Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Akka Suphe Dhooftuutti Akka Nu Tolchu Hubachuu

Yihowaan Akka Suphe Dhooftuutti Akka Nu Tolchu Hubachuu

Yaa Waaqayyo! . . . akka nama suphee dhaʼuutti harka keetiin nu tolchite; nuyi hundumti keenya hojii harka keetii ti.”—ISA. 64:8.

FAARFANNAA: 11, 26

1. Yihowaan Suphe Dhooftuu hunda caalu kan taʼe maaliifi?

MIINI suphee jaarraa 18⁠ffaatti biyya Chaayinaatti hojjetame tokko, Sadaasa 2010⁠tti Landan Ingilizitti gara doolaara miliyoona 70tiin caalbaasiidhaaf dhihaatee ture. Dhuguma iyyuu, suphe dhooftuun tokko wanta akka suphee baayʼinaan argamuu fi rakasa taʼe tokko, gara miʼa bareedaa fi gatii guddaa baasutti jijjiiruu dandaʼa. Haa taʼu malee, namni suphe dhooftuu taʼe kam iyyuu Yihowaa wajjin wal gituu hin dandaʼu. Dhuma guyyaa uumamaa isa jaʼaffaatti Waaqayyo, “biyyoo [suphee] lafaa” irraa nama mudaa hin qabne tolchee, dandeettii amalawwan Uumaa isaa akka calaqqisu isa dandeessisu isaaf kenne. (Uma. 2:7) Addaam namni mudaa hin qabnee fi biyyoo lafaa irraa hojjetame sun “ilma Waaqayyoo” jedhamee waamamuun isaa sirrii dha.—Luq. 3:38.

2, 3. Ilaalcha Israaʼeloonni yaada geddaratan qaban hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Haa taʼu malee, Addaam yeroo Uumaa isaa irratti fincila kaasetti mirga ilmummaa kana dhabeera. Dhaloota sana booda turan hedduu keessatti garuu, ‘duumessi guddaan’ sanyii Addaam taʼan, ol aantummaa Waaqayyoo deggeruu filataniiru. (Ibr. 12:1) Namoonni kun gad of qabanii Uumaa isaaniitiif bitamuudhaan, Seexanni utuu hin taʼin, Yihowaan Abbaa isaanii fi akka supheetti kan isaan tolchu akka taʼu kan barbaadan taʼuu isaa argisiisaniiru. (Yoh. 8:44) Waaqayyoof amanamoo taʼuun isaanii, wanta Isaayaas Israaʼeloota qalbii geddaratan ilaalchisee, “Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya; nuyi garuu suphee dha; ati immoo akka nama suphee dhaʼuutti harka keetiin nu tolchite; nuyi hundumti keenya hojii harka keetii ti” jechuudhaan dubbate nu yaadachiisa.—Isa. 64:8.

3 Yeroo harʼaatti hafuuraa fi dhugaadhaan Yihowaa kan waaqeffatan hundi, gad of qabuu fi bitamuudhaan ilaalcha akkanaa qabaachuuf carraaqqii godhu. Yihowaa, Abbaa keenya jedhanii waamuu fi akka supheetti akka isaan tolchu hubachuudhaan isaaf bitamuu akka ulfinaatti ilaalu. Ati hoo akka suphee lallaafaa harka Waaqayyoo keessa jirutti, jechuunis miʼa ija isaa duratti gatii guddaa qabu taatee tolfamuuf fedhii kan qabdu akka taate gootee of ni ilaaltaa? Obbolootaa fi obboleettota kee hundas, warra Waaqayyo isaan tolchaa jiru akka taʼan gootee ni ilaaltaa? Kana hubachuuf akka nu gargaarutti, kallattiiwwan hojii Yihowaan akka supheetti nu tolchuudhaaf hojjetu sadii haa ilaallu: Isaanis, Yihowaan namoota tolchu kan filatu akkamitti? Kan isaan tolchu maaliifi? Kan isaan tolchu hoo akkamitti? kan jedhani dha.

