Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Waaqni Keenya Yihowaan Yihowaa Tokko Dha”

“Waaqni Keenya Yihowaan Yihowaa Tokko Dha”

“Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqni keenya Yihowaan Yihowaa tokko dha.”—KES. 6:4, NW.

FAARFANNAA: 138, 2

1, 2. (a) Jechoonni Keessa Deebii 6:4 irratti argaman beekamoo kan taʼan maaliifi? (b) Museen jechoota kana kan dubbate maaliif?

YIHUDOONNI jechoota afaan Ibrootaa jaʼan Keessa Deebii 6:4 irra jiran kana amantii isaanii keessatti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuuf jaarraawwan hedduudhaaf itti fayyadamaa turaniiru. Guyyaa guyyaadhaan ganamaa fi galgala irra deddeebiʼanii kadhannaa kana dhiheessu turan. Kadhannaan kun jecha caqasa kanaa isa jalqabaatiin Sheemaa jedhamee waamama. Yihudoonni Waaqayyoof bulan kadhannaa kanaan guutummaatti Waaqayyoof akka bulan ibsu turan.

2 Jechoonni kun haasaa xumuraa Museen Dh.K.D. bara 1473⁠tti saba Israaʼel warra dirree Moʼaab irratti walitti qabamaniif dhiheesse keessaa tokko turan. Sabichi Biyyattii Abdachiifamte dhaaluuf laga Yordaanos ceʼuu jala gaʼee ture. (Kes. 6:1) Museen inni waggoota 40af isaan geggeessaa ture, sabichi rakkoowwan isa dura jiran moʼuuf onnataa akka taʼu barbaadee ture. Yihowaatti amanamuu fi inni Waaqa isaanii akka taʼetti isaaf amanamoo taʼuun isaan barbaachisa ture. Yaadni Museen dhuma irratti dubbate kun sabicha irratti dhiibbaa guddaa geessisee taʼuu akka qabu beekamaa dha. Museen Ajajawwan Kurnanii fi seerawwan kaan Yihowaan sabichaaf kenne erga ibsee booda, dubbii ergaa cimaa of keessaa qabuu fi Keessa Deebii 6:4, 5 irratti argamu dubbate. (Dubbisi.)

3. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa qorra?

3 Israaʼeloonni Musee wajjin achitti walitti qabaman sun Waaqni isaanii Yihowaan “Yihowaa tokko” akka taʼe hin beekan turanii? Ni beeku turan. Israaʼeloonni amanamoo taʼan Waaqa tokko, jechuunis Waaqa abbootii isaanii isa kan Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob ni beeku, akkasumas ni waaqeffatu turan. Haalli isaa erga akkana taʼee, Museen Waaqni isaanii Yihowaan “Yihowaa tokko” akka taʼe isaan yaadachiisuun kan isa barbaachise maaliifi? Yihowaan tokko taʼuun isaa akkuma lakkoofsa 5 irratti ibsame garaa guutuu, lubbuu guutuu fi humna guutuudhaan isa jaallachuu wajjin walitti dhufeenya qabaa? Kana malees, jechoonni Keessa Deebii 6:4, 5 irra jiran yeroo harʼaa nuuf hiika maalii qabu?

YIHOWAAN TOKKO KAN TAʼE AKKAMITTI?

4, 5. (a) Yaadni “Yihowaa tokko” jedhu hiikni isaa inni tokko maali dha? (b) Yihowaan waaqolii sabootaa irraa adda kan taʼe akkamitti?

4 Adda kan Taʼe. Afaan Ibrootaa fi afaanota kan biraa hedduu keessatti jechi “tokko” jedhu lakkoofsa tokko argisiisuu caalaa hiika hedduu qabachuu dandaʼa. Jechi kun yaada adda kan taʼe, tokkichaa fi qofaa kan taʼe jedhu qabaachuu dandaʼa. Museen as irratti barumsi amantii sobaa inni waaqa sadan tokkichaa jedhamu dogoggora taʼuu isaa ibsaa kan ture hin fakkaatu. Yihowaan Uumaa samii fi lafaa taʼuu isaa irra iyyuu hawaa irratti Ol Aanaa dha. Waaqni dhugumaan jiru ykn Waaqni dhugaan isa malee hin jiru; waaqni kan biraan isa fakkaatus hin jiru. (2 Sam. 7:22) Kanaafuu Museen, Israaʼeloonni waaqeffannaan Yihowaadhaaf dhiheessan adda taʼuu akka qabu isaan yaadachiisaa ture. Namoota naannoo isaanii warra waaqayyolii dhiiraa fi dubartii taʼan garaa garaa waaqeffatan hordofuu hin qaban turan. Waaqayyolii sobaa kana keessaa tokko tokko kutaawwan uumamaa tokko tokko irratti aangoo akka qabanitti ilaalamu. Warri kaan immoo bifa garaa garaa waaqa tokkoo turan.

