MATA DUREE QOʼANNAA 6
FAARFANNAA 18 Furichaaf Galateeffachuu
Dhiifama Yihowaan Nuuf Godhu kan Dinqisiifannu Maaliifi?
“Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.”—YOH. 3:16.
YAADA IJOO
Dhiifama Yihowaarraa argannuuf dinqisiifannaa qabnu guddifachuu barbaanna. Kana gochuuf Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama gochuuf maal akka godhe baranna.
1-2. Haalli ilmaan namootaa haala dargaggeessa keeyyata 1 irratti ibsame wajjin kan walfakkaatu akkamitti?
MEE dargaggeessa maatii sooressa taʼe keessatti guddate tokko yaadi. Gaaf tokko warrisaa balaa tasaatiin ni duʼan. Dargaggeessi kun oduu kana yeroo dhagaʼu baayʼee gadde. Taʼus, oduu gaddisiisaa kan biraas dhagaʼuuf jedha. Warrisaa maallaqa qisaasessanii idaa guddaa akka isarratti dhiisan dhagaʼe. Amma dargaggeessi kun qabeenya warrasaa dhaaluu mannaa idaasaanii hunda kaffaluun isa barbaachisa; warri liqii isaanirraa qabanis dafee akka kaffalu isa gaafachaa jiru. Garuu idaa kana hunda yoomiyyuu kaffaluu hin dandaʼu.
2 Haalli keenya karaa tokko tokkoon haala dargaggeessa kanaa wajjin walfakkaata. Warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaan namoota mudaa hin qabnee fi jannata bareedduu taate keessa jiraatan turan. (Uma. 1:27; 2:7-9) Barabaraaf gammachuudhaan jiraachuu dandaʼu turan. Akkuma tasaa garuu wanti hundi ni jijjiirame. Jannata bakka jireenyaasaanii taate keessaa ni ariʼaman, abdii barabaraaf jiraachuus ni dhaban. Maarree, ijoolleesaaniitti dhaala akkamii dabarsan? Kitaabni Qulqulluun, “Cubbuun karaa nama tokkoo [Addaam] addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe” jedha. (Rom. 5:12) Dhaalli Addaam nutti dabarse cubbuudha, cubbuunimmoo duʼa geessisa. Cubbuun dhaalle kun akkuma idaa guddaati; nu keessaa idaa kana kaffaluu kan dandaʼu hin jiru.—Far. 49:8.
3. Cubbuun keenya ‘idaatti’ kan fakkeeffame maaliifi?
3 Yesuus cubbuu ‘idaatti’ fakkeesseera. (Mat. 6:12, milj.; Luq. 11:4, milj.) Yeroo cubbuu hojjennu akkuma waan Yihowaan idaa nurraa qabuutti ilaalama. Adabbii cubbuun keenya nutti fidu kaffaluu qabna. Idaan kun yoo kaffalamuu baate nuuf haqamuu kan dandaʼu yoo duune qofadha.—Rom. 6:7, 23.
4. (a) Gargaarsa utuu argachuu baannee hunda keenyarra maaltu gaʼa ture? (Faarfannaa 49:7-9) (b) Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “cubbuu” jedhu maal argisiisa? (Saanduqa “ Cubbuu” jedhu ilaali.)
4 Wanta Addaamii fi Hewaan dhaban hunda deebinee argachuu ni dandeenyaa? Ofii keenyaan hin dandeenyu. (Faarfannaa 49:7-9 dubbisi.) Gargaarsa utuu argachuu baannee abdii jireenya barabaraas taʼe abdii duʼaa kaʼuu hin qabaannu turre. Akkuma bineensotaa duunee hafna turre.—Lal. 3:19.
5. Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe cubbuu dhaalle wajjin haala wal qabateen gargaarsa akkamii nuuf godhe? (Fakkii ilaali.)
5 Mee waaʼee dargaggeessa seensarratti ibsame sanaa yaadi; namni sooressi tokko idaasaa hunda akka isaaf kaffalu utuu isatti himee maaltu isatti dhagaʼama? Dargaggeessi kun kennaa arjummaadhaan isaaf kenname kana gammachuudhaan akka fudhatu hin shakkisiisu. Haaluma walfakkaatuun, Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe kennaa cubbuu Addaamirraa dhaalleef dhiifama argamsiisu nuu kenneera. Yesuus kennaa kana ilaalchisee akkana jedheera: “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.” (Yoh. 3:16) Kana malees, kennaan kun Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf nu dandeessiseera.
