Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 39

FAARFANNAA 125 “Warri Gara Laafeyyii Taʼan Gammadoo Dha”

Kennuudhaan Gammachuu Guddaa Argadhu

Kennuudhaan Gammachuu Guddaa Argadhu

“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”HOE. 20:35.

YAADA IJOO

Karaawwan gammachuu kennuudhaan argamu argachuu, darbees guddifachuu itti dandeenyu ilaalla.

1-2. Fudhachuurra kennuun caalaatti akka nu gammachiisu godhamnee uumamuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

 YIHOWAAN namoota kan uume fudhachuurra kennuun caalaatti akka isaan gammachiisu godheeti. (HoE. 20:35) Kana jechuun garuu fudhachuun homaa nu hin gammachiisu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Hundi keenyayyuu yeroo kennaan nuuf kennamu ni gammanna. Yeroo warra kaaniif kenninu garuu caalaatti gammanna. Yihowaan fedhii akkasii akka qabaannu godhee nu uumuunsaa faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Akkas kan jennu maaliifi?

2 Yihowaan karaa kanaan nu uumuunsaa gammachuu keenya guddisuurratti gumaacha gochuuf nu dandeessiseera. Carraawwan dabalataa kennuu itti dandeenyu barbaaduudhaan gammachuun keenya akka dabalu gochuu dandeenya. Akkaataan itti uumamne dinqisiisaa mitii?—Far. 139:14.

3. Yihowaan “Waaqa gammadaa” jedhamee kan ibsame maaliifi?

3 Kitaabni Qulqulluun kennuun gammachuu akka argamsiisu waan dubbatuuf, Yihowaan “Waaqa gammadaa taʼe” jedhamuunsaa nu hin dinqisiisu. (1 Xim. 1:11) Inni arjummaa argisiisuurratti qaama isa jalqabaati, kennuurratti kan isaan qixxaatus hin jiru. Akkuma Phaawulos ergamaan jedhe “jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani.” (HoE. 17:28) Dhugumayyuu, “kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” Yihowaarraa argama.—Yaq. 1:17.

4. Gammachuu dabalataa argachuuf maaltu nu gargaara?

4 Hundi keenyayyuu gammachuu kennuudhaan argamu caalaatti argachuu barbaanna taʼa. Gama kanaan arjummaa argisiisuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuun keenya nu gargaara. (Efe. 5:1) Waaʼee kanaa yeroo ilaallu, warri kaan wanta isaaniif goone akka hin dinqisiifanne yoo nutti dhagaʼame maal gochuu akka dandeenyu baranna. Kunis gammachuu kennuudhaan argamu argachuuf, darbees guddifachuuf nu gargaara.

ARJUMMAA ARGISIISUUDHAAN FAKKEENYA YIHOWAA HORDOFI

5. Wantoonni Yihowaan nuuf kenne tokko tokko maalfaʼi?

5 Karaawwan Yihowaan arjummaa itti argisiise tokko tokko kamfaʼi? Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Yihowaan wantoota nu barbaachisan nuuf kenna. Yeroo hunda jireenya qananii jiraachuu baannus, baayʼeen keenya wanta nu barbaachisu waan qabnuuf Yihowaa ni galateeffanna. Fakkeenyaaf, nyaata, uffataa fi bakka jireenyaa akka argannu nu gargaara. (Far. 4:8; Mat. 6:31-33; 1 Xim. 6:6-8) Yihowaan wanta nu barbaachisu kan nuuf kennu dirqamni akka isarra jiru waan isatti dhagaʼamuufii? Matumaa! Maarree maaliifi?

