Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 38

FAARFANNAA 25 Qabeenya Adda Taʼe

Akeekkachiisa Kennameef Xiyyeeffannaa Kennaa Jirtaa?

Akeekkachiisa Kennameef Xiyyeeffannaa Kennaa Jirtaa?

“Inni tokko ni fudhatama, inni tokko immoo ni dhiifama.”MAT. 24:40.

YAADA IJOO

Fakkeenyonni Yesuus dubbate sadii yeroo murtii dhuma sirna kanaatti dhufuuf kan hojjetan akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Yesuus yeroo dhihootti maal godha?

 KAN jiraannu yeroo murteessaa taʼe keessadha! Yesuus yeroo dhihootti namoota lafarra jiran hundarratti murtii ni dabarsa. Yesuus wanta murtiin kun dhihaachuusaa beekuuf nu gargaaru nutti himeera; barattootasaatiif “mallattoo” karaa hin mulʼanneen argamuusaa fi “dhuma sirna kanaa” beekuuf gargaaru kenneera. (Mat. 24:3) Mallattoon kun Maatewos boqonnaa 24 fi 25, akkasumas Maarqos boqonnaa 13 fi Luqaas boqonnaa 21 irratti galmeeffameera.

2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna? Kunoo kan nu fayyadu akkamitti?

2 Yesuus fakkeenyota sadiitti fayyadamuudhaan akeekkachiisa nu fayyadu nuuf kenneera. Isaanis fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa, durboota hubatoo fi durboota gowwoota taʼanii, akkasumas fakkeenya waaʼee taalaantii dubbatudha. Fakkeenyonni hundi amalli nama tokkoo murtii isaaf kennamurratti dhiibbaa kan godhu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaaru. Fakkeenyota kanarratti yeroo mariʼannu barumsa akkamii akka irraa argannuu fi barumsa kana akkamitti hojiirra akka oolchinu ilaalla. Jalqaba kan ilaallu fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatudha.

HOOLOTAA FI REʼOOTA

3. Yesuus namootarratti murtii kan dabarsu yoomi?

3 Yesuus fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbaterratti, namootaaf murtii kan kennu deebii isaan misiraachichaaf kennanii fi deggersa obboloota dibamaniif kennanirratti hundaaʼee akka taʼe ibseera. (Mat. 25:31-46) Murtii kana kan dabarsu yeroo ‘rakkina guddaatti’ Armaagedoon jalqabuusaa yeroo muraasa duradha. (Mat. 24:21) Akkuma tikseen tokko hoolota reʼootarraa adda baasu, Yesuusis namoota amanamummaadhaan dibamtoota deggeraa turan warra akkas hin goonerraa adda baasa.

4. Isaayyaas 11:3, 4 irratti akka ibsametti, Yesuus namootaaf haqaan murtii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? (Fakkii jirus ilaali.)

4 Raajiin Kitaaba Qulqulluu akka ibsutti Yesuus inni Abbaa Murtii Yihowaan muude taʼe qajeelummaadhaan murtii kenna. (Isaayyaas 11:3, 4 dubbisi.) Akkaataa isaan obbolootasaa dibamoo itti qaban dabalatee, amala, ilaalchaa fi dubbii namootaatiif xiyyeeffannaa ni kenna. (Mat. 12:36, 37; 25:40) Yesuus obbolootasaa dibamoo taʼanii fi hojiisaanii kan deggere eenyu akka taʼe beeka. a Karaa guddaan namoonni hoolotatti fakkeeffaman obboloota Kiristoos deggeruu itti dandaʼan tokko hojii lallabaarratti isaan gargaaruudha. Namoonni karaa kanaan isaan deggeran ‘qajeelota’ akka taʼanitti isaaniif murteeffama, akkasumas lafarratti “jireenya bara baraa” argachuuf abdii qabaatu. (Mat. 25:46; Mul. 7:16, 17) Dhugumayyuu, namoota amanamummaasaanii eegan badhaasa ajaaʼibsiisaa taʼetu eeggata! Yeroo rakkina guddaattii fi sana booda amanamoo taʼanii yoo itti fufan, maqaansaanii “kitaaba jireenyaa” keessatti akkuma barreeffametti itti fufa.—Mul. 20:15.

