Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 30

Jaalala Kee Guddifadhu

Jaalala Kee Guddifadhu

“Wanta hundumaan . . . jaalalaan haa guddannu.”—EFE. 4:15.

FAARFANNAA 2 Maqaan Kee Yihowaa Dha

QABIYYEE a

1. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroo jalqabdetti dhugaawwan akkamii baratte?

 YEROO Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu itti jalqabde ni yaadattaa? Waaqayyo maqaa qabaachuu isaa yeroo beektu baayʼee si ajaaʼibee taʼuu dandaʼa. Ibiddaan nama akka hin dhiphisne yeroo beektummoo boqonnaa guddaatu sitti dhagaʼame. Namoota jaallattuu fi duʼaan dhabde deebitee akka argituu fi isaan wajjin jannata keessa akka jiraattu yeroo beektus baayʼee gammadde.

2. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu caalaatti barachaa yeroo dhuftu guddina dabalataa akkamii goote? (Efesoon 5:1, 2)

2 Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu kee yeroo itti fuftu jaalalli isaaf qabdu guddachaa dhufe. Jaalalli kunimmoo wanta baratte hojiirra oolchuuf si kakaase. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼuudhaan murtoowwan gaggaarii gochuus ni jalqabde. Yihowaa gammachiisuu waan barbaaddeef ilaalchaa fi amala keerratti sirreeffama goote. Akkuma mucaan tokko fakkeenya abbaa isaa hordofu, atis fakkeenya Abbaa kee isa samii hordofuu jalqabde.—Efesoon 5:1, 2 dubbisi.

3. Maal jennee of gaafachuu dandeenya?

3 Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Jaalallin Yihowaadhaaf qabu isa yeroon cuuphametti qaburra ni caalaa? Obbolootaa fi obboleettota kootti jaalala argisiisuurratti caalaatti fakkeenya Yihowaa hordofaan jiraa?’ ‘Jaalalli jalqaba irratti qabdu’ hamma tokko yoo qabbanaaʼe abdii hin kutatin. Haalli kun Kiristiyaanota jaarraa jalqabaas mudatee ture. Yesuus isaanitti abdii hin kutanne, nuttis abdii hin kutatu. (Mul. 2:4, 7) Jaalala yeroo jalqaba dhugaa dhageenyetti qabnu deebinee horachuu akka dandeenyu beeka.

4. Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?

4 Mata duree kana keessatti jaalala Yihowaa fi warra kaaniif qabnu guddifachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼanna. Achiis jaalala guddifachuun keenya nuufis taʼe warra kaaniif eebba akkamii akka argamsiisu ilaalla.

JAALALA YIHOWAADHAAF QABDU GUDDIFADHU

5-6. Phaawulos tajaajila isaarratti rakkina akkamiitu isa mudate? Taʼus, Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufuuf maaltu isa kakaase?

5 Phaawulos ergamaan Yihowaa tajaajiluudhaan jireenya gammachiisaa jiraachaa kan ture taʼus, qorumsa hedduu dandamachuun isaa barbaachiseera. Phaawulos yeroo baayʼee karaa dheeraa imala ture; yeroo sanattimmoo imaluun salphaa hin turre. Imala isaarratti yeroo garaa garaatti “lageen irraa balaan,” akkasumas “saamtota irraa balaan” isarra gaʼeera. Mormitoonnis miidhaa qaamaa isarraan geessisaniiru. (2 Qor. 11:23-27) Obboloonnis carraaqqii inni isaan gargaaruuf godhu kan dinqisiifatan yeroo hunda hin turre.—2 Qor. 10:10; Filp. 4:15.

6 Maarree, Phaawulos Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufuuf maaltu isa gargaare? Phaawulos Kitaabota Qulqulluurraa fi muuxannoo isaarraa waaʼee eenyummaa Yihowaa wanta hedduu barateera. Yihowaan akka isa jaallatu mirkanaaʼaa ture. (Rom. 8:38, 39; Efe. 2:4, 5) Innis Yihowaadhaaf jaalala guddaa qaba ture. Phaawulos “qulqulloota tajaajiluu fi tajaajiluu [isaa] itti fufuudhaan” jaalala Yihowaadhaaf qabu argisiisuu isaa itti fufeera.—Ibr. 6:10.

7. Karaan jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu itti dandeenyu tokko maalidha?

7 Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qoruudhaan jaalala isaaf qabnu guddifachuu dandeenya. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistu wanti dubbisaa jirtu waaʼee Yihowaa maal akka si barsiisu hubachuuf yaali. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Seenaan kun Yihowaan akka na jaallatu kan argisiisu akkamitti? Yihowaa jaallachuuf kan na kakaasu hoo akkamitti?’

