Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amala Almaazii Caalaa Gatii Guddaa Qabu

Amala Almaazii Caalaa Gatii Guddaa Qabu

Almaaziin yeroo dheeraadhaaf akka albuuda gatii guddaa qabutti ilaalamaa tureera. Almaaziin tokko tokko doolaara miliyoona hedduutti lakkaaʼamu baasa. Haa taʼu malee, Waaqayyo duratti wantoonni Almaaziis taʼe albuudota kaan caalaa gatii guddaa qaban jiruu?

Babalʼistuun hin cuuphamnee fi Haaygoonush jedhamtu ishiin Armeeniyaa keessa jiraattu, mana ishii biratti paaspoortii tokko argatte. Paaspoortii kana keessa kaardiiwwan qarshii ittin kaffalan tokko tokkoo fi qarshiin hedduun jira ture. Yeroo kanatti haala isaa abbaa manaa ishii isa akkuma ishii babalʼisaa hin cuuphamne taʼetti himte.

Hiriyoonni gaaʼelaa kun rakkina qarshii cimaa taʼe kan qaban taʼuu isaa irra iyyuu, liqiin irra jira ture; taʼus, teessoo paaspoorticha irratti ibsametti fayyadamanii maallaqa sana deebisuuf murteessan. Yeroo kanatti namichi maallaqni sun jalaa bades taʼe maatiin isaa baayʼee ajaaʼibsiifatan. Haaygoonushii fi abbaan manaa ishii amanamoo taʼuu kan dandaʼan wanta Kitaaba Qulqulluu irraa barataniin kan kaʼe akka taʼe isaaniif ibsan. Amanamoo taʼuu akka qaban kan itti dhagaʼame siʼa taʼu, carraa kanatti fayyadamanii waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa itti himan, akkasumas barreeffamoota tokko tokko maatichaaf kennan.

Maatichi Haaygoonushiif qarshii muraasa kennuu barbaadee kan ture taʼus, ishiin garuu tole hin jenne. Guyyaa itti aanutti, haati manaa namichaa gara mana isaanii dhuftee kennaa qubeelaa Almaazii dinqisiifannaa maatichaa argisiisu akka fudhattu Haaygoonushiin dirqisiiste.

Akkuma maatii sanaa, namoonni kan biraa hedduunis amanamummaa Haaygoonushii fi abbaan manaa ishii argisiisan ni ajaaʼibsiifatu. Yihowaan hoo ni ajaaʼibsiifataa? Amanamummaa isaanii akkamitti ilaala? Amanamoo taʼuuf carraaqqii gochuun isaanii sirrii turee?

AMALOOTA QABEENYA CAALAA GATII GUDDAA QABAN

Deebiin gaaffiiwwan kanaa ulfaataa miti. Sababiin isaas, tajaajiltoonni Waaqayyoo amaloota isaa calaqqisuun Yihowaa duratti Almaazii, warqii ykn qabeenya kaan caalaa gatii guddaa akka qabu ni amanu. Eeyyee, wanti Yihowaan gatii guddaa akka qabuu fi akka hin qabnetti ilaalu, ilaalcha namoonni baayʼeen kana ilaalchisee qaban irraa adda dha. (Isa. 55:8, 9) Tajaajiltoonni isaas amalawwan Yihowaa guutummaatti calaqqisuu akka milkaaʼina guddaatti ilaalu.

Kana wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee hubannaa fi ogummaa dubbatu irraa hubachuu ni dandeenya. Fakkeenyi 3:13-15 akkana jedha: “Namni ogummaa argatu, namni hubataanis haa gammadu! Ogummaan meetii caalaa buʼaa qabdi, iji isheen godhattus kan warqee irra in wayya; isheen calleewwan caalaa gati-jabeettii dha, wanta ati caalaatti hawwitu keessaa kan isheedhaan qixxaatu hin jiru.” Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan amaloota akkanaatiif qabeenya kam iyyuu caalaa iddoo guddaa kenna.

Amanamummaadhaaf hoo ilaalcha akkamii qaba?

