Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Tajaajila Yihowaa Keessatti Jireenya Gammachiisaa Dabarseera

Tajaajila Yihowaa Keessatti Jireenya Gammachiisaa Dabarseera

BARA 1951​tti magaalaa biyya Kaanaadaa bulchiinsa Kuubeek keessatti argamtuu fi Ruuyan jedhamtun gaʼe. Teessoo naa kenname hordofee deemeen mana tokko rurrukute. Achiis Maarsel Fiiltoon a inni Giiliyaadii eebbifame balbala naa bane. Inni umuriinsaa waggaa 23 dha, animmoo 16; inni dheeraadha, animmoo isarra baayʼeen gabaabbadha. Anis xalayaa qajeelchaa taʼee akkan ramadame ibsun itti argisiise. Innis xalayicha erga dubbisee booda na ilaalee, “Haati kee akka as dhufte beektii?” naan jedhe.

MAATII AMANTAADHAAN QOQQOODAME KEESSATTI GUDDACHUU

Bara 1934​ttin dhaladhe; warri koo Siwiizarlaandii dhufanii magaalaa Tiiminsi keessa jiraachaa turan; magaalaan albuuda itti baasan kun Ontaariyoo Kaanaadaatti argamti. Naannoo bara 1939​tti haati koo barruu Masaraa Eegumsaa dubbisuu fi walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamuu jalqabde. Anaa fi obbolaa koo jaʼanis fuutee dhaqxi turte. Sana booda utuu baayʼee hin turin Dhugaa Baatuu Yihowaa taate.

Abbaan koo murtoon ishii isa hin gammachiisne; taʼus Harmeen dhugaa waan jaallattuuf Yihowaadhaaf amanamtuu taʼuuf kutattee turte. Jalqaba waggoottan bara 1940mmaniitti yeroo Kaanaadaa keessatti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkamettillee akkas gooteetti. Yeroo hunda, yeroo abbaan koo dubbii ishii miidhu dubbatuttillee gaarummaa fi kabaja isatti argisiisti turte. Fakkeenyi ishii anii fi obbolaan koo dhugaa akka fudhannu nu gargaareera. Kan nama gammachiisu, abbaan koo ilaalchisaa jijjiiramee maatii keenyatti gaarummaa argisiisuu jalqabe.

TAJAAJILA YEROO GUUTUU JALQABUU

Bara 1950 waqtii bonaatti Niiwu Yoorki Siitiitti Walgaʼii Aanaa Guddina Tiʼookraasii jedhamurrattin argame. Obbolootaa fi obboleettota addunyaa mararraa dhufan wajjin ergan wal argee fi gaafannoo gammachiisaa obboloota Mana Barumsaa Giiliyaadirraa eebbifamaniif godhame ergan dhaggeeffadhee booda tajaajila Yihowaa keessatti wanta dabalataa raawwachuufan kakaʼe! Yeroo kamiyyuu caalaa tajaajila yeroo guutuu keessa galuuf kutadheen ture. Akkuman manatti deebiʼeen qajeelchaa yeroo hundaa taʼuufan foormii guute. Waajjirri damee Kaanaadaas xalayaa jalqaba cuuphamuu akkan qabu ibsu naaf erge. Kanaafuu, Onkoloolessa 1, 1950​tti nan cuuphame. Jiʼa tokko booda qajeelchaa yeroo hundaa taʼeen Kaapaskaasingitti ramadame; kun ramaddii koo isa jalqabaati. Magaalaan kun naannoon yeroo sana jiraachaa turerraa kiilomeetira hedduu fagaata.

Kuubeek keessatti yeroon tajaajilu

Bara 1951 waqtii arfaasaatti, waajjirri damee, Dhugaa Baatonni Yihowaa Afaan Faransaayi dubbachuu dandaʼan gara bulchiinsa Kuubeek Afaan Faransaay itti dubbatamuu deemuu yoo dandaʼan akka irratti yaadan isaan affeere. Naannoo sanatti babalʼistoonni hedduun ni barbaachisu turan. Kanan guddadhe Afaan Faransaayii fi Ingiliffa dubbachaa waan taʼeef, affeerraa kana fudhadhee Ruuyanittan ramadame. Naannoo sanatti naman beeku hin qabun ture. Akkuman jalqabarratti caqase, kanan qabu teessoo obboleessa tokkoo qofa ture. Taʼus, naaf milkaaʼeera. Anii fi Maarsel hiriyoota gaarii waliif taaneerra; waggoottan arfan sana booda turanitti Kuubeek keessatti gammachuudhaan tajaajileera; boodas achumatti qajeelchaa addaa taʼeen ture.

