Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 40

Garaadhaa Yaada Geddarachuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Garaadhaa Yaada Geddarachuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

“Cubbamoonni akka yaada geddaratan waamuufan dhufe.”—LUQ. 5:32.

FAARFANNAA 36 Yaada Keenya ni Eegganna

QABIYYEE *

1-2. Mootonni lamaan garaa garummaa akkamii qabu? Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

MEE waaʼee mootota bara duriitti jiraatan lamaa balʼinaan haa ilaallu. Mootiin inni tokko mootummaa Israaʼel isa gosoota kudhan qabate bulcha ture; inni kan biraan immoo mootummaa Yihudaa isa gosoota lama qabate bulcha ture. Mootonni kun kan jiraatan bara garaa garaa keessa taʼus, wanta wal isaan fakkeessu hedduu qabu. Mootonni lamaanuu Yihowaa irratti fincilaniiru, sabni isaas cubbuu akka hojjetu godhaniiru. Lamaan isaanii iyyuu waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irratti, akkasumas ajjeechaa irratti hirmaataniiru. Taʼus, namoonni kun garaa garummaas qabu. Inni tokko jireenya isaa guutuu hammina raawwateera; inni kan biraan garuu gochawwan suukanneessaa raawwachaa ture irraa yaada geddarachuudhaan dhiifama argateera. Namoonni kun eenyu faʼi?

2 Namoonni kun Ahaab mootii Israaʼelii fi Minaasee mootii Yihudaa ti. Garaa garummaan namoota lamaan kana gidduu jiru wanta baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis yaada geddarachuu ilaalchisee barumsa hedduu nu barsiisa. (HoE. 17:30; Rom. 3:23) Yaada geddarachuu jechuun maal jechuu dha? Namni tokko yaada akka geddarate kan argisiisu akkamitti? Yeroo cubbuu raawwannutti Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu waan barbaannuuf, deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenya barbaachisaa dha. Deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf waaʼee mootota lamaan kanaa qoruudhaan seenaa isaanii irraa maal barachuu akka dandeenyu ni ilaalla. Itti aansuudhaan immoo, wanta Yesuus yaada geddarachuu ilaalchisee barsiise ilaalla.

SEENAA AHAAB MOOTICHAA IRRAA MAAL BARANNA?

3. Ahaab mootii akkamii ture?

3 Ahaab mootota Israaʼel isa gosoota kudhan of keessatti qabate keessaa mootii isa torbaffaa dha. Ahaab Iizaabel ishii intala mootii Siidoon taate fuudhee ture; Siidoon kallattii kaabaatiin kan argamtu yeroo taʼu, sabni ishii sooreyyii dha. Ahaab Iizaabeliin fuudhuun isaa biyyi Israaʼel akka sooromtu godhee taʼuu dandaʼa. Michummaan sabichi Yihowaa wajjin qabu garuu akka mancaʼu godheera. Iizaabel Baʼaaliin waaqeffatti; amantii jibbisiisaa isa mana qulqullummaa keessatti sagaagalummaa raawwachuu fi ijoollee aarsaa gochuu dabalatu kana akka babalʼisus Ahaab irratti dhiibbaa gooteetti. Yeroo ishiin aangoo irra turtetti raajonni Yihowaa hundi balaadhaaf saaxilamanii turan. Baayʼeen isaanii immoo akka ajjeefaman gooteetti. (1 Mot. 18:13) Ahaab iyyuu “Yihowaa duratti wanta warra isa dura turan hunda caalaa hammaatu [raawwateera].” (1 Mot. 16:30) Yihowaan wanta Ahaabii fi Iizaabel raawwatan argeera. Haa taʼu malee, gara laafinaan kakaʼee yeroon isaa darbuu isaa dura sabni isaa daandii isaanii irraa akka deebiʼan gargaaruuf Eeliyaas raajicha ergeera. Ahaabii fi Iizaabel garuu dhagaʼuu didan.

4. Ahaab irratti murtii akkamiitu dabarfame? Inni hoo maal godhe?

4 Dhuma irratti Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf murteesse. Murtii isaan irratti dabarse akka isaanitti himuufis Eeliyaasiin gara Ahaabii fi Iizaabelitti erge. Eeliyaasis maatiin isaanii guutummaatti haxaaʼamee akka balleeffamu isaanitti hime. Ahaab kana yeroo dhagaʼu baayʼee gadde! Kan nama dinqisiisu, namichi baayʼee of tuultuu taʼe kun “gad of qabe.”—1 Mot. 21:19-29.

