Gaaffii Dubbistootaa
Namichi qodaa qalamii qabate, namoonni jaʼan miʼa waraanaa ittiin balleessan qabatanii fi mulʼata Hisqiʼel arge keessatti ibsaman eenyuun argisiisu?
Humnoota samii Yerusaalemiin balleessuu irratti hirmaatanii turanii fi yeroo Armaagedoonitti sirna Seexanaa isa hamaa balleessuu irratti hirmaatan argisiisu. Yaada kana ilaalchisee hubannaa qabnu irratti sirreeffamni kun godhamuun isaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Hisqiʼel Yerusaalem ishiin gantuun Dh.K.D. bara 607tti balleeffamuu ishii dura wantoota gadhee ishii keessatti raawwatamaa turan erga ilaalee booda, wantoota badiisa kanatti ishii geessan mulʼataan argeera. Hisqiʼel namoota miʼa waraanaa ittiin balleessan qabatan jaʼa argee ture. Nama “uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee” fi “qodaa qalamii” qabates isaan gidduutti argeera. (His. 8:6-12; 9:2, 3) Namichi kun, “[Mandarattii] . . . keessa adeemiitii adda namoota warra sababii wanti ciiggaasisaan as keessatti hojjetameef gaddanii booʼanitti milikkita godhi!” jedhamee itti himamee ture. Achiis, namoonni miʼa waraanaa ittiin balleessan qabatan sun namoota magaalattii mallattoo hin qabne hunda akka ajjeesan itti himame. (His. 9:4-7) Mulʼanni kun maal nu barsiisa? Namichi qodaa qalamii qabate eenyu?
Hisqiʼel raajii kana kan dubbate Dh.K.D. bara 612tti siʼa taʼu, raajichi raawwii isaa isa jalqabaa kan argate waggaa shan booda, jechuunis yeroo Yerusaalem waraana Baabiloniin balleeffamtetti dha. Badiisa sana akka geessisan Baabilonota amantii sobaa hordofaniif kan heyyamame taʼus, murtii isaa raawwachiisuuf kan isaanitti fayyadame garuu Yihowaa dha. (Er. 25:9, 15-18) Kun kan taʼe, Yihowaan saba isaa warra gantuu taʼan adabuuf waan itti fayyadameefi. Haa taʼu malee, badiisichi namoota hunda walitti qabee kan balleessu hin turre. Namoonni qajeeloon namoota hamoo wajjin hin balleeffamne. Yihowaan jaalalaan kakaʼee Yihudoota gochawwan ciiggaasisaa magaalattii keessatti raawwatamaa ture hin deggerre oolchuuf qophii godheera.
Hisqiʼel hojii mallattoo gochuu irrattis taʼe badiisa geessisuu irratti hin hirmaanne. Kanaa mannaa, murtii kana raawwachiisuu irratti qajeelfama kan kennan maleekota dha. Kanaafuu, karaa raajii kanaa murtii kana raawwachuu wajjin haala wal qabateen wanta ijaan hin mulʼanne, jechuunis wanta samii keessatti raawwatame arguu dandeenyeerra. Yihowaan haala hamoonni itti balleeffaman akka qindeessan qofa utuu hin taʼin, warra qajeeloo addaan baasanii akka oolchanis maleekota isaatiif hojii kenneera. *
Kanaan dura raajiin waaʼee namicha qodaa qalamii qabate sanaa ibsu kun bara keenyatti, dibamtoota lafa irra jiran kan argisiisu akka taʼe ibsaa turreerra. Namoonni ergaa isaaniif lallabamu gammachuudhaan fudhatan badiisa irraa akka oolaniif amma mallattoon akka irratti godhamu yaadama ture. Haa taʼu malee, waggoota dhihoodhaa asitti ibsa kana irratti sirreeffama gochuun akka barbaachisu ifa taʼe. Akka Maatewos 25:31-33 irratti ibsametti, namoota irratti murtii kan dabarsu Yesuusi dha. Yesuus namoota hoolotatti fakkeeffamanii fi oolan, namoota reʼootatti fakkeeffamanii fi balleeffaman irraa adda baasuudhaan yeroo rakkina guddaatti murtii isaa isa dhumaa dabarsa.