GIILIYAADII FI ABDII TURE

Yeroon Kuubeek turetti Mana Barumsaa Giiliyaad kutaa 26​ffaa Saawuz Laansingi, Niiwu Yoorkitti geggeeffamurratti akkan hirmaadhu yeroon affeeramu baayʼeen gammade. Guraandhala 12, 1956​tti ergan eebbifamee booda biyya Afrikaa Dhihaatti argamtuu fi yeroo ammaatti Gaanaa b jedhamtuttan ramadame. Gara Gaanaa deemuu koo dura hamma waraqaan imalaaf na barbaachisu naaf qophaaʼutti gara Kaanaadaatti deebiʼuun na barbaachisee ture; torban muraasa qofa akka natti fudhatu yaadeen ture.

Haa taʼu malee, hamma waraqaan sun naaf qophaaʼutti jiʼa torbaaf Toorontoo keessa turuun na barbaachisee ture. Yeroo sanatti maatiin Kiriipsi gaarummaadhaan kakaʼanii manasaaniitti na simatanii turan; achittis intalasaanii Shiilaa wajjin wal barre. Achiis wal jaallanne. Utuman akka natti heerumtu ishii gaafachuuf yaadaa jiruu viizaan koo ni dhufe. Anii fi Shiilaan dhimmicharratti erga kadhannee booda gara ramaddii koo akkan deemu murteessine. Taʼus, gara fuulduraatti wal fuudhuu kan dandeenyu taʼuu fi dhiisuu keenya murteessuuf xalayaa walii barreessuu keenya itti fufuuf murteessine. Kun murtoo salphaa taʼuu baatus, murtoo sirrii akka taʼe yeroo booda hubanneerra.

Jiʼa tokkoof baabura, doonii feʼumsaa fi xiyyaaraan ergan imalee booda magaalaa Akraa ishii Gaanaatti argamtun gaʼe. Achittis ilaaltuu olaanaa koonyaa taʼee akkan tajaajilun ramadame. Ramaddiin koo guutummaa Gaanaa, akkasumas Aayivorii Koostii (amma Koot Diivuwaar jedhamti) fi Toogoolaandi (amma Toogoo jedhamti) keessa imaluu kan gaafatu ture. Yeroo baayʼee kophaa koo konkolaataa waajjira damee fuudheen imala ture. Obboloota daawwachuuf imaluun baayʼee na gammachiisa ture!

Dhuma torbaniirratti walgaʼiiwwan aanaarrattan tajaajila ture. Yeroo sanatti Galma Walgaʼiiwwan Guguddaa hin qabnu turre. Kanaafuu, obboloonni muka leemmanaa fi damee meexxiirraa daasii gaaddisa taʼu ijaaru turan. Firiijiin foon keessa tursan waan hin jirreef obboloonni nyaata qopheessuuf horii fidanii achumatti qalu turan.

Walgaʼiiwwan sanarratti wantoonni nama kolfisiisan tokko tokko nu mudataniiru. Misiyooniin na faana tajaajiluu fi Harbi Jeeninzi c jedhamu haasaa kennaa utuu jiruu jibichi tokko iddoo nyaata itti qopheessan keessaa miliqe. Jibichi sun waltajjii fi dhaggeeffattoota gidduu fiigaa ture. Harbi haasaa kennuusaa ni dhaabe, jibichi sunis baayʼee rifatee ture. Taʼus, obboloonni ciccimoo taʼan afur isa qabanii iddoo nyaata qopheessanitti deebisan; yeroo kanatti namoonni saganticha hordofaa turan baayʼee gammadan.

