Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 7

FAARFANNAA 15 Ilma Yihowaa Isa Angafa Jajadhaa!

Dhiifamni Yihowaa Siif Hiika Akkamii Qaba?

Dhiifamni Yihowaa Siif Hiika Akkamii Qaba?

“Dhiifamni dhugaan si biraa argama.”FAR. 130:4.

YAADA IJOO

Jechoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko qoruudhaan dinqisiifannaa dhiifama dhugaa dhuunfaatti Yihowaarraa arganneef qabnu guddifanna.

1. Dhiifamni namootarraa argamu yeroo baayʼee hubachuuf rakkisaa kan taʼe maaliifi?

 “DHIIFAMA SII GODHEERA.” Keessumaa wanta nama miidhu akka dubbanne ykn akka raawwanne yeroo beeknutti yaada kana dhagaʼuun baayʼee nu gammachiisa! Garuu gaaleen, “Dhiifama sii godheera” jedhu dhugumaan hiika akkamii qaba? Namni miite sun hariiroon keessan guutummaatti akka haarome dubbachaa jiraa? Moo waaʼee dhimma sanaa deebiʼee haasaʼuu akka hin barbaanne dubbachaa jira? Dhiifamni namootarraa argamu hubachuuf kan nama rakkisu taʼuu dandaʼa.

2. Dhiifamni Yihowaarraa argamu Kitaaba Qulqulluu keessatti akkamitti ibsame? (Miiljalees ilaali.)

2 Akkaataan Yihowaan dhiifama itti nuuf godhu akkaataa waliif dhiifama itti goonurraa baayʼee addadha. Eenyuyyuu karaa Yihowaan dhiifama itti godhuun dhiifama gochuu hin dandaʼu. Faarfatichi Yihowaa ilaalchisee, “Dhiifamni dhugaan si biraa argama, kanaanis ati ulfina guddaa argatta” jedheera. a (Far. 130:4) Eeyyee, dhiifamni Yihowaa biraa argamu ‘dhiifama dhugaati.’ Dhiifama gochuu jechuun maal jechuu akka taʼe kan nutti argisiise isadha. Haalawwan tokko tokko keessatti, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu dhiifama Yihowaan godhu argisiisuuf, jecha Afaan Ibrootaa dhiifama namoonni godhan argisiisuuf hojiirra oolee hin beeknetti fayyadamaniiru.

3. Akkaataan Yihowaan dhiifama itti godhu kan keenyarraa adda kan taʼe akkamitti? (Isaayyaas 55:6, 7)

3 Yeroo Yihowaan nama tokkoof dhiifama godhu cubbuun nama sanaa ni haqama. Hariiroon badee ture guutummaatti haaroma. Yihowaan irra deddeebiʼee guutummaatti dhiifama nuuf gochuusaatti baayʼee isa galateeffanna.—Isaayyaas 55:6, 7 dubbisi.

4. Yihowaan dhiifama dhugaa jechuun maal jechuu akka taʼe akka hubannu kan nu gargaaru akkamitti?

4 Dhiifamni Yihowaan godhu kan keenyarraa adda erga taʼee, nuti namoonni mudaa qabnu hiika dhiifamni dhugaan qabu hubachuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan dhiifama inni godhu akka hubannu nu gargaaruuf fakkeenyota gaggaarii taʼanitti fayyadameera. Mata duree kana keessatti muraasasaanii ilaalla. Fakkeenyonni kun Yihowaan cubbuu keenya kan nurraa kaasuu fi hariiroo sababa cubbuutiin bade kan haaromsu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaaru. Fakkeenyota kana yeroo ilaallu, dinqisiifannaan Abbaa keenya isa gara laafessa taʼee fi dhiifamasaa karaa hedduudhaan ibseef qabnu ni guddata.

