Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Michuu Dhugaa Taʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Michuu Dhugaa Taʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

RAKKINA si mudatu kophuma kee dandamachaa akka jirtu sitti dhagaʼamee beekaa? “[Yeroo] addaa baayʼee rakkisaa taʼe” keessa jiraachaa waan jirruuf, abdii kutachuu fi kophummaan nutti dhagaʼamuu dandaʼa. (2 Xim. 3:1) Haa taʼu malee, rakkina jireenya keessatti nu mudatu kophuma keenya dandamachuun nu hin barbaachisu. Kitaabni Qulqulluun michuu dhugaa “yeroo dhiphinaatiif” taʼu qabaachuun faayidaa guddaa akka qabu ibsa.—Fak. 17:17.

MICHUU DHUGAAN KAN NU GARGAARU AKKAMITTI?

Phaawulos ergamaan yeroo manaa baʼuu hin dandeenyetti deggersa michoonnisaa amanamoon isaaf godhaniin tajaajilasaa raawwachuu dandaʼeera

Phaawulos ergamaan michoota yeroo imalaa turetti isa faana turanirraa gargaarsa argateera. (Qol. 4:7-11) Yeroo Roomaa keessatti hidhamee turetti michoonnisaa hojii inni hojjechuu hin dandeenye isaaf hojjetaniiru. Fakkeenyaaf, Ephaafrodixos wantoota obboloonni Filiphisiyus isaaf ergan isaaf fideera. (Filp. 4:18) Tikiqoosimmoo xalayaa Phaawulos gara gumiiwwan garaagaraatti geessa ture. (Qol. 4:7) Phaawulos gargaarsi michoonnisaa isaaf godhan yeroo manaa baʼuu hin dandeenyettis taʼe yeroo kophaa isaa hidhamee turetti tajaajilasaa raawwachuuf isa dandeessiseera. Atoo michuu dhugaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

Yeroo harʼaattis obboloonni michuu dhugaa taʼuurratti fakkeenya gaarii nuu taʼan hedduun jiru. Mee obboleettiin takka qajeelchituu Elsaabet jedhamtuu fi Ispeen keessa jiraattuuf michuu dhugaa taʼuu kan dandeesse akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Elsaabet yeroo haati ishii kaansarii cimaadhaan qabamtetti obboleettiin sun ergaa caqasoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi nama jajjabeessu hedduu ergaafii turte. Elsaabet, “Ergaan ishiin naa ergaa turte rakkina guyyaa guyyaadhaan na mudatu utuu kophummaan natti hin dhagaʼamin dandamachuuf humna naaf kenneera” jetteetti.—Fak. 18:24.

Sochiiwwan gumiirratti isaan deggeruudhaan michummaa obboloota keenya faana qabnu cimsachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleessa ykn obboleettii maanguddoo tokko gara walgaʼiitti geessuu ykn tajaajila fuutee baʼuu ni dandeessaa? Akkas yoo goote lamaan keessaniyyuu wal jajjabeessuu dandeessu. (Rom. 1:12) Taʼus, obboloonni tokko tokko manaa baʼuu hin dandaʼan. Maarree, michuu dhugaa isaaniif taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

WARRA MANAA BAʼUU HIN DANDEENYEEF MICHUU DHUGAA TAʼI

Obboloonni keenya tokko tokko sababa dhukkubaatiin ykn haala kan biraatiin kan kaʼe qaamaan walgaʼiirratti argamuu hin dandaʼan taʼa. Haala Deevid isa dhukkuba kaansarii qabuu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Deevid jiʼa jaʼaa oliif keemooteeraappii fudhachaa ture. Yeroo kana hundatti innii fi haati manaasaa walgaʼiirratti kan argaman manumasaanii taaʼanii ture.