Torban gidduu mandaroota dhihoo jiran keessatti fiilmii Hawaasa Addunyaa Haaraa Sochiirra Jiru jedhamun argisiisa ture. Ansoolaa adii utubaa ykn muka lamarratti hidheen fiilmicha irratti argisiisa ture. Jiraattonni mandarichaa fiilmicha baayʼee jaallatu turan! Baayʼeensaanii fiilmii kan ilaalan yeroo jalqabaatiif ture. Fiilmichi kutaa namoonni yeroo cuuphaman argisiisurra yeroo gaʼu miira hoʼaadhaan harka walitti rukutu turan. Fiilmiin kun namoonni ilaalaa turan sun Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti tokkummaa akka qaban akka hubatan isaan gargaareera.

Bara 1959 Gaanaatti gaaʼela dhaabbanne

Afrikaa keessatti gara waggaa lamaatiif ergan tajaajilee booda bara 1958​tti walgaʼii idil addunyaa Niiwu Yoorki Siitiitti geggeeffamurratti yeroon argamu baayʼeen gammade. Shiilaanis gara walgaʼichaa akka dhufte yeroon argu baayʼeen gammade; yeroo sanatti Kuubeek keessatti qajeelchituu addaa taatee tajaajilaa turte. Kana dura xalayaa walii barreessaa turre; amma garuu deebinee waan wal argineef akka natti heerumtun ishii gaafadhe; ishiinis tole naan jette. Achiis obboleessa keenya Nooriif d xalayaa barreesseen Shiilaan Giiliyaaditti barattee Afrikaa keessatti na faana tajaajiluu kan dandeessu taʼuu ishiin isa gaafadhe. Innis yaada koorratti walii gale. Dhumarrattis Shiilaan gara Gaanaa dhufte. Achiis Onkoloolessa 3, 1959​tti Akraa keessatti gaaʼela dhaabbanne. Yihowaan jireenya keenya keessatti dursa isaaf kennuu keenyatti akka nu eebbise nutti dhagaʼame.

KAAMERUUN KEESSATTI WALIIN TAJAAJILUU

Waajjira damee Kaameruun keessatti yeroon hojjedhu

Bara 1961​tti biyya Kaameruunitti ramadamne. Waajjira damee haaraa hundeessuurratti gargaarsa akkan godhu waanan gaafatameef, hojiin natti baayʼata ture. Tajaajilaa waajjira damee haaraa waanan tureef wantan baradhu hedduun qaba ture. Achiis bara 1965​tti Shiilaan akka ulfoofte beekne. Warra taʼuuf akka jennu amannee fudhachuuf yeroo muraasa nutti fudhateera. Haa taʼu malee, itti gaafatamummaa haaraa kanatti gammannee gara Kaanaadaatti deebiʼuuf karoorfachaa utuma jirruu wanti baayʼee nama gaddisiisu nu mudate.

Shiilaan ulfi irraa baʼe. Doktarichi daaʼimni keenya dhiira akka taʼe nutti himee ture. Kun erga taʼee waggaan 50​ni kan darbe taʼus, yoomiyyuu hin irraanfannu. Wanta uumametti baayʼee gaddinee kan turre taʼus, biyya alaatti tajaajiluu keenya itti fufneerra; ramaddii keenya kana baayʼee jaallanna turre.

Bara 1965​tti Shiilaa wajjin Kaameruun keessa yeroo turretti

Obboloonni Kaameruun keessa jiran siyaasa keessa waan hin seenneef yeroo baayʼee ariʼatamni isaanirra gaʼa ture. Keessumaa yeroo filannoo pireezidaantiitti haallisaa baayʼee hammaata ture. Caamsaa 13, 1970​tti akkuma sodaanne hojii Dhugaa Baatota Yihowaarra dhorkaan ni kaaʼame. Mootummaan gamoo waajjira damee isa haaraa ni fudhate; gamoo baayʼee bareedaa taʼe kanatti erga gallee reefu jiʼa shan ture. Anaa fi Shiilaa dabalatee misiyoononni hundi torban tokko gidduutti biyyattiidhaa baafamne. Obbolootaa fi obboleettota biyyattii keessa jiranirraa adda baʼuun nutti ulfaatee ture; baayʼee waan isaan jaallannuuf, haalli sana booda isaan mudatu nu yaaddessee ture.

