Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Suphe Dhooftuun Inni Guddaan Akka Isin Tolchu Ni Heyyamtuu?

Suphe Dhooftuun Inni Guddaan Akka Isin Tolchu Ni Heyyamtuu?

“Isin harka koo keessatti akkuma suphee isa harka namicha suphee dhaʼu keessaa ti.”—ER. 18:6.

FAARFANNAA: 23, 22

1, 2. Waaqayyo Daaniʼeliin “nama guddaa jaallatamaa” akka taʼetti kan ilaale maaliifi? Nuti hoo akka Daaniʼel ajajamoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

YIHUDOONNI boojiʼaman yommuu Baabilon ishii duriitti seenan, magaalattiin waaqolii tolfamoodhaan guutamuu ishii fi namoonni ishiis hafuurota hamoodhaaf garboota taʼuu isaanii argan. Haa taʼu malee, Yihudoonni amanamoon kan akka Daaniʼelii fi hiriyoota isaa sadanii Baabiloniin tolfamuu didaniiru. (Dan. 1:6, 8, 12; 3:16-18) Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa Yihowaa isa akka supheetti isaan tolchuuf guutummaatti buluuf murteessanii turan. Kunis isaaniif milkaaʼeera! Daaniʼel umurii isaa guutuu jechuun ni dandaʼama Baabilon keessa kan jiraate taʼus, maleekaan Waaqayyoo Daaniʼel “nama guddaa jaallatamaa” taʼuu isaa dubbateera.—Dan. 10:11, 19.

2 Bara duriitti, suphe dhooftuun tokko supheen sun bifa inni barbaade akka qabaatuuf, suphee sana miʼa ittiin boca baasutti jabeessee maxxansa ture. Yeroo ammaatti waaqeffattoonni dhugaan Yihowaan uumama cufa irratti ol aantummaa akka qabu, jechuunis namootas taʼe saboota tolchuuf aangoo akka qabu ni hubatu. (Ermiyaas 18:6 dubbisi.) Waaqayyo dhuunfaatti nu tolchuufis aangoo qaba. Haa taʼu malee, mirga filannaa akka qabnu ni hubata, akkasumas fedhiidhaan kakaanee akka isaaf bitamnu ni barbaada. Mee amma karaawwan akkamitti harka Waaqayyoo keessatti suphee lallaafaa taanee jiraachuu akka dandeenyu ibsan sadii haa ilaallu: (1) Amalawwan gorsa Waaqayyoo akka hin fudhanne garaan keenya didaa akka taʼu godhan irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? (2) Amalawwan lallaafaa taʼuu fi bitamuu keenya akka itti fufnu nu gargaaran horachuu kan dandeenyu akkamitti? (3) Kiristiyaanonni ijoollee qaban ijoollee isaanii yommuu tolchan Waaqayyoof bitamuu kan dandaʼan akkamitti?

AMALAWWAN GARAAN DIDAA AKKA TAʼU GODHAN IRRAA FAGAADHAA

3. Amalawwan garaan keenya didaa akka taʼu gochuu dandaʼan kam faʼi? Fakkeenyaan ibsi.

3 Fakkeenyi 4:23, “Wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan baʼuuf, yaada [“garaa,” NW] kee baʼeessa godhii eeggadhu!” jedha. Amalawwan garaan keenya didaa akka taʼu godhan kamfaa irraa of eeguu qabna? Amalawwan kun koora, cubbuu hojjechuu amaleeffachuu fi amantii dhabuu kan dabalatani dha. Amalawwan akkanaa immoo akka hin ajajamnee fi akka fincillu nu gochuu dandaʼu. (Dan. 5:1, 20; Ibr. 3:13, 18, 19) Mootii Yihudaa kan taʼe Uziyaan koora akka qabu argisiiseera. (2 Seenaa 26:3-5, 16-21 dubbisi.) Jalqaba irratti Uziyaan, ‘wanta Waaqayyo duratti qajeelaa taʼe hundumaa hojjechaa’ fi “yaadaan Waaqayyoon duukaa buʼaa ture.” Haa taʼu malee, jabina kan argate Waaqayyo biraa taʼus, “nama jabaa erga taʼee booddee, of gurguddise.” Kana malees, mirga luboota sanyii Aaron taʼaniif qofa kenname fudhachuuf, jechuunis mana qulqullummaa keessatti ixaana aarsuuf yaalii godhe. Achiis yommuu luboonni isa morman Uziyaan inni koortuu taʼe ni aare! Kun maal geessise? Harka Waaqayyoo irratti salphinaan ‘badiisni’ kan irra gaʼe siʼa taʼu, dhukkuba nadaayiitiin qabamee duʼe.—Fak. 16:18.

