa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Waaqayyoon qofa waaqeffachaa akka turan dubbataniiru. Fakkeenyaaf, kitaabni Histirii of za Kiristiyaan Charchi jedhamu Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa iddoowwan waaqeffannaa isaaniitti fakkiitti fayyadamuu yaada jedhu “baayʼee akka jibban” dubbateera. Yeroo harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaas gama kanaan fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofu. Fakkii namoota qulqulloota jedhamaniitti ykn maleekotatti kadhannaa hin dhiheessinu; gara Yesuusitti illee kadhannaa hin dhiheessinu. Alaabaadhaaf kabaja addaa hin kenninu ykn wanta biyya tokko akka waaqeffannu argisiisu kam iyyuu hin raawwannu. Wanti fedhe iyyuu yoo dhufe, ajaja Yesuus, “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu” jechuudhaan kenneef ajajamuuf murteessineerra.—Mat. 4:10.

7. Dhugaa Baatota Yihowaa fi amantaawwan kaan gidduu garaa garummaa ifa taʼe akkamiitu jira?

7 Namoonni yeroo harʼaa baayʼeen geggeessitoota amantaa beekamoo taʼan hordofuu jaallatu. Dinqisiifannaan isaaniif qaban isaan kabajuu irra iyyuu darbee waanuma isaan waaqeffatan fakkaata. Namoonni baayʼeen waldaa isaanii ni dhaqu, kitaabota isaanii ni bitu, akkasumas maallaqa hedduudhaan isaan deggeru. Namoonni tokko tokko wanta isaan jedhan hundumaa ni amanu. Namoonni kun yeroo geggeessitoota isaanii argan baayʼee gammadu; utuu Yesuus isaanitti mulʼatee illee hamma kana waan gammadan hin fakkaatu! Namoonni karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon waaqeffatan garuu namoota hin hordofan. Warra dura buutota taʼan kan kabajnu taʼus, yaada Yesuus, “Isin hundi keessan obbolaa dha” jechuudhaan dubbate hordofna. (Mat. 23:8-10) Geggeessitoota amantaas taʼe geggeessitoota siyaasaa akka waaqaatti hin ilaallu. Galmawwan isaaniis hin deggerru. Kanaa mannaa, ilaalcha isaanii irraa walaba taʼuudhaan kutaa addunyaa akka hin taane argisiisna. Karaawwan kanneeniin nuti gareewwan Kiristiyaana ofiin jedhan irraa adda dha.—Yoh. 18:36.

MAQAA YIHOWAA NI KABAJNA

Kiristiyaanonni dhugaan waaʼee Yihowaa warra kaanitti himuu isaanitti ni boonu (Keeyyata 8-10 ilaali) *

8. Yihowaan maqaan isaa ulfina akka argatuu fi namoota hundumaa biratti akka beekamu kan barbaadu taʼu isaa akkamitti beekna?

8 Yeroo tokko Yesuus, “Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedhee kadhateera. Yihowaanis samii keessaa sagalee kakawweetiin maqaa isaatiif ulfina akka kennu waadaa gale. (Yoh. 12:28) Yesuus guutummaa tajaajila isaa irratti maqaa Abbaa isaatiif ulfina kenneera. (Yoh. 17:26) Kiristiyaanonni dhugaan maqaa Waaqayyootti fayyadamuu isaaniitti, akkasumas maqaa kana warra kaanitti beeksisuu isaaniitti boonuun isaanii nama hin dinqisiisu.

9. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa maqaa Waaqayyootiif ulfina kan kennan akkamitti?

9 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti, gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee utuu baayʼee hin turin, Yihowaan ‘saba maqaa isaatiif taʼu saboota kaan keessaa fudhachuuf, yeroo jalqabaatiif xiyyeeffannaa isaa gara isaaniitti naannesseera.’ (HoE. 15:14) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa sun maqaa Waaqayyootti fayyadamuu fi maqaa isaa kana warra kaanitti beeksisuu isaaniitti ni boonu turan. Maqaa Waaqayyoo tajaajila isaanii irrattis taʼe yeroo Kitaabota Qulqulluu barreessanitti balʼinaan itti fayyadamaniiru. * Akkas gochuudhaan saba maqaa Waaqayyoof taʼu taʼuu isaanii argisiisaniiru.—HoE. 2:14, 21.