Sana booda jiʼa jaʼaaf waajjira damee Faransaayi keessa turre. Achitti wanta obboloota keenya Kaameruun keessa jiran barbaachisu gochuuf wantan dandaʼu gochuu koo itti fufeera. Wagguma sana jiʼa Muddeetti waajjira damee Naayijeeriyaatti ramadamne; waajjirri damee kun hojii Kaameruunitti geggeeffamu toʼachuu jalqabee ture. Obboloonnii fi obboleettonni Naayijeeriyaa keessa jiran miira hoʼaadhaan nu simatan; achitti waggoota hedduudhaaf gammachuudhaan tajaajilleerra.

MURTOO ULFAATAA

Bara 1973​tti murtoo ulfaataa taʼe tokko gochuun nu barbaachisee ture. Shiilaan dhibee fayyaa ciccimaa garaagaraa wajjin walʼaansoo gochaa turte. Walgaʼii guddaadhaaf gara Niiwu Yoorki deemnee yeroo turretti booʼaa, “Tajaajila koo itti fufuu hin dandaʼu. Dadhabbii cimaatu natti dhagaʼama, yeroo baayʼee na dhukkuba” naan jette. Na faana Afrikaa Dhihaa keessa tajaajiluu erga jalqabdee waggaa 14 ol taʼee ture. Tajaajila amanamummaadhaan raawwatte baayʼeen dinqisiifadha; taʼus jijjiirama tokko tokko gochuun nu barbaachiseera. Haala keenyarratti erga mariʼannee fi kadhannaa dheeraa garaadhaa madde erga dhiheessinee booda, fayyaa ishiitiif kunuunsa gaarii argachuu akka dandeessuuf gara Kaanaadaatti deebiʼuuf murteessine. Murtoon ramaddii keenyaa fi tajaajila yeroo guutuu dhiisuuf goone murtoo hamma ammaatti goone hundarra ulfaatuu fi garmalee nu dhiphisedha.

Kaanaadaa erga geenyee booda magaalaa kaaba Toorontootti argamtu tokkotti nama waggoota hedduudhaaf michuu koo taʼee fi konkolaataa gurguru biratti hojiin argadhe. Mana kireeffannee miʼoota manaa namoonni itti fayyadamaa turan bitanne; akka kanaan utuu liqii keessa hin galin jireenya haaraa eegaluu dandeenye. Gaaf tokko tajaajila yeroo guutuu keessa akka gallu waan abdannuuf jireenya salphaa jiraachuu keenya itti fufuu barbaannee turre. Kan nama ajaaʼibu, wanti abdanne kun isa eegne caalaa dafee taʼeera.

Yeroo Noorvaal, Ontaariyoo keessatti Galmi Walgaʼii Guguddaan ijaaramaa turetti Sanbadduraa Sanbadduraa fedhiidhaan irratti hirmaachuun jalqabe. Yeroo boodas, ilaaltuu olaanaa Galma Walgaʼii Guguddaa taʼee akkan tajaajilun gaafatame. Haalli fayyaa Shiilaa fooyyaʼaa waan dhufeef hojii haaraa nuuf kenname hojjechuu akka dandeessu nutti dhagaʼame. Kanaafuu, Waxabajjii 1974​tti mana Galma Walgaʼii Guguddaa keessatti argamutti galle. Deebinee tajaajila yeroo guutuu keessa galuu keenyatti baayʼee gammanne!

Kan nama gammachiisu, haalli fayyaa Shiilaa fooyyaʼuusaa itti fufe. Waggaa lama booda, ramaddii hojii daawwannaarratti akka hirmaannu nuuf kenname fudhachuu dandeenye. Aanaan keenya bulchiinsa Kaanaadaa kan taate Maanitoobaa keessatti argama ture; naannoon kun ganna ganna baayʼee qorra. Taʼus, obbolootaa fi obboleettota achi jiran wajjin yeroo dabarsuun baayʼee nu gammachiisa ture. Wanti iddoo guddaa qabu iddoo itti tajaajillu utuu hin taʼin, iddoo ramadamne kamittiyyuu Yihowaa tajaajiluu akka taʼe baranneerra.