Ahaab Mootichi raajii Waaqayyoo mana hidhaa galchuun isaa garaadhaa yaada akka hin geddaranne argisiisa (Keeyyata 5-6 ilaali) *

5-6. Ahaab garaadhaa yaada akka hin geddaranne wanti argisiisu maali dha?

5 Ahaab yeroo sanatti kan gad of qabe taʼus, wanti inni sana booda godhe garaadhaa akka yaada hin geddaranne argisiisa. Mootummaa isaa keessaa waaqeffannaa Baʼaal balleessuuf carraaqqii hin goone. Waaqeffannaa Yihowaas hin babalʼisne. Ahaab yaada isaa akka hin geddaranne karaawwan kan birootiinis argisiiseera.

6 Yeroo booda, Ahaab waraana Sooriyaa wajjin godhu irratti akka isa gargaaruuf Yoshaafaax mootii Yihudaa gaafatee ture; mootiin gaarii taʼe kun jalqaba raajii Yihowaa akka mariisisan yaada dhiheesse. Ahaab jalqaba irratti, “Karaa isaa Yihowaa gaafachuu kan dandeenyu namni hafe tokko jira; garuu inni waaʼee koo wanta hamaa malee takkaa raajii gaarii waan hin dubbanneef ani isa nan jibba” jechuudhaan yaada kana fudhachuu akka hin barbaanne argisiisee ture. Booda garuu, Mikaayaa raajicha mariisisan. Akkuma Ahaab jedhe, raajiin kun waaʼee isaa wanta nama gaddisiisu dubbate! Ahaab inni hamaa taʼe yaada isaa geddaratee Yihowaan dhiifama akka isaaf godhu kadhachuu mannaa, raajii kana mana hidhaa galche. (1 Mot. 22:7-9, 23, 27) Mootiin kun raajii Yihowaa kan hidhe taʼus, wanti inni dubbate akka hin raawwatamne gochuu hin dandaʼu. Waraana sana irratti Ahaab ni ajjeefame.—1 Mot. 22:34-38.

7. Ahaab erga duʼee booda Yihowaan waaʼee isaa maal dubbate?

7 Ahaab erga duʼee booda Yihowaan ilaalcha akkamii akka isaaf qabu dubbateera. Yoshaafaax Mootichi nagaadhaan gara biyya isaatti erga deebiʼee booda Yihowaan inni Ahaabiin gargaaruun isaa sirrii akka hin taane akka isa beeksisuuf Yehuu raajicha gara isaatti ergeera. Raajiin Yihowaa, “Ati nama hamaa gargaaruu qabdaa? Warra Yihowaa jibban hoo jaallachuu qabdaa?” isaan jedhe. (2 Sen. 19:1, 2) Mee yaadi: Ahaab garaadhaa yaada geddarateera utuu taʼee raajichi, ‘Nama hamaa Yihowaa jibbu’ jedhee waaʼee isaa hin dubbatu ture. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Ahaab hamma tokko gocha isaatti kan gaabbe taʼus garaadhaa yaada hin geddaranne.

8. Yaada geddarachuu ilaalchisee seenaa Ahaab irraa maal baranna?

8 Seenaa Ahaab irraa maal baranna? Ahaab yeroo jalqaba Eeliyaas maatiin isaa haxaaʼamee akka balleeffamu isatti himetti gad of qabee ture. Akkas gochuun isaa gaarii ture. Wanti inni yeroo booda godhe garuu garaadhaa yaada akka hin geddaranne ifa godheera. Kanaafuu, yaada geddarachuun akka gaddine argisiisuu caalaa wanta dabalatu qaba. Mee amma immoo garaadhaa yaada geddarachuu jechuun maal jechuu akka taʼe seenaa Minaasee irraa haa ilaallu.

SEENAA MINAASEE MOOTICHAA IRRAA MAAL BARANNA?