YIHOWAAN NAMOOTA TOLCHU NI FILATA

4. Yihowaan namoota ofitti harkisu kan filatu akkamitti? Fakkeenya kenni.

4 Yihowaan yommuu namoota ilaalu, wanta alaan mulʼatuuf xiyyeeffannaa hin kennu. Kanaa mannaa, garaa namaa jechuunis keessa namaa ni qora. (1 Saamuʼel 16:7b dubbisi.) Dhugaan kun yommuu Waaqayyo gumii Kiristiyaanaa hundeessetti ifatti mulʼateera. Warra akka ilaalcha namootaatti gatii hin qabne fakkaatan hedduu gara ofii isaattii fi gara Ilma isaatti harkiseera. (Yoh. 6:44) Namoota akkanaa keessaa tokko Saaʼol Fariisicha siʼa taʼu, inni ‘sana dura Waaqayyoon kan arrabsu, saba isaa kan ariʼatuu fi kan of tuulu’ ture. (1 Xim. 1:13) Yihowaan ‘inni garaa namaa qoru’ garuu, Saaʼoliin akka suphee gatii hin qabneetti hin ilaalle. (Fak. 17:3) Kanaa mannaa, Waaqayyo Saaʼol akka miʼa gatii guddaa qabu taʼee tolfamutti, jechuunis “saboota, moototaa fi ijoollee Israaʼel duratti” dhugaa baʼuuf “miʼa filatame” akka taʼutti isa ilaalee ture. (HoE. 9:15) Warri Waaqayyo miʼoota gara fuulduraatti “hojii ulfinaatiif” kan oolan akka taʼanitti ilaale kaan immoo, namoota sana dura machooftuu, halalee fi hattuu turan kan dabalatu dha. (Rom. 9:21; 1 Qor. 6:9-11) Namoonni kun beekumsa Dubbii Waaqayyoo isa sirrii yommuu argatanii fi amantii akka qaban yommuu argisiisan, Yihowaan akka isaan tolchu heyyamaniiru jechuu dha.

5, 6. Yihowaan akka supheetti kan nu tolchu taʼuu isaa irratti amantaan nuti qabnu ilaalcha nuti (a) namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniif qabnu, (b) obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnu, tuquu kan qabu akkamitti?

5 Yaadni olitti ilaalle kan nu fayyadu akkamitti? Yihowaan garaa namaa dubbisuus taʼe inni namoota filate ofitti harkisuu akka dandaʼu amantii qabaachuun keenya, namoota naannoo tajaajilaa keenya keessas taʼe gumii keenya keessa jiranitti murteessuu irraa akka of qusannu nu gochuu qaba. Fakkeenya namicha Mikaaʼel jedhamu tokkoo ilaali. Wanta yaadatu akkana jechuudhaan dubbateera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu na haasofsiisan, akka namaatti utuu isaan hin lakkaaʼin isaan cufeen biraa deema ture. Nama naamusa hin qabnen ture! Yeroo booda, haala gara biraa tokkotti, maatii amala gaarii qabachuu isaatiin ani dinqisiifadhu tokkoo wajjinan wal bare. Achiis gaaf tokko maatiin kun Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu isaanii yommuun dhagaʼu nan naʼe! Amalli isaanii, sababiin haalaalatti itti isaan jibbu maal akka taʼe akkan qoru na kakaase. Yeruma sana, ilaalchi koo dhugaa irratti utuu hin taʼin, wallaalummaa fi jette jettee namaa irratti kan hundaaʼe taʼuu isaan hubadhe.” Mikaaʼel dhugaa isaa beekuuf jecha, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabe. Yeroo boodas gara dhugaatti dhufee tajaajila yeroo guutuu keessa seene.