YIHOWAAN CUBBUU KEENYA NURRAA KAASA

5. Yihowaan yeroo cubbuu keenya nuuf dhiisu maaltu taʼa?

5 Kitaaba Qulqulluu keessatti cubbuun yeroo baayʼee baʼaa ulfaataa taʼetti fakkeeffama. Daawit Mootichi cubbuusaa ilaalchisee akkana jedheera: “Dogoggorawwan koo mataa koo irratti tuulamaniiru; isaan akka baʼaa ulfaatoo waan taʼaniif, ani isaan baachuu hin dandaʼu.” (Far. 38:4) Taʼus, Yihowaan namoonni dogoggora raawwatan yoo yaada geddaratan cubbuusaanii isaaniif ni dhiisa. (Far. 25:18; 32:5) Jechi Afaan Ibrootaa ‘dhiisuu’ jedhamee hiikame hiika “irraa fuudhuu” ykn “kaasuu” jedhu qaba. Akkuma namni humna qabu tokko baʼaa nurraa fuudhutti, Yihowaanis baʼaa cubbuu keenyaan nutti dhufe gateettii keenyarraa fuudha.

“Dhiiste” (Far. 32:⁠5)


6. Yihowaan cubbuu keenya hammam nurraa fageessa?

6 Fakkeenyi kan biraanimmoo Yihowaan cubbuu keenya hammam akka nurraa fageessu ibsa. Faarfannaan 103:12, “Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, balleessaa keenya nu irraa fageesseera” jedha. Kallattiin bahaa dhiharraa baayʼee fagaata. Kallattiiwwan lamaan yoomiyyuu wal tuquu hin dandaʼan. Kana jechuun Yihowaan cubbuu keenya isa tilmaamuu dandeenyu caalaa nurraa fageessa jechuudha. Yihowaan guutummaatti dhiifama akka nuuf godhu beekuun baayʼee nama jajjabeessa!

“Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu” (Far. 103:12)


7. Kitaaba Qulqulluurratti akka ibsametti Yihowaan cubbuu keenya maal godha? (Miikiyaas 7:18, 19)

7 Yihowaan cubbuu keenya erga nurraa fageessee booda of bira kaaʼa? Lakki. Hisqiyaas Mootichi Yihowaadhaan, “Cubbuuwwan koo hundumaa of duubatti gatteetta” ykn akka miiljaleen jedhutti, “ija kee duraa balleessiteetta” jedheera. (Isa. 38:9, 17; milj.) Yaanni kun akka argisiisutti Yihowaan cubbuu namoota yaada geddaratanii fuudhee ijasaa duraa balleessa. Yaanni kun, “Cubbuuwwan koo akkuma waan hin raawwatamneetti ilaalteetta” jedhamee hiikamuus ni dandaʼa. Qabxiin kun Miikiyaas 7:18, 19 irratti fakkeenya biraadhaanis ibsameera. (Dubbisi.) Caqasni kun Yihowaan cubbuu keenya galaana gadi fagoo keessatti akka darbatu ibsa. Bara duriitti wanta galaana gadi fagoo keessa buʼe deebiʼanii argachuun hin dandaʼamu ture.

“Cubbuuwwan koo hundumaa of duubatti gatteetta” (Isa. 38:17)

“Cubbuu isaanii hundumaa galaana gad fagoo keessatti ni darbatta” (Mik. 7:19)


8. Wanta hamma ammaatti ilaallerraa maal baranne?

8 Fakkeenyota hamma ammaatti ilaallerraa, Yihowaan yeroo dhiifama nuuf godhu baʼaa cubbuun keenya nutti fiderraa bilisa akka nu godhu baranneerra. Yaanni Daawit dubbate kun dhugaadha: “Namoonni balleessaan isaanii isaaniif dhiifame, cubbuun isaaniis isaaniif haguugame gammadoo dha; namni Yihowaan cubbuu isaa isatti hin lakkoofne gammadaa dha.” (Rom. 4:7, 8) Dhiifama dhugaa jechuun kanadha!

