Dogoggorri Warra Kaanii Akka Isin Gufachiisu Hin Heyyaminaa
“Tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.”—QOL. 3:13.
FAARFANNAA: 53, 28
1, 2. Kitaabni Qulqulluun waaʼee guddina saba Yihowaa raajii akkamii dubbate?
TAJAAJILTOONNI Yihowaa amanamoon lafa irra jiran, jechuunis Dhugaa Baatonni isaa jaarmiyaa adda taʼe qabu. Dhugaa dha, jaarmiyaan kun namoota mudaa qabanii fi dogoggora raawwatan kan of keessatti qabate dha. Taʼus hafuurri Waaqayyoo gumiin isaa inni addunyaa maratti argamu akka guddatuu fi akka dagaagu gochaa jira. Mee wantoota dinqisiisoo Yihowaan namoota mudaa kan qaban taʼanis fedhiidhaan of dhiheessanitti fayyadamee hojjechaa jiru muraasa haa ilaallu.
2 Guyyoonni dhuma sirna kanaa bara 1914tti yommuu jalqabanitti, lakkoofsi tajaajiltoota Waaqayyoo lafa irra turanii muraasa ture. Haa taʼu malee, Yihowaan hojii lallabaa isaan hojjetan eebbiseera. Waggoottan kurnan sana booda turanitti, namoonni haaraan miliyoonaan lakkaaʼaman dhugaa Kitaaba Qulqulluu baratanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru. Yihowaan, “Maatiin xinnaan baayʼatee kumaatama in taʼa, inni hundumaa irra gad deebiʼaanis saba aango-qabeessa in taʼa; ani Waaqayyoo dha; yeroo isaatti kana hundumaa, dafee nan raawwadha” jechuudhaan guddinni dinqisiisaa taʼe kun akka dhufu dursee dubbateera. (Isa. 60:22) Raajiin kun guyyoota dhumaa kanatti raawwii isaa akka argate beekamaa dha. Kanaan kan kaʼes, lakkoofsi saba Waaqayyoo yeroo ammaatti lafa irra jiranii, lakkoofsa uummataa biyyoonni hedduun qaban irra caaleera.
3. Tajaajiltoonni Waaqayyoo jaalala kan argisiisan akkamitti?
3 Kana malees, waggoottan darban kana keessatti Yihowaan sabni isaa amala isaa isa guddaa kan taʼe jaalala caalaatti akka horatan isaan gargaareera. (1 Yoh. 4:8) Yesuus inni jaalala Waaqayyoo calaqqise duuka buutota isaatiin, “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraan isiniif kenna; . . . Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedheera. (Yoh. 13:34, 35) Kun keessumaa seenaa yeroo dhihoo dura raawwatame, jechuunis yeroo saboonni haala suukanneessaa taʼeen waraana cimaa keessa seenanitti barbaachisaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera. Fakkeenyaaf, Waraana Addunyaa Lammaffaa qofa irratti namoonni gara miliyoona 55 taʼan ajjeefamaniiru. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa ajjeechaa addunyaa maratti raawwatame sana irratti hin hirmaanne. (Miikiyaas 4:1, 3 dubbisi.) Kun immoo “dhiiga nama hundumaa irraa qulqulluu” taʼanii akka jiraatan isaan gargaareera.—HoE. 20:26.
4. Guddinni saba Yihowaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu maaliifi?
4 Sabni Waaqayyoo kan guddatan addunyaa diinummaadhaan guutamee fi Kitaabni Qulqulluun Seexanni inni ‘waaqa sirna kanaa’ taʼe akka toʼatu ibsu keessatti dha. (2 Qor. 4:4) Seexanni fedhii isaa raawwachuuf akkuma sabqunnamtii addunyaatti fayyadamu, siyaasattis ni fayyadama. Haa taʼu malee, misiraachichi akka hin lallabamne dhaabsisuu hin dandaʼu. Taʼus, yeroo gabaabaan qofti akka isa hafe waan beekuuf, namoonni waaqeffannaa dhugaa irraa akka garagalan gochuuf yaala; kana gochuufis mala adda addaatti fayyadama.—Mul. 12:12.