6. Mata duree kana keessatti maal ilaalla? Maaliif?
6 Kennaa dinqisiisaa kanarraa fayyadamuu fi cubbuu keenyaaf dhiifama argachuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii gaaffii kanaa argachuuf ibsawwan Kitaaba Qulqulluu garaagaraa fi hiika isaanii ilaalla. Wanta Yihowaan dhiifama nuu gochuuf godherratti yeroo xiinxallu dinqisiifannaan keenya ni guddata.
KAAYYOO: MICHOOTA YIHOWAA TAʼUU
7. (a) Wanti Addaamii fi Hewaan dhaban kan biraan maalidha? (b) Sanyii Addaamii fi Hewaan waan taaneef wanti baayʼee nu barbaachisu maalidha? (Roomaa 5:10, 11)
7 Addaamii fi Hewaan abdii jireenya barabaraa qofa utuu hin taʼin hariiroo Abbaasaanii wajjin qabanis dhabaniiru. Addaamii fi Hewaan jalqabarratti kutaa maatii Waaqayyoo turan. (Luq. 3:38) Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin yeroo hafanitti garuu maatii kana keessaa ni ariʼaman; kunis kan taʼe ijoollee godhachuusaanii duradha. (Uma. 3:23, 24; 4:1) Nu dabalatee ijoolleen isaanii hundi kutaa maatii Yihowaa taʼuu hin dandeenyu. Kanaafuu, isa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf gargaarsi nu barbaachisa. (Roomaa 5:10, 11 dubbisi.) Diinota Waaqayyoo taʼuu dhiisnee michootasaa taʼuun nu barbaachisa. Kan nama ajaaʼibsiisu, kun akka taʼu gochuuf dursa kan fudhate Yihowaadha. Akkamitti?
QOPHII GODHAME: ARAARA
8. Araarri maalidha?
8 Araarri qophii Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoo taʼan isa wajjin hariiroo gaarii akka qabaataniif godhedha. Wanta Addaam dhabe deebinee akka argannuuf wanta kana wajjin gatii walfakkaatu qabu tokko qopheesseera. Kitaabonni Qulqulluun Afaan Giriikiis Yihowaan namni tokko isa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatuuf qophii akkamii akka godhe ni dubbatu.—Rom. 3:25; 2 Phe. 2:12.
9. Yihowaan Israaʼelonni cubbuusaaniitiif dhiifama akka argataniif yeroodhaaf qophii akkamii godhee ture?
9 Yihowaan Israaʼelonni isa wajjin hariiroo gaarii akka qabaataniif yeroodhaaf qophii dhiifama cubbuu argachuuf isaan dandeessisu godhee ture. Israaʼel keessatti waggaa waggaadhaan Guyyaan Araaraa ni kabajama ture. Guyyaa sanatti lubni olaanaan sabicha bakka buʼee aarsaa beeladootaa dhiheessa. Beeladoonni namootaa gadi waan taʼaniif aarsaansaanii cubbuu nama kamiitiifiyyuu guutummaatti araara argamsiisuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, namni Israaʼel yaada geeddarate tokko aarsaa Yihowaan barbaadu yoo dhiheesse Yihowaan dhiifama isaaf gochuuf fedhii qaba ture. (Ibr. 10:1-4) Kana malees, qophiin sunis taʼe aarsaan cubbuu yeroo hunda dhiheessan cubbamoota taʼuusaanii fi wanti guutummaatti cubbuusaanii haguugu akka isaan barbaachisu isaan hubachiiseera.
10. Yihowaan ilmaan namootaa dhiifama cubbuu akka argataniif qophii dhaabbataa akkamii godhe?
10 Yihowaan ilmaan namootaa dhiifama cubbuu akka argataniif qophii dhaabbataa taʼe godheera. Ilmisaa jaallatamaan ‘cubbuu namoota hedduu baachuuf yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha akka of dhiheessu’ godheera. (Ibr. 9:28) Yesuus “lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee” kenneera. (Mat. 20:28) Furiin maalidha?
GATII KAFFALAME: FURICHA
11. (a) Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti furiin maalidha? (b) Furiin kun akka kaffalamuuf wanti barbaachisu maalidha?