4, 5. Koora irraa yoo of eeggachuu baanne maaltu uumamuu dandaʼa? Fakkeenya kenni.

4 Koora irraa yoo of eeguu baanne, nutis ‘hamma yaaduu qabnu caalaa darbinee waaʼee ofii keenyaa yaaduu’ jalqabuudhaan, tarii gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee nuu kennamu hanga mormuutti gaʼuu dandeenya. (Rom. 12:3; Fak. 29:1) Muuxannoo jaarsa gumii Jiim jedhamuu fi dhimma gumii irratti obboloota akkuma isaa jaarsolii taʼanii wajjin walii galuu dadhabe tokkoo ilaali. Jiim, “Obboloonni kun akka isaan jaalala hin qabne itti himeen walgaʼicha dhiisee baʼe” jedheera. Gara jiʼa jaʼaa booda gara gumii isatti dhihoo jiru tokkoo kan dhaqe taʼus, achitti jaarsa taʼee hin muudamne. Achiis wanta taʼe yommuu dubbatu, “Baayʼeen abdii kutadhe. Qulqulluu of gochuun koo waan na moʼeef, dhugaa nan dhiise” jedheera. Jiim waggaa kudhaniif karaa hafuuraa qabbanaaʼee ture. Akkana jechuudhaan dhugaa isaa amaneera: “Koorri koo waan na moʼeef, wanta taʼaa tureef Yihowaa komachuun jalqabe. Obboloonni waggoota hedduudhaaf na amansiisuuf kan natti deddeebiʼan taʼus, gargaarsa isaanii fudhachuu nan dide.”

5 Muuxannoon Jiim, koorri goggogaa akka taanu nu gochuudhaan gocha keenyaaf sababii akka dhiheessinu nu kakaasuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe argisiisa. (Er. 17:9) Jiim, “Wanta warri kaan akka dogoggoran natti dhagaʼame sana irratti xiyyeeffachuu dhiisuu hin dandeenye” jechuudhaan ibseera. Ati hoo Kiristiyaana tokkoon ykn mirga tokko tokko dhabuu keetiin miidhamtee beektaa? Taanaan maal goote? Koorri si moʼee turee? Moo wanti si yaaddesse inni guddaan, obboleessa kee wajjin nagaa uumuu fi Yihowaadhaaf amanamaa taatee jiraachuu ture?—Faarfannaa 119:165; Qolosaayis 3:13 dubbisi.

6. Cubbuu hojjechuu yoo amaleeffanne maal gochuu dandeenya?

6 Namni tokko cubbuu hojjechuu amaleeffachuun isaa, tarii immoo dhoksaatti cubbuu hojjechuun isaa gorsa Waaqayyoo akka hin fudhanne isa gochuu dandaʼa. Sana booda cubbuu hojjechuun caalaatti salphaa taʼaafii deema. Obboleessi tokko amalli isaa inni gadheen yeroo booda guutummaatti isa jeequu akka dhiise dubbateera. (Lal. 8:11) Obboleessi pornoograafii ilaaluu amaleeffatee ture tokkos yeroo booda, “Jaarsoliidhaaf ilaalcha gadhee qabaachaa akkan dhufe nan hubadhe” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. Amalli isaa kunis karaa hafuuraa isa miidhe. Yeroo booda gochi isaa kun ifatti kan baʼe siʼa taʼu, gargaarsi isa barbaachisus ni kennameef. Hundi keenya cubbamoota akka taane beekamaa dha. Haa taʼu malee, dhiifamaa fi gargaarsa Waaqayyoo barbaaduu mannaa, warra kaan ceephaʼuu ykn dogoggora raawwanneef sababa dhiheessuu yoo jalqabne, tarii garaan keenya didaa taʼaa jira taʼa.

7, 8. (a) Israaʼeloonni durii amantii dhabuudhaan goggogaa taʼuu isaanii kan argisiisan akkamitti? (b) Kun maal nu barsiisa?