5 Fakkeenyaaf, warri Gibxii waaqa aduu Raa jedhamu, waaqayyittii samii Naat jedhamtu, waaqa lafaa Geeb jedhamu, waaqa Abbayyaa Happii jedhamuu fi beeladoota akka qulqulluutti ilaalaman hedduu waaqeffatu turan. Waaqolii sobaa kana keessaa hedduun isaanii Dhaʼichawwan Kurnan Yihowaan isaanitti fideen balaa guddaan isaan irra gaʼeera. Waaqni Kanaʼaanotaa inni guddaan Baʼaal isa waaqa hormaataa taʼe siʼa taʼu, akka waaqa samii, waaqa bokkaa fi waaqa obomboleettii taʼees ni hojjeta ture. Iddoowwan hedduutti Baʼaal waaqa naannoo sanaa qofa akka taʼettis ni ilaalama. (Lak. 25:3) Israaʼeloonni Waaqni isaanii, ‘Waaqa dhugaa’ jechuunis “Yihowaa tokko” akka taʼe yaadachuu qabu.—Kes. 4:35, 39.

6, 7. Jechi “tokko” jedhu hiika kan biraa akkamii qaba? Yihowaan “tokko” taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

6 Kan Hin Gegeddaramnee fi Amanamaa. Jechi “tokko” jedhu tokkummaa fi kaayyoodhaanis taʼe hojiidhaan tokko taʼuu yaada jedhus qaba. Yihowaan kan qoqqoodamu ykn ibsamuu kan hin dandeenye miti. Kanaa mannaa inni yeroo hunda amanamaa, kan hin gegeddaramne, kan hin gannee fi dhugaa dha. Yihowaan sanyiin Abrahaam Biyyattii Abdachiifamte akka dhaalan abdii isaaf kennee kan ture siʼa taʼu, abdii kana raawwachuufis hojiiwwan guguddaa hojjeteera. Waggoonni 430 darbuun isaanii murtoo Yihowaan akkana gochuuf dabarse hin laaffisne.—Uma. 12:1, 2, 7; Bau. 12:40, 41.

7 Jaarraa hedduu booda Israaʼeloonni dhugaa baatota isaa akka taʼan yommuu ibsu, Yihowaan, “Ana Waaqayyo . . . , ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu” jedheera. Yihowaan itti dabaluudhaan kaayyoon isaa akka hin jijjiiramne yommuu ibsu, “Ani ammas Waaqayyoo dha” jedheera. (Isa. 43:10, 13; 44:6; 48:12) Israaʼelootaafis taʼe nuuf, tajaajiltoota Yihowaa isa Waaqa hin gegeddaramnee fi karaawwan isaa hunda irratti amanamaa taʼe kanaa taʼuun mirga guddaa dha!—Mil. 3:6; Yaq. 1:17.

8, 9. (a) Yihowaan waaqeffattoonni isaa maal akka godhan barbaada? (b) Yesuus wanta Museen dubbateef xiyyeeffannaa kan kenne akkamitti?

8 Eeyyee, Museen Yihowaan jaalala isaanitti argisiisuu fi kunuunsa isaaniif godhuu wajjin haala wal qabateen dhaabbataa fi kan hin jijjiiramne taʼuu isaa sabicha yaadachiiseera. Kanaafuu, garaa isaanii, lubbuu isaanii fi humna isaanii guutuudhaan daangaa tokko malee isaaf buluun isaanii kan eegamu ture. Ijoolleenis warri isaanii carraa argatan hundatti waan isaan barsiisaniif, akkuma kana guutummaatti kan isaaf bulan taʼuu qabu turan.—Kes. 6:6-9.