6. Maatewos 6:25, 26 irraa maal baranna?

6 Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu kan nuuf kennu waan nu jaallatuufi. Wanta Yesuus Maatewos 6:25, 26 irratti dubbate ilaali. (Dubbisi.) Yesuus uumama akka fakkeenyaatti fayyadameera. Simbirroota ilaalchisee, “Isaan sanyii hin facaasan yookiin hin haaman yookiin gootaraatti hin galchan” jedheera. Ittaansuudhaanimmoo, “Abbaan keessan inni samii isaan soora” akka jedhe qalbeeffadhu. Achiis gaaffii, “Maarree isin isaan caalaa gatii guddaa hin qabdanii?” jedhu kaaseera. Qabxiinsaa maalidha? Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo bineeldota caalaa gatii guddaa akka qabanitti ilaala. Yihowaan wanta bineeldotaaf barbaachisu kan isaaniif guutu erga taʼee, nuufis wanta nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya! Yihowaan akkuma abbaa jaalala qabeessa tokkoo jaalalaan kakaʼee maatiisaa kunuunsa.—Far. 145:16; Mat. 6:32.

7. Karaan arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu itti dandeenyu tokko maalidha? (Fakkichas ilaali.)

7 Nutis akkuma Yihowaa jaalalaan kakaanee warra kaaniif wanta isaan barbaachisu kennuu dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleessa ykn obboleettii nyaanni ykn uffanni isaan barbaachisu beektaa? Yihowaan nama sana gargaaruuf sitti fayyadamuu dandaʼa. Sabni Yihowaa yeroo balaan gaʼu arjummaa argisiisuudhaan beekamu. Fakkeenyaaf, yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 turetti obboloonni warra gargaarsi barbaachisuuf nyaata, uffataa fi wantoota kan biroo kennaa turan. Kana malees, obboloonni hedduun hojii addunyaa maraatiif buusii godhaniiru. Buusiin kun obboloota addunyaa maratti balaadhaan miidhaman gargaaruurratti gumaacha godheera. Obboloonni arjoota taʼan kun gorsa Ibroota 13:16 irratti argamu kana hojiirra oolchaniiru: “Wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa; Waaqayyo aarsaawwan akkasiitti baayʼee gammada.”

Hundi keenyayyuu arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenya (Keeyyata 7 ilaali)


8. Humna Yihowaan kennurraa faayidaa argachaa kan jirru karaawwan kamiini? (Filiphisiyus 2:13)

8 Yihowaan humna ni kenna. Yihowaan humna daangaa hin qabne qaba; tajaajiltootasaa amanamoo taʼaniif humnasaa kennuun isa gammachiisa. (Filiphisiyus 2:13 dubbisi.) Cimina qorumsa dandamachuuf ykn humna rakkina keessatti jabaattee dhaabbachuuf si barbaachisu argachuuf kadhattee beektaa? Tariimmoo cimina wantoota guyyaa guyyaadhaan raawwachuun si barbaachisu raawwachuuf si dandeessisu akka siif kennus kadhattee beekta taʼa. Kadhannaan cimina argachuuf dhiheessite yeroo deebii argatu akkuma Phaawulos ergamaa isa, “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedhee barreesse sanaa sitti dhagaʼamuu dandaʼa.—Filp. 4:13.

9. Humna keenya warra kaan gargaaruuf itti fayyadamuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? (Fakkichas ilaali.)

9 Cubbuu kan dhaalle taanus, humna keenya warra kaan gargaaruuf itti fayyadamuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenya. Kallattiidhaan warra kaaniif humna ykn cimina kennuu hin dandeenyu. Isaan gargaaruuf humna keenyatti fayyadamuu garuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, obboloota maanguddoo ykn dhukkubsataniif ergamuu ykn hojii mana keessaa isaaniif hojjechuu dandeenya. Haalli keenya yoo nuuf heyyame Galma Walgaʼii qulqulleessuu ykn suphuurratti fedhiidhaan gargaarsa gochuu dandeenya. Humna keenyatti karaa kanaan fayyadamuudhaan namoota Yihowaa tajaajilan fayyaduu dandeenya.