Yesuus yeroo dhihootti hoolotaa fi r⁠e⁠ʼoota jedhee namootarratti murtii dabarsa (Keeyyata 4 ilaali)


5. Fakkeenyi waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu barumsa akkamii dabarsa? Fakkeenya kanarraa faayidaa kan argatanoo eenyufaʼi?

5 Amanamaa taʼuu kee argisiisi. Fakkeenyi Yesuus waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbate adda durummaadhaan namoota lafarra jiraachuuf abdii qaban ilaallata. Namoonni kun obboloota Kiristoos hojii lallabaarratti gargaaruudhaan qofa utuu hin taʼin, qajeelfama garee xinnoon obboloota dibamoo Yesuus filate of keessatti qabate kennu amanamummaadhaan fudhachuudhaanis amantiisaanii ibsu. (Mat. 24:45) Haa taʼu malee, namoonni samiirra jiraachuuf abdii qabanis akeekkachiisa fakkeenya kanarraa argannuuf xiyyeeffannaa kennuu qabu. Akkas kan jennu maaliifi? Yesuus amala, ilaalchaa fi dubbiisaaniitiif xiyyeeffannaa waan kennuufi. Isaanis amanamummaasaanii eeguu qabu. Yesuus fakkeenyota kallattiidhaan akeekkachiisa dibamtootaaf kenname of keessatti qabate lamas dubbateera. Fakkeenyonni kun Maatewos boqonnaa 25 irrattis ni argamu. Kanatti aansuudhaan fakkeenya waaʼee durboota hubatoo fi durboota gowwoota taʼanii dubbatu ilaalla.

DURBOOTA HUBATOO FI DURBOOTA GOWWOOTA

6. Durboonni shanan hubatoo taʼuusaanii kan argisiisan akkamitti? (Maatewos 25:6-10)

6 Yesuus fakkeenya waaʼee durbootaa ibsurratti, waaʼee durboota misirricha simachuu baʼan kudhanii dubbateera. (Mat. 25:1-4) Hundisaaniiyyuu cidha misirrichaarratti isa wajjin akka taʼan abdatanii turan. Yesuus shanansaanii “hubatoo,” shanansaaniimmoo “gowwoota” akka taʼan dubbateera. Durboonni hubatoon sun qophaaʼoo fi of eeggatoo turan. Hamma halkaniitti yoo turellee hanga dhumaatti isa eeguuf qophaaʼoo turan. Dukkana keessa ibsachuu akka dandaʼaniif ibsaa qabataniiru. Tarii misirrichi yoo ture jedhanii zayitii dabalataallee qabataniiru. Kanaafuu, ibsaansaanii ifuusaa akka itti fufu gochuuf qophaaʼoo turan. (Maatewos 25:6-10 dubbisi.) Misirrichi yommuu gaʼu durboonni hubatoon isa faana gara cidha gaaʼelaa isaatti seenan. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni dibamoon hanga dhufaatii Kiristoositti dammaqoo fi amanamoo taʼanii itti fufuudhaan qophaaʼoo taʼuusaanii argisiisan Mootummaa samii keessatti Yesuus isa Misirricha taʼe wajjin taʼuudhaan badhaasasaanii argatu. b (Mul. 7:1-3) Durboonni gowwoonnihoo maal taʼu?

7. Durboota gowwoota shananirra maaltu gaʼe? Maaliif?

7 Durboota hubatoo sanarraa haala adda taʼeen, durboonni gowwoonni shanan yeroo misirrichi gaʼu qophaaʼoo hin turre. Ibsaansaanii dhaamuu jala gaʼee ture, zayitii dabalataas hin qabanne. Misirrichi gaʼuuf akka jedhu yeroo beekan zayitii bitachuuf deeman. Utuu isaan bakka dhaqanii hin deebiʼin misirrichi ni gaʼe. Yeroo kanatti “durboonni qophaaʼoo turan isaa wajjin gara cidha gaaʼelaa sanatti seenan; balballis ni cufame.” (Mat. 25:10) Boodas yeroo durboonni gowwoonni sun deebiʼanii seenuu akka barbaadan dubbatan misirrichi, “Ani isin hin beeku” isaaniin jedhe. (Mat. 25:11, 12) Durboonni kun hamma inni dhufutti misirricha eeguuf qophaaʼoo hin turre. Maarree, dibamtoonni kanarraa maal baratu?

8-9. Dibamtoonni fakkeenya waaʼee durbootaa dubbaturraa maal baratu? (Fakkichas ilaali.)