7 Amantii dhabuun garaan didaa akka taʼu gochuu akka dandaʼu fakkeenya Israaʼelootaa warra Yihowaan biyya Gibxiitii baase irraa ilaaluu dandeenya. Sabni sun dinqiiwwan hedduu Waaqayyo isaaniif jedhee raawwate arganiiru; dinqiiwwan kana keessaa tokko tokko baayʼee kan nama ajaaʼibsiisan turan. Taʼus, sabichi yommuu Biyyattii Abdachiifamtetti dhihaatan amantii akka hin qabne argisiisaniiru. Yihowaatti amanamuu mannaa ni sodaatan, akkasumas Musee irratti ni guunguman. Kana irra iyyuu darbee, biyya Gibxii isa garboota taʼanii keessa jiraachaa turanitti deebiʼuu barbaadan! Yeroo kanatti Yihowaan baayʼee waan isaanitti gaddeef, “Jarri kun hamma yoomiitti na tuffatu?” jedhe. (Lak. 14:1-4, 11; Far. 78:40, 41) Dhaloonni sun mata jabeessa waan taʼeef, akkasumas amantii waan hin qabneef lafa onaa keessatti dhumeera.

8 Yeroo addunyaa haaraatti dhihaachaa jirru kanattis amantiin keenya ni qorama. Kanaafuu, jabina amantii keenyaa qoruun keenya barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, jechoota Yesuus Maatewos 6:33 irratti galmeeffamaniif ilaalcha akkamii akka qabnu qoruu dandeenya. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Wantoonni ani dursa kennuuf, akkasumas murtoowwan koo dhugumaan jechoota Yesuus kanatti akkan amanu ni argisiisuu? Galii koo guddisuuf jecha walgaʼiiwwan ykn tajaajila dirree irraa hafuuf nan murteessaa? Hojii wajjin haala wal qabateen dhiibbaan ana irra gaʼu natti cimaa yoo deeme maalan godha? Addunyaan kun akka bifa isaati akka na tolchu, tarii immoo dhugaa keessaa akka na baasu nan heyyamaa?’

9. Amantii keessa jiraachuu keenya ‘yeroo hunda gamaaggamuu’ kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

9 Karaa gara biraa immoo, mee waaʼee obboleessa hiriyyummaa, qophii gumiidhaa baasuu ykn bashannana ilaalchisee hamma tokko ulaagaa Kitaaba Qulqulluu hordofuuf mamu tokkoo yaadi. Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Tarii wanti olitti ibsame kun anaan na ilaallataa laata?’ Amalli gadheen akkanaa nu keessatti guddachaa akka jiru yoo hubanne, atattamaan amantii keenya qoruun nu barbaachisa. Kitaabni Qulqulluun, “Amantii keessa jiraachuu fi dhiisuu keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa; eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of qoraa” jechuudhaan nu gorsa. (2 Qor. 13:5) Dubbii Waaqayyootti fayyadamnee haqaan of gamaaggamuun, dhimma yeroo hunda itti yaaduu qabnu dha.

KAN TOLFAMTAN TAʼUU KEESSAN ITTI FUFAA

10. Harka Yihowaa keessatti akka suphee lallaafaa taʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

10 Qophiin Waaqayyo akka suphee lallaafaa taʼuu keenya akka itti fufnu nu gargaaruuf nuu godhe Dubbii isaa, gumii Kiristiyaanaa fi tajaajila dirree kan dabalatu dha. Akkuma bishaan suphee laaffisu, guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun harka Yihowaa keessatti lallaafoo akka taanu nu gargaaruu dandaʼa. Yihowaan mootonni Israaʼel Seera Waaqayyoo ofii isaaniitiif akka barreeffatanii fi guyyaa guyyaadhaan akka dubbisan irraa eega ture. (Kes. 17:18, 19) Ergamoonni Yesuus, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun tajaajila isaaniitiif akka isaan gargaaru hubatanii turan. Wanta barreessan keessatti al dhibbaan lakkaaʼamuuf Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa caqasaniiru ykn yaada isaa ibsaniiru; namoonni lallabamuuf sunis akkuma kana akka godhan jajjabeessaniiru. (HoE. 17:11) Yeroo harʼaatti nutis guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi kadhannaadhaan irratti xiinxaluun barbaachisaa taʼuu isaa ni hubanna. (1 Xim. 4:15) Akkana gochuun keenya Yihowaa duratti gad of qabnee jiraachuu fi harka isaa keessatti lallaafoo taʼuuf nu gargaara.

Qophiiwwan Waaqayyo lallaafaa taatee akka jiraattu si gargaaruuf godhetti fayyadami (Keeyyata 10-13 ilaali)

11, 12. Yihowaan akka dhuunfaatti nu barbaachisutti nu tolchuuf gumii Kiristiyaanaatti kan fayyadamu akkamitti? Fakkeenya kenni.

