SEENAA JIREENYAA
“Matumaa Kophaa Koo hin Turre”
NAMA jaallannu duʼaan dhabuu, naannoo haaraa jiraachuu fi maatii keenyarraa adda baʼuu dabalatee haalawwan jireenya keenya keessatti nu mudatan hedduun kophummaan akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼu. Haalawwan kun hundi na mudataniiru. Taʼus, jireenya koo duubatti deebiʼee yeroon yaadu, kophaa koo akkan hin turre hubadheera. Mee wanti xumura kanarra akkan gaʼu na taasise maal akka taʼe isinittan hima.
WARRI KOO FAKKEENYA NAA TAAʼANIIRU
Abbaa fi haati koo amantaa Kaatolikii cimsanii hordofu turan. Taʼus, Kitaaba Qulqulluurraa maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe yeroo baratan Dhugaa Baatota Yihowaa hinaaffaa qaban taʼan. Abbaan koo siidaa Yesuus bocuusaa ni dhiise. Kanaa mannaa, muuxannoo hojii mukaarratti qabutti fayyadamee kutaa mana keenyaa isa gadi gara Galma Walgaʼiitti jijjiire; manni keenya Saan Wuʼaan del Monteetti argama ture; naannoo kun Maanilaa ishii magaalaa guddoo Filippiinsi taate biratti argama.
Bara 1952tti ergan dhaladhee booda warri koo akkuma obboloota angafaa koo arfanii fi obboleettota angafaa koo sadanii waaʼee Yihowaa na barsiisuu jalqaban. Yeroon ijoollee turetti abbaan koo Kitaaba Qulqulluurraa guyyaatti boqonnaa tokko akkan dubbisu na jajjabeessa ture; barreeffamoota keenya hedduus na qoʼachiiseera. Darbee darbee warri koo daawwattoota ol aanaa fi bakka buutota waajjira damee mana keenyatti ni simatu turan. Muuxannoon obboloonni kun nutti himan baayʼee nu gammachiisa, akkasumas nu jajjabeessa ture. Kunis hundi keenyayyuu jireenya keenya keessattii tajaajilaaf dursa akka kenninu nu kakaaseera.
Warri koo fakkeenya amantii guddaa naaf taʼaniiru. Haati koo dhukkubsattee erga duutee booda anii fi abbaan koo bara 1971tti qajeelchitoota taane. Haa taʼu malee, bara 1973tti umurii koo waggaa 20tti abbaan koos ni duʼe. Warra koo dhabuun koo miirri kophummaa akka natti dhagaʼamu godheera. Taʼus, abdii “jabaa fi amansiisaa” Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe qabaachuun koo karaa miiraas taʼe karaa hafuuraa utuun hin raafamin tasgabbaaʼee jiraachuuf na gargaareera. (Ibr. 6:19) Abbaan koo duʼee utuu baayʼee hin turin odola Kooroon ishii bulchiinsa Paalaawaan keessatti argamtutti qajeelchaa addaa taʼeen ramadame.
RAMADDII ULFAATAAN YEROO NAA KENNAMETTI KOPHAAN TURE
Yeroon Kooroon dhaqetti umuriin koo waggaa 21 ture. Magaalaa keessatti waanan guddadheef odola kana keessa ibsaan, bishaan boombaa fi konkolaataanis
taʼe motorsaaykiliin baayʼinaan akka hin jirre yeroon argu baayʼee na ajaaʼibe. Obboloonni muraasni kan jiran taʼus, qajeelchaan naa wajjin tajaajilu waan hin jirreef yeroo tokko tokko kophuman tajaajila ture. Jiʼa jalqabaatti maatii fi michoota koo baayʼee yaadeen ture. Galgala urjiilee ilaalaa nan booʼan ture. Ramaddii koo dhiisee gara manaatti deebiʼuu barbaadeen ture.Yeroon kophaa ture sanatti miira natti dhagaʼamu hunda Yihowaatti himaan ture. Yaadawwan nama jajjabeessanii fi Kitaaba Qulqulluus taʼe barreeffamoota keenyarraa dubbise hedduu nan yaadadhan ture. Yeroo baayʼee Faarfannaan 19:14 gara sammuu kootti dhufa. Yihowaan wantoota isa gammachiisan kanneen akka gochawwanii fi amaloota isaarratti yoon xiinxale inni “Qarsaa koo fi furii koo” akka taʼu hubadheera. Mata dureen Masaraa Eegumsaarratti baʼee turee fi “Matumaa Kophaa Kee hin Taatu” a jedhu baayʼee na fayyadeera. Mata duree kana irra deddeebiʼeen dubbise. Yeroon Yihowaa wajjin kophaatti dabarse sun kadhachuuf, qoʼachuu fi xiinxaluuf carraa gaarii naaf kenneera.