8 Qophaaʼaa fi of eeggataa taʼuu kee argisiisi. Yesuus gareen dibamtootaa lama akka jiraatuu fi gareen inni tokko hamma dhuma sirna kanaatti qophaaʼaa akka taʼu gareen inni kan biraanimmoo qophaaʼaa utuu hin taʼin akka hafu raajii dubbachaa hin turre. Kanaa mannaa, dibamtoonni hamma dhumaatti amanamummaadhaan jabaatanii dhaabbachuuf qophaaʼoo yoo taʼuu baatan wanta uumamu ibsaa jira. Dibamtoonni qophaaʼoo hin taane badhaasasaanii hin argatan. (Yoh. 14:3, 4) Kun dhimma akka laayyootti ilaalamu miti! Abdiin keenya samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu, hundi keenyayyuu akeekkachiisa fakkeenya kanarraa argannuuf xiyyeeffannaa kennuu qabna. Hundi keenyayyuu hamma dhumaatti jabaannee dhaabbachuuf dammaqoo fi qophaaʼoo taʼuu qabna.—Mat. 24:13.

9 Yesuus qophaaʼoo fi of eeggatoo taʼuun barbaachisaa taʼuusaa addeessuuf fakkeenya waaʼee durbootaa ibsu erga dubbatee booda fakkeenya waaʼee taalaantii ibsu dubbateera. Fakkeenyi kun jabaatanii hojjechuun barbaachisaa akka taʼe addeessa.

Hundi keenyayyuu fakkeenya waaʼee durbootaa dubbatuuf xiyyeeffannaa kennuudhaan, hamma dhumaatti jabaannee dhaabbachuuf qophaaʼoo fi of eeggatoo taʼuun keenya barbaachisaadha (Keeyyata 8-9 ilaali)


TAALAANTII

10. Garboonni lamaan amanamoo taʼuusaanii kan argisiisan akkamitti? (Maatewos 25:19-23)

10 Yesuus fakkeenya waaʼee taalaantii ibsurratti waaʼee garboota gooftaa isaaniitiif amanamoo taʼan lamaa fi garbicha amanamaa hin taane tokkoo dubbateera. (Mat. 25:14-18) Garboonni amanamoo taʼuusaanii argisiisan lamaan qabeenya gooftaasaanii guddisuuf jabaatanii hojjetaniiru. Gooftaansaanii gara biyya fagoo deemuusaa dura taalaantii, jechuunis maallaqa gatii guddaa qabu imaanaadhaan isaanitti kennee ture. Garboonni amanamoo taʼan lamaanis jabaatanii hojjechuudhaan maallaqicha ogummaadhaan itti fayyadaman. Maarree, buʼaa akkamii argatan? Gooftaansaanii yeroo deebiʼu maallaqni isaaniif kenname dachaadhaan dabalee ture. Kanaafuu, isaan galateeffatee “gara gammachuu gooftaa [isaaniitti]” isaan galche. (Maatewos 25:19-23 dubbisi.) Garbichi inni sadaffaanoo maal taʼe? Maallaqa gooftaansaa isaaf kenne maal godhe?

11. Garbicha “dhibaaʼaa” taʼerra maaltu gaʼe? Maaliif?

11 Garbicha isa sadaffaaf taalaantiin tokko kennamee kan ture taʼus, inni garuu “dhibaaʼaa” ture. Gooftaansaa taalaantii sanatti ogummaadhaan akka fayyadamu isarraa eega ture. Inni garuu, taalaantii sana lafa keessa awwaale. Garbichi kun gooftaansaa yeroo deebiʼu wanta dabalataa isaaf kennu hin qabu ture. Garbichi kun ilaalcha gaarii hin qabu ture. Qabeenya gooftaasaa guddisuu dhiisuusaatiif dhiifama gaafachuu mannaa, “nama gara jabeessa” akka taʼe dubbateera. Kanaafuu, gooftaasaa biratti fudhatama hin arganne. Kana malees, taalaantiin sun isarraa ni fudhatame, innis mana gooftaasaa keessaa alatti darbatame.—Mat. 25:24, 26-30.

