Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Warri, ijoolleen isaanii Yihowaa akka tajaajilan leenjisuuf, wantoota barbaachisoo akkamii gochuu dandaʼu?

Warri, ijoollee isaanii jaallachuu isaanii fi gad of qabuudhaan isaaniif fakkeenya taʼuun isaanii barbaachisaa dha. Akkasumas, warri hubannaa qabachuun isaanii fi haala ijoollee isaanii beekuuf carraaqii gochuun isaanii barbaachisaa dha.—w15 11/15, ful. 9-11.

Dubbachuu keenya dura wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qabna?

Arraba keenyaan karaa gaarii taʼeen itti fayyadamuuf, (1) yoom akka dubbannu (Lal. 3:7), (2) maal akka dubbannuu (Fak. 12:18) fi (3) akkamitti akka dubbannu sammuutti qabachuu qabna (Fak. 25:15).—w15 12/15, ful. 19-22.

Bifawwan amanamummaa dhabuu Kiristiyaanonni irraa fagaachuu qaban kam faʼi?

Kiristiyaanonni dhugaan, soba irraas taʼe maqaa warra kaanii balleessuu irraa ni fagaatu. Sobuudhaan dubbii warra kaan miidhu hin dubbatan; akkasumas gowwoomsaas taʼe hanna hin raawwatan.—wp16.1, ful. 5.

‘Luboonni warri angafoonni’ Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman eenyu dha?

Yaadni “luboota warra angafootaa” jedhu, warra kanaan dura angafa lubootaa turanii fi aangoo isaanii irraa buʼan dabalatee, luboota keessaa warra iddoo guddaa qaban kan argisiisu akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama.—wp16.1, ful. 10.

Nama Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

Kiristiyaanonni namoota maxinoo fi wayinii irraa hirmaatan ol hin qabani. Namni dhugumaan dibamaa taʼe tokkos ol qabamuus taʼe walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu namoota duratti beeksifachuu hin barbaadu. (Mat. 23:8-12)—w16.01, ful. 23-24.

Akkaataa Abrahaam michuu Waaqayyoo itti taʼe irraa maal barachuu dandeenya?

Abrahaam waaʼee Waaqayyoo beekumsa kan argate Seem irraa taʼu hin oolu. Akkasumas, Abrahaam karaa Waaqayyo isaa fi maatii isaa itti qabe irraas muuxannoo argateera. Nuttis akkasuma gochuuf carraaquu dandeenya.​—⁠w16.02, ful. 9-​10.

Boqonnaanii fi lakkoofsi Kitaaba Qulqulluutti kan dabalaman akkamitti?

Geggeessaan amantii jaarraa 13⁠ffaa Isteefan Laangitan jedhaman Kitaabni Qulqulluun boqonnaa akka qabaatu godhan. Jalqaba irratti Yihudoonni Kitaaba Qulqulluu garagalchan Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa lakkoofsaan kan qoqqoodan yeroo taʼuu, jaarraa 16⁠ffaatti immoo, hayyuun maxxansaa beekamaa Roobarti Istiyan jedhaman, Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii lakkoofsaan qoqqoodan.​—wp16.2, ful. 14-​15.

Seexanni Yesuusiin qoruuf kallattiidhaan gara mana qulqullummaatti isa geessee turee?

Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taanee dubbachuu hin dandeenyu. Yaadni Maatewos 4:5 fi Luqaas 4:9 irra jiru Yesuus iddoo sanatti mulʼataan akka geeffame ykn mana qulqullummaatti iddoo ol kaʼaa taʼe irra karaa taʼe tokkoon akka dhaabate argisiisuu dandaʼa.—w16.03, ful. 31-32.

Tajaajilli Kiristiyaanaa keenya, fixeensaa wajjin karaawwan kamiin wal fakkaachuu dandaʼa?

Fixeensi kan uumamu suutuma suuta siʼa taʼu, waan nama haaromsuu fi jireenyaaf barbaachisaa taʼe dha. Dhuguma iyyuu fixeensi eebba Waaqayyo biraa argamu dha. (Kes. 33:13) Tajaajilli sabni Waaqayyoo waliin taʼaanii raawwatanis kanaa wajjin wal fakkaata.—w16.04, ful. 4.