Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU

Yeroo Qoʼattu Wantoota Haaraa Barachuuf Yaali

Yeroo Qoʼattu Wantoota Haaraa Barachuuf Yaali

Yeroo qoʼachuuf qophoofnu, barumsa argachuu dandeenyu ni yaanna taʼa. Barumsa argannu tokko tokko tilmaamuu kan dandeenyu taʼus, wanti haaraan Yihowaan nu barsiisu jiraachuu akka dandaʼus dagachuu hin qabnu. Maarree, wanta Yihowaan nu barsiisuu barbaadu barachuu kan dandeenyu akkamitti?

Ogummaa argachuuf kadhadhu. Yihowaan barumsa amma akka argattu barbaadu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. (Yaq. 1:5) Beekumsi hamma ammaatti argatte gaʼaa akka taʼe gootee hin yaadin.—Fak. 3:5, 6.

Humni addaa Kitaabni Qulqulluun qabu jireenya kee keessatti akka hojjetu heyyami. “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa” dha. (Ibr. 4:12) Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnu hundumaatti “dubbiin” Waaqayyoo inni jiraataa taʼe dhiibbaa nurratti gochuu ni dandaʼa; kun kan taʼu garuu, yeroo dubbisnutti barumsa argannu fudhachuuf qophaaʼoo yoo taane qofadha.

Nyaata Yihowaan nuuf qopheessu hunda dinqisiifadhu. Nyaanni hafuuraa inni nuuf qopheessu “affeerraa nyaatawwan gaggaarii” wajjin wal fakkaata. (Isa. 25:6) Mata dureewwan qoʼachuun si hin gammachiisne irra hin utaalin. Wanta Waaqayyo qopheessurraa faayidaa argachuu qofa utuu hin taʼin, ittiin gammaduus ni dandeessa!