Humna keenya warra kaan gargaaruuf itti fayyadamuu ni dandeenya (Keeyyata 9 ilaali)


10. Humna dubbiin keenya qabu warra kaan gargaaruuf itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Wanti dubbattus humna guddaa akka qabu hin dagatin. Namni utuu garaadhaa galateeffattee baayʼee jajjabaatu jiraa? Nama jajjabinni barbaachisu beektaa? Taanaan nama sana jajjabeessuuf maaliif dursa hin fudhattu? Deemtee isa gaafachuu ykn isaaf bilbiluu, tariimmoo kaardii, iimeelii ykn ergaa gabaabaa isaaf erguu dandeessa. Maalan isaan jedha jettee garmalee hin yaaddaʼin. Jaalalaan kakaatee jechoota muraasa dubbachuun kee qoftillee guyyaa sana amanamummaasaa eegee akka oolu ykn haala keessa jiruuf ilaalcha gaarii akka qabaatu isa gargaaruu dandaʼa.—Fak. 12:25; Efe. 4:29.

11. Yihowaan ogummaasaatti kan fayyadamu akkamitti?

11 Yihowaan ogummaa ni kenna. Yaaqoob baratichi akkana jedhee barreesseera: “Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas, inni utuu dogoggora hin funaanin nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna.” (Yaq. 1:5; milj.) Ifatti akka hubannutti, Yihowaan ogummaasaa hin qusatu. Warra kaaniif arjummaadhaan kenna. Yihowaan ogummaasaa kan kennu “utuu hin ceephaʼin” ykn “utuu dogoggora hin funaanin” akka taʼes qalbeeffadhu. Qajeelfamnisaa akka nu barbaachisu amanuu keenyatti matumaa akka qaanofnu hin godhu. Kanaa mannaa, akka isa gaafannu nu jajjabeesseera.—Fak. 2:1-6.

12. Carraawwan ogummaa keenya warra kaaniif qooduuf nu dandeessisan kamfaʼi?

12 Nutoo akkami? Ogummaa keenya warra kaaniif qooduudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenyaa? (Far. 32:8) Sabni Yihowaa carraawwan wanta baratan warra kaaniif qooduu itti dandaʼan hedduu qabu. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee babalʼistoota haaraa tajaajilarratti ni leenjisna. Jaarsoliin hojii gumii keessatti isaaniif kennamu akkamitti akka hojjetan tajaajiltoota gumii fi obboloota cuuphaman ni leenjisu. Obboloonni hojii ijaarsaa fi suphuurratti muuxannoo qabanimmoo hojii ijaarsaa tiʼookraasiirratti obbolootasaanii muuxannoo hin qabne leenjisu.

13. Yommuu warra kaan leenjisnu ogummaa keenya warra kaaniif qooduurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Warra kaan yeroo leenjistu fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaqi. Yihowaan warra kaaniif ogummaa arjummaadhaan akka kennu yaadadhu. Haaluma wal fakkaatuun, nutis namoota barachaa jiranitti wanta beeknu sirriitti isaanitti argisiisna. Yeroo booda iddoo keenya buʼuu dandaʼu jennee sodaachuudhaan wanta beeknu namootatti himuurraa duubatti hin jennu. Ilaalcha, ‘Namni na leenjise hin jiru! Innis ofumasaatiin haa baratu’ jedhus qabaachuu hin qabnu. Saba Yihowaa biratti ilaalchi akkasii iddoo hin qabu. Namoota leenjisnuuf beekumsa keenya qofa utuu hin taʼin, “lubbuu keenya illee” gammachuudhaan kennina. (1 Tas. 2:8) “Isaan immoo warra kaan barsiisuuf gaʼumsa ni qabaatu” jennee abdanna. (2 Xim. 2:1, 2) Karaa kanaan hundi keenyayyuu warra kaaniif ogummaa keenya arjummaadhaan yeroo qoodnu nutis taane isaan caalaatti ogeeyyii fi gammadoo taana.

YEROO NAMOONNI DINQISIIFANNAASAANII HIN IBSINETTI

14. Namoonni hedduun yeroo arjummaa isaanitti argisiisnu deebii akkamii kennu?

14 Keessumaa obboloonni keenya yeroo arjummaa isaanitti argisiisnu yeroo baayʼee dinqisiifannaasaanii ni ibsu. Galatoomi nuun jechuuf kaardii nuuf ergu ykn galateeffannaasaanii karaa kan biraatiin ibsu. (Qol. 3:15) Karaa kanaan dinqisiifannaasaanii yeroo ibsan gammachuun keenya ni dabala.