6 Yihowaan akka supheetti akka nu tolchu hubachuun keenya, ilaalcha obboloota keenyaaf qabnu irrattis jijjiirama fiduu dandaʼa. Obbolootaa fi obboleettota kee akka Yihowaan ilaalutti, jechuunis akka miʼa tolfamee dhumetti utuu hin taʼin akka miʼa tolfamaa jirutti ilaaltaa? Yihowaan keessa namaas taʼe namni tokko harka isaa isa wanta hunda gochuu dandaʼu irratti nama akkamii taʼuu akka dandaʼu beeka. Kanaafuu, Yihowaan wanta gaarii namoonni qaban irratti malee, hirʼina isaan yeroodhaaf qaban irratti hin xiyyeeffatu. (Far. 130:3) Nutis tajaajiltoota isaatiif ilaalcha gaarii qabaachuudhaan isa fakkaachuu dandeenya. Obboloonnii fi obboleettonni keenya karaa hafuuraa guddachuuf yommuu carraaqqii godhan isaan deggeruudhaan, Waaqa akka supheetti nu tolchuu wajjin hojjechuu dandeenya. (1 Tas. 5:14, 15) Jaarsoliin ‘dhiirota kennaa godhamanii’ kennaman waan taʼaniif gama kanaan dursa fudhachuu qabu.—Efe. 4:8, 11-13.

YIHOWAAN KAN NU TOLCHU MAALIIFI?

7. Adaba Yihowaa kan dinqisiifattu maaliifi?

7 Tarii namni tokko yommuu, ‘Hanga ani ofii kootii ijoollee godhadhutti, adaba warri koo naaf kennan guutummaatti hin hubannen ture’ jedhu dhageessee beekta taʼa. Jireenya keenya keessatti muuxannoo dabalataa yommuu argannu, adabni karaa jaalalli itti ibsamu taʼuu isaa hubachuudhaan, adabaaf ilaalcha gaarii Yihowaan qabu ni qabaanna. (Ibroota 12:5, 6, 11 dubbisi.) Eeyyee, Yihowaan jaalala ijoollee isaatiif qabuun kakaʼee obsaan nu tolcha. Ogeeyyii fi gammadoo akka taanu akkasumas, akka isa jaallannu barbaada. (Fak. 23:15) Inni rakkina keenyatti hin gammadu; wanta Addaam irraa dhaalleen kan kaʼe “ijoollee dheekkamsaa” taanee akka duunus hin barbaadu.—Efe. 2:2, 3.

8, 9. Yeroo harʼaatti Yihowaan nu barsiisaa kan jiru akkamitti? Gara fuulduraatti hoo barumsi kun kan itti fufu akkamitti?

8 Duraan “ijoollee dheekkamsaa” waan turreef, amalawwan Waaqayyoon gaddisiisan hedduu argisiisaa turreerra; tarii amalawwan kana keessaa tokko tokko amalawwan bineensaa fakkaachuu dandaʼu! Taʼus, Yihowaan nu tolchuu isaatiin galanni isaaf haa taʼuutii jijjiiramneerra; akkasumas caalaatti hoolota fakkaanneerra. (Isa. 11:6-8; Qol. 3:9, 10) Kanaafuu, haalli Yihowaan keessatti nu tolchaa jiru, jannata hafuuraa isa yeroo ammaatti argamu dha. Addunyaa hamaadhaan kan marfamne taʼus, nageenyaa fi eegumsa akka qabnu nutti dhagaʼama. Kana malees, bakka kana keessatti warri maatii jaalalaa fi tokkummaa hin qabne keessatti guddanne dhuma irratti jaalala dhugaa arganneerra. (Yoh. 13:35) Warra kaanitti jaalala argisiisuus baranneerra. Hunda caalaa immoo Yihowaa beekneerra, yeroo ammaattis jaalala abbummaa isaa arganneerra.—Yaq. 4:8.