8. Kadhannaan jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

8 Karaan jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu itti dandeenyu kan biraanimmoo yeroo hunda kadhannaadhaan garaa keenya isaaf banuudha. (Far. 25:4, 5) Yihowaanis kadhannaa keenyaaf deebii nuuf kenna. (1 Yoh. 3:21, 22) Obboleettiin Kahaan jedhamtuu fi Eeshiyaa jiraattu akkana jetteetti: “Jaalallin Yihowaadhaaf qabu jalqaba beekumsa qofarratti kan hundaaʼe ture; deebii inni kadhannaa kootiif kennu hubachaa yeroon dhufummoo jaalallin isaaf qabu caalaatti guddachaa dhufe. Kunimmoo wanta isa gammachiisu gochuuf na kakaase.” b

JAALALA WARRA KAANIIF QABDU GUDDIFADHU

9. Ximotewos jaalala argisiisuurratti guddina gochaa akka ture kan argisiise akkamitti?

9 Phaawulos dhugaa dhagaʼee waggoota muraasa booda dargaggeessa gaarii Ximotewos jedhamu wajjin wal bare. Ximotewos Yihowaa fi namoota ni jaallata ture. Phaawulos warra Filiphisiyusiin, “Ani nama akka isaatti waaʼee keessan garaadhaa yaadu kan biraa hin qabu” jedheera. (Filp. 2:20) Phaawulos Ximotewos qindeessuurratti ykn haasaa dhiheessuurratti dandeettii qabaachuu isaa dhagaʼuu baatus, obbolootaa fi obboleettota isaa akka jaallatu hubateera. Gumiiwwan Ximotewos keessatti tajaajilaa ture yeroo inni itti isaan daawwatu hawwiidhaan eeggachaa akka turan hin shakkisiisu.—1 Qor. 4:17.

10. Aanaa fi abbaan manaa ishii obboloota isaaniitti jaalala kan argisiisan akkamitti?

10 Nutis karaa obbolootaa fi obboleettota keenya gargaaruu itti dandeenyu ni barbaaddanna. (Ibr. 13:16) Mee muuxannoo Aanaa ishii mata duree darberratti ibsamtee haa ilaallu. Balaan obomboleettii cimaan erga gaʼee booda ishiinii fi abbaan manaa ishii maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan tokko gaafachuuf mana isaanii dhaqanii turan; baaxiin mana maatii sanaa obomboleettiidhaan miidhamee ture. Kanaafuu, uffata qulqulluu hin qaban turan. Aanaan akkana jetteetti: “Uffata isaanii fuunee erga miiccinee booda, tokkosneefii dadachaasnee isaaniif deebisne. Kun nuuf hojii salphaa ture; taʼus, michummaa cimaa hamma yoonaatti itti fufe horachuuf nu dandeessiseera.” Aanaa fi abbaan manaa ishii jaalalli obbolootaa fi obboleettota isaaniitiif qaban gargaarsa qabatamaa isaaniif gochuuf isaan kakaaseera.—1 Yoh. 3:17, 18.

11. (a) Warra kaanitti jaalala argisiisuun keenya dhiibbaa akkamii isaanirratti godha? (b) Fakkeenya 19:17 irratti akka galmeeffametti Yihowaan jaalala warra kaanitti argisiisnu akkamitti ilaala?

11 Warri kaan jaalalaa fi gaarummaa yeroo isaanitti argisiisnu, yaadaa fi gocha keenyaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaqqii goonu ni hubatu. Gaarummaa isaanitti argisiisnus isa yaannu caalaa ni dinqisiifatu. Kahaan ishiin olitti ibsamte waaʼee obboloota ishii gargaaranii yeroo yaaddu gammachuu guddaatu ishiitti dhagaʼama. Akkana jetteetti: “Obboleettota jaallatamoo tajaajila na fuudhanii baʼan hundumaa baayʼeen galateeffadha. Mana dhufanii na fudhatu, wanta nyaatamu na affeeru, akkasumas manatti na deebisu turan. Akkas gochuun carraaqqii guddaa akka gaafatu hubadheera. Jaalalaan kakaʼanii na gargaaraa turan.” Dhugaadha, wanta isaaniif gooneef kan nu galateeffatan namoota hunda miti. Kahaan waaʼee obboloota ishii gargaaranii yeroo dubbattu akkana jetteetti: “Gaarummaa guddaa natti argisiisaniif oolmaa isaanii utuun deebisee natti tola; taʼus bakka isaan jiraatan hin beeku. Yihowaan garuu beeka; kanaafuu, oolmaa isaanii akka isaaniif deebisu nan kadhadha.” Wanti Kahaan dubbatte dhugaadha. Yihowaan baayʼee xinnoo yoo taʼellee wanta gaarii namootaaf goonu ni hubata. Yihowaan gaarummaa akkasii akka aarsaa gatii guddaa qabuuttii fi akka waan isaaf liqeessineetti ilaala.—Fakkeenya 19:17 dubbisi.