11 Yihowaan karaa gumii Kiristiyaanaa akka dhuunfaatti nu barbaachisutti nu tolchuu dandaʼa. Jiim inni olitti ibsame, jaarsi tokko dhuunfaatti akka isaaf yaadu yommuu argisiisu, amalli isaa laafuu jalqabe. Jiim, “Obboleessi kun gocha kootiif takkaa illee ana hin ceephaane. Kanaa mannaa yeroo hunda ilaalcha gaarii naaf qaba ture, akkasumas garaadhaa na gargaaruu akka barbaadu naaf ibse” jedheera. Gara jiʼa sadii booda jaarsi kun Jiimiin gara walgaʼii gumiitti afeere. Jiim itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Gumichi gammachuudhaan na simate; jaalalli isaanii kun immoo jijjiirama akkan godhu na kakaase. Wanti bakki guddaan kennamuufii qabu miira koo akka hin taane hubachuun jalqabe. Gargaarsa obboloonni koo fi haati manaa koo jaallatamtuun ishiin karaa hafuuraa takkaa illee laaftee hin beekne naaf godhaniin, suutuma suuta karaa hafuuraa jabaachuu dandaʼeera. Mata dureewwan Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 1992 irratti baʼanii fi ‘Yihowaan Komatamuu Hin Qabu,’ akkasumas ‘Amanamummaadhaan Yihowaa Tajaajili’ jedhan irraas jajjabina guddaa argadheera.”

12 Yeroo booda Jiim deebiʼee jaarsa taʼee muudame. Yeroo sanaa jalqabee, obboloonni kaan rakkoowwan wal fakkaatu akka moʼanii fi karaa hafuuraa deebiʼanii akka jabaatan gargaaraa tureera. Dhuma irrattis akkana jedheera: “Yeroo sanatti Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akkan qabu natti dhagaʼamaa kan ture taʼus, dhugaan isaa garuu akkana hin turre. Koorri, wanta caalaatti barbaachisaa taʼe akkan hin ilaallee fi dogoggora namootaa irratti akkan xiyyeeffadhu akka na godhu heyyamuun koo na gaabbisiisa.”—1 Qor. 10:12.

13. Tajaajilli dirree amalawwan akkamii horachuuf nu gargaaruu dandaʼa? Kun hoo faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

13 Tajaajilli dirree faayidaa keenyaaf nu tolchuu kan dandaʼu akkamitti? Misiraachicha warra kaanitti himuun amala gad of qabuu qabaachuu fi bifawwan firii hafuura Waaqayyoo adda addaa horachuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Gal. 5:22, 23) Mee waaʼee amalawwan gaggaarii tajaajila irratti horattee yaadi. Kana malees, amala akka Kiristoos argisiisuun keenya, namoonni ergaa keenya akka fudhatanii fi ilaalcha nuuf qaban akka jijjiiran gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Awustiraaliyaatti argaman lama, yommuu dubartiin tokko wanta nama mufachiisu isaanitti dubbattu ulfinaan ishii dhaggeeffatan. Yeroo booda garuu dubartiin kun wanta dubbattetti gaabbitee waajjira dameetiif xalayaa barreessite. Xalayaan ishii gar tokkoon isaa akkana jedha: “Namoota obsa guddaa qabanii fi gad of qaban sana lamaan irratti akka malee qulqulluu of gochuu fi amala of tuulummaa argisiisuu kootiif dhiifama isaan gaafachuun barbaada. Namoota Dubbii Waaqayyoo babalʼisan lamaan mormuu fi haala sanaan isaan ariʼuuf yaalii gochuun koo gowwummaa koo argisiisa.” Babalʼistoonni sun mallattoon aarii illee utuu irratti mulʼateera taʼee, dubartiin kun xalayaa kana ni barreessiti turtee? Hin barreessitu taʼa. Eeyyee, tajaajilli keenya nuufis taʼe namoota kaaniif buʼaa guddaa argamsiisa!