9 Yihowaan fedhaa fi kaayyoo isaa wajjin haala wal qabateen dhaabbataa fi kan hin jijjiiramne waan taʼeef, yeroo harʼaas ulaagaan buʼuuraa inni waaqeffattoota isaa warra dhugaatiif baase akka hin jijjiiramne beekamaa dha. Nutis waaqeffannaan keenya isa biratti fudhatama akka qabaatu yoo barbaadne, guutummaatti isaaf buluu, akkasumas garaa, sammuu fi humna keenya guutuudhaan isa jaallachuu qabna. Yesuus Kiristoosis namicha gaaffii isaaf dhiheesse tokkoof yaada kana caqasuudhaan deebii kenneera. (Maarqos 12:28-31 dubbisi.) Kanaafuu, “Waaqni keenya Yihowaan Yihowaa tokko” akka taʼe dhugumaan hubachuu keenya gocha keenyaan akkamitti akka argisiisnu haa ilaallu.

GUUTUMMAATTI YIHOWAADHAAF BULAA

10, 11. (a) Waaqeffannaan Yihowaadhaaf dhiheessinu adda kan taʼe karaa kamiini? (b) Dargaggoonni Ibrootaa Baabilon keessa turan Yihowaadhaaf guutummaatti akka bulan kan argisiisan akkamitti?

10 Yihowaan Waaqa keenya isa tokkichaa fi isa kophaa akka taʼu yoo barbaadne, guutummaatti isaaf buluu qabna. Waaqeffannaan isaaf dhiheessinu waaqayyolii kan biraatiif hihhiramuus taʼe, yaadawwan ykn barsiifatawwan bifa waaqeffannaa qaban kan biraatiin faalamuu hin qabu. Yihowaan waaqayyolii hedduu keessaa tokko akka taʼe ykn inni isaan keessaa isa ol aanaa fi humna qabeessa akka taʼe goonee yaaduu hin qabnu. Yihowaa qofatu waaqeffatamuu qaba.—Mulʼata 4:11 dubbisi.

11 Kitaaba Daaniʼel keessatti waaʼee dargaggoota Ibrootaa jechuunis waaʼee Daaniʼel, Hanaaniyaa, Miishaaʼelii fi Azaariyaa ni dubbisna. Dargaggoonni kun nyaata xuraaʼaa nyaachuu dhiisuudhaan qofa utuu hin taʼin, bifa fakkeenyaa Nebukadnezaar dhaabeef sagaduu diduudhaanis Yihowaadhaaf guutummaatti akka bulan argisiisaniiru. Wanti isaan dursa kennaniif ifa ture; waaqeffannaa isaanii keessatti matumaa ejjennoo isaanii laaffisuu hin barbaadan.—Dan. 1:1-3:30.

12. Yihowaadhaaf guutummaatti buluuf maal irraa of eeggachuu qabna?

12 Yihowaadhaaf guutummaatti buluuf, iddoo Yihowaan qofti jireenya keenya keessatti argachuu qabu wanti kam iyyuu akka fudhatu ykn akka hirmaatu heyyamuu irraa of eeggachuu qabna. Wantoonni kun maalfaa taʼuu dandaʼu? Ajajawwan Kurnan keessatti, Yihowaan sabni isaa isa cinaatti waaqayyolii kan biraa qabaachuu akka hin qabnee fi bifa kamiin iyyuu waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irratti hirmaachuu akka hin qabne ifa godheera. (Kes. 5:6-10) Yeroo harʼaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuun bifa garaa garaa qabaachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko hubachuun ulfaataa dha. Haa taʼu malee, inni amma iyyuu “Yihowaa tokko” waan taʼeef ulaagaawwan isaa hin jijjiiramne. Mee kun nuuf hiika maalii qabaachuu akka qabu haa ilaallu.

13. Yihowaa caalaa maal jaallachuu dandeenya?

13 Qolosaayis 3:5 irratti, wanta walitti dhufeenya addaa Kiristiyaanonni Yihowaa wajjin qaban isaan jalaa balleessuu dandaʼu ilaalchisee gorsi cimaan kennameera. (Dubbisi.) Sassanni waaqolii tolfamoo waaqeffachuu wajjin akka wal fakkeeffame hubadhu. Kun kan taʼe wanti namni tokko hawwu, kan akka qabeenyaa ykn qananii jireenya isaa keessatti isa toʼachuudhaan waaqa humna guddaa qabu isatti taʼuu waan dandaʼuufi dha. Haa taʼu malee, guutummaa caqasichaa yommuu ilaallu, gochawwan kan biraa cubbuu taʼanii fi caqasa kana irratti ibsaman hundi karaa taʼe tokkoon sassataa fi waaqolii tolfamoo waaqeffachuu wajjin akka wal qabatan salphaatti hubachuu dandeenya. Wantoota akkanaa gomjaʼuun iddoo jaalala Waaqayyootiif kenninu salphaadhumatti nu jalaa fudhachuu dandaʼa. Yihowaan nuuf “Yihowaa tokko” taʼuun isaa hamma hafutti wantoota kana keessaa kam iyyuu akka nu toʼatu heyyamuudhaan balaadhaaf of saaxiluu qabnaa? Matumaa akkana gochuu hin qabnu.