11 Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti furiin gatii araara buusuuf kaffalamudha. a Akka ilaalcha Yihowaatti furiin wanta bade tokko deebisuuf buʼuura taʼa. Akkamitti? Addaamii fi Hewaan jireenya mudaa hin qabnee fi abdii jireenya barabaraa akka dhaban yaadadhu. Kanaafuu, gatiin furichaa wanta isaan dhaban wajjin kan wal gitu taʼuu qaba. (1 Xim. 2:6) Furicha kaffaluu kan dandaʼu nama gaʼeessa (1) mudaa hin qabne, (2) lafarra barabaraaf jiraachuu dandaʼuu fi (3) nuuf jecha jireenya kana aarsaa gochuuf fedhii qabu qofadha. Jireenyi nama sanaa jireenya bade bakka buʼuu kan dandaʼu yoo akkas taʼe qofadha.
12. Yesuus gatii furichaa kaffaluu dandaʼa kan jennu maaliifi?
12 Sababiiwwan Yesuus gatii furichaa kaffaluu dandaʼa itti jennu sadi haa ilaallu. (1) Nama mudaa hin qabne waan tureef “cubbuu tokko illee hin hojjenne.” (1 Phe. 2:22) (2) Kanaafuu, lafarra barabaraaf jiraachuu ni dandaʼa ture. (3) Nuuf jecha duʼuu fi jireenyasaa kana aarsaa gochuuf fedhii qaba ture. (Ibr. 10:9, 10) Yesuus akkuma Addaam cubbuu hojjechuusaa dura ture nama mudaa hin qabnedha. (1 Qor. 15:45) Kanaafuu, Yesuus nuuf jecha duʼuudhaan gatii wanta Addaam dhabe bakka buusuuf barbaachisu kaffaluu dandaʼeera. (Rom. 5:19) Akka kanaan Yesuus ‘Addaam isa boodaa’ taʼeera. Namni mudaa hin qabne kan biraan dhufee wanta Addaam dhabeef gatii kaffaluun isa hin barbaachisu. Yesuus “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” duʼeera.—Ibr. 7:27; 10:12.
13. Qophiin araaraa fi furichi garaagarummaa akkamii qabu?
13 Maarree, qophiin araaraa fi furichi garaagarummaa akkamii qabu? Qophiin araaraa tarkaanfii Waaqayyo ilmaan namootaa isa wajjin hariiroo gaarii akka qabaataniif jecha fudhatedha. Furichimmoo gatii ilmaan namootaa cubbamoo taʼan araara akka argataniif kaffalamedha. Dhiigni Yesuus inni nuuf jecha dhangalaʼe gatii kaffalame kana argisiisa.—Efe. 1:7; Ibr. 9:14.
BUʼAASAA: FURAMUU FI QAJEELOTA JEDHAMANII WAAMAMUU
14. Amma maalirratti mariʼanna? Maaliifi?
14 Qophiin araaraa buʼaa akkamii argamsiisa? Kitaabni Qulqulluun buʼaasaa ibsuuf jechoota garaagaraatti fayyadama. Jechoonni kun hiiknisaanii kan walfakkaatu taʼus tokkoon tokkoonsaanii qophiin araaraa dhiifama Yihowaa argachuuf karaa kan nuuf banu akkamitti akka taʼe ibsu. Jechoota kana qoraa yeroo deemnu dhuunfaatti kan nu ilaallatan akkamitti akka taʼes ni hubanna.
15-16. (a) Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “furamuu” jedhu maal argisiisa? (b) Kunoo miira akkamii nutti uuma?
15 Kitaabni Qulqulluun furichi kaffalamuusaatiin kan kaʼe akka furamne ykn bilisa akka baane dubbata. Pheexiros ergamaan akkana jechuudhaan ibseera: “Isin akkaataa jireenyaa keessan isa gatii hin qabne isa abbootiin keessan isinitti dabarsan irraa bilisa kan baatan [kal., “kan furamtan”], wantoota badaniin, jechuunis meetii yookiin warqiidhaan akka hin taane beektu. Kanaa mannaa, bilisa kan baatan dhiiga Kiristoos isa gatii guddaa qabuun, jechuunis dhiiga hoolaa hirʼinaa fi mudaa hin qabneetiini.”—1 Phe. 1:18, 19; milj.