YIHOWAAN CUBBUU KEENYA NURRAA HAQA

9. Yihowaan dhiifamnisaa hammam guddaa akka taʼe ibsuuf fakkeenya akkamiitti fayyadame?

9 Yihowaan aarsaa furichaatti fayyadamee cubbuu namoota yaada geddaratanii akkamitti akka haqu akka hubannu nu gargaaruuf fakkeenyota kan birootti fayyadameera. Yihowaan furichatti fayyadamee nama yaada geddaraterraa cubbuusaa ni dhiqa ykn ni lollaʼa. Kunimmoo namni sun cubbuusaarraa akka qulqullaaʼu godha. (Far. 51:7; Isa. 4:4; Er. 33:8) Yihowaan buʼaa adeemsi kun argamsiisu yeroo ibsu akkana jedheera: “Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee, akkuma cabbii adii ni taʼa; akka uffata bifa bildiimaatti yoo diimate illee, akkuma suufii ni addaata.” (Isa. 1:18) Haalluu diimaa dhiiga fakkaatu ykn bifa bildiimaa uffatarraa gadhiisisuun baayʼee ulfaataadha. Taʼus, Yihowaan fakkeenyota kanatti fayyadamuudhaan cubbuun keenya guutummaatti nurraa dhiqamuu akka dandaʼu nuuf mirkaneesseera.

“Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee, akkuma cabbii adii ni taʼa” (Isa. 1:18)


10. Yihowaan dhiifamnisaa hammam guddaa akka taʼe ibsuuf fakkeenya kan biraa akkamiitti fayyadame?

10 Mata duree darberratti akkuma ilaalle, cubbuun ‘idaatti’ fakkeeffameera. (Mat. 6:12, milj.; Luq. 11:4, milj.) Kanaafuu, yeroo Yihowaarratti cubbuu hojjennu hundumaatti idaan keenya dabalaa deema jechuudha. Idaan Yihowaan nurraa qabu baayʼee guddaadha! Yeroo Yihowaan dhiifama nuuf godhu garuu akkuma waan idaan nurra jiru kun nuuf dhiifameeti. Cubbuu nuu dhiiseef deebisee nu hin gaafatu. Fakkeenyi kun boqonnaa yeroo Yihowaan dhiifama nuuf godhu nutti dhagaʼamu sirriitti ibsa!

“Idaa keenya nuu dhiisi” (Mat. 6:​12, milj.)


11. Kitaabni Qulqulluun cubbuun keenya akka ‘nuuf haqame’ yeroo dubbatu maal jechuusaati? (Hojii Ergamootaa 3:19)

11 Yihowaan idaa ykn cubbuu keenya nuuf dhiisuu qofa utuu hin taʼin nuuf haqa. (Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.) Idaan tokko yeroo nuuf dhiifamu mallattoon X guddaa taʼe akka irra kaaʼamu yaanna taʼa. Taʼus, lakkoofsi mallattoo X sana jala jiru ammayyuu ni mulʼata. Wanti tokko yeroo haqamu garuu haallisaa kanarraa addadha. Fakkeenya kana hubachuuf, bara duriitti qalamni barreessuuf tajaajilu makaa kaarboonii, haphee fi bishaanii akka taʼe yaadachuu qabna. Namni tokko wanta barreeffame ispoonjii jiidhaa taʼetti fayyadamee haquu ni dandaʼa ture. Kanaafuu, idaan tokko yeroo “haqamu” guutummaatti bada jechuudha. Wanti barreeffamee ture hin mulʼatu. Kanaa mannaa, akkuma waan kanaan dura hin jirree taʼa. Yihowaan cubbuu keenya dhiisuu qofa utuu hin taʼin guutummaatti akka haqu beekuun baayʼee nama gammachiisa!—Far. 51:9.