9. Minaaseen mootii akkamii ture?

9 Ahaab duʼee jaarraa lama booda immoo Minaaseen mootii Yihudaa taʼe. Cubbuun inni raawwate isa Ahaab raawwate irra hammaachuu hin oolu! Kitaabni Qulqulluun, “Isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hedduu ni raawwate” jedha. (2 Sen. 33:1-9) Minaaseen waaqolii sobaatiif iddoo aarsaa ijaareera; mana Yihowaa keessattis fakkii utubaa waaqeffannaa dhaabeera. Utubaan waaqeffannaa kun mallattoo waaqa hormaataa taʼuu hin oolu! Falfala raawwateera, akkasumas hooda dubbateera. Kana malees, “dhiiga namoota qulqulluu hedduu dhangalaaseera.” Gara jabinaan namoota ajjeesuu irra darbees, “ilmaan ofii isaa ibiddaan [gubee]” waaqolii sobaatiif aarsaa godhee dhiheesseera.—2 Mot. 21:6, 7, 10, 11, 16.

10. Yihowaan Minaasee kan adabe akkamitti? Inni hoo tarkaanfii akkamii fudhate?

10 Akkuma Ahaab, Minaaseenis akeekkachiisa Yihowaan karaa raajota isaa isaaf kenne dhagaʼuu didee ture. Dhuma irratti, “Yihowaan ajajjoota raayyaa waraanaa mootii Asoor [Yihudaa irratti] fide; isaanis Minaasee hookkoodhaan qabanii, hidhaa sibiila diimaa lamaanis hidhanii gara Baabilonitti isa geessan.” Minaaseen mana hidhaa biyya ormaa keessa yeroo turetti waaʼee gochawwan isaa of eeggannoodhaan yaaduu jalqabe. “Waaqa abbootii isaa durattis akka malee gad of qabe.” Minaaseen wanta kana irra caalus godheera. “Isa biratti fudhatama argachuuf Waaqa isaa Yihowaa ni kadhate.” Eeyyee, “irra deddeebiʼee Waaqayyoon ni kadhate.Akkana gochuun isaa namni hamaan kun jijjiirama gochuu akka jalqabe argisiisa. Yihowaa akka ‘Waaqa isaatti’ ilaaluudhaan cimsee isa kadhateera.—2 Sen. 33:10-13.

Minaasee Mootichi waaqeffannaa sobaa mormuudhaan garaadhaa yaada akka geddarate argisiiseera (Keeyyata 11 ilaali) *

11. Akka 2 Seenaa 33:15, 16 irratti ibsametti Minaaseen garaadhaa yaada geddarachuu isaa kan argisiise akkamitti?

11 Boodas, Yihowaan kadhannaa Minaaseen dhiheesseef deebii kenneera. Kadhannaa isaa irraa garaadhaa jijjiirama akka godhe hubateera. Yihowaan wawwaannaa Minaaseen dhiheesse dhagaʼuudhaan gara aangoo isaatti isa deebiseera. Minaaseenis garaadhaa yaada akka geddarate argisiisuudhaaf wanta dandaʼu hundumaa godheera. Inni wanta Ahaab takkaa godhee hin beekne godheera. Amala isaa jijjiireera. Waaqeffannaa sobaa mormuudhaan waaqeffannaa dhugaa babalʼisuuf carraaqqii cimaa godheera. (2 Seenaa 33:15, 16 dubbisi.) Minaaseen waggoota hedduudhaaf maatii isaa, bulchitoota isaa fi saba isaa irratti dhiibbaa gadhee gochaa waan tureef, tarkaanfii kana fudhachuuf ija jabinaa fi amantii guddaa qabaachuun isa barbaachisa. Taʼus, dhuma jireenya isaa irratti dogoggora raawwate tokko tokko sirreessuuf carraaqqii godheera. Ilma ilma isaa kan taʼe Yosiyaas irrattis dhiibbaa gaarii gochuu hin oolu; Yosiyaas mootii gaarii ture.—2 Mot. 22:1, 2.