Kooroon gaʼee utuman baayʼee hin turin jaarsa taʼeen muudame. Gumicha keessa jaarsi kan biraan waan hin jirreef torban torbaniin Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii, Walgaʼii Tajaajilaa, Qayyabannaa Kitaabaa Gumii fi Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa anatu geggeessa ture. Kana malees, torban torbaniin haasaa sabaa nan dhiheessan ture. Kanaan kan kaʼes, miira kophummaa keessa galuuf yeroon dhabe!
Yeroon Kooroon keessatti tajaajiluudhaan dabarse buʼa qabeessa ture; namoonnin Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa ture tokko tokko yeroo booda cuuphamaniiru. Taʼus, haalawwan rakkisoo taʼanis na mudataniiru. Yeroo tokko tokko eessa akkan bulu beekuu baadhus naannoon itti tajaajilu gaʼuuf guyyaa walakkaan deema ture. Naannoon tajaajilaa keenya odolawwan xixinnoo hedduu kan dabalatudha. Bishaan daakuu beekuu baadhus achi gaʼuuf yeroo baayʼee galaana bubbee cimaa qaburra bidiruu motara qabuunan imala ture. Haalawwan rakkisoo kana hunda keessatti Yihowaan eegumsaa fi kunuunsa naaf godheera. Boodas Yihowaan haala caalaatti ulfaataa taʼee fi ramaddi koo ittaanu keessatti na mudatuuf na qopheessaa akka turen hubadhe.
PAAPPUWAA NIWU GIINII
Bara 1978tti Paappuwaa Niwu Giinii ishii kaaba Awustiraaliyaatti argamtuttan ramadame. Paappuwaa Niwu Giiniin biyya gaarreen hedduu qabduu fi balʼina Ispeenitti dhihaatu qabdudha. Uummanni biyyaatti gara miliyoona sadii taʼanis, afaan 800 ol akka dubbatan yeroon hubadhu baayʼee na ajaaʼibe. Kan nama gammachiisu namoonni baayʼeen afaan warra Melaanezyiyaa Took Piisin jedhamu dubbachuu ni dandaʼu.
Yeroodhaaf gumii Ingiliffaa Poorti Mooresbaay ishii magaalaa guddoo taate keessatti argamuttan ramadame. Achiis gumii Took Piisin keessatti tajaajiluu kanan jalqabe yeroo taʼu, barumsa afaaniis nan argadhe. Wantan baradhe tajaajila yeroon baʼu ittan fayyadama ture. Kunis afaanicha yeroo gabaabaa keessatti barachuuf na gargaareera. Utuma baayʼee hin turin haasaa sabaa Afaan Took Piisiniin dhiheessuu dandaʼeera. Paappuwaa Niwu Giinii dhaqee utuma waggaa hin guutiin gumiiwwan Afaan Took Piisiniin geggeeffamanii fi bulchiinsawwan babalʼaa garaagaraa keessatti argaman keessatti daawwataa olaanaa aanaa taʼee akkan tajaajilu ramadamuun koo baayʼee na dinqisiise.