Maarree, hubannaa sirreeffame kana irraa kaʼuudhaan mulʼata Hisqiʼel irraa maal baranna? Yoo xinnaate barumsa shan arganna:
-
Yeroo Yerusaalem balleeffamuu ishii dura turetti akkuma Isaayaas sana dura gochaa ture, Hisqiʼelis Ermiyaasii wajjin eegduu taʼee tajaajila ture. Yeroo harʼaa, Yihowaan rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura saba isaa akka sooranii fi warra kaan akka akeekkachiisaniif tajaajiltoota isaa warra dibamoo keessaa garee xinnoo tokkotti fayyadamaa jira. Haa taʼu malee, akeekkachiisa kana labsuu irratti kan hirmaatan maatii Kiristoos hunda dha.—Mat. 24:45-47.
- Hisqiʼel, namoota oolan irratti mallattoo mulʼatu gochuu irratti hin hirmaanne; yeroo harʼaattis sabni Waaqayyoo kana gochuu irratti hin hirmaatan. Wanti isaan godhan, ergaa Yihowaa isa kutaa hojii lallabaa isaanii taʼee fi qajeelfama maleekotaatiin geggeeffamu dabarsuu qofa dha.—
-
Bara Hisqiʼelitti namni kam iyyuu adda isaa irratti kallattiidhaan mallattoon hin godhamne. Harʼas halli isaa akkanuma. Haa taʼu malee, namoonni akka oolaniif fakkeenyaan mallattoon akka isaan irratti godhamu maal gochuu qabu? Hojii lallabaa geggeeffamaa jiru fudhachuu, amala Kiristiyaanaa uffachuu, Yihowaadhaaf of murteessuu fi obboloota Kiristoos amanamummaadhaan deggeruu qabu. (Mat. 25:35-40) Namoonni wantoota kana godhan yeroo rakkina guddaa isa dhufaa jirutti mallattoo ooluuf isaan dandeessisu argatu.
-
Namichi qodaa qalamii qabatee fi raajiidhaan ibsame sun, bara keenyatti Yesuus Kiristoos isa karaa hin mulʼanneen namoota oolan irratti mallattoo godhu argisiisa. Tuutni guddaan yeroo rakkina guddaatti hoolota akka taʼan yommuu isaaniif murteeffamu mallattoon isaan irratti ni godhama. Kunis lafa irratti jireenya bara baraa akka argatan karaa isaaniif bana.—Mat. 25:34, 46. *
-
Namoonni miʼa waraanaa ittiin balleessan qabatan jaʼan raajiidhaa ibsaman bara keenyatti raayyaa Yesuus warra samii fi Yesuus isa geggeessaa isaanii taʼe argisiisa. Isaan yeroo dhihoo keessatti sabootaa fi hammina hunda ni balleessu.—His. 9:2, 6, 7; Mul. 19:11-21.
Barumsawwan faayida qabeessa taʼan kana hubachuun keenya, Yihowaan qajeelota hamootaa wajjin akka hin balleessine amanannaa qabnu nuuf cimsa. (2 Phe. 2:9; 3:9) Akkasumas, hojiin lallabaa yeroo keenyatti raawwatamaa jiru barbaachisaa taʼuu isaa yaadachiisni nuu kennameera. Dhumni dhufuu isaa dura namni hundi akeekkachiisa kana dhagaʼuu qaba!—Mat. 24:14.
^ KEY. 6 Mallattoon ijaan mulʼatu adda isaanii irratti godhamuu baatus namoonni kan akka Baaruk (barreessaa Ermiyaas), Ebeed-Melek isa nama Itoophiyaa taʼee fi Rekaabotaa jiran badiisa irraa oolaniiru. (Er. 35:1-19; 39:15-18; 45:1-5) Namoonni kun badiisa irraa akka oolaniif fakkeenyaan mallattoon isaan irratti godhamee ture.