Namni tokko guddina hafuuraa yeroo godhu karaa warra kaan itti gargaaru barbaaddata (Keeyyata 12 ilaali)

12. Obboloonni jaalala gumii isaaniitiif qaban argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

12 Obboleessa yoo taate warra kaanitti jaalala argisiisuu fi isaan gargaaruuf carraaqqii gochuu kan dandeessu akkamitti? Dargaggeessi Joordaan jedhamu gumii keessatti caalaatti gargaarsa gochuuf maal gochuu akka qabu jaarsa gumii tokko gaafate. Jaarsi sunis guddina hamma yoonaatti godheef erga isa galateeffatee booda caalaatti gargaarsa gochuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe gorsa isaaf kenne. Fakkeenyaaf, dursee gara Galma Walgaʼii dhaquudhaan warra kaan nagaa gaafachuu, walgaʼiirratti hirmaannaa gochuu, garee tajaajilaa isaa wajjin yeroo hunda tajaajiluu, akkasumas karaa warra kaan itti gargaaru barbaaddachuu akka dandaʼu itti hime. Joordaan gorsa kana hojiirra oolchuun isaa dandeettii haaraa horachuuf qofa utuu hin taʼin, jaalala obbolootaa fi obboleettota isaatiif qabus guddifachuuf isa gargaareera. Joordaan obboleessi tokko warra kaan gargaaruu kan jalqabu yeroo tajaajilaa gumii taʼee muudamutti utuu hin taʼin sana dura akka taʼe hubateera.—1 Xim. 3:8-10, 13.

13. Obboleessi Kiristiyaan jedhamu jaalala qabaachuun isaa deebiʼee jaarsa gumii taʼuuf kan isa kakaase akkamitti?

13 Kanaan dura tajaajilaa gumii ykn jaarsa gumii taatee tajaajilaa turte yoo taʼe hoo? Yihowaan hojii kanaan dura raawwattes taʼe, jaalala hojii sana raawwachuuf si kakaase ni yaadata. (1 Qor. 15:58) Jaalala argisiisuu kee akka itti fuftes ni hubata. Obboleessi Kiristiyaan jedhamu mirga jaarsa gumii taʼee tajaajiluuf qabu yeroo dhabetti baayʼee gaddee ture. “Mirga qabaadhus qabaachuu baadhus hamma naaf dandaʼame jaalalaan kakaʼee Yihowaa tajaajiluufan murteesse” jedheera. Yeroo boodas deebiʼee jaarsa gumii taʼee muudame. Kiristiyaan akkana jedhee ifatti dubbateera: “Deebiʼee jaarsa gumii taʼee tajaajiluun hamma tokko na sodaachisee ture. Haa taʼu malee, Yihowaan araara isaatiin deebiʼee jaarsa gumii taʼee akkan tajaajilu erga naaf heyyamee jaalalan isaa fi obboloota kootiif qabuun kakaʼee tajaajiluufan murteesse.”

14. Wanta obboleettiin Joorjiyaa keessa jiraattu takka dubbatterraa maal baratte?

14 Tajaajiltoonni Yihowaa namoota kaanittis jaalala ni argisiisu. (Mat. 22:37-39) Fakkeenyaaf, obboleettiin Eleenaa jedhamtuu fi Joorjiyaa keessa jiraattu akkana jetteetti: “Jalqabarratti wanti lallabuuf na kakaasu jaalalan Yihowaadhaaf qabu qofa ture. Jaalallin Abbaa koo isa samiitiif qabu guddachaa yeroo deemu garuu, jaalallin namootaaf qabus ni guddate. Rakkina isaan mudachaa jiruu fi mata dureewwan garaa isaanii tuqan tilmaamuufan yaale. Karaa kanaan waaʼee isaanii caalaatti yaadaa yeroon deemu caalaatti isaan gargaaruufan kakaʼe.”—Rom. 10:13-15.