Gumiiwwan walirraa fagaatanii waan argamaniif walgaʼiiwwan aanaa hedduu qindeessuu fi bakka garaagaraa deemuun qaba ture. Jalqabarratti, biyyichi, afaanichii fi aadaasaanii haaraa waan natti taʼeef kophummaa cimaatu natti dhagaʼama ture. Gaarreenii fi taaʼumsa lafaa mijataa hin taaneen kan kaʼe gumii tokko gara isa kan biraatti kanan imalu lafarra miti. Torbee torbeedhaan jechuun ni dandaʼama xiyyaaraan imaluun qaba ture. Yeroo tokko tokko namni imalu kan biraan hin jiru, xiyyaarri xinnoon ittin imalus haala gaariirratti kan hin argamnedha. Imalli kunis akkuma yeroon bidiruudhaan imaluu na dhiphisa ture.
Bilbila kan qabu nama muraasa qofa waan tureef, gumiiwwan wajjin xalayaa walii barreessina turre. Yeroo baayʼee xalayaan koo isaan dhaqqabuusaa duran gaʼa; kanaaf babalʼistoota barbaadee argachuun qaba ture. Taʼus, obboloonni dinqisiifannaa guddaadhaan waan na simataniif yeroon isaan wajjin wal argu hundumaatti carraaqqii sana hunda kanan godhe maaliifi akka taʼe nan yaadadha. Yihowaan karaa hedduudhaan na deggereera, hariiroon isaa wajjin qabus baayʼee cimeera.
Odola Buugeyinvil jedhamutti hiriyoonni gaaʼelaa tokko seeqaa gara koo dhufanii, “Nu yaadattaa?” naan jedhan. Anis yeroon jalqaba Poorti Mooresbaay dhaqetti dhugaa akkan isaaniif baʼe nan yaadadhe. Obboleessa naannichaa tokkotti isaan kennuu koo dura Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiisuu jalqabeen ture. Amma lamaanuu cuuphamaniiru. Eebbawwan waggoota sadan Paappuwaa Niwu Giiniitti dabarse keessatti argadhe keessaa tokko kanadha.
MAATII XINNOO HOJIIN ITTI BAAYʼATU
Bara 1978tti Kooroonii deemuu koo dura obboleettii Adeel jedhamtuu fi amala namatti tolu qabdu takka wajjin wal bareen ture; Adeel dubartii fedhii ishii aarsaa gootudha. Utuma ijoollee ishii lamaan Saamuʼelii fi Shirlii guddistuu qajeelchituu taatee tajaajilti turte. Kana malees, haadha ishii dulloomte kunuunsiti turte. Caamsaa 1981tti Adeelii wajjin gaaʼela dhaabbachuuf gara Filippiinsittan deebiʼe. Achiis qajeelchitoota taanee maatii keenya kunuunsina turre.
Maatii kanan qabu taʼus bara 1983tti Odola Linaapaakaan isa bulchiinsa Paalaawaan keessatti argamutti deebiʼee qajeelchaa addaa taʼeen muudame. Guutumaan maatii keenyaa naannoo fagoo Dhugaa Baatonni hin jirre kana keessa jiraachuu jalqabe. Haati Adeel gara waggaa tokkoo booda duute. Tajaajilarratti xiyyeeffachuun keenya gadda nutti dhagaʼamu dandamachuuf nu gargaareera. Linaapaakaan keessatti qoʼattoota guddina godhan hedduu waan arganneef utuma baayʼee hin turin Galmi Walgaʼii xinnoon nu barbaachisee ture. Kanaafuu, ofuma keenyaan ijaarre. Achi dhaqnee waggaa sadii booda namoonni 110 Ayyaana Yaadannoorratti argamuunsaanii baayʼee nu dinqisiise; baayʼeensaanii erga nuti achii deemne booda guddina godhanii cuuphamaniiru.
