Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 37

FAARFANNAA 118 “Amantii Keenya Nuu Guddisi”

Xalayaa Hamma Dhumaatti Amanamoo Taʼuuf Nu Gargaaru

Xalayaa Hamma Dhumaatti Amanamoo Taʼuuf Nu Gargaaru

“Amanannaa jalqaba irratti qabnu hamma dhumaatti jabeessinee [qabanna].”IBR. 3:14.

YAADA IJOO

Barumsi xalayaa warra Ibrootaatiif ergamerraa argannu hamma dhuma sirna kanaatti amanamummaadhaan jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara.

1-2. (a) Yeroo Phaawulos warra Ibrootaatiif xalayaa barreessetti haalli Yihudaa keessa ture maal fakkaata? (b) Xalayaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun yeroosaa kan eeggatedha kan jennu maaliifi?

 KIRISTIYAANONNI Ibrootaa Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiraatan waggoota Yesuus erga duʼee booda turanitti haalli rakkisaa hedduun isaan mudateera. Gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee utuma baayʼee hin turin ariʼatamni cimaan ni kaʼe. (HoE. 8:1) Gara waggaa 20 boodammoo, beela biyyattii keessatti uumamee tureen kan kaʼe duuka buutota Kiristoos rakkinni diinagdee cimaan mudateera. (HoE. 11:27-30) Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 61​tti garuu, Kiristiyaanonni ariʼatama gara fuulduraatti isaan mudatu wajjin yeroo walbira qabamu hamma tokko nagaa argatanii turan. Yeroo sanatti Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin xalayaa isaaniif barreesseera; xalayaan kun yeroosaa kan eeggate ture.

2 Nagaan Kiristiyaanonni yeroo sanatti argatan yeroo dheeraa waan hin turreef xalayaan kun yeroosaa kan eeggate ture. Phaawulos gorsa gaarii rakkina isaan mudachuuf jedhu akka dandamatan isaan gargaaru isaaniif kenneera. Badiisni sirna Yihudootaa Yesuus dursee dubbate dhihaatee ture. (Luq. 21:20) Dhugaadha, Phaawulosis taʼe Kiristiyaanonni Yihudaa keessa jiran yeroo sirrii badiisni sun itti dhufu hin beekan. Taʼus Kiristiyaanonni kun yeroo hafe sana amaloota akka amantii fi jabaatanii dhaabbachuu jiran horachuuf itti fayyadamuudhaan of qopheessuu dandaʼu.—Ibr. 10:25; 12:1, 2.

3. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran kitaaba Ibrootaatiif xiyyeeffannaa addaa kennuu kan qaban maaliifi?

3 Rakkinni guddaan Kiristiyaanota Ibrootaa mudaterra baayʼee caalu dhufuuf jedha. (Mat. 24:21; Mul. 16:14, 16) Kanaafuu, mee gorsawwan Yihowaan Kiristiyaanota sanaaf kennee fi yeroo ammaatti nuunis nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu.

‘GARA BILCHINAATTI DEEMUUF CARRAAQQII GODHAA’

4. Kiristiyaanota Yihudoota taʼan haala rakkisaa akkamiitu mudate? (Fakkichas ilaali.)

4 Kiristiyaanota Yihudoota taʼan haalli rakkisaa cimaan mudateera. Yeroo taʼe tokkotti Yihudoonni saba Yihowaan filate turan. Yerusaalem teessoo Mootummaa Waaqayyoo isa lafarraa turte, manni qulqullummaas wiirtuu waaqeffannaa qulqulluu ture. Yihudoonni amanamoon hundi Seera Musee geggeessitoonni amantaasaanii isaan barsiisan hordofu turan. Seeronni kun waaʼee nyaataa, dhaqna qabaa fi walitti dhufeenya namoota Yihudoota hin taane wajjin qabanii kan ibsan turan. Haa taʼu malee, Yihowaan Yesuus erga duʼee booda aarsaa Yihudoonni dhiheessan fudhachuu dhiiseera. Kun Kiristiyaanota Yihudoota taʼanii fi duraan Seericha hordofaa turaniif ulfaataa ture. (Ibr. 10:1, 4, 10) Pheexiros ergamaa dabalatee Kiristiyaanonni bilchina qabanillee jijjiirama tokko tokkotti baruun isaanitti ulfaatee ture. (HoE. 10:9-14; Gal. 2:11-14) Kiristiyaanonni kun amantiisaanii isa haaraa kanaan kan kaʼe geggeessitoota amantaarraa ariʼatamni isaanirra gaʼeera.