QORUMSA AMANAMUMMAA
5. Yeroo tokko tokko namoonni kaan miira keenya kan miidhan maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
5 Gumiin Kiristiyaanaa Waaqayyoo fi namootaaf jaalala qabaachuun barbaachisaa akka taʼe cimsee ibsa. Yesuusis kun taʼuu akka qabu dubbateera. Yesuus ajajni hunda caalu isa kam akka taʼe gaaffii gaafatameef yeroo deebii kennu akkana jedheera: “‘Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.’ Kun ajaja isa hunda irra caaluu fi isa duraa ti. Ajajni inni lammataas kanaa wajjin wal fakkaata; innis, ‘Nama akka ofii keetti jaalladhu’ jedha.” (Mat. 22:35-39) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluu cubbuu Addaamiin kan kaʼe hundi keenya mudaa kan qabnu taane akka dhalanne ibsa. (Roomaa 5:12, 19 dubbisi.) Kanaafuu, namoonni gumii keessa jiran tokko tokko darbee darbee dubbii ykn gocha isaaniitiin nu miidhuu dandaʼu. Kun immoo jaalala Yihowaa fi saba isaatiif qabnu qoruu dandaʼa. Yeroo wantoonni akkanaa uumaman maal goona? Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara durii amanamoo taʼan illee wantoota warra kaan miidhan akka dubbatan ykn akka godhan seenaa Kitaaba Qulqulluu irratti ibsame irraa barachuu dandeenya.
6. Eliin ilmaan isaa utuu hin adabin kan hafe akkamitti?
6 Fakkeenyaaf, Eliin inni Luba Ol Aanaa taʼe ilmaan seera Yihowaa hin eegne lama qaba ture. Seenaan isaa, “Ilmaan Elii Waaqayyoon kan hin beekne, namoota waaʼee hin baafnes turan” jedha. (1 Sam. 2:12) Eliin waaqeffannaa dhugaa babalʼisuu irratti shoora guddaa kan taphate taʼus, ilmaan isaa lamaan garuu cubbuu cimaa hojjetaniiru. Eliin dhimma kana waan beekuuf isaan adabuu qaba ture; taʼus dhimma kanaa wajjin haala wal qabateen ejjennoo cimaa hin qabu ture. Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo maatii Elii irratti murtii cimaa dabarse. (1 Sam. 3:10-14) Yeroo booda sanyiin isaa luboota ol aanaa taʼanii akka hin tajaajille dhowwaman. Ati bara Eliitti jiraatteetta utuu taʼee, yeroo inni cubbuu ilmaan isaa hojjetan callisee ilaalu maal goota turte? Waaqayyoon tajaajiluu hamma dhaabdutti gochi sun akka si gufachiisu ni heyyamta turtee?
7. Daawit cubbuu cimaa akkamii hojjete? Waaqayyo hoo maal godhe?
7 Yihowaan Daawitiin kan jaallatu siʼa taʼu, Daawitis “nama akka garaa isaatii” ture. (1 Sam. 13:13, 14; HoE. 13:22) Haa taʼu malee, yeroo booda Daawit Baat-Sheebaa wajjin ejja kan raawwate siʼa taʼu ishiinis ni ulfoofte. Kun kan taʼe yeroo abbaan manaa ishii Uriiyaan mana irraa fagaatee raayyaa waraanaa keessatti tajaajilaa turetti dha. Uriiyaan yeroo muraasaaf gara manaatti yommuu deebiʼu, Daawit abbaan mucichaa isa akka taʼe fakkeessuuf jecha Uriiyaan Baat-Sheebaa wajjin saalqunnamtii akka raawatu gochuuf yaalii godhe. Uriiyaan yaada mootichi isaaf kenne fudhachuu waan dideef, Daawit waraana irratti akka inni ajjeefamu haala mijeesse. Daawit yakka raawwate kanaaf gatii guddaa kaffaleera; jechuunis ofii isaa irrattis taʼe maatii isaa irratti balaa guddaa fideera. (2 Sam. 12:9-12) Taʼus Waaqayyo mootii akka walii galaatti “amanamummaa fi yaada qajeelaadhaan” isa duratti deddeebiʼe kanaaf dhiifama godheera. (1 Mot. 9:4) Ati yeroo sanatti utuu saba Waaqayyoo gidduu jiraatta taʼee maal goota turte? Gochi dogoggoraa Daawit raawwate si gufachiisa turee?