Bara 1986tti odola Kuuliyoon jedhamuu fi namoonni dhukkuba nadaayii qaban baayʼinaan itti argamanittin ramadame. Sana booda Adeelis qajeelchaa addaa taatee muudamte. Jalqabarratti namoota dhukkuba nadaayii qabaniif lallabuun nu sodaachisee ture. Taʼus, obboloonni naannichaa namoonni kun yaalii fayyaa akka argatanii fi carraan itti dhukkubicha dabarsan baayʼee xiqqoo akka taʼe nutti himan. Namoonni dhukkuba kana qaban tokko tokko walgaʼii mana obboleettii tokkotti godhannurratti ni argamu. Utuma baayʼee hin turin tajaajila keenyatti ni barre; namoota Waaqayyoo fi warra kaan biratti akka Luq. 5:12, 13.
tuffataman isaanitti dhagaʼamuuf lallabuun baayʼee nu gammachiisuu jalqabe. Namoonni dhukkuba cimaa qaban gaaf tokko fayyaa guutuu akka qabaatan beekuusaaniitti baayʼee yeroo gammadan arguun baayʼee nama gammachiisa.—Ijoolleen keenya jireenya Kuuliyoonitti kan barana akkamitti? Ijoolleen keenya michoota gaggaarii qabaachuu akka dandaʼaniif obboleettonni dargaggoota taʼan lama Kooroonii gara keenya akka dhufan affeerre. Saamuʼel, Shirlii fi obboleettonni kun lamaan ijoollee qoʼachiisuudhaan tajaajilarratti hirmaannaa gaarii godhu turan, ani fi Adeelimmoo warra ijoollee sanaa qoʼachiisna turre. Yeroo tokko maatii 11 qoʼachiisna turre. Utuma baayʼee hin turin namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu hedduun guddina waan godhaniif gumii haaraa hundeessine.
Jalqabarratti, jaarsi naannoo sana jiru anuma qofa ture. Kanaafuu, obboloonni waajjira damee babalʼistoota saddeet Kuuliyoonitti argamaniif, akkasumas babalʼistoota saglan mandara Maarilii jedhamtu keessatti argamaniif walgaʼii torban torbaniin godhamu akkan geggeessu na gaafatan; mandara kana gaʼuuf bidiruudhaan saʼaatii sadii imalla. Achitti walgaʼii erga godhannee booda maatiidhaan taane naannoo gaarreenii keessa saʼaatii dheeraa imaluudhaan mandara Haalsiitti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessina.
Yeroo booda, Maarilii fi Haalsiitti namoonni hedduun gara dhugaatti waan dhufaniif naannoo lamaanittuu Galma Walgaʼii ni ijaarre. Akkuma Linaapaakaanitti godhan obboloonni fi namoonni fedhii qaban wantoota ijaarsaaf barbaachisan hedduu dhiheessaniiru, akkasumas hojicharratti hirmaataniiru. Galmi Maariliitti ijaarame namoota 200 ol qabachuu dandaʼa ture; akkasumas balʼachuu waan dandaʼuuf walgaʼii guguddaa achitti godhachuu dandeenyeerra.
GADDA, KOPHUMMAA FI GAMMACHUU HAAROME
Bara 1993tti yommuu ijoolleen keenya guddatan anii fi Adeel Filippiinsitti hojii daawwannaa jalqabne. Achiis bara 2000tti barsiisaa Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa taʼuuf mana barumsaa kanarrattin hirmaadhe. Itti gaafatamummaa kanaaf gaʼumsa akkan hin qabne natti dhagaʼamee kan ture taʼus, Adeel garuu yeroo hundumaa na jajjabeessiti turte. Yihowaan jabina itti gaafatamummaa kanaaf na barbaachisu akka naaf kennu na yaadachiiste. (Filp. 4:13) Adeel utuma dhibee fayyaa wajjin walʼaansoo gootuu tajaajila ishii raawwachuu waan dandeesseef akkas kan jette muuxannoo ishiirraa kaateeti.