Kiristiyaanonni, barumsa sobaa mormitoonni amantaa Yihudii hordofan babalʼisanirraa fagaachuudhaan dhugaatti maxxanuun isaan barbaachisa ture (Keeyyata 4-5 ilaali)


5. Kiristiyaanonni wanta akkamiirraa of eeguun isaan barbaachisa ture?

5 Kiristiyaanonni Ibrootaa kallattii lamarraa mormiin isaanirra gaʼaa ture. Tokkoffaa, geggeessitoonni amantaa Yihudii gantoota akka taʼanitti isaan ilaalu. Lammaffaammoo, namoonni gumii keessa jiran tokko tokko duuka buutonni Kiristoos Seera Musee hordofuusaanii itti fufuu akka qaban barsiisu turan. Tarii akkas kan godhan ariʼatamni akka isaanirra hin geenyeef taʼuu dandaʼa. (Gal. 6:12) Kiristiyaanonni amanamoo taʼan dhugaatti maxxananii jiraachuuf maaltu isaan gargaara?

6. Phaawulos obboloonnisaa maal akka godhan jajjabeesse? (Ibroota 5:14–6:1)

6 Phaawulos xalayaa Ibrootaaf barreesserratti obboloonnisaa Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan akka qoran jajjabeesseera. (Ibroota 5:14–6:1 dubbisi.) Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaatti fayyadamee daandiin Kiristiyaanummaa amantaa Yihudiirra akka caalu isaaniif ibseera. a Phaawulos dhugaa ilaalchisee beekumsaa fi hubannaa gadi fagoo qabaachuun barumsa sobaa adda baafachuufis taʼe irraa fagaachuuf akka isaan gargaaru beeka ture; kunimmoo karaarraa akka hin gorre isaan gargaara.

7. Yeroo harʼaatti haala rakkisaa akkamiitu nu mudata?

7 Akkuma Kiristiyaanota Ibrootaa yeroo harʼaas namoonni odeeffannoo fi yaada ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo wajjin wal faallessu babalʼisan nu mudatu. Namoonni tokko tokko ajaja Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee kennu waan hordofnuuf nu qeequ. Ilaalchi namoota addunyaa yeroo kamiyyuu caalaa ilaalcha Yihowaa wajjin kan wal faallessu taʼaa dhufeera. (Fak. 17:15) Kanaafuu, yaadawwan mormitoonni abdii nu kutachiisuuf, darbees karaarraa nu maqsuuf itti fayyadaman adda baafachuu fi irraa fagaachuuf dandeettii yaaduu keenya guddifachuu qabna.—Ibr. 13:9.

8. Karaa hafuuraa bilchina qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Gorsa Phaawulos bilchina hafuuraarra gaʼuu ilaalchisee Kiristiyaanota Ibrootaatiif kenne hojiirra oolchuun keenya gaariidha. Kunis dhugaa ilaalchisee beekumsa gadi fagoo qabaachuu fi ilaalcha Yihowaa horachuu dabalata. Erga of murteessinee cuuphamnee boodallee kana gochuu keenya itti fufuu qabna. Dhugaa keessa kan turre yeroo hammamiitiifiyyuu yoo taʼe hundi keenya yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi qoʼachuu qabna. (Far. 1:2) Barsiifata qoʼannaa dhuunfaa gaarii qabaachuun amala Phaawulos xalayaa warra Ibrootaatiif barreesse keessatti addeesse tokko cimsachuuf nu gargaara; amalli kunis amantiidha.—Ibr. 11:1, 6.