8. (a) Pheexiros ergamaan wanta dubbate utuu hin raawwatin kan hafe akkamitti? (b) Pheexiros erga dogoggora raawwatee booda Yihowaan isatti fayyadamuu isaa kan itti fufe maaliifi?
8 Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame kan biraan immoo waaʼee Pheexiros ergamaa kan dubbatu dha. Yesuus ergamoota isaa keessaa tokko akka taʼu Pheexirosiin filatee kan ture taʼus, Pheexiros garuu wanta booda itti gaabbe dubbateera ykn hojjeteera. Fakkeenyaaf, yeroo murteessaa taʼe tokkotti ergamoonni isaa Yesuusiin dhiisanii baqatanii turan. Pheexiros sana dura warri kaan yoo isa ganan illee, inni akka isa hin ganne dubbatee ture. (Mar. 14:27-31, 50) Haa taʼu malee, yeroo Yesuus hidhametti Pheexirosiin dabalatee ergamoonni isaa hundi isa dhiisanii baqatan. Pheexiros irra deddeebiʼee, ‘Yesuusiin hin beeku’ jedhee isa ganee ture. (Mar. 14:53, 54, 66-72) Taʼus, Pheexiros akka gaabbe waan argisiiseef, Yihowaan isatti fayyadamuu isaa itti fufeera. Ati utuu yeroo sana barataa Yesuus taatee, gochi Pheexiros amanamummaa Yihowaadhaaf qabdu irratti dhiibbaa ni godha turee?
9. Waaqayyo yeroo hunda sirrii akka taʼe amanannaa kan qabdu maaliifi?
9 Olitti kan ibsaman namoota wanta warra kaan miidhu hojjetan keessaa muraasa dha. Namoonni Yihowaa tajaajilan tokko tokko gochawwan gadhee akka hojjetanii fi namoota kaan akka miidhan ilaalchisee fakkeenyota jaarraawwan
darbanittis taʼe dhiheenyatti raawwataman hedduu caqasuun ni dandaʼama. Ergaan isaa, ‘Ati yeroo akkanaatti maal goota?’ kan jedhu dha. Dogoggora namoonni kun hojjetanitti gufachuudhaan, warra gumii kee keessa jiran dabalatee Yihowaa fi saba isaa ni dhiistaa? Moo Yihowaan namoonni dogoggora raawwatan sun yaada akka geddaratan yeroo akka isaaniif kenne, akkasumas dhuma irratti dogoggora sana akka sirreessuu fi karaa sirrii taʼeen tarkaanfii akka fudhatu ni amanta? Yeroo tokko tokko garuu namoonni cubbuu cimaa hojjetan carraa Yihowaan dhiifama isaaniif gochuuf bane tuffachuudhaan yaada geddarachuu didu. Haala akkanaa keessatti Yihowaan yeroo booda tarii gumii keessaa isaan baasuudhaan namoota dogoggora raawwatan akkanaa irratti akka murteessu isa irratti amanannaa ni qabaattaa?AMANAMOO TAʼAA JIRAADHAA
10. Dogoggora Yihudaa Asqorotuu fi Pheexiros ilaalchisee Yesuus maal hubatee ture?
10 Kitaabni Qulqulluun seenaa tajaajiltoota Waaqayyoo warra namoonni naannoo isaanii jiran dogoggora cimaa yoo raawwatan iyyuu Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraatan hedduu qabateera. Fakkeenyaaf, Yesuus halkan guutuu Abbaa isaatti kadhannaa dhiheessaa erga bulee booda ergamoota isaa 12n filateera. Yihudaa Asqorotuun isaan keessaa tokko ture. Yeroo booda Yihudaan yommuu isa ganetti, Kiristoos gochi Yihudaa kunis taʼe Pheexiros isa ganuun isaa walitti dhufeenya Abbaa isaa Yihowaa wajjin qabu akka jalaa balleessu hin heyyamne. (Luq. 6:12-16; 22:2-6, 31, 32) Yesuus gochawwan kun dogoggora Yihowaan ykn sabni isaa hundi raawwatan akka hin taane beekee ture. Yesuus duuka buutonni isaa tokko tokko yoo isa gaddisiisan iyyuu, hojii isaa isa dinqisiisaa hojjechuu isaa itti fufeera. Yihowaanis Yesuusiin duʼaa kaasuu fi Mootii Mootummaa samii akka taʼu karaa isaaf banuudhaan isa kiiseera.—Mat. 28:7, 18-20.