14. Yohaannis ergamaan akeekkachiisa akkamii kenne?

14 Yohaannis ergamaan namni wantoota addunyaa keessa jiran, jechuunis ‘hawwii foonii, hawwii ijaa fi qabeenya ofii argisiifachuu’ jaallatu ‘jaalalli Abbaa akka isa keessa hin jirre’ akeekkachiisuudhaan yaada kanaa wajjin wal fakkaatu dubbateera. (1 Yoh. 2:15, 16) Kana jechuun bashannana, michummaa, akkasumas akkaataa uffannaa fi akkaataa bareedinaa addunyaa kanaatiin garaan keenya akka hin moʼamne yeroo hunda qoruun keenya barbaachisaa dha. Yookiin immoo jaalalli addunyaa ‘wantoota guguddaa’ kan akka barumsa ol aanaa jiran hordofuuf carraaqqii gochuu dabalachuu dandaʼa. (Er. 45:4, 5) Daangaa addunyaa haaraa isa abdachiifame irra dhaabbannee jirra. Kanaafuu, jechoota Museen dubbatee fi ergaa guddaa dabarsan kana sammuutti qabachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! “Waaqni keenya Yihowaan Yihowaa tokko” akka taʼe akka gaariitti yoo hubannee fi cimsinee yoo itti amanne, karaa isa biratti fudhatama qabuun isa tajaajiluudhaan guutummaatti isaaf buluudhaaf wanta nuuf dandaʼame hunda goona.—Ibr. 12:28, 29.

TOKKUMMAA KIRISTIYAANAA EEGAA

15. Phaawulos Waaqayyo “Yihowaa tokko” akka taʼe Kiristiyaanota kan yaadachiise maaliif ture?

15 Yihowaan tokko taʼuun isaa amalawwan nuti waaqeffattoonni isaa yommuu isa tajaajillu argisiisuu qabnu, jechuunis tokkummaa fi kaayyoo tokko qabaachuus kan dabalatu dha. Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa, Yihudoota, Giriikota, warra Roomaa fi namoota lammii kan biraa qabaniin kan ijaarame ture. Namoonni kun amantii, aadaa fi wantoota miira isaanii tuqan garaa gara taʼe qabu turan. Kanaan kan kaʼes, isaan keessaa tokko tokko waaqeffannaa haaraa kana fudhachuun ykn akkaataa jireenyaa isaanii isa duraa guutummaatti dhiisuun isaanitti ulfaatee ture. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni Waaqa tokko, jechuunis Yihowaa qofa akka qaban isaan yaadachiisuun barbaachisaa akka taʼe kan isatti dhagaʼame kanaafi.—1 Qorontos 8:5, 6 dubbisi.

16, 17. (a) Yeroo keenyatti raajii isa kamtu raawwatamaa jira? Kun hoo buʼaa akkamii argamsiiseera? (b) Tokkummaa keenya kan balleessu maal taʼuu dandaʼa?

16 Haalli yeroo harʼaa gumii Kiristiyaanaa keessa jiru hoo maal fakkaata? Isaayaas raajichi “bara booddeetti,” namoonni saba hundumaa keessaa dhufan gara waaqeffannaa Yihowaa isa ol kaʼaa taʼetti akka yaaʼan raajii dubbatee ture. Namoonni kun, “[Yihowaan] waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa, nus daandiiwwan isaa irra ni adeemna” jedhu. (Isa. 2:2, 3, NW) Raajiin kun yommuu raawwatamu arguu keenyatti baayʼee gammadna! Kanaan kan kaʼes, gumiiwwan sanyii, aadaa fi qooqa garaa garaa qaban hedduun Yihowaa jajachaa jiru. Haa taʼu malee, garaa garummaan kun dhimmawwan of eeggannoodhaan irratti yaaduu qabnu kaasuu dandaʼa.