WARRA KAANITTI JAALALA ARGISIISUUN EEBBA ARGAMSIISA

Gochi jaalalaan kakaanee raawwannu tokko namoota hedduu fayyaduu dandaʼa (Keeyyata 15-16 ilaali)

15-16. Fakkicharratti akka mulʼatutti warra kaanitti jaalala argisiisuun eebba akkamii argamsiisa?

15 Obboloota keenyatti yeroo jaalala argisiisnu kan fayyadamu isaan qofa miti. Fakkeenyaaf, Kooviid-19 erga jalqabee booda obboleessi Paawuloo jedhamuu fi haati manaa isaa meeshaalee eleektirooniksii isaanii tajaajilaaf itti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe obboleettota maanguddoota taʼan hedduu barsiisaniiru. Obboleettiin jalqabarratti akkas gochuun itti ulfaatee ture takka dhumarratti ishiidhaaf milkaaʼeera. Meeshaalee eleektirooniksiitti fayyadamtee firoonni ishii Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman affeeruu dandeesseetti. Firoonni ishii 60​ni viidiyoo konfiransiidhaan ayyaanicharratti argamaniiru. Carraaqqiin Paawuloo fi haati manaa isaa godhan obboleettii sanas taʼe firoota ishii fayyadeera. Yeroo booda obboleettiin sun Paawuloodhaaf akkana jettee barreessiteetti: “Nu warra maanguddoota taane waan barsiistaniif galatoomaa. Gaarummaa Yihowaan nutti argisiisee fi dadhabbii keessan yoomiyyuu hin irraanfadhu.”

16 Paawuloon muuxannoowwan akkasiirraa barumsa barbaachisaa taʼe tokko argateera. Jaalalli beekumsa ykn dandeettii uumamaarra akka caalu hubateera. Akkana jedheera: “Daawwataa olaanaa aanaa taʼee tajaajilaan ture. Yeroo ammaatti babalʼistoonni haasaan dhiheessaa ture yaadachuu dhiisuu dandaʼu; gargaarsa qabatamaa ani isaaniif godhe garuu hin irraanfatan.”

17. Warra kaanitti jaalala argisiisuun kan nu fayyadu akkamitti?

17 Warra kaanitti yeroo jaalala argisiisnu faayidaa hin eegamne arganna. Joonaataan inni Niwu Ziilaandi keessa jiraatu kana hubateera. Joonaataan gaaf tokko Sanbadduraa waaree booda qajeelchaa karaarratti tajaajilu tokko arge. Sana booda Sanbadduraa waaree booda qajeelchaa kana faana tajaajiluuf murteesse. Yeroo sanatti gaarummaa akkasii argisiisuun isaa faayidaa akkamii akka isaaf argamsiisu hin hubanne ture. Joonaataan akkana jechuudhaan ifatti dubbateera: “Yeroo sanatti tajaajilli na hin gammachiisu ture. Karaa qajeelchaan kun itti barsiisu yeroon dhaggeeffadhuu fi tajaajila isaarratti buʼa qabeessa akka taʼe yeroon argu garuu hojii kana jaallachuun jalqabe. Michuu gaarii karaa hafuuraa akkan guddadhu, tajaajila akkan jaalladhuu fi caalaatti Yihowaatti akkan dhihaadhu na gargaarus argadheera.”

18. Yihowaan maal akka goonu barbaada?

18 Yihowaan hundi keenyayyuu jaalala isaafis taʼe warra kaaniif qabnu akka guddifannu barbaada. Akkuma mata duree kana keessatti ilaalle Dubbii Yihowaa dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan, akkasumas yeroo hunda kadhannaa isatti dhiheessuudhaan jaalala isaaf qabnu cimsachuu dandeenya. Obbolootaa fi obboleettota keenya karaa qabatamaa taʼeen gargaaruudhaan jaalala isaaniif qabnu guddifachuu dandeenya. Jaalalli keenya guddachaa yeroo deemu Yihowaattis taʼe, obboloota keenyatti caalaatti dhihaanna. Michummaa kanattis bara baraaf gammanna.

FAARFANNAA 109 Garaadhaa Jaalladhaa

a Yihowaa tajaajiluu kan jalqabne dhiheenyattis taʼe yeroo dheeraa dura hundi keenyayyuu guddina gochuu keenya itti fufuu dandeenya. Mata duree kana keessatti jaalala Yihowaa fi warra kaaniif qabnu guddifachuudhaan kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼanna. Mata duree kanarratti yeroo xiinxaltu hamma harʼaatti guddina hammamii akka gootee fi gara fuulduraatti guddina dabalataa gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe yaadi.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.