12. Yaada geddarachuu ilaalchisee seenaa Minaasee irraa maal baranna?

12 Seenaa Minaasee irraa maal baranna? Minaaseen gad of qabeera. Yihowaan akka garaa isaaf laafu cimsee kadhachuu fi amala isaa jijjiiruudhaanis wanta dabalataa godheera. Balleessaa isaa sirreessuuf carraaqqii cimaa godheera; innis taʼe warri kaan Yihowaa akka waaqeffatan gochuuf waan isaaf dandaʼame hundumaa godheera. Seenaan Minaasee namoota hammina cimaa raawwataniif illee abdii kenna. Seenaan kun Yihowaan ‘Waaqa gaarii fi dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe’ taʼuu isaa nuuf mirkaneessa. (Far. 86:5) Yihowaan namoota garaadhaa yaada geddarataniif dhiifama ni godha.

13. Fakkeenya yaada geddarachuu jechuun maal jechuu akka taʼe ibsu tokko dubbadhu.

13 Minaaseen cubbuu raawwatetti gadduu caalaa wanta godhe qaba. Wanti inni godhe garaadhaa yaada geddarachuu ilaalchisee barumsa guddaa nu barsiisa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Suuqii daabboon itti gurguramu deemtee namichi daabboo gurguru daabboo akka siif kennu gaafatte. Inni garuu daabboo utuu hin taʼin daakuu siif kenne. Kanatti ni gammaddaa? Akka hin gammanne beekamaa dha! Abbaan suuqii sun daakuun daabboo tolchuuf barbaachisaa taʼuu isaa yoo sitti himee hoo? Kunis si hin gammachiisu. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaanis namni cubbuu raawwate tokko yaada isaa akka geddaratu gaafachaa jira. Namni cubbuu raawwate sun balleessaa isaatti gadduun isaa gaarii dha. Miirri akkasii yaada geddarachuuf baayʼee barbaachisaa dha; taʼus kun qofti gaʼaa miti. Maarree, wanti barbaachisu kan biraan maali dha? Fakkeenya Yesuus dubbatee fi garaa namaa tuqu tokko irraa kana ilaalchisee wanta hedduu baranna.

NAMNI TOKKO GARAADHAA YAADA AKKA GEDDARATE BEEKUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Ilmi badee ture qalbii isaatti erga deebiʼee booda gara mana isaatti deebiʼuuf karaa dheeraa deemeera (Keeyyata 14-15 ilaali) *

14. Ilmi badee ture mallattoowwan yaada geddarachuu argisiisan warra jalqabaa kan argisiise akkamitti?

14 Fakkeenyi Yesuus waaʼee ilma badee turee dubbatee fi garaa namaa tuqu tokko Luqaas 15:11-32 irratti argama. Fakkeenya sana irratti akka ibsametti dargaggeessi tokko abbaa isaa irratti finciluudhaan mana isaatii baʼee “gara biyya fagoo tokko dhaqe.” Achittis jireenya gadhiisii jiraachuu jalqabe. Yeroo rakkina irra buʼetti garuu murtoo isaa irratti gadi fageenyaan yaaduu jalqabe. Mana abbaa isaa keessatti jireenya gaarii jiraachaa akka tures ni hubate. Yesuus dargaggeessi sun yeroo booda gara “qalbii isaatti” akka deebiʼe dubbateera. Achiis gara mana abbaa isaatti deebiʼee abbaa isaa dhiifama gaafachuuf murteesse. Ilmi kun murtoo sirrii hin taane hedduu akka godhe hubachuun isaa baayʼee barbaachisaa ture. Garuu kun gaʼaa turee? Lakki. Dogoggora isaa sirreessuuf tarkaanfii fudhachuu qaba.

15. Ilmi badee ture garaadhaa yaada akka geddarate kan argisiise akkamitti?

15 Ilmi badee ture sun balleessaa raawwateef garaadhaa yaada akka geddarate argisiiseera. Gara mana abbaa isaatti deebiʼuuf karaa dheeraa deemeera. Yeroo abbaa isaa wajjin wal arganitti, “Ani samii fi si irratti cubbuu hojjedheera. Kana booda ilma kee jedhamee waamamuun anaaf hin malu” isaan jedheera. (Luq. 15:21) Dargaggeessi kun garaadhaa yaada geddarachuun isaa michummaa Yihowaa wajjin qabu deebisee haareffachuu akka barbaadu kan argisiisu dha. Gochi isaa abbaa isaa akka miidhes hubateera. Abbaa isaa gammachiisuuf wanta dandaʼu hundumaa gochuuf qophaaʼaa ture; namoota abbaa isaatiif miindeffamanii hojjetan keessaa akka isa tokkootti ilaalamuuf illee fedhii qaba ture. (Luq. 15:19) Fakkeenyi kun fakkeenya garaa namaa tuqu qofa miti. Jaarsoliin fakkeenya kana irraa barumsa guddaa argatu. Yeroo namni cubbuu raawwate tokko garaadhaa yaada geddarachuu isaa beekuuf yaalanitti fakkeenyi kun isaan gargaara.