Gumiin Kiristiyaanaa tokko akka taʼu gochuu irratti gumaacha gochaa jirtaa? (Keeyyata 16-19 ilaali)

17 Fakkeenyaaf, Kiristiyaanota aadaa isa kan keetii irraa baayʼee adda taʼe qabaniif ilaalcha akkamii qabda? Qooqni, akkaataan uffannaa, amallii fi nyaanni isaanii isa ati barte irraa adda taʼuu dandaʼa. Isaan irraa baqachuudhaan, caalaatti warra sii wajjin akkaataa guddinaa wal fakkaatu qaban qofatti michoomtaa? Tarii immoo warri gumii ykn aanaa ykn waajjira damee kee keessatti ilaaltota ol aanaa taʼanii muudaman, umuriidhaan sii gad yoo taʼan ykn aadaa ykn sanyii isa kan keetii irraa adda taʼe yoo qabaatan hoo maaltu sitti dhagaʼama? Wantoonni akkanaa tokkummaa fi kaayyoo tokkicha saba Yihowaa gidduu jiru akka balleessan ni heyyamtaa?

18, 19. (a) Efesoon 4:1-3 irratti gorsi akkamii ibsameera? (b) Gumichi tokkummaa isaa eegee akka itti fufu gargaaruuf maal gochuu dandeenya?

18 Balaa akkanaa irraa fagaachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Phaawulos Kiristiyaanota magaalaa Efesoon ishii badhaatuu taatee fi namoonni garaa garaa keessa jiraataniif gorsa tokko tokko kenneera. (Efesoon 4:1-3 dubbisi.) Phaawulos jalqaba amalawwan kan akka gad of qabuu, garraamummaa, obsaa fi jaalalaa akka caqase hubadhu. Amalawwan kun utubaawwan mana tokko ol qajeelchanii dhaabanii wajjin wal fakkaachuu dandaʼu. Taʼus, manni tokko utubaa cimaa qabaachuu qofa utuu hin taʼin, yeroo yeroodhaan suphamuun isaas barbaachisaa dha; kun taʼuu baannaan mancaʼuu dandaʼa. Phaawulos Kiristiyaanonni Efesoon “tokkummaa hafuuraa eeguuf” carraaqqii cimaa akka godhan isaan kadhatee ture.

19 Tokkoon tokkoon keenya gumiin tokko taʼee akka itti fufu gumaacha gochuun dhuunfaatti itti gaafatamummaa keenya akka taʼe goonee fudhachuu qabna. Maal gochuu dandeenya? Tokkoffaa, amalawwan Phaawulos caqase jechuunis, gad of qabuu, garraamummaa, obsaa fi jaalala qabaadhaa, akkasumas argisiisaa. Achiis, “hidhaa nagaa isa tokko godhu” babalʼisuuf carraaqqii cimaa godhaa. Dadhabina akka baqaqaatti mulʼatu kam iyyuu duuchuuf jabaannee hojjechuu qabna. Kana gochuudhaan nagaa fi tokkummaan keenya inni gatii guddaa qabu akka eegamu gumaacha goona.

20. “Waaqni keenya Yihowaan Yihowaa tokko” akka taʼe hubachuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya?

20 “Waaqni keenya Yihowaan Yihowaa tokko dha.” Kun yaada ergaa guddaa qabu mitii? Yaadachiisni kun Israaʼeloonni rakkoowwan yommuu Biyyattii Abdachiifamtetti galanii fi qabatan isaan mudatan moʼuuf jabina isaaniif kenneera. Nutis jechoota kana yaadatti qabachuun keenya rakkina guddaa fuula keenya dura jiru moʼuu fi Jannata itti aansee dhufu irratti gumaacha gochuuf humna nuu kenna. Kanaafuu, lubbuu keenya guutuudhaan isa jaallachuu fi isa tajaajiluudhaan, akkasumas obbolummaan Kiristiyaanaa tokko taʼee akka itti fufu carraaqqii gochuudhaan guutummaatti Yihowaadhaaf buluu keenya itti haa fufnu. Kana gochuu keenya yoo itti fufne abdii Yesuus, “Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa; Mootummaa isa yeroo addunyaan hundeeffamee jalqabee isiniif qophaaʼe sana dhaalaa” jechuudhaan, warri inni hoolota akka taʼanitti isaaniif murteessu akka argatan dubbate yommuu raawwatamu arguuf hawwiidhaan eeggachuu dandeenya.—Mat. 25:34.