15. Namoonni tokko tokko dinqisiifannaa akka qaban utuu hin argisiisin yeroo hafan maal yaadachuu qabna?

15 Namoonni tokko tokko garuu wanta isaaniif goone akka dinqisiifatan yeroo hunda hin argisiisan. Yeroo tokko tokko yeroo, humnaa fi qabeenya keenyatti fayyadamnee namoota erga gargaarree booda, namoonni sun wanta isaaniif gooneef iddoo akka hin kennine ykn akka hin hubanne nutti dhagaʼama taʼa. Haalli akkasii yoo nu mudate, gammachuu keenya akka hin dhabne ykn akka hin aarre maaltu nu gargaara? Hojii Ergamootaa 20:35 isa mata dureen keenya irratti hundaaʼe yaadadhu. Gammachuun kennuudhaan argannu kan hundaaʼe deebii warri kaan kennanirratti miti. Namoonni wanta isaaniif goone kan hin dinqisiifanne yoo fakkaatellee kennuudhaan gammaduu dandeenya. Akkamitti? Mee karaawwan tokko tokko haa ilaallu.

16. Yeroo warra kaaniif kenninu maalirratti xiyyeeffachuu qabna?

16 Fakkeenya Yihowaa hordofuurratti xiyyeeffadhu. Yihowaan dinqisiifatanis dinqisiifachuu baatanis namootaaf wanta gaarii hedduu kenna. (Mat. 5:43-48) Yihowaan nutis “deebisnee arganna [jennee] utuu hin abdatin” kan kenninu yoo taʼe “badhaasni [keenya] guddaa” akka taʼu waadaa nuu galeera. (Luq. 6:35) Kanaafuu, namoonni galatoomi yoo siin jechuu baatan abdii hin kutatin. Yihowaan wanta gaarii warra kaan gargaaruuf gootuu fi “nama gammachuudhaan kennu” taʼuu keetiif yeroo hunda akka si badhaasu yaadadhu.—Fak. 19:17; 2 Qor. 9:7.

17. Wanta sirrii taʼerratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? (Luqaas 14:12-14)

17 Dhugaan buʼuuraa yeroo kenninutti wanta sirrii taʼerratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuuf nu gargaaru tokko Luqaas 14:12-14 irratti ibsameera. (Dubbisi.) Namoota deebisanii waa nuu gochuu dandaʼan keessummummaadhaan simachuun ykn arjummaa isaanitti argisiisuun dogoggora miti. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee warra kaaniif kan kenninu isaaniis deebisanii waa akka nuu godhan abdannee akka taʼe yoo hubannehoo? Taanaan, gorsa Yesuus kenne hojiirra oolchuuf yaaluun keenya gaariidha. Nama deebisee waa nuu gochuu hin dandeenyetti arjummaa argisiisuu dandeenya. Akkas yoo goone fakkeenya Yihowaa waan hordofnuuf ni gammanna. Ilaalchi akkasii yeroo namoonni wanta isaaniif goone utuu hin dinqisiifatin hafanittis gammachuu keenya eeggachuuf nu gargaara.

18. Maal gochuurraa of qusachuu qabna? Maaliif?

18 Kakaʼumsa warra kaanii shakkuurraa of qusadhu. (1 Qor. 13:7) Warri kaan wanta isaaniif goone akka dinqisiifatan yoo ibsuu baatan, ‘Dhuguma dinqisiifannaa dhabaniitimoo dinqisiifannaasaanii ibsuu irraanfataniiti?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Sababiiwwan namoonni dinqisiifannaasaanii itti hin ibsine kan biroonis jiraachuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko garaadhaa kan galateeffatan taʼus, miirasaanii ibsuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Keessumaa duraan warra kaan gargaaraa turan taanaan, gargaarsa warra kaanii fudhachuun isaan qaanessuu dandaʼa. Sababiinsaanii maaliyyuu yoo taʼe, jaalalli obboloota keenyaaf qabnu ilaalcha gaarii isaaniif qabaachuu fi gammachuudhaan kennuu keenya itti fufuuf nu kakaasa.—Efe. 4:2.