10. Dhugaa Baatonni Yihowaa saba maqaa Yihowaatiif taʼu akka taʼan ragaan argisiisu maalii dha?

10 Dhugaa Baatonni Yihowaa saba maqaa Yihowaatiif taʼu dhaa? Mee ragaa jiru haa ilaallu. Yeroo harʼaatti, geggeessitoonni amantaa baayʼeen Waaqayyo maqaa dhuunfaa kan qabu taʼuun isaa akka hin beekamne gochuuf wanta isaaniif dandaʼamu hundumaa godhu. Maqaa kana hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu isaanii keessaa baasaniiru; yeroon waldaa isaanii keessatti maqaa kanatti fayyadamuu itti dhorkanis jira. * Maqaa Yihowaatiif ulfina isaaf malu kennaa kan jiran Dhugaa Baatota Yihowaa qofa akka taʼan namni haaluu dandaʼu jiraa? Gareewwan amantaa kaan caalaa maqaan Waaqayyoo balʼinaan akka beekamu gochaa jirra! Kana gochuudhaan, maqaa keenya isa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuu wajjin haala wal simuun jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa gochaa jirra! (Isa. 43:10-12) Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa koppii miliyoona 240 oliin maxxansineerra; hiikkaan kun maqaa Yihowaa iddoowwan hiiktonni Kitaaba Qulqulluu kaan baasanitti deebiseera. Kana malees, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi maqaa Yihowaa beeksisan afaan 1,000 oliin qopheessaa jirra!

DHUGAA NI JAALLANNA

11. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa dhugaadhaaf jaalala akka qaban kan argisiisan akkamitti?

11 Yesuus dhugaa jechuunis, dhugaa waaʼee Waaqayyoo fi kaayyoo isaa dubbatu ni jaallata. Yesuus dhugaa kanaa wajjin haala wal simuun jiraateera, dhugaa kanas namoota kaanitti beeksiseera. (Yoh. 18:37) Duuka buutonni Yesuus warri dhugaanis dhugaa ni jaallatu. (Yoh. 4:23, 24) Pheexiros ergamaan amantiin Kiristiyaanaa ‘daandii dhugaa’ akka taʼe dubbateera. (2 Phe. 2:2) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa dhugaadhaaf jaalala guddaa waan qabaniif yaadawwan amantaa, aadaa fi ilaalcha dhuunfaa dhugaa kanaa wajjin wal hin simne irraa fagaataniiru. (Qol. 2:8) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis Kiristiyaanonni dhugaan wanti itti amanan hundii fi jireenyi isaanii Dubbii Waaqayyoo irratti akka hundaaʼu gochuudhaan ‘dhugaa keessa deddeebiʼuu’ isaanii itti fufuuf wanta isaaniif dandaʼamu hunda gochaa jiru.—3 Yoh. 3, 4.

12. Obboloonni dura buutota taʼan hubannaan barumsa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti qabnu sirreeffamuu akka qabu yeroo hubatan maal godhu? Sirreeffama akkasii kan godhan hoo maaliifi?

12 Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta Kitaaba Qulqulluu keessa jiru hunda guutummaa guutuutti akka hubatan hin dubbatan. Yeroo tokko tokko akkaataan barumsa Kitaaba Qulqulluu itti ibsanii fi akkaataan gumii itti gurmeessan dogoggora qabaachuu dandaʼa. Taʼus, kun nu dinqisiisuu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun beekumsi sirriin yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka deemu dubbata. (Qol. 1:9, 10) Yihowaan dhugaa suuta suuta ibsa; kanaafuu, hamma dhugichi caalaatti ifutti obsa qabaachuu qabna. (Fak. 4:18) Obboloonni dura buutota taʼan hubannaan barumsa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti qabnu sirreeffamuu akka qabu yommuu hubatanitti sirreessuu irraa duubatti hin jedhan. Waldaaleen Kiristiyaanaa hedduun jijjiirama kan godhan hordoftoota isaanii gammachiisuuf ykn caalaatti addunyaatti dhihaachuuf jedhanii ti; jaarmiyaan Yihowaa garuu jijjiirama kan godhu caalaatti Waaqayyotti dhihaachuu fi fakkeenya Yesuus waaqeffannaa ilaalchisee kaaʼe hordofuufi. (Yaq. 4:4) Sirreeffama kan goonu ilaalchi addunyaa waan jijjiirameef utuu hin taʼin, dhugaa Kitaaba Qulqulluu caalaatti waan hubanneefi. Dhugaa ni jaallanna!—1 Tas. 2:3, 4.

JAALALA GUDDAA WALIIF QABNA

13. Amalawwan Kiristiyaanonni dhugaan ittiin beekaman keessaa inni hunda irra caalu isa kami? Dhugaa Baatonni Yihowaa amala kana argisiisaa kan jiran hoo akkamitti?

13 Amalawwan gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa ittiin beekamu keessaa inni hunda irra caalu jaalala dha. Yesuus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedheera. (Yoh. 13:34, 35) Yeroo harʼaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa addunyaatti argaman jaalalaa fi tokkummaa dhugaa qabu. Biyyoota garaa garaa keessa kan jiraannuu fi aadaa garaa garaa kan qabnu taʼus, dhaabbilee amantaa kaan irraa haala adda taʼeen maatii tokko taaneerra. Walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa irratti jaalalli nu gidduu jiru ifatti mulʼata. Ragaan kun waaqeffannaan keenya waaqeffannaa Yihowaa biratti fudhata qabu taʼuu isaa ilaalchisee amantii qabnu nuuf cimsa.