11. Kitaabni Qulqulluun tajaajiltoota Yihowaa yeroo ammaatti argaman ilaalchisee raajii akkamii dubbata?
11 Amanannaan Yesuus Yihowaa fi saba isaa irratti qabu jabaa ture; ammas akkasuma dha. Dhuguma iyyuu wanta Yihowaan guyyoota dhumaa kanatti tajaajiltoota isaatti fayyadamee raawwachaa jiru ilaaluun kan nama dinqisiisu dha. Warri kaan akka gumiiwwan Yihowaa warra yeroo harʼaatti tokkummaa qabanitti qajeelfama Yihowaa waan hin arganneef, sabni addunyaa maratti dhugaa labsaa jiru kan biraan hin jiru. Isaayaas 65:14 haala hafuuraa saba Waaqayyoo gidduutti babalʼatee jiru ilaalchisee, “Kunoo, garboonni koo garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu” jedha.
12. Dogoggora namoota kaanii akkamitti ilaaluu qabna?
12 Tajaajiltoonni Yihowaa, inni waan isaan geggeessuuf wanta gaarii hojjetanitti ni gammadu. Faallaa kanaatiin, addunyaan dhiibbaa Seexanaa jala jiru haalli isaa mancaʼaa waan adeemuuf ni gadda jechuun ni dandaʼama. Kanaafuu, dogoggora tajaajiltoonni Waaqayyoo muraasni hojjetaniif, Yihowaa ykn saba isaa komachuun gowwummaa fi dogoggora dha. Yihowaa fi qophiiwwan isaatiif amanamoo taanee jiraachuun nu barbaachisa; akkasumas dogoggora warri kaan hojjetaniif ilaalcha akkamii qabaachuu fi yeroo akkanaatti maal gochuu akka qabnu barachuu qabna.
DOGGORAAF FURMAATA KENNUU
13, 14. (a) Walii keenyaaf obsa qabaachuu kan qabnu maaliifi? (b) Abdii isa kam yaadachuu barbaadna?
13 Maarree, tajaajiltoota Waaqayyoo keessaa tokko wanta miira keenya miidhu yoo dubbate ykn yoo hojjete maal gochuu qabna? Seera Kitaaba Qulqulluu isa gaarii, “Aariin bobaa gowwootaa jala waan boqotuuf, ati daftee hin aarin!” jedhu hordofuu qabna. (Lal. 7:9) Hundi keenya yeroo namoonni Eeden keessatti cubbuu irraa walaba itti turan irraa waggoota 6,000 akka fagaanne yaadachuu qabna. Namoonni mudaa qaban dogoggora raawwachuuf kan saaxilamani dha. Kanaafuu, obboloota keenya irraa waan baayʼee eeguu fi dogoggorri isaan hojjetan gammachuu guyyoota dhumaa kanatti saba Waaqayyoo keessaa tokko taʼuu keenyaan arganne akka nu dhabsiisu heyyamuun keenya gaarii miti. Balleessaan kana irra caalu immoo, dogoggorri namoota kaanii akka nu gufachiisuu fi jaarmiyaa Yihowaa akka dhiisnu akka nu godhu heyyamuu dha. Kun akka nu irra gaʼu yoo heyyamne mirga fedha Waaqayyoo raawwachuuf qabnu qofa utuu hin taʼin, abdii addunyaa haaraa keessa jiraachuuf qabnus ni dhabna.
14 Gammachuu keenyaa fi abdii keenya isa amansiisaa taʼe eegnee jiraachuu yoo barbaadne, abdii guddaa Yihowaan, “Kunoo, ani bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa nan uuma; wanti dur taʼe hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu” jechuudhaan kenne yaadatti qabachuu qabna. (Isa. 65:17; 2 Phe. 3:13) Dogoggorri warra kaanii eebbawwan akkanaa akka si dhabsiisu hin heyyamin.