Yihowaan amanamaa dha; inni ‘sobuu hin dandaʼu.’ (Tit. 1:2) Kana malees, Yihowaan Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Ibroota jaarraa jalqabaa Kiristiyaanota turaniif, “Qalbii qulqulluu akka qabnu waan beeknuu fi waan hundumaan qulqullummaadhaan jiraachuuf waan hawwinuuf, nuuf kadhachuu keessan itti fufaa” jedhee akka barreessu isa kakaaseera.—Ibr. 13:18.

Yesuus Kiristoosis amanamummaa ilaalchisee fakkeenya gaarii nuu kaaʼeera. Fakkeenyaaf, Lubni Ol Aanaan Qayyaafaa jedhamu, “Ati Kiristoos Ilma Waaqayyoo taʼuu fi dhiisuu kee akka nutti himtu, ani Waaqayyo isa jiraataadhaan sin kaksiisa!” jedheenii akka ture yaadadhu. Yeroo kanatti Yesuus dhugaa isaa dubbachuun isaa yaaʼiin Saanhedriin akka isa salphisu kan godhuu fi kan isa ajjeesisu taʼus, inni Masiihicha akka taʼe ifatti dubbateera.—Mat. 26:63-67.

Nuti hoo? Waan xinnoo hirʼisuudhaan ykn jechoota xiqqoo jalʼisuudhaan faayidaa maallaqaa argachuuf yeroo carraan nuuf banamutti amanamummaa ni argisiisnaa?

HAALA AMANAMUMMAA ARGISIISUUN RAKKISAA ITTI TAʼU

Dhugaa dha, yeroo dhumaa namoonni baayʼeen “kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan” itti taʼan kanatti amanamoo taʼuun salphaa miti. (2 Xim. 3:2) Rakkinni dinagdee ykn hojii irraa ariʼamuun dandaʼa jedhanii sodaachuun amanamummaa irratti dhiibbaa ni geessisa. Namoonni baayʼeen hatuuf, sobuuf ykn gochawwan amanamummaa hirʼisan kaan irratti hirmaachuuf sababa akka qaban yaadu. Ilaalchi akkanaa baayʼee waan babalʼateef, namoonni hedduun maallaqa argachuu wajjin haala wal qabateen amanamummaan barbaachisaa akka hin taane yaadu. Kiristiyaanonni tokko tokko illee dhimma akkanaa irratti murtoo gadhee kan godhan siʼa taʼu, ‘karaa sirrii hin taaneen buʼaa maallaqaa argachuuf’ jecha ejjennoo gaarii gumii keessatti qaban dhabaniiru.—1 Xim. 3:8; Tit. 1:7.

Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni hedduun fakkeenya Yesuus ni hordofu. Amalawwan Waaqayyoo, qabeenya ykn faayidaa kam iyyuu caalaa barbaachisaa akka taʼan ni hubatu. Kanaafuu, dargaggoonni Kiristiyaana taʼan mana barumsaatti qabxii gaarii argachuuf jecha hin hatan. (Fak. 20:23) Dhugaa dha, amanamoo taʼuun akka Haaygoonush yeroo hunda kennaa argamsiisa jechuu miti. Haa taʼu malee, amanamoo taʼuun ija Waaqayyoo duratti sirrii taʼuu isaa irra iyyuu, qalbii qulqulluu isa dhugumaan faayidaa nuuf argamsiisu qabaachuuf nu gargaara.

Fakkeenyi Gaagiik haala kana sirriitti kan argisiisu dha. Akkana jedheera: “Kiristiyaana taʼuu koo dura, kaampaanii guddaa abbaan kaampaanichaa buʼaa argamu keessaa xinnoo qofa gabaasuudhaan qaraxa kaffalamu itti hirʼisu keessattan hojjedha ture. Ani hogganaa ol aanaa waanan tureef, nama waajjira qaraxa sassaabuuf hojjetuu wajjin ‘walii galee’ mattaʼaa isaaf kennuudhaan gocha kaampaanichaa isa soba taʼe akka bira darbu gochuun na irraa eegama ture. Kanaan kan kaʼes, amanamaa akka hin taanettan ilaalama ture. Yommuun dhugaa baradhu garuu, hojichi kaffaltii guddaa kan naaf argamsiisu taʼus waan akkanaa gochuu nan dide. Kanaa mannaa, hojii ofii kootii nan jalqabe. Akkasumas guyyaa jalqabaatii kaasee, kaampaanii koo seeraan kanan galmeessise siʼa taʼu qaraxa hundas kaffaluun jalqabe.”—2 Qor. 8:21.