16 Aarsaa furichaatiin kan kaʼe garbummaa cubbuu fi duʼaa jalaa bilisa baʼuu dandeenyeerra. (Rom. 5:21) Dhiiga Yesuus isa gatii guddaa qabuun furamuu keenyaaf Yihowaa fi Yesuusiin baayʼee galateeffanna.—1 Qor. 15:22.
17-18. (a) Qajeelota jedhamanii waamamuu jechuun maal jechuudha? (b) Kunoo kan nu fayyadu akkamitti?
17 Kitaabni Qulqulluun tajaajiltoonni Yihowaa qajeelota jedhamanii akka waamaman dubbata. Kana jechuun Yihowaan cubbuu hojjenneef gatii akka kaffallu nurraa hin eegu jechuudha. Kana gochuunsaa ulaagaa haqaaf baase akka laaffise hin argisiisu. Qajeelota jedhee kan nu waamu waan nuuf maluuf ykn cubbuu keenya salphisee waan ilaaluuf miti. Kanaa mannaa, Yihowaan idaa keenya kan nuuf haqu qophii araaraa fi gatii furichaarratti amantii waan qabnuufi.—Rom. 3:24; Gal. 2:16.
18 Kun tokkoon tokkoon keenya kan fayyadu akkamitti? Namoonni qajeelota jedhamanii waamaman muraasni samii keessatti Yesuus wajjin akka bulchaniif filatamaniiru, akkasumas ilmaan Waaqayyoo taʼaniiru. (Tit. 3:7; 1 Yoh. 3:1) Cubbuunsaanii isaaniif dhiifameera. Akkuma waan kanaan dura cubbuu hin hojjenneetti waan ilaalamaniif Mootummicha dhaaluuf gaʼumsa qabu. (Rom. 8:1, 2, 30) Namoonni qajeelota jedhamanii waamaman kaanimmoo barabaraaf lafarra jiraatu. Yihowaan cubbuusaanii waan isaaniif dhiiseef michootasaa taʼaniiru. (Yaq. 2:21-23) Tuutni uummataa guddaan Armaagedoonirraa oolan utuu duʼa hin argin barabaraaf jiraachuuf abdii qabu. (Yoh. 11:26) “Qajeelonnis taʼan jalʼoonni” duʼanii jiran duʼaa ni kaafamu. (HoE. 24:15; Yoh. 5:28, 29) Yeroo booda tajaajiltoonni Yihowaa lafarra jiranii fi ajajamoo taʼan hundi “bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa” taʼe argatu. (Rom. 8:21) Yeroo Abbaa keenya Yihowaa wajjin hariiroo akkasii itti qabaannu hawwiidhaan eegganna!
19. Haalli keenya kan jijjiirame akkamitti? (Saanduqa “ Dhiifama Yihowaa” jedhus ilaali.)
19 Dhugumayyuu, haalli keenya haala dargaggeessa wanta hunda dhabee fi warrisaa idaa guddaa yoomiyyuu kaffaluu hin dandeenye itti dabarsan wajjin walfakkaata ture. Taʼus Yihowaadhaaf galanni haa taʼuutii gargaarsa arganneerra. Qophii araaraa fi furii kaffalameen kan kaʼe haalli keenya jijjiirameera. Amantiin Yesuus Kiristoosirratti qabnu cubbuu fi duʼarraa furamuuf ykn bilisa baʼuuf nu dandeessiseera. Cubbuun keenya nuuf haqameera. Hunda caalaa garuu Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dandeenyeerra.
20. Mata duree ittaanurratti waaʼee maalii mariʼanna?
20 Wanta Yihowaanii fi Yesuus nuuf godhanirratti yeroo xiinxallu garaan keenya dinqisiifannaadhaan guutama. (2 Qor. 5:15) Utuu isaan nu gargaaruu baatanii abdii hin qabaannu turre! Haa taʼu malee, dhiifamni Yihowaa dhuunfaatti nuuf hiika akkamii qaba? Mata duree ittaanurratti waaʼee kanaa mariʼanna.
FAARFANNAA 10 Waaqa Keenya Yihowaa Jajadhaa!
a Afaan tokko tokkoon jechi “furii” jedhu “gumaa” ykn “gatii kaffalame” jedhamee hiikameera.