“Cubbuun keessan akka isinii haqamuuf ” (HoE. 3:19)


12. Fakkeenya waaʼee duumessa cimaa dubbaturraa maal baranna?

12 Yihowaan cubbuu kan haqu akkamitti akka taʼe ibsuuf fakkeenya kana wajjin wal fakkaatu tokkotti fayyadameera. “Ani balleessaa kee akka waan duumessaan haguugameetti, cubbuu kees akka waan duumessa cimaadhaan haguugameetti nan haqa” jedheera. (Isa. 44:22) Yihowaan yeroo dhiifama nuuf godhu akkuma waan balleessaan keenya akka hin mulʼanne gochuuf duumessa cimaadhaan haguugetti ilaalama.

“Balleessaa kee akka waan duumessaan haguugameetti . . . nan haqa” (Isa. 44:22)


13. Yihowaan cubbuu keenya yeroo nuuf dhiisu maaltu nutti dhagaʼama?

13 Kun nuuf hiika akkamii qaba? Yihowaan cubbuu keenya yeroo nuuf dhiisu sana booda jireenya keenya keessatti miirri balleessaa nutti dhagaʼamuu hin qabu jechuudha. Dhiiga Yesuus Kiristoosiin kan kaʼe idaan keenya guutummaatti nuuf dhiifameera. Yihowaan takkaa dhiifama erga nuuf godhee booda akkuma waan balleessaa sana hin raawwannetti nu ilaala. Yeroo cubbuu keenyarraa yaada geddarannu Yihowaa biraa dhiifama dhugaa akkasii arganna.

YIHOWAAN ISA FAANA DEEBINEE HARIIROO GAARII AKKA QABAANNU GODHA

Dhiifamni Abbaa keenya isa samiirraa argannu isa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf nu dandeessisa (Keeyyata 14 ilaali)


14. Dhiifama Yihowaatti amanamuu kan dandeenyu maaliifi? (Fakkiiwwanis ilaali.)

14 Dhiifamni dhugaa Yihowaarraa argannu isa faana hariiroo gaarii qabaachuuf nu dandeessisa. Miira balleessaatiin akka hin liqimfamne nu gargaara. Yihowaan haaloo nutti qabatee akka jiruu fi carraa itti nu adabu barbaadaa akka jiru goonee yaaduudhaan sodaachuun nu hin barbaachisu. Yihowaan matumaa akkas hin godhu. Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe yeroo dubbatu isa amanuu dandeenya kan jennu maaliifi? Ermiyaas raajichi Yihowaan, “Ani balleessaa isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis sana booda hin yaadadhu” akka jedhe dubbateera. (Er. 31:34) Phaawulos ergamaan yaada kana caqasuudhaan Yihowaan, ‘Sana booda cubbuu isaanii hin yaadadhu’ akka jedhe ibseera. (Ibr. 8:12) Garuu kun maal jechuudha?

“Cubbuu isaaniis sana booda hin yaadadhu” (Er. 31:34)


15. Yihowaan cubbuu keenya hin yaadatu jechuun maal jechuudha?

15 Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “yaadachuu” jedhu yeroo hunda wanta tokko dagachuu dhiisuu ykn waaʼee wanta sanaa yaaduu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, tarkaanfii fudhachuu kan dabalatudha. Yakkamaan Yesuus biratti fannifamee ture, “Yaa Yesuus, yommuu gara Mootummaa keetti dhuftu na yaadadhu” isaan jedhee ture. (Luq. 23:42, 43) Namichi kun Yesuus yeroo sanatti waaʼeesaa akka yaadu isa gaafachaa hin turre. Deebiin Yesuus isaaf kenne duʼaa isa kaasuuf tarkaanfii akka fudhatu kan argisiisudha. Kanaafuu, Yihowaan cubbuu keenya kana booda akka hin yaadanne yeroo dubbatu tarkaanfii akka nurratti hin fudhanne ibsuusaati. Cubbuu keenyaaf dhiifama erga nuuf godhee booda gara fuulduraatti balleessaa sana yaadatee nu hin adabu.

