Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yeroo Yesuus Irbaata Gooftaa hundeessetti barattoonnisaa 70n inni akka lallaban ergee ture eessa turan? Isa dhiisaniitii?

Barattoonni 70n sun yeroo Yesuus Irbaata Gooftaa hundeessetti achitti waan hin argamneef qofa Yesuus biratti fudhatama dhabaniiru ykn isa dhiisaniiru jedhanii yaaduun sirrii miti. Yesuus yeroo sanatti ergamootasaa wajjin taʼuu barbaadeeti.

Ergamoonni 12​nis taʼan warri 70​ni barattootasaati. Yesuus barattootasaa hedduu keessaa jalqaba namoota 12 filatee ergamoota jedhee isaan waame. (Luq. 6:12-16) “Warra Kudha Lamaan walitti waamee” yeroo “Mootummaa Waaqayyoo akka lallabanii fi namoota dhukkubsatan akka fayyisan isaan” ergetti Galiilaa keessa ture. (Luq. 9:1-6) Boodas, Yesuus Yihudaa keessatti “namoota 70 kan biroo filatee lama lama godhee . . . isaan erge.” (Luq. 9:51; 10:1) Kanaafuu, Yesuus naannoo garaagaraatti duuka buutota waaʼeesaa lallaban qaba ture jechuudha.

Yihudoonni barattoota Yesuus taʼan waggaa waggaadhaan Ayyaana Faasikaa maatiisaanii wajjin kabajuu hin oolan. (Bau. 12: 6-11, 17-20) Yesuusii fi ergamoonnisaa guyyaan itti ajjeefamu yeroo gaʼu gara Yerusaalem deeman. Haa taʼu malee, Yesuus Ayyaana Faasikaa isa faana akka kabajaniif barattootasaa Yihudaa, Galiilaa fi Peeriyaa keessa jiran hunda hin waamne. Ifatti akka hubannutti, Yesuus yeroo kanatti ergamootasaa wajjin taʼuu barbaadee ture. “Dhiphinni ana irra gaʼuu isaa dura, Faasikaa kana isinii wajjin nyaachuuf baayʼee hawwaan ture” isaaniin jedheera.—Luq. 22:15.

Akkas gochuuf sababii gaarii qaba. Yesuus “Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa balleessu” taʼee duʼuuf jedha ture. (Yoh. 1:29) Kunis kan taʼu Yerusaalem ishii durii kaasee Waaqayyoof aarsaan itti dhihaachaa ture keessattidha. Hoolaan Faasikaa Yihowaan Israaʼelota garbummaa Gibxii jalaa bilisa akka baase isaan yaadachiisa; Yesuus garuu aarsaasaatiin wanta kanarra baayʼee caalu godha: Ilmaan namootaa hunda cubbuu fi duʼa jalaa bilisa baasa. (1 Qor. 5:7, 8) Wanti Yesuus godhe ergamoonni Kudha Lamaan kutaa buʼuura gumii Kiristiyaanaa akka taʼan isaan dandeessisa. (Efe. 2:20-22) Magaalaa qulqulluu kan taate Yerusaalem “dhagaawwan buʼuuraa 12” “maqaawwan 12n ergamoota Hoolichaa 12anii” irratti barreeffame qabdi. (Mul. 21:10-14) Eeyyee, ergamoonni amanamoon kaayyoon Waaqayyoo akka raawwatamu gochuurratti gaʼee guddaa qabu. Kanaafuu, Yesuus ergamoonnisaa Ayyaana Faasikaa isa dhumaa fi Irbaata Gooftaa isatti aanee kabajamurratti isa faana akka taʼan barbaaduunsaa nama hin ajaaʼibu.

Warri 70​nii fi barattoonnisaa kaan ayyaana sanarratti Yesuus wajjin hin turre. Taʼus, barattoonni Yesuus amanamoo taʼan hundi qophii Irbaata Gooftaarraa ni fayyadamu. Namoonni sana booda dibamtoota taʼan hundi kakuu mootummaa Yesuus galgala sana waaʼeesaa ergamootasaatti hime keessatti ni hammatamu.—Luq. 22:29, 30.