Bara 2006tti utuman barsiisaa jiru Adeel dhukkuba narvii Paarkiinsan jedhamuun qabamte. Yeroo kanatti baayʼee naane. Ishii kunuunsuuf jedhee ramaddii keenya dhaabuuf yeroon yaada dhiheessu Adeel, “Maaloo doktara na gargaaru naaf barbaadi; Yihowaan ramaddi keenya akka itti fufnu akka nu gargaaru beeka” naan jette. Waggoota jaʼan sana booda jiranitti Adeel utuu hin gungumin tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessitu itti fufteetti. Yeroo deemuu hin dandeenyetti wiilcheriirra teesse tajaajilti turte. Yommuu dubbachuun ishiitti ulfaatutti walgaʼii irratti jecha tokko ykn lama fayyadamtee deebii kenniti. Adeel bara 2013tti hanga guyyaa itti duutetti jabaattee dhaabbachuurratti fakkeenya gaarii waan taateef, obboloonni hedduun yeroo yeroodhaan ergaa akka ishii dinqisiifatan ibsu ishiidhaaf ergu turan. Waggaa 30 oliif michuu amanamtuu fi jaalala qabeettii taate of biraa qaban ture; yeroo ishiin duutu garuu miira gaddaa fi kophummaa wajjin deebiʼee walʼaansoo gochuun jalqabe.
Adeel ramaddii koo akkan itti fufu barbaaddi turte; anis akkasuman godhe. Yeroo koo hojiidhaan qabameen dabarsa, kunimmoo miira kophummaa dandamachuuf na gargaareera. Bara 2014 hanga 2017tti gumiiwwan Afaan Taagaaloogiin geggeeffamanii fi biyyoota hojiin keenya itti dhorkame keessatti argaman akkan daawwadhun ramadame. Sana booda gumiiwwan Afaan Taagaaloogiin geggeeffamanii fi Taayiwaan, Yuunaayitid Isteetisii fi Kaanaadaatti argaman daawwadheera. Bara 2019tti Mana Barumsaa Labsitoota Wangeelaa Mootummichaa Hindii fi Taayilaandi keessatti Afaan Ingiliffaatiin geggeeffamerratti barsiiseera. Ramaddiiwwan koo kanarraa gammachuu guddaa argadheera. Yommuun hojii Yihowaarratti guutummaatti xiyyeeffadhu gammachuun koo baayʼee dabala.
YEROO HUNDUMAA GARGAARSA NI ARGANNA
Obbolootan bakkan ramadamutti argadhu hunda baayʼee waanan jaalladhuuf isaanirraa adda baʼuun natti ulfaata. Yeroo akkasiitti guutummaatti Yihowaatti amanamuu baradheera. Yeroo hunda gargaarsasaa waanan argadhuuf, jijjiirama kamiyyuu garaa guutuudhaan fudhachuu dandaʼeera. Yeroo ammaatti Filippiinsitti qajeelchaa addaa taʼee tajaajilaan jira. Gumii koo isa haaraatti bareera; gumichi maatii gaarii deggersaa fi kunuunsa naaf godhu naaf taʼeera. Saamuʼelii fi Shirliin fakkeenya amantii haadhasaanii hordofuusaaniitti baayʼeen isaaniitti boona.—3 Yoh. 4.
Dhugaadha, haati manaa koo baayʼee dhukkubsattee yeroo duutu arguu dabalatee rakkinni hedduun narra gaʼeera. Haalawwan haaraa taʼan hedduutti baruunis na barbaachiseera. Taʼus, Yihowaan “tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo” akka hin taane argeera. (HoE. 17:27) ‘Harki Yihowaa gabaabaa waan hin taaneef’ tajaajiltootasaa naannoo fagootti argamanillee gargaaruu fi cimsuu ni dandaʼa. (Isa. 59:1) Yihowaan inni Qarsaa koo taʼe guutummaa jireenya koo keessatti na faana ture; kanaafis guddaan isa galateeffadha. Matumaa kophaa koo hin turre.
a Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 1972, (Ingiliffa) ful. 521-527 ilaali.