16. Jaarsoliin namni cubbuu raawwate tokko dhugumaan yaada geddarachuu isaa beekuun ulfaataa isaanitti taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

16 Namni cubbuu cimaa raawwate tokko dhugumaan garaadhaa yaada akka geddarate beekuun salphaa miti. Maaliif? Jaarsoliin garaa namaa dubbisuu waan hin dandeenyeef, obboleessi isaanii sun garaadhaa yaada geddarachuu isaa beekuuf wanta ragaa isaaniif taʼu arguun isaan barbaachisa. Yeroo tokko tokko namni tokko cubbuu cimaa raawwachuu isaatiin kan kaʼe jaarsoliin dhimma isaa ilaalan garaadhaa yaada geddarachuu isaa amanuun isaan rakkisuu dandaʼa.

17. (a) Namni tokko balleessaa raawwatetti baayʼee akka gadde dubbachuun isaa qofti garaadhaa yaada akka geddarate hin argisiisu kan jennu maaliifi? Fakkeenya kenni. (b) Akka 2 Qorontos 7:11 dubbatutti, namni tokko garaadhaa yaada akka geddarate argisiisuuf maal gochuu qaba?

17 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Obboleessi tokko waggoota hedduudhaaf ejja raawwachaa ture haa jennu. Gargaarsa gaafachuu mannaa, gocha halalummaa isaa kana haadha manaa isaa, michoota isaa fi jaarsolii dhokseera. Dhuma irratti garuu wanti inni raawwate ni saaxilame, yeroo jaarsoliin cubbuu raawwachuu isaa akka mirkaneeffatan isatti himan balleessaa isaa amanuudhaan baayʼee akka gadde dubbate. Garuu kun qofti gaʼaa dhaa? Jaarsoliin dhimmicha ilaalan gadduu isaa caalaa wanta arguu barbaadan qabu. Namni kun cubbuu kan raawwate murtoo gaarii hin taane gochuu isaatiin kan kaʼe siʼuma tokko qofa miti. Kanaa mannaa, gocha hamminaa kana kan raawwate waggoota hedduudhaafi. Kana malees, cubbuun nama kanaa kan beekame saaxilamee ti malee ofii isaatiin himatee miti. Kanaafuu, jaarsoliin yaanni, miirrii fi amalli nama kanaa jijjiiramuu isaa beekuuf wanti ragaa isaaniif taʼu isaan barbaachisa. (2 Qorontos 7:11 dubbisi.) Namni sunis jijjiirama barbaachisu hundumaa gochuudhaan garaadhaa yaada akka geddarate argisiisuun yeroo itti fudhachuu dandaʼa. Kanaafuu, yeroodhaaf gumiidhaa baafamuun isaa hin oolu.—1 Qor. 5:11-13; 6:9, 10.

18. Namni gumiidhaa baafame tokko garaadhaa yaada akka geddarate argisiisuu kan dandaʼu akkamitti? Kun hoo buʼaa akkamii isaaf argamsiisa?

18 Namni gumiidhaa baafame tokko garaadhaa yaada geddarachuu isaa argisiisuuf yeroo hundumaa walgaʼii irratti argamuu fi gorsa jaarsoliin yeroo hundumaa akka kadhatuu fi qoʼannaa dhuunfaa akka godhatu isaaf kennan hojii irra oolchuu qaba. Wanta cubbuu duraan raawwatetti akka deebiʼu isa gochuu dandaʼu irraa fagaachuufis carraaqqii cimaa gochuu qaba. Michummaa Yihowaa wajjin qabu haareffachuuf jabaatee yoo hojjete, inni guutummaatti dhiifama akka isaaf godhuu fi jaarsoliin gara gumiitti akka isa deebisan mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa. Jaarsoliin dhimma nama balleessaa raawwate tokkoo yeroo ilaalanitti dhimma hundumaa karaa tokkoon ilaaluu akka hin qabne ni hubatu, murtoo gara jabinaa dabarsuu irraas of qusatu.