16. Kitaabni Qulqulluun bilisummaa dhiifamni dhugaan argamsiisu kan ibsu akkamitti?

16 Kitaabni Qulqulluun bilisummaa dhiifamni dhugaan argamsiisu akka hubannu nu gargaaruuf fakkeenya kan biraatti fayyadama. Mudaa dhaalleen kan kaʼe “cubbuudhaaf garboota” akka taane dubbata. Taʼus, dhiifama Yihowaarraa arganneef galanni haa taʼuutii, akkuma garboota “cubbuu irraa bilisa [baʼanii] taaneerra. (Rom. 6:17, 18; Mul. 1:5) Eeyyee, dhiifamni Yihowaarraa argannu akkuma waan garbummaa jalaa bilisa baanetti gammachuu guddaan akka nutti dhagaʼamu godha.

“Cubbuu irraa bilisa waan baataniif ” (Rom. 6:18)


17. Dhiifamni fayyina kan argamsiisu akkamitti? (Isaayyaas 53:5)

17 Isaayyaas 53:5 dubbisi. Fakkeenyi dhumarratti ilaallu namoota dhukkuba cimaadhaan qabamanitti nu fakkeessa. Yihowaan aarsaa furii karaa Ilmasaa nuuf qopheesseetti fayyadamee nu fayyiseera. (1 Phe. 2:24) Furichi hariiroon Yihowaa wajjin qabnuu fi cubbuu dhibeetti fakkeeffameen bade akka haaromu godha. Akkuma namni dhibee cimaadhaan qabamee ture tokko yeroo fayyu baayʼee gammadu, nutis dhiifama Yihowaarraa arganneen kan kaʼe karaa hafuuraa fayyinee yeroo deebinee michootasaa taanu baayʼee gammanna.

“Madaa isaatiin kan kaʼes nuti ni fayyine” (Isa. 53:5)


DHIIFAMNI YIHOWAA NUUF HIIKA AKKAMII QABA?

18. Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii fi waaʼee dhiifama Yihowaa ibsan garaagaraa qoruu keenyaan maal baranne? (Saanduqa, “Yihowaan Dhiifama kan Nuuf Godhu Akkamitti?” jedhus ilaali.)

18 Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii fi waaʼee dhiifama Yihowaa ibsan garaagaraa qoruu keenyaan maal baranne? Yihowaan yeroo dhiifama nuuf godhu, cubbuu keenya guutummaatti nuuf haqa, sana booda balleessaa sanaaf deebiʼee nu hin adabu. Kunis Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf nu gargaara. Kana malees, dhiifamni dhugaan kennaa akka taʼe yaadachuu qabna. Yihowaan namoota cubbamoo taʼaniif dhiifama kan godhu jaalalaa fi gaarummaa guddaadhaan kakaʼeeti. Dhiifamni Yihowaa wanta nuuf malu miti.—Rom. 3:24.

19. (a) Waaʼee maalii galateeffachuu qabna? (Roomaa 4:8) (b) Mata duree itti aanurratti waaʼee maalii ilaalla?

19 Roomaa 4:8 dubbisi. Hundi keenyayyuu Yihowaan Waaqa ‘dhiifama dhugaa’ taʼuusaatti baayʼee galateeffachuu qabna. (Far. 130:4) Haa taʼu malee, dhiifama argachuuf wanti barbaachisaan gochuu qabnu tokko jira. Yesuus, “Namoota cubbuu isin irratti hojjetaniif dhiifama hin gootan taanaan garuu, Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu” jechuudhaan ibseera. (Mat. 6:14, 15) Ifatti akka hubannutti, warra kaaniif dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuun keenya barbaachisaadha. Maarree, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen ittaanu kun maalfaa akka dabalatu ibsa.

FAARFANNAA 46 Yihowaa Si Galateeffanna

a Ibsawwan dhiifama gochuu argisiisan kan biroon jiraatanis, barreeffamni Afaan Ibrootaa inni jalqabaa ibsa ‘dhiifama dhugaa’ qofa argisiisutti fayyadama. Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun ibsa kanatti kan hin fayyadamne taʼus, Hiikni Addunyaa Haaraa garuu Faarfannaa 130:4 irratti karaa adda taʼeen ibseera.