9 Addunyaa haaraa keessatti eebbawwan jannatni hafuuraa argamsiisu guutummaatti ni arganna. Yeroo sanatti jannatni hafuuraa keenya, bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti fakkaattii ishii, jechuunis jannata lafa irraa ishii mudaa hin qabne qabaatti. Yeroo addunyaa maratti wanti hundi itti haareffamu sanatti, Yihowaan haala nuti yeroo ammaatti hubachuu hin dandeenyeen namoota lafa irra jiraatan barsiisuudhaan isaan tolchuu isaa itti fufa. (Isa. 11:9) Kana malees, rakkina tokko malee barumsawwan isaa fudhachuu fi fedha isaa raawwachuu akka dandeenyuuf, Waaqayyo sammuun keenyas taʼe qaamni keenya mudaa kan hin qabne akka taʼu godha. Kanaafuu, Yihowaan nu tolchuun isaa jaalala nuuf qabu kan argisiisu taʼuu isaa akka hubanne karaa argisiisuun jiraachuudhaan, isaaf ajajamoo taanee itti fufuuf haa murteessinu.—Fak. 3:11, 12.

YIHOWAAN KAN NU TOLCHU AKKAMITTI?

10. Yesuus, obsaa fi ogummaa Suphe Dhooftuu Isa Guddaa kan calaqqise akkamitti?

10 Akkuma suphe dhooftuu dandeettii guddaa qabu tokkoo, Yihowaanis gosaa fi amala “suphee” fuula isaa dura jiruu ni beeka; akkuma haala isaattis suphee sana ni tolcha. (Faarfannaa 103:10-14 dubbisi.) Dhuguma iyyuu, Yihowaan dadhabina, hanqinaa fi sadarkaa guddina hafuuraa keenya tilmaama keessa galchuudhaan dhuunfaatti nu tolcha. Ilaalchi inni tajaajiltoota isaa warra mudaa qabaniif qabu karaa Ilma isaa mulʼateera. Mee Yesuus dadhabina ergamoota isaa keessumaa immoo aangoo ilaalchisee falmii gidduu isaanii tureef akkamitti furmaata akka kenne ilaali. Falmii cimaa ergamoota Yesuus gidduu ture utuu argiteetta taʼee, namoonni kun garraamii fi salphaatti tolfamuu kan dandaʼan akka taʼan gootee isaan ilaalta turtee? Yesuus garuu ilaalcha gadhee isaaniif hin qabaanne. Ergamoonni isaa amanamoo taʼan kun gorsa inni gaarummaa fi obsaan isaaniif kennuun, akkasumas fakkeenya gad of qabuu inni argisiise ilaaluudhaan tolfamuu akka dandaʼan beeka ture. (Mar. 9:33-37; 10:37, 41-45; Luq. 22:24-27) Yesuus erga duʼaa kaʼee fi hafuurri qulqulluun erga dhangalaʼee booda, ergamoonni kan xiyyeeffatan aangoo ykn iddoo guddaa argachuu irratti utuu hin taʼin, hojii akka hojjetan inni isaaniif kenne irratti ture.—HoE. 5:42.

11. Daawit akka suphee lallaafaa taʼuu isaa kan argisiise karaawwan kamiini? Nuti hoo isa fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Yeroo ammaatti Yihowaan tajaajiltoota isaa adda durummaadhaan karaa Dubbii isaa, karaa hafuura qulqulluu fi karaa gumii Kiristiyaanaa tolchaa jira. Kaayyoodhaan yoo dubbisne, yoo irratti xiinxallee fi hojii irra oolchuuf akka nu gargaaru Yihowaa yoo kadhanne, Dubbiin isaa nu tolchuu dandaʼa. Daawit, “Lafa ciisicha kootti sin yaadadha, yeroon ilaalaa bulus waaʼee kee nan yaada” jechuudhaan barreesseera. (Far. 63:6) Itti dabaluudhaanis, “Waaqayyoon isa gorsa anaaf kenne nan jajadha halkanis immoo yaadni garaa koo isa kana na yaadachiisa” jedhee barreesseera. (Far. 16:7) Eeyyee, Daawit gorsi Waaqayyoo ulfaataa yoo itti taʼe illee, gorsi kun keessa namummaa isaa keessa akka taaʼu, akkasumas yaadaa fi miira isaa isa gad fagoo akka tolchu heyyameera. (2 Sam. 12:1-13) Daawit gad of qabuu fi bitamuu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuuf taʼeera! Ati hoo Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluudhaan, dubbiin kun garaa kee keessa akka taaʼu ni heyyamtaa? Wanta kana irra caalu gochuu hoo ni dandeessaa?—Far. 1:2, 3.