12. Garboonni amanamoon lamaan yeroo harʼaatti eenyuun bakka buʼu?

12 Garboonni amanamoon lamaan Kiristiyaanota dibamoo amanamoo taʼan bakka buʼu. Yesuus Gooftichi “gara gammachuu gooftaa [isaaniitti]” isaan affeera. Yeroo duʼaa kaʼuu isa jalqabaatti badhaasasaanii isa samii argatu. (Mat. 25:21, 23; Mul. 20:5b) Karaa kan biraatiin, wanti garbicha dhibaaʼaa sanarra gaʼe dibamtootaaf akeekkachiisa taʼa. Akkamitti?

13-14. Dibamtoonni fakkeenya waaʼee taalaantii dubbaturraa barumsa akkamii argatu? (Fakkichas ilaali.)

13 Jabaattee akka hojjettu argisiisi. Akkuma fakkeenya waaʼee durbootaa ibsu sanaa, fakkeenya waaʼee taalaantii ibsurrattis, Yesuus dibamtoonni dhibaaʼoo akka taʼan raajii dubbachaa hin turre. Kanaa mannaa, hinaaffaansaanii yoo bade maaltu akka uumamu ibsuusaati. Hinaaffaansaanii yoo bade “waamamuu fi filatamuu [isaanii] mirkaneeffachuu” waan hin dandeenyeef, Mootummaa samiitti akka galan isaaniif hin heyyamamu.—2 Phe. 1:10.

14 Fakkeenyi Yesuus waaʼee durbootaa fi taalaantii dubbate Kiristiyaanonni dibamoon hundi qophaaʼoo fi of eeggatoo taʼuu, akkasumas jabaatanii hojjechuu akka qaban ifa godheera. Yesuus wanta dibamtootaaf akeekkachiisa taʼu kan biraahoo dubbateeraa? Eeyyee, dubbateera! Wanti Yesuus Maatewos 24:40, 41 irratti dubbate waaʼee murtii dhumaa dibamtootarratti dabarfamuu ibsa.

Yesuus dibamtoonni hanga dhumaatti jabaatanii akka hojjetan barbaada (Keeyyata 13-14 ilaali) d


‘KAN FUDHATAMU’ EENYU?

15-16. Maatewos 24:40, 41 dibamtoonni dammaqoo taʼuun akka isaan barbaachisu kan addeessu akkamitti?

15 Yesuus fakkeenyota sadan dubbachuusaa dura, waaʼee murtii dhumaa dibamtootarratti dabarfamuu fi eenyufaa fudhatama akka argatan argisiisu dubbateera. Waaʼee dhiirota maasii keessatti hojjetan lamaa fi waaʼee dubartoota dhagaa daakuutiin daakan lamaa dubbateera. Dhiironni lamaan hojii wal fakkaataa kan hojjetan fakkaatus Yesuus, “Inni tokko ni fudhatama, inni tokko immoo ni dhiifama” jedheera. Waaʼee dubartoota lamaanis, “Ishiin tokko ni fudhatamti, ishiin tokko immoo ni dhiifamti” jedheera. (Maatewos 24:40, 41 dubbisi.) Achiis duuka buutotasaatiin, “Kanaafuu, Gooftaan keessan guyyaa kamitti akka dhufu waan hin beekneef, yeroo hundumaa dammaqaa eegaa” jedheera. (Mat. 24:42) Yesuus fakkeenya waaʼee durbootaa ibsu erga dubbatee boodas wanta wal fakkaatu dubbateera. (Mat. 25:13) Yaadawwan kun wal qabatuu? Waan wal qabatan fakkaata. Yesuus gara Mootummaa samiitti ‘kan fudhatu’ warra dhugumaan dibamtoota taʼanii fi amanamoo taʼanidha.—Yoh. 14:3.

16 Dammaqaa taʼuu kee argisiisi. Dibamaan karaa hafuuraa dammaqaa taʼee itti hin fufne ‘warra filataman’ wajjin walitti hin qabamu. (Mat. 24:31) Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi abdiinsaanii maaliyyuu yoo taʼe dammaqoo fi amanamoo taʼanii itti fufuu qabu.

17. Yihowaan yeroo harʼaatti namoota tokko tokko hafuura qulqulluudhaan dibuuf filachuunsaa nu yaaddessuu kan hin qabne maaliifi?