‘AMANTII ISA LUBBUU JIRAATAA GODHEE EEGU QABAADHAA’

9. Kiristiyaanonni Ibrootaa amantii cimaa qabaachuun kan isaan barbaachise maaliifi?

9 Kiristiyaanonni Ibrootaa rakkina Yihudaatti dhufuuf jedhu jalaa ooluuf amantii cimaan isaan barbaachisa ture. (Ibr. 10:37-39) Yesuus duuka buutonnisaa Yerusaalem loltootaan akka marfamte yeroo argan gara gaarotaatti akka baqatan isaan akeekkachiiseera. Gorsisaa Kiristiyaanota Yerusaalem keessas taʼe naannoo baadiyyaa jiraatan hundaaf ni hojjeta. (Luq. 21:20-24) Namoonni bara sanaa yeroo weerartoonni isaanitti dhufan magaalota akka Yerusaalem dallaa qabanitti baqatu turan. Gara gaarotaatti baqachuun kan hin deemsisne fakkaata, akkasumas amantii guddaa gaafata.

10. Kiristiyaanonni amantii cimaa qabaachuunsaanii maal gochuuf isaan kakaasa? (Ibroota 13:17)

10 Kiristiyaanonni Ibrootaa obboloota Yesuus gumicha geggeessuuf itti fayyadamu amanuunis isaan barbaachisa ture. Obboloonni dura buutota taʼan yoomii fi akkamitti baqachuu akka qaban ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe isaaniif kennuu hin oolan. (Ibroota 13:17 dubbisi.) Phaawulos ergamaan, “Warra gidduu keessanitti dura buutota taʼaniif ajajamaa” jedhee obbolootasaa gorseera. Obboloonnisaa jaarsoliidhaaf kan ajajaman akkas gochuu waan qabaniif qofa utuu hin taʼin waan isaan amananiifi. Kanaafuu, Kiristiyaanonni Ibrootaa rakkinichi jalqabuusaa dura obboloota dura buutota taʼan amanuun isaan barbaachisa. Yeroo nagaatti qajeelfama obboloota dura buutota taʼanii hordofuunsaanii yeroo rakkinaatti akkas gochuun akka isaaniif salphatu godha.

11. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran amantii cimaa qabaachuun kan isaan barbaachisu maaliifi?

11 Nutis yeroo harʼaatti akkuma Kiristiyaanota Ibrootaa amantii qabaachuu qabna. Yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen akeekkachiisa Kitaabni Qulqulluun dhuma sirna kanaa ilaalchisee kennu hin fudhatan, darbees itti qoosu. (2 Phe. 3:3, 4) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun rakkinni guddaan akkamitti akka jalqabu balʼinaan kan ibsu taʼus, wantoonni nuti hin beekne baayʼeen jiru. Dhumni sirna kanaa yeroo sirrii taʼetti akka dhufuu fi Yihowaan yeroo sanatti kunuunsa akka nuuf godhu amantii cimaa qabaachuu qabna.—An. 2:3.

12. Rakkina guddaarraa ooluuf maaltu nu gargaara?

12 Kana malees, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ Yihowaan yeroo harʼaatti qajeelfama nuu kennuuf itti fayyadamurratti amantii qabnu cimsachuu qabna. (Mat. 24:45) Akkuma yeroo warri Roomaa Yerusaalemitti marsanitti Kiristiyaanota Ibrootaatiif qajeelfamni kenname, yeroo rakkinni guddaan jalqabus qajeelfamoonni lubbuu keenya nuuf oolchan nuuf kennamu. Kanaafuu, qajeelfama obboloota jaarmiyaa Yihowaa keessatti dura buutota taʼanirraa nuuf kennamurratti amantii qabnu yeroon itti cimsannu ammadha. Amma qajeelfamasaanii hordofuun yoo nutti ulfaate yeroo rakkina guddaatti akkas gochuu hin dandeenyu.