BARUMSA BARBAACHISAA BARACHUU

Hojii aanaarratti waggoota muraasaaf erga hojjennee booda bara 1978​tti Kaanaadaa Beetelitti akka tajaajillu affeeramne. Sana booda utuu baayʼee hin turin barumsa ulfaataa, garuummoo barbaachisaa taʼen baradhe. Walgaʼii addaa Montiriiyaal keessatti geggeeffamerratti Afaan Faransaayiin haasaa saʼaatii tokkoo fi walakkaa dheeratu akkan kennu ramadameen ture. Kan nama gaddisiisu, haasaan koo dhaggeeffattoota hin hawwanne; kanaafuu, obboleessi Kutaa Tajaajilaa keessatti hojjetu gorsa naaf kenne. Haasaa dhiheessuurratti dandeettii guddaa akkan hin qabne amma kanan hubadhe taʼus, yeroo sanatti garuu kana hin hubannen ture. Kanaafuu, gorsa naa kenname utuu hin fudhatinin hafe. Mariin keenya gaarii hin turre. Garmalee akka na qeeqee fi wanta gaarii narratti arge tokkollee akka natti hin himne waan natti dhagaʼameef aareen ture. Gorsa naaf kenname akkaataa gorsi sun itti kennamee fi ilaalchan nama gorsa naaf kenne sanaaf qaburratti hundaaʼee madaaluudhaan dogoggora raawwadheera.

Afaan Faransaayiin haasaa ergan kennee booda barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe argadheera

Guyyoota muraasa booda, miseensi Koree Waajjira Damee tokko waaʼee dhimmichaa na haasofsiise. Anis gorsa naaf kennameef deebii sirrii akkan hin kennine amanuudhaan deebii kootti akkan gaabben itti hime. Achiis obboleessa gorsa naaf kenne sanan haasofsiise. Innis gaarummaadhaan dhiifama naaf godhe. Muuxannoon kun gad of qabuun hammam barbaachisaa akka taʼe na barsiiseera; kana yoomiyyuu hin irraanfadhu. (Fak. 16:18) Dhimma kana ilaalchisee yeroo baayʼee Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera; lammata gorsa naaf kennamuuf ilaalcha gaarii hin taane akkan hin qabaannes kutadheera.

Kaanaadaa Beetelitti tajaajiluu ergan jalqabee waggaa 40 ol taʼeera; bara 1985 eegalee miseensa Koree Waajjira Damee taʼee tajaajiluuf mirga argadheera. Shiilaan koo Guraandhala 2021​tti duʼaan boqotte. Gadda ishii dhabuu kootiin natti dhagaʼamuu fi dhibee fayyaa wajjin walʼaansoo gochaan jira. Taʼus, tajaajila Yihowaatiin qabamee gammachuudhaan waanan jiraadhuuf, ‘umurii koo isa darbaa jiru matumaa hin hubadhu.’ (Lal. 5:20) Haalli rakkisaan tokko tokko na mudatus, wantoonni na gammachiisan rakkina na mudaterra baayʼee caalu. Jireenya koo keessatti Yihowaadhaaf dursa kennuudhaan waggaa 70f tajaajila yeroo guutuu keessatti jireenya baayʼee gammachiisaa taʼe dabarseera. Obboloonnii fi obboleettonni dargaggoonnis jireenyasaanii keessatti Yihowaadhaaf dursa kennuusaanii akka itti fufan isaaniif nan kadhadha; akkas yoo godhan jireenya gammachiisaa Yihowaa tajaajiluudhaan qofa argamu akka argatan mirkanaaʼaadha.

a Seenaa jireenyaa Maarsel Fiiltoo “Yihowaan Dawoo Koo fi Cimina Kooti” jedhu Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2000 (Amaariffa) irraa dubbisi.

b Hamma bara 1957​tti, naannoon Afrikaa kun naannoo kolonii Biritaaniyaa jala turee fi Gooldi Koosti jedhamee waamamu ture.

c Seenaa jireenyaa Harbarti Jeeninzi “Jireenyi Keessan Boru Maal Akka Taʼu hin Beektan” jedhu Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 2000 (Amaariffa) irraa dubbisi.

d Yeroo sanatti hojii Dhugaa Baatota Yihowaa geggeessaa kan ture Naataan Noori.