17 Yihowaa sirriitti waan beeknuuf, murtiisaarratti amantii guutuu qabna. Kanaafuu, bara keenyatti namoota amanamoo tokko tokko dibuuf yoo filate kun nu hin yaaddessu. c Yesuus fakkeenya waaʼee maasii wayinii dubbaterratti hojjettoota saʼaatii 11​tti mindeeffaman ilaalchisee maal akka jedhe ni yaadanna. (Mat. 20:1-16) Namoonni maasii wayinii keessatti akka hojjetaniif gara galgalaa affeeraman mindaa namoota ganamaa kaasee hojjechaa turan wajjin wal qixxaatu argatan. Haaluma wal fakkaatuun, dibamtoonni yeroon itti filataman yoomiyyuu yoo taʼe, amanamoo taʼanii yoo itti fufan badhaasasaanii isa samii ni argatu.

AKEEKKACHIISA KENNAMEEF XIYYEEFFANNAA KENNI

18-19. Barumsaa fi akeekkachiisa akkamii arganne?

18 Hanga ammaatti maal ilaalle? Namoonni barabaraaf lafarra jiraachuuf abdatan, fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbaturraa, ammas taʼe yeroo rakkina guddaatti amanamoo taʼanii itti fufuunsaanii hammam barbaachisaa akka taʼe baratu. Yeroo sanatti Yesuus namoota amanamoo taʼaniif “gara jireenya bara baraatti” akka galan isaaniif murteessa.—Mat. 25:46.

19 Fakkeenyota dibamtootaaf akeekkachiisa taʼan lamas ilaalleerra. Fakkeenya waaʼee durboota hubatoo fi gowwoota taʼanii ibsurratti, Yesuus durboonni shan ogeeyyii akka taʼan dubbateera. Durboonni kun qophaaʼoo fi of eeggatoo waan taʼaniif, hamma inni dhufutti misirricha eeguu dandaʼaniiru. Durboonni gowwoota taʼan garuu qophaaʼoo hin turre. Kanaafuu, misirrichi gara cidha gaaʼelaasaatti akka galan isaaniif hin heyyamne. Nutis yeroo hammamiiyyuu yoo fudhate, hanga Yesuus sirna kana balleessutti qophaaʼoo taanee eeguu qabna. Kana malees, fakkeenya waaʼee taalaantii ibsurratti garboonni amanamoon lamaan jabaatanii akka hojjetan ilaalleerra. Garboonni kun faayidaa gooftaasaaniitiif jedhanii jabaatanii waan hojjetaniif isa biratti fudhatama argataniiru. Garbichi dhibaaʼaan garuu fudhatama hin arganne. Maal baranna? Hanga dhumaatti tajaajila Yihowaatiin qabamnee itti fufuu qabna. Dhumarrattis, dibamtoonni Yesuus gara badhaasasaanii isa samiitti akka isaan ‘fudhatuuf’ hammam dammaqoo taʼuun akka isaan barbaachisu ilaalleerra. Dibamtoonni yeroo samii keessatti gara Yesuusitti itti ‘walitti qabaman’ hawwiidhaan eegu. Waraana Armaagedoon booda gaaʼela Hoolichaarratti misirroo Yesuus taʼu.—2 Tas. 2:1; Mul. 19:9.

20. Yihowaan namoota akeekkachiisasaatiif xiyyeeffannaa kennaniif maal godha?

20 Yeroon murtii saffisaan dhihaachaa kan jiru taʼus, sodaachuu hin qabnu. Amanamoo taanee yoo itti fufne, Abbaan keenya inni samii inni jaalala qabeessa taʼe “Ilma namaa dura dhaabbachuu akka [dandeenyuuf]” “[humna] humna caalu” nuuf kenna. (2 Qor. 4:7; Luq. 21:36) Abdiin keenya samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu akeekkachiisa fakkeenyota Yesuus dubbaterraa argannuuf xiyyeeffannaa kan kenninu yoo taʼe Abbaa keenya gammachiisna. Yihowaan gaarummaasaa isa guddaadhaan kakaʼee, maqaan keenya kitaaba jireenyaa ‘keessatti akka galmeeffamu’ godha.—Dan. 12:1; Mul. 3:5.

FAARFANNAA 26 Anaaf Gootan

a Masaraa Eegumsaa Caamsaa 2024 irraa mata duree, “Murtii Yihowaan Gara Fuulduraatti Dabarsu Ilaalchisee Maal Beekna?” jedhu ilaali.

b Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 2015 irraa mata duree, “‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?” jedhu ilaali.

d IBSA FAKKII: Obboleettii dibamtuun takka shamarree tajaajilarratti argatte Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa jirti.