13. Gorsi Ibroota 13:5 irratti argamu barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

13 Kiristiyaanonni Ibrootaa yeroo itti baqatan eegaa yommuu turanitti “jaalala maallaqaa irraa” fagaachuudhaan jireenya salphaa jiraachuu qabu turan. (Ibroota 13:5 dubbisi.) Isaan keessaa tokko tokko beelaa fi hiyyummaa keessa turaniiru. (Ibr. 10:32-34) Kanaan dura misiraachichaaf jedhanii haala rakkisaa dandamachuuf fedhii kan qaban taʼus, isaan keessaa tokko tokko qabeenyi eegumsa akka isaaniif argamsiisu yaaduu jalqabanii taʼuu dandaʼa. Garuu maallaqni hammamiiyyuu badiisa dhufaa jirurraa isaan oolchuu hin dandaʼu. (Yaq. 5:3) Warri qabeenya jaallatan manaa fi qabeenyasaanii dhiisanii baqachuun baayʼee isaanitti ulfaachuu dandaʼa.

14. Amantii cimaa qabaachuun keenya murtoo yeroo ammaatti qabeenya ilaalchisee goonurratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

14 Dhumni sirna kanaa akka dhufu amantii cimaa yoo qabaanne jaalala maallaqaarraa fagaachuuf kakaana. Namoonni “guyyaa dheekkamsa Yihowaatti meetiin isaaniis taʼe warqiin isaanii isaan oolchuu” akka hin dandeenye waan hubataniif “meetii isaanii daandii irratti gatu.” (His. 7:19) Hamma dandeenye maallaqa baayʼee walitti qabachuuf yaaluu mannaa, murtoo jireenya salphaa garuummoo madaalliisaa eeggate jiraachuuf nu gargaaru gochuu qabna. Kunis liqii hin barbaachisne keessa galuu ykn qabeenya keenya kunuunsuudhaan yeroo dheeraa dabarsuurraa of qusachuu dabalata. Qabeenya qabnu garmalee akka hin jaallannes of eeggachuu qabna. (Mat. 6:19, 24) Dhuma sirna kanaa eeggachaa yeroo jirru kanatti qabeenyi amantii keenya qoruu dandaʼa.

“JABAATTANII DHAABBACHUUN ISIN BARBAACHISA”

15. Kiristiyaanonni Ibrootaa jabaatanii dhaabbachuun kan isaan barbaachise maaliifi?

15 Kiristiyaanonni Ibrootaa haalli Yihudaa keessa jiru hammaachaa yeroo deemu qorumsa amantii isaan mudatu dandamachuun isaan barbaachisa ture. (Ibr. 10:36) Isaan keessaa tokko tokko ariʼatamni cimaan isaanirra gaʼee kan ture taʼus, baayʼeensaanii Kiristiyaana kan taʼan yeroo nagaattidha. Phaawulos qorumsi amantii cimaan kan isaanirra gaʼe taʼus, akka Yesuus hamma duʼaatti akka hin qoramne isaan yaadachiiseera. (Ibr. 12:4) Haa taʼu malee, Kiristiyaanummaan babalʼachaa yeroo deemu Yihudoonni mormitoota taʼan garmalee isaanitti aaruu fi isaan jibbuu jalqaban. Waggoota muraasa dura Phaawulos gara Yerusaalem dhufuusaatti jeequmsa guddaa kaasanii turan. Yihudoonni 40 ol “hanga Phaawulosiin ajjeesanitti homaa akka hin nyaannee fi akka hin dhugne waliif kakatan.” (HoE. 22:22; 23:12-14) Kiristiyaanonni sun jibbii fi ariʼatamni akkasii jiraatus waaqeffannaadhaaf walitti qabamuu, misiraachicha lallabuu fi amantiisaanii cimsachuun isaan barbaachisa ture.

16. Xalayaan Ibrootaaf barreeffame ariʼatamaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Ibroota 12:7)

16 Kiristiyaanonni Ibrootaa mormii isaan mudate dandamachuuf maaltu isaan gargaare? Phaawulos qorumsa isaanirra gaʼaa jiruuf ilaalcha sirrii qabaachuun akka isaan barbaachisu beeka ture. Kanaafuu, Waaqayyo qorumsa isaanirra gaʼutti fayyadamee akka isaan leenjisu ibseera. (Ibroota 12:7 dubbisi.) Leenjiin akkasii amaloota Kiristiyaanaa horachuu fi fooyyessuuf gargaaruu dandaʼa. Kiristiyaanonni Ibrootaa buʼaa qorumsi akkasii argamsiisurratti xiyyeeffachuunsaanii jabaatanii dhaabbachuun akka isaaniif salphatu godha.—Ibr. 12:11.