Michoonnisaanii gumii keessa jiran kan isaan gargaaran akkamitti? Yeroo hunda walgaʼiin erga xumuramee booda obboloonni Galma Walgaʼii keessa jiran tokko tokko viidiyoo konfiransiidhaan Deevidii fi Liidiyaa haasofsiisuuf carraaqqii godhu. Kana malees, Deevidii fi Liidiyaan walgaʼiirratti yaada yoo kennan ergaa gabaabaa nama jajjabeessu isaaniif ergu turan. Kun buʼaa akkamii argamsiise? Deevidii fi Liidiyaan obboloonnisaanii akka isaan jaallatan isaanitti dhagaʼameera.

Obboloota manaa baʼuu hin dandeenye faana tajaajili

Obboloota manaa baʼuu hin dandeenye faana tajaajiluu ni dandeenyaa? Sirreeffama xinnoo qofa gochuudhaan akka isaan hin daganne argisiisuu dandeenya. (Fak. 3:27) Xalayaadhaan ykn bilbilaan isaan faana tajaajiluuf maaliif yeroo muraasa hin ramaddu? Obboloonni manaa baʼuu hin dandeenye viidiyoo konfiransiidhaan walgaʼii tajaajila dirreerratti argamuu ni dandaʼu. Deevidii fi Liidiyaan qophii kana baayʼee dinqisiifatu. Deevid, “Marii gabaabaa fi kadhannaadhaaf garee tajaajilaa keenya wajjin taʼuun keenya qoftillee baayʼee nu jajjabeessa” jedheera. Kana malees, rakkina kan hin qabnee fi haallisaa mijataa taanaan darbee darbee qoʼataa keenya mana obboleessa manaa baʼuu hin dandeenye tokkoo geessinee isa faana qoʼachiisuu ni dandeenyaa?

Obboloota keenya warra manaa baʼuu hin dandeenye wajjin yeroo hojjennu amaloota gaggaarii isaan qaban hubanna, kunimmoo caalaatti isaanitti nu dhiheessa. Fakkeenyaaf, tajaajilarratti yeroo isaan wajjin hirmaattu garaa nama tokkoo tuquuf Dubbii Waaqayyootti ogummaadhaan akkamitti akka fayyadaman yeroo argitu caalaatti isaan kabajja. Obboloota kee sochiiwwan hafuuraarratti akka hirmaatan yeroo gargaartu michoota haaraa horatta.—2 Qor. 6:13.

Phaawulos michuunsaa Tiitoon isa faana taʼuusaatti jajjabaateera. (2 Qor. 7:5-7) Seenaan kun namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf gadduudhaan qofa utuu hin taʼin, isaan wajjin taʼuu fi isaan deggeruuf wanta dandeenyu gochuudhaanis isaan jajjabeessuu akka dandeenyu nu yaadachiisa.—1 Yoh. 3:18.

YEROO ARIʼATAMAATTI MICHUU DHUGAA TAʼI

Obboloonni keenya Raashiyaa keessa jiraatan deggersa waliif gochuurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼu. Mee muuxannoo Sargee fi haadha manaasaa Taatyaanaa haa ilaallu. Mannisaanii poolisootaan erga sakattaʼamee booda qorannoodhaaf fudhataman. Jalqaba gadhiifamtee manatti kan deebite Taatyaanaadha. Sargeen akkana jedheera: “Akkuma [Taatyaanaan] mana geesseen obboleettiin ija jabeettii taate tokko mana keenya dhufte. Obboloonnii fi obboleettonni kan biroonis dhufanii mana keenya isa bajabajame iddootti deebisuu nu gargaaran.”

Sargeen itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Yaada Fakkeenya 17:17 irra jiruu fi akkana jedhu baayʼeen jaalladha: ‘Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.’ Yaanni kun yeroo ariʼatamni na irra gaʼee fi kophaa koo dandamachuun natti ulfaatetti caalaatti hiika naaf kenneera. Yihowaan michoota sodaa tokko malee na cinaa dhaabbatan . . . naaf kenneera.” a

Haalli rakkisaan yeroo nu mudatutti gargaarsi michoota keenyaa nu barbaachisa. Yeroo rakkina guddaattimmoo caalaatti nu barbaachisa. Kanaafuu, yeroo ammaatti michuu dhugaa taʼuuf wanta dandeenyu hunda haa goonu!—1 Phe. 4:7, 8.