15. Yesuus yeroo namoonni kaan dogoggora raawwatan maal gochuu akka qabnu dubbate?
15 Haa taʼu malee, amma addunyaa haaraa keessa waan hin jirreef, yommuu warri kaan wanta miira keenya miidhu dubbatan ykn godhan karaa dhimma isaa itti qabnu ilaalchisee ilaalcha Waaqayyoo qoruu qabna. Fakkeenyaaf, seerri buʼuuraa yaadachuu qabnu tokko isa Yesuus, “Cubbuu namoonni isin irratti hojjetaniif dhiifama yoo isaaniif gootan, Abbaan keessan inni samii irraas dhiifama isiniif godha cubbuu namoonni isin irratti hojjetaniif dhiifama isaaniif hin gootan taanaan garuu, Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu” jechuudhaan dubbate dha. Kana malees, Pheexiros dhiifama gochuu kan qabnu “siʼa torba” taʼuu fi dhiisuu isaa yommuu gaafate, Yesuus, “Dhuguman siin jedha, siʼa 77 malee, siʼa torba qofa miti” jedhee akka deebise yaadadhaa. Yesuus yeroo hunda dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu akka qabnu ibsuu isaa kana irraa ifatti hubanna; ilaalchi qabaachuu qabnu inni jalqabaa fi inni guddaan isa kana taʼuu qaba.—Mat. 6:14, 15; 18:21, 22.
16. Yoseef fakkeenya gaarii akkamii taʼeera?
16 Dogoggora warri kaan hojjetaniif akkamitti furmaata kennuu akka qabnu ilaalchisee fakkeenya gaarii kan nuuf taʼu, Yoseef isa ilmaan Yaaqoob warra inni Raahel irraa godhate lamaan keessaa tokko ture dha. Abbaan isaa Yoseefiin warra kaan caalaa waan jaallatuuf, obboloonni isaa kurnan isatti hinaafanii turan. Boodas garbummaatti isa gurguran. Waggoota hedduu booda hojii gaariin Yoseef hojjete biyya Gibxii keessatti mootichatti aansee aangoo akka qabaatu isa godheera. Yeroo beelli biyyichatti buʼu obboloonni Yoseef nyaata bitachuuf gara Gibxii kan dhaqan taʼus isa hin beekne turan. Yoseef aangoo isaatti fayyadamee gocha gadhee obboloonni isaa isa irratti raawwataniif haaloo baʼuu dandaʼa ture. Inni garuu, obboloonni isaa amala isaanii jijjiiruu fi dhiisuu isaanii beekuuf isaan qore. Yoseef, obboloonni isaa dhugumaan akka jijjiiraman yeroo hubatetti isaanitti of beeksise. Sana booda, “Isin, ijoolleen keessanis waan barbaachisu akka argattan ani nan godhaa, hin sodaatinaa!” jedhe. Seenaan isaa itti dabaluudhaan, “Inni dubbii garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee, isaan in jajjabeesse” jedha.—Uma. 50:21.
17. Yommuu warri kaan dogoggora raawwatan maal gochuu barbaadda?
17 Nutis hundi keenya dogoggora waan hojjennuuf, warra kaan mufachiisuu akka dandeenyu yaadachuu qabna. Warra kaan akka mufachiisne yoo hubanne, Kitaabni Qulqulluun gara nama mufachiisne sanaa dhaqnee dhimma sanaaf furmaata kennuuf yaalii akka goonu qajeelfama nuuf kenna. (Maatewos 5:23, 24 dubbisi.) Namoonni kaan dogoggora keenya yommuu nuuf dhiisan ni dinqisiifanna; kanaafuu, nutis akkasuma gochuu qabna. Qolosaayis 3:13, “Namni tokko sababii isa kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise isinis tola waliif dhiisuu qabdu” jechuudhaan nu gorsa. Qorontos Inni Duraa 13:5, jaalalli Kiristiyaanaa, ‘miidhaa isa irra gaʼe galmeessee akka hin qabanne’ dubbata. Namoota kaaniif dhiifama gochuu yoo amaleeffanne Yihowaanis dhiifama nuuf godha. Eeyyee, dogoggora warra kaaniitiif dhiifama gochuu wajjin haala wal qabateen, Kiristiyaanni tokko fakkeenya Abbaa keenyaa isa yommuu dogoggora raawwannu gara laafinaan nu qabuu hordofuu qaba.—Faarfannaa 103:12-14 dubbisi.