17. Phaawulos ariʼatama dandamachuu ilaalchisee maal barate?

17 Phaawulos kutannoo cimaadhaan qorumsa akka dandamatan Kiristiyaanota Ibrootaa jajjabeesseera. Phaawulos waaʼee kanaa gorsa gaarii kennuu dandaʼa. Kiristiyaanota ariʼachaa waan tureef rakkinni akkamii akka isaanirra gaʼaa ture beeka. Ariʼatama dandamachuun akkamitti akka dandaʼamus beeka. Kiristiyaana erga taʼee booda mormiin garaagaraa isarra gaʼeera. (2 Qor. 11:23-25) Kanaafuu, jabaatanii dhaabbachuuf maal gochuun akka isaan barbaachisu sirriitti beeka. Yeroo qorumsi isaanirra gaʼu ofiisaaniitti utuu hin taʼin Yihowaatti amanamuu akka qaban isaan yaadachiiseera. Phaawulos ija jabinaan, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu” jechuu dandaʼeera.—Ibr. 13:6.

18. Ariʼatama dandamachuuf kan nu gargaaru waaʼee yeroo gara fuulduraa maal beekuu keenyadha?

18 Obboloonni keenya tokko tokko yeroo ammaatti ariʼatama dandamachaa jiru. Isaaniif kadhachuudhaan, yeroo tokko tokkommoo gargaarsa qabatamaa isaaniif gochuudhaan amanamummaadhaan isaa deggaruu dandeenya. (Ibr. 10:33) Taʼus Kitaabni Qulqulluun, “Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu” jedha. (2 Xim. 3:12) Kanaafuu, hundi keenya wanta gara fuulduraatti nu mudatuuf qophaaʼuu qabna. Yihowaan qorumsa nu mudatu kamiyyuu dandamachuuf akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuudhaan guutummaatti isatti amanamuu keenya itti haa fufnu. Yeroonsaa yommuu gaʼu tajaajiltootasaa amanamoo taʼan hundaaf boqonnaa ni kenna.—2 Tas. 1:7, 8.

19. Rakkina guddaadhaaf qophaaʼuuf kan nu gargaaru tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuudha? (Fakkichas ilaali.)

19 Xalayaan Phaawulos Ibrootaaf barreesse Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa rakkina isaan mudatuuf qophaaʼuuf akka isaan gargaare hin shakkisiisu. Phaawulos Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan akka qoranii fi caalaatti akka hubatan obbolootasaa jajjabeesseera. Akkas gochuunsaanii barumsawwan amantiisaanii laaffisan adda baafachuu fi irraa fagaachuuf isaan gargaara. Phaawulos qajeelfama Yesuusii fi obboloota gumii keessatti dura buutota taʼanirraa argatan dafanii hojiirra oolchuu akka dandaʼaniif amantiisaanii akka cimsatan isaan jajjabeesseera. Kana malees, qorumsa isaan mudatu karaa Abbaansaanii inni jaalala qabeessa taʼe itti isaan leenjisu akka taʼetti ilaaluudhaan jabaatanii akka dhaabbatan isaan gargaareera. Nutis gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin kenname kana hojiirra haa oolchinu. Akkas yoo goone hamma dhumaatti amanamummaadhaan jabaannee dhaabbachuu dandeenya.—Ibr. 3:14.

Kiristiyaanonni amanamoo taʼan jabaatanii dhaabbachuu isaaniitiin eebbifamaniiru. Yihudaa keessaa erga baqatanii booda walitti qabamuusaanii itti fufaniiru. Nuti kanarraa maal baranna? (Keeyyata 19 ilaali)

FAARFANNAA 126 Dammaqi, Jabaadhu, Cimi!

a Phaawulos waaqeffannaan Kiristiyaanotaa kan Yihudootaarra baayʼee akka caalu ibsuuf boqonnaa jalqabaa qofarratti Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaarraa yoo xinnaate siʼa torba caqaseera.—Ibr. 1:5-13.