19-20. Yeroo warra kaaniif kenninu obsa qabaachuun keenya nu fayyada kan jennu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

19 Obsa qabaadhu. Solomoon Mootichi arjummaa argisiisuu ilaalchisee, “Daabboo kee bishaan irratti darbadhu; guyyoota hedduu booda deebitee isa ni argatta” jedheera. (Lal. 11:1) Kanarraa akka hubannutti, namoonni tokko tokko dinqisiifannaa arjummaa isaanitti argisiisneef qaban kan ibsan “guyyoota hedduu booda” taʼuu dandaʼa. Mee muuxannoo kana argisiisu tokko haa ilaallu.

20 Waggoota hedduu dura haati manaa daawwataa olaanaa tokkoo obboleettii dhiheenyatti cuuphamte tokkoof xalayaa garaadhaa maddee fi amanamtuu taatee akka itti fuftu ishii jajjabeessu ergite. Gara waggaa saddeetii booda obboleettiin sun, “Ati hubachuu baattus waggoottan darban keessatti hammam akka na gargaaraa turte sitti himuun barbaada” jettee xalayaa barreessite. Itti fufuudhaanis, “Yaanni naaf barreessite baayʼee gaarii ture; caqasa naa caqaste yoomiyyuu hin irraanfadhu” jetteetti. a Rakkina ishii mudate tokko tokko erga ibsitee booda, akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko dhugaa dhiisuu fi itti gaafatamummaa koorraa obbaafachuun barbaada. Caqasni naaf caqaste garuu yeroo hunda gara sammuu kootti dhufa; kunis akkan abdii hin kutanne na gargaareera.” Itti dabaluudhaanis, “Waggoottan saddeet darban keessatti hamma xalayaa kee fi caqasa naaf caqaste kanaa wanti na jajjabeesse hin jiru” jetteetti. Haati manaa daawwataa sanaa “guyyoota hedduu booda” yeroo xalayaan kun ishii gaʼu hammam akka gammaddu tilmaami! Nutis namoonni gaarummaa erga argisiisnee yeroo dheeraa booda dinqisiifannaasaanii nuuf ibsanii taʼuu dandaʼa.

Namoonni gaarummaa erga argisiisnee yeroo dheeraa booda dinqisiifannaasaanii nuuf ibsuu dandaʼu (Keeyyata 20 ilaali) b


21. Arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf kan kutanne maaliifi?

21 Akkuma olitti ilaalle, Yihowaan kan nu uume dandeettii addaa akka qabaannu godheeti. Fudhachuun kan nu gammachiisu taʼus, caalaatti kan nu gammannu yeroo warra kaaniif kenninudha. Obboloota keenya yeroo gargaarru miira gaariitu nutti dhagaʼama. Isaanis dinqisiifannaasaanii yeroo ibsan ni gammanna. Haa taʼu malee, namni arjummaa itti argisiisne galateeffatus galateeffachuu baatus, wanta gaarii gochuu keenyatti gammaduu ni dandeenya. Wanti kennitu maaliyyuu yoo taʼe, “Yihowaan wanta kana irra baayʼee caalu siif kennuu [akka dandaʼu” hin dagatin. (2 Sen. 25:9) Wanta Yihowaan nuuf kennu caalaa kennuu hin dandeenyu! Kana malees, Yihowaarraa badhaasa argachuu caalaa wanti gammachuu argamsiisu hin jiru. Kanaafuu, arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya Abbaa keenya isa samii hordofuuf haa kutannu.

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

a Caqasni haati manaa daawwataa sanaa obboleettii sanaaf barreessite 2 Yohaannis 8 isa, “Badhaasa guutuu akka argattaniif malee, wantoota itti dhamaane akka hin dhabne ofii keessaniif of eeggadhaa” jedhudha.

b IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa kanarratti, haati manaa daawwataa olaanaa tokkoo obboleettii tokkoof xalayaa nama jajjabeessu barreessaa jirti. Waggoota hedduu boodas, obboleettii sanarraa xalayaan galataa ishii gaʼee dubbisaa jirti.