12, 13. Yihowaan hafuura qulqulluu fi gumii Kiristiyaanaatti fayyadamee kan nu tolchu akkamitti?

12 Hafuurri qulqulluun karaawwan hedduudhaan nu tolchuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namummaa akka Kiristoos isa firii hafuura Waaqayyoo argisiisuudhaan mulʼatu horachuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Gal. 5:22, 23) Gosa firii kanaa keessaa inni tokko jaalala dha. Ajajawwan isaa baʼaa ulfaatoo akka hin taane hubachuudhaan, Waaqayyoon ni jaallanna; isaaf ajajamuus taʼe inni akka nu tolchu ni barbaadna. Hafuurri qulqulluun dhiibbaa addunyaan kunis taʼe hafuurri isaa inni gadheen nu tolchuuf nu irra geessisan moʼuufis nu gargaaruu dandaʼa. (Efe. 2:2) Phaawulos ergamaan inni yeroo dargaggeessa turetti dhiibbaa koorri geggeessitoota amantii Yihudii irraan gaʼeen guutummaatti moʼamee ture yeroo booda, “Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedhee barreessuu dandaʼeera. (Flp. 4:13) Kanaafuu, nutis akkuma Phaawulos hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu keenya itti haa fufnu. Yihowaan himata garraamonni garaadhaa dhiheessan hin tuffatu.—Far. 10:17.

ihowaan nu tolchuuf jaarsolii Kiristiyaanaatti ni fayyadama; garuu nutis gaʼee keenya raawwachuu qabna (Keeyyata 12 fi 13 ilaali)

13 Yihowaan dhuunfaatti nu tolchuuf, gumii Kiristiyaanaa fi jaarsolii gumiittis ni fayyadama. Fakkeenyaaf, jaarsoliin karaa hafuuraa rakkina irra akka jirru yoo hubatan nu gargaaruuf carraaqqii godhu; kana kan godhan garuu ogummaa namaa irratti hundaaʼanii miti. (Gal. 6:1) Kanaa mannaa, Waaqayyo hubannaa fi ogummaa akka isaaniif kennu gad of qabanii isa kadhatu. Achiis, haala keenya tilmaama keessa galchuudhaan kadhannaa isaanii wajjin haala wal simuun Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota keenya irratti qorannaa godhu. Kunis rakkina keenyaaf gargaarsa akka nuuf kennan isaan qopheessuu dandaʼa. Jaarsoliin dhimmawwan akkaataa uffannaa kee fakkaatan ilaalchisee gaarummaa fi jaalalaan gargaarsa sii gochuuf yommuu gara kee dhufan, gorsa isaanii kana karaa itti Waaqayyo jaalala isaa sitti argisiisaa jiru akka taʼe gootee ni fudhattaa? Akkana yoo goote, suphee lallaafaa harka Yihowaa keessa jiru akka taatee fi faayidaa keetiif akka inni si tolchu of qopheessuu kee argisiista.