19. Garaadhaa yaada geddarachuun maal dabalata? (Hisqiʼel 33:14-16)

19 Akkuma mata duree kana keessatti ilaalle, garaadhaa yaada geddarachuun cubbuu raawwachaa turretti akka gaddine dubbachuu caalaa wanta dabalatu qaba. Yaadaa fi miira keenya irratti jijjiirama gochuu qabna, akkasumas wanta yaada geddarachuu keenya argisiisu raawwachuu qabna. Balleessaa keenya irraa deebiʼuudhaan daandii Yihowaa irra deemuu kan dabalatu dha. (Hisqiʼel 33:14-16 dubbisi.) Namni cubbuu raawwate tokko wanti baayʼee isa yaaddessu michummaa Yihowaa wajjin qabu haareffachuu taʼuu qaba.

CUBBAMOONNI YAADA AKKA GEDDARATAN GARGAARAA

20-21. Nama cubbuu cimaa raawwate tokko gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

20 Yesuus tajaajila isaa keessaa wanti baayʼee barbaachisaa taʼe maal akka taʼe yeroo dubbatu, “Cubbamoonni akka yaada geddaratan waamuufan dhufe” jedheera. (Luq. 5:32) Nutis fedhii akkasii qabaachuu qabna. Fakkeenyaaf michuun keenya tokko cubbuu cimaa raawwate haa jennu. Yeroo kanatti maal gochuu qabna?

21 Cubbuu isaa isaaf dhoksuuf yaaluun keenya isa miidha malee isa hin fayyadu. Yihowaan dhimmicha waan ilaaluuf, cubbuun isaa dhokatee akka hafu gochuu hin dandeenyu. (Fak. 5:21, 22; 28:13) Kanaafuu, jaarsoliin isa gargaaruu akka barbaadan isa yaadachiisuudhaan michuu keenya kana gargaaruu dandeenya. Michuun kee kun cubbuu isaa jaarsoliitti himachuu yoo dide garuu, ati dhimmicha jaarsoliitti himuu qabda; kun dhugumaan isa gargaaruu akka barbaaddu argisiisa. Michummaan Yihowaa wajjin qabu balaa irra waan buʼeef kana gochuun kee baayʼee barbaachisaa dha!

22. Mata duree itti aanu irratti maal ilaalla?

22 Namni tokko yeroo dheeraadhaaf cubbuu cimaa yoo raawwatee fi jaarsoliin gumiidhaa akka baafamu yoo murteessan hoo? Kun isaan gara jabeeyyii akka taʼan argisiisaa? Mata duree itti aanu irratti Yihowaan cubbamoota gara laafinaan kan adabu akkamitti akka taʼee fi nuti fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

FAARFANNAA 103 Tiksitoota—Dhiirota Kennaa Taʼan

^ key. 5 Garaadhaa yaada geddarachuun cubbuu raawwannetti akka gaddine dubbachuu caalaa wanta dabalatu qaba. Mata dureen kun garaadhaa yaada geddarachuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Mata duree kana keessatti seenaa Ahaab Mootichaa fi Minaasee Mootichaa, akkasumas fakkeenya Yesuus waaʼee ilma badee turee dubbate ilaalla. Kana malees, jaarsoliin babalʼisaan cubbuu cimaa raawwate tokko yaada geddarachuu isaa yeroo gamaaggamanitti wantoota akkamii xiyyeeffannaa keessa galchuu akka qaban ilaalla.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Ahaab Mootichi Mikaayaa isa raajii Yihowaa taʼe mana hidhaa akka galchan aariidhaan eegdota ajajaa jira.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Minaasee Mootichi siidaawwan mana qulqullummaa keessa dhaabe akka caccabsan hojjettoota isaa ajajaa jira.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Ilmi badee turee fi karaa dheeraa deemuu isaatiin dadhabe yeroo mana isaa fagoodhaa ilaalu ni jajjabaate.