Gaagiik itti fufuudhaan akkana jedheera: “Galiin koo walakkaadhaan waan hirʼateef, wanta maatii kootiif barbaachisu dhiheessuun natti ulfaatee ture. Haa taʼu malee, amma isa duraanii caalaa gammachuun qaba. Yihowaa duratti qalbii qulqulluun qaba. Ilmaan koo lamaaniif fakkeenya gaarii taʼeera; akkasumas gumii keessatti mirga argachuuf gaʼumsa qabaachuu dandaʼeera. Amma namoota qaraxa odiitii godhanii fi namootan waliin hojjedhu biratti amanamaa taʼuu kootiinan beekama.”

YIHOWAAN NU GARGAARA

Yihowaan amanamummaa dabalatee namoota amalawwan isaa warra hunda irra caalan calaqqisuudhaan barumsa isaa miidhagsan ni jaallata. (Tit. 2:10) Kanas Daawit Mootichi hafuura qulqulluudhaan kakaʼee, “Dargaggummaa argeera, dulluma biras gaʼeera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku” jedhee akka barreessu gochuudhaan nuu mirkaneesseera.—Far. 37:25.

Muuxannoon Ruut ishii amanamtuu taatee kana kan argisiisu dha. Ruut, Naaʼomii yeroo dulluma ishiitti kophaatti dhiisuu mannaa amaatii ishii kanatti maxxanteetti. Akkasumas gara Israaʼel, iddoo Waaqa isa dhugaa waaqeffachuu itti dandeessutti deemteetti. (Rut. 1:16, 17) Ruut yeroo Israaʼel keessa turtetti, qophii Seericha keessatti godhametti fayyadamtee jabinaan qarmii funaanuudhaan amanamtuu fi ciminaan kan hojjettu taʼuu ishii argisiistetti. Akkuma yeroo booda Daawit jireenya isaa keessatti argetti, Ruutii fi Naaʼomiin yeroo rakkatanitti Yihowaan isaan hin dhiisne. (Rut. 2:2-18) Yihowaan Ruutiif wanta jireenyaaf ishii barbaachisu gochuu caalaa wanta ishiidhaaf godhe qaba. Akkawoo Daawit Mootichaa fi Masiihicha isa abdachiifamee akka taatu ishii filateera!—Rut. 4:13-17; Mat. 1:5, 16.

Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko wanta isaan barbaachisu argachuun baayʼee isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus, amanamummaa isaanii hirʼisanii salphaatti rakkina keessaa baʼuu mannaa, ciminaan hojjechuuf carraaqqii godhu. Kanaan kan kaʼes, qabeenya kam iyyuu caalaa amanamummaa dabalatee amalawwan Waaqayyoo warra hunda irra caalaniif iddoo guddaa akka kennan argisiisu.—Fak. 12:24; Efe. 4:28.

Akkuma Ruut ishii bara durii Kiristiyaanonni addunyaa maratti argamanis, Yihowaan isaan gargaaruu akka dandaʼu amantii akka qaban argisiisaniiru. Waaqa isa, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan Dubbii isaa keessatti abdii kenne irratti amantii guddaa qabu. (Ibr. 13:5) Yihowaan warra rakkatanii fi yeroo hunda amanamummaa argisiisan gargaaruu akka dandaʼus taʼe, akka gargaaru yeroo baayʼee argisiiseera. Wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka nuuf kennu waadaa gales eeguu isaa itti fufeera.—Mat. 6:33.

Eeyyee, namoonni almaazii fi wantoota gatii guddaa qaban kaaniif iddoo guddaa kennuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Abbaan keenya inni samii albuuda gatii guddaa qabu kam iyyuu caalaa amanamummaa fi amaloota isaa kaan calaqqisuu keenyaaf iddoo guddaa akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya!

Amanamaa taʼuun, qalbii qulqulluu qabaachuu fi tajaajila irratti bilisa taanee dubbachuuf nu dandeessisa