14. Yihowaan suphee irratti aangoo kan qabu taʼus, mirga filannaa keenya kan nuuf kabaju akkamitti?

14 Akkaataa Waaqayyo itti nu tolchaa jiru hubachuun keenya, walitti dhufeenya obboloota keenyaa wajjin qabnu irratti, akkasumas ilaalcha namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu dabalatee namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniif qabnu irratti nu fayyaduu dandaʼa. Bara duriitti, suphe dhooftuun tokko biyyoo suphee qotee yeruma sana suphee dhaʼuu hin jalqabu ture. Jalqaba, cirrachaa fi wanta hin barbaachisne keessaa baasuudhaan suphee sana qopheessa. Karaa hafuuraas Waaqayyo namoonni fedhii qaban tolfamuu akka dandaʼaniif isaan qopheessa. Inni namoonni jijjiirama akka godhan hin dirqisiisu; kanaa mannaa, fedhiidhaan jireenya isaanii akka qulqulleessan ykn sirreeffama gochuu akka dandaʼaniif ulaagaawwan isaa warra qajeeloo isaaniif ibsa.

15, 16. Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Yihowaan akka isaan tolchu akka barbaadan kan argisiisan akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

15 Mee fakkeenya obboleettii Tesii jedhamtuu fi Awustiraaliyaatti argamtuu ilaali. Obboleettiin ishii qayyabsiistu akkana jetteetti: “Tesiin waaʼee beekumsa dhugaa Kitaaba Qulqulluu salphaatti hubatti turte. Haa taʼu malee, karaa hafuuraa guddina hin gootu, walgaʼiiwwan gumii irratti illee hin argamtu turte! Kanaafuu, kadhannaadhaan ergan dhimma kana irratti yaadee booda, qoʼannaa sana dhaabuuf nan murteesse. Sana booda wanti nama ajaaʼibsiisu tokko ni taʼe. Yeroo dhumaatiif Kitaaba Qulqulluu qoʼanna jedhee yeroon yaadetti, Tesiin garaa ishii naaf bante. Qumaara taphachuu waan jaallattuuf, fakkeessituu akka taate akka ishiitti dhagaʼamu natti himte. Amma garuu gocha kana dhiisuuf murteessiteetti.”

16 Sana booda utuu baayʼee hin turin, Tesiin hiriyoonni ishii kan itti qoosan taʼus walgaʼiiwwan irratti argamuu fi amala Kiristiyaana tokko irraa eegamu argisiisuu jalqabde. Obboleettiin kun itti dabaluudhaan, “Yeroo booda Tesiin kan cuuphamte taʼuu isaa irra iyyuu, utuma ijoollee afur guddistuu qajeelchaa taatee tajaajiluu jalqabde” jetteetti. Eeyyee, namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼatan Waaqayyoon gammachiisuuf jireenya isaanii qulqulleessuu yommuu jalqaban, inni isaanitti ni dhihaata, akkasumas dhugumaan miʼa gatii guddaa qaban akka taʼan isaan ni tolcha.

17. (a) Yihowaan akka suphe dhooftuutti kan si tolchu taʼuu isaatti wanti si gammachiisu maali dha? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee gosa tolchuu isa kam ilaalla?

17 Qodaawwan suphee tokko tokko hanga yoonaatti harkaan kan tolfaman siʼa taʼu, suphe dhooftuun sunis miʼa tolchu sana ofitti siqsee hojjeta. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqni keenyas gorsa isaatiin akka supheetti nu tolcha, akkasumas deebii kenninu hubachaa nutti siqee fi obsaan nuu wajjin hojjeta. (Faarfannaa 32:8 dubbisi.) Ati hoo Yihowaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka siif kennu sitti dhagaʼamaa? Yihowaan harka isaa isa gaarii keessatti si tolchaa akka jiru sitti dhagaʼamaa? Taanaan, amalawwan dabalataa Yihowaa duratti akka suphee lallaafaa fi salphaatti tolfamuu dandaʼu taʼuuf si gargaaran kam faʼi? Jabaataa ykn goggogaa akka hin taanetti amalawwan kamfaa irraa fagaachuu qabda? Warri ijoollee isaanii tolchuu irratti Yihowaa wajjin hojjechuu kan dandaʼan akkamitti? Mata dureen itti aanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.