IJOOLLEE KEESSAN YOMMUU TOLCHITAN WAAQAYYOOF BITAMAA

14. Warri dhugumaan ijoollee isaanii tolchuu irratti milkaaʼina argachuu yoo barbaadan maal gochuu qabu?

14 Ijoollee xixinnoo hedduun waa barachuuf hawwii guddaa kan qaban siʼa taʼu, gad of qabuunis isaan hin rakkisu. (Mat. 18:1-4) Kanaafuu warri ogeeyyii taʼan, beekumsa dhugaa sammuu fi garaa ijoollee isaanii xixinnoo keessa kaaʼuuf, akkasumas dhugaa kanaaf jaalala akka qabaatan gochuuf carraaquu dandaʼu. (2 Xim. 3:14, 15) Dhugaa dha, warri gama kanaan milkaaʼina argachuuf jalqaba dhugaa garaa isaaniitti qabachuu fi akka dhugaa kanaatti jiraachuu qabu. Warri yommuu akkana godhan, ijoolleen isaanii dhugaa dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, faayidaa dhugaan qabus ni argu. Kana malees, ijoolleen adabni warra isaanii irraa argatan, warri isaanii fi Yihowaan akka isaan jaallatan kan argisiisu akka taʼe hubatu.

15, 16. Warri yommuu mucaan isaanii gumiidhaa baafamu, Waaqayyo irratti amanannaa akka qaban argisiisuu kan qaban akkamitti?

15 Haa taʼu malee, ijoolleen tokko tokko maatii Kiristiyaanaa keessatti kan guddatan taʼus, yeroo booda dhugaa dhiisuu ykn gumiidhaa baafamuu dandaʼu; kun immoo maaticha ni gaddisiisa. Obboleettiin Afriikaa Kibbaatti argamtu tokko, “Obboleessi koo yommuu gumiidhaa baafame, akka waan inni duʼetti natti dhagaʼame. Haalli isaa baayʼee kan nama gaddisiisu ture!” jetteetti. Yeroo kanatti ishiinis taate warri ishii maal godhan? Qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu hordofan. (1 Qorontos 5:11, 13 dubbisi.) Warri ishii akkana jedhaniiru: “Wanta tokko karaa Waaqayyo barbaaduun hojjechuun buʼaa gaarii akka qabu hubachuudhaan, gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuuf murteessine. Gumiidhaa baafamuun adaba Waaqayyoo akka taʼetti kan ilaalle siʼa taʼu, Yihowaan kan adabu immoo jaalala waan qabuu fi hanga nama sanaaf malu akka taʼe amannee fudhanne. Kanaafuu, dhimma maatii dirqama barbaachisaa taʼeen alatti, ilma keenyaa wajjin walitti dhufeenya gochuu dhaabne.”

16 Ilmi isaanii hoo maaltu itti dhagaʼame? Yeroo booda, “Maatiin koo Yihowaadhaa fi jaarmiyaa isaatiif ajajamaa turan malee, akka na hin jibbine beekan ture” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Gargaarsaa fi dhiifama Yihowaa argachuuf akka kadhattu yommuu dirqamtu, hammam akka inni si barbaachisu ni hubatta” jedheera. Dargaggeessi kun yommuu gumiitti deebiʼu maatichi hangam akka gammade tilmaamaa! Eeyyee, karaa keenya hundumaatti Waaqayyoof yommuu xiyyeeffannaa kenninu, buʼaa hunda irra caalu argachuu dandeenya.—Fak. 3:5, 6; 28:26.

17. Yeroo hunda Yihowaadhaaf bitamuu kan qabnu maaliifi? Kun hoo kan nu fayyadu akkamitti?

17 Isaayaas raajichi Yihudoonni yaada geddaratan yeroon isaan boojuudhaan itti turan yommuu xumuramu yaada, “Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya; nuyi garuu suphee dha; ati immoo akka nama suphee dhaʼuutti harka keetiin nu tolchite; nuyi hundumti keenya hojii harka keetii ti” jedhu akka hubatan dubbateera. Achiis, “Maaloo nuyi saba kee taʼuu keenya yaadadhu! Gara keenya ilaali . . . ; bara baraanis yakka keenya nutti hin yaadatin” jedhanii kadhatu. (Isa. 64:8, 9) Nutis akkuma kana gad of qabuudhaan Yihowaadhaaf yoo bitamnee fi bitamuu keenya yeroo hunda yoo argisiisne, inni akkuma raajicha Daaniʼel, guddaa jaallatamaa akka taanetti nu ilaala. Kana malees, Yihowaan gaaf tokko “ijoollee Waaqayyoo” warra mudaa hin qabne taanee isa dura dhaabachuu akka dandeenyuuf karaa Dubbii isaa, karaa hafuura isaa fi karaa jaarmiyaa isaa nu tolchuu isaa itti fufa.—Rom. 8:21.