14. Akka Qolosaayis 3:12-14 jedhutti, karaan jaalala guddaa argisiisuu itti dandeenyu isa kami?

14 Kitaabni Qulqulluun, “jaalala guddaa waliif qabaadhaa” jechuudhaan nu gorsa. (1 Phe. 4:8) Karaan jaalala akkasii itti argisiisnu keessaa tokko dhiifama waliif gochuu fi wal dandaʼuu dha. Warra nu mufachiisan dabalatee warra gumii keessa jiran hundumaatti carraa arjummaa itti argisiisnuu fi carraa mana keenyatti isaan simannu barbaaduu qabna. (Qolosaayis 3:12-14 dubbisi.) Jaalalli akkasii mallattoo Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu dha.

“AMANTII TOKKO”

15. Karaawwan waaqeffannaa ilaalchisee fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa itti hordofnu kan biroon kam faʼi?

15 Karaawwan waaqeffannaa ilaalchisee fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa itti hordofnu kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, akkaataan jaarmiyaan keenya itti gurmaaʼe akkaataa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa itti gurmaaʼanii wajjin wal fakkaata; akkuma isaanii daawwattoota ol aanaa, jaarsolii fi tajaajiltoota gumii qabna. (Filp. 1:1; Tit. 1:5) Akkuma isaanii seera Yihowaan saalqunnamtii fi gaaʼelaaf baase, akkasumas qajeelfama dhiiga ilaalchisee kenne ni kabajna, namoota cubbuu isaanii irraa yaada hin geddaranne gumiidhaa baasuudhaanis gumichaaf eegumsa ni goona.—HoE. 15:28, 29; 1 Qor. 5:11-13; 6:9, 10; Ibr. 13:4.

16. Yaada Efesoon 4:4-6 irratti argamu irraa maal baranna?

16 Yesuus namoonni hedduun duuka buutota isaa akka taʼan kan dubbatan taʼus, duuka buutota dhugaa kan taʼan hunda isaanii akka hin taane dubbateera. (Mat. 7:21-23) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun bara dhumaatti namoonni hedduun ‘Waaqa kan sodaatan akka fakkaatan’ dubbateera. (2 Xim. 3:1, 5) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun amantiin Waaqayyo biratti fudhatama qabu “amantii tokko” qofa akka taʼe ifatti dubbata.—Efesoon 4:4-6 dubbisi.

17. Namoonni yeroo harʼatti Yesuus duukaa buʼanii fi waaqeffannaa dhugaa hordofan eenyu faʼi?

17 Yeroo harʼatti amantii dhugaa hordofaa kan jiran eenyu faʼi? Ragaa jiru qorreerra. Barumsa Yesuus waaqeffannaa ilaalchisee barsiisee fi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hojii irra oolchan ilaalleerra. Kanaafuu deebiin isaa, ‘Dhugaa Baatota Yihowaa qofa dha’ kan jedhu dha. Saba Yihowaa keessaa tokko taʼuun keenya, akkasumas dhugaa waaʼee Yihowaa fi kaayyoo isaa dubbatu beekuun keenya mirga guddaa dha! Kanaafuu, amantii cimaa dhugaa irratti qabnu jabeessinee qabachuu keenya itti haa fufnu.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

^ key. 5 Mata duree kana keessatti waaqeffannaa dhugaa wajjin haala wal qabateen fakkeenya Yesuus nuuf kaaʼe ilaalla; barattoonni isaa jaarraa jalqabaa fakkeenya isaa kana kan hordofan akkamitti akka taʼes ni qorra. Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffannaa dhugaa hordofaa akka jiran ragaan argisiisu maal akka taʼe ilaalla.

^ key. 9 Saanduqa, “Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Maqaa Waaqayyootti Fayyadamu Turanii?” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 1, 2010, ful. 6 irra jiru ilaali.

^ key. 10 Fakkeenyaaf, bara 2008⁠tti, Phaaphaasiin Benediikti 16⁠ffaan tajaajila, faarfannaa ykn kadhannaa amantaa Kaatolikii keessatti maqaa Waaqayyootti akka hin fayyadamne qajeelfama kennee ture.

^ key. 63 IBSA FAKKII: Jaarmiyaan Yihowaa namoonni afaan dhalootaa isaaniitiin Kitaaba Qulqulluu maqaa Waaqayyoo qabu dubbisuu akka dandaʼaniif, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan 200 oliin qopheesseera.