Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 31

“Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa”

“Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa”

“Yaa obboloota jaallatamo, . . . jabaadhaa dhaabbadhaa, hin sochoʼinaa.”—1 QOR. 15:58.

FAARFANNAA 122 Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!

QABIYYEE a

1-2. Kiristiyaanni tokko gamoo baayʼee dheeraa taʼe tokkotti fakkeeffamuu kan dandaʼu karaa kamiini? (1 Qorontos 15:58)

 DHUMA bara 1970​niitti gamoon abbaa darbii 60 baayʼee dheeraa taʼe tokko Tookiyoo, Jaappaan keessatti ijaaramee ture. Namoonni gamoon kun kirkira lafaa magaalattii keessatti irra deddeebiʼee mudatu dandamachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe gaaffii isaanitti taʼee ture. Iccitiin isaa maalidha? Injinaroonni gamoon kun yeroo kirkirri lafaa mudatu utuu hin jigin hamma tokko jalʼachuu akka dandaʼu godhanii ijaaran. Kanaafuu, gamoon baayʼee dheeraa taʼe kun yeroo kirkirri lafaa kaʼu utuu hin jigin hamma tokko sochoʼuu dandaʼa jechuudha. Kiristiyaanonnis akkuma gamoo kanaati. Karaa kamiin?

2 Kiristiyaanni tokko ejjennoo cimaa qabaachuu fi akka haala isaatti sirreeffama gochuu ilaalchisee madaallii isaa eeguu qaba. Seerotaa fi ulaagaalee Yihowaa eeguu wajjin haala wal qabateen cimaa fi kan hin sochoone taʼuu qaba. (1 Qorontos 15:58 dubbisi.) Yeroo akkasiitti “ajajamuuf kan qophaaʼe” taʼa, ejjennoo isaas hin laaffisu. Karaa kan biraatiinimmoo, yeroo haalli isaa isaaf heyyamutti ykn yeroo akkas gochuun isa barbaachisutti “yaada ofiitti kan hin cichine” ykn akka haala isaatti jijjiirama kan godhu taʼuu qaba. (Yaq. 3:17) Kiristiyaanni ilaalcha madaalamaa akkasii qabaachuu barate ejjennoo isaatti garmalee hin cichu, garmalees ejjennoo isaa hin jijijjiiru. Mata duree kana keessatti kan hin sochoone taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Kana malees, karaawwan Seexanni kutannoo keenya laaffisuuf itti fayyadamu shanirratti ni mariʼanna; dhiibbaa isaa dandamachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni baranna.

JABAANNEE DHAABBACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

3. Yihowaan inni seera baasuurratti aangoo hundarra caalu qabu Hojii Ergamootaa 15:28, 29 irratti seerota akkamii nuuf kenneera?

3 Yihowaan inni seera baasuurratti aangoo hundarra caalu qabu, yeroo hunda saba isaatiif seera salphaatti hubachuu dandaʼan kenna. (Isa. 33:22) Fakkeenyaaf, qaamni olaanaa jaarraa jalqabaa karaawwan Kiristiyaanonni ejjennoo cimaa qabaachuun itti isaan barbaachisu sadii ibseera: isaanis (1) waaqeffannaa waaqolii tolfamoorraa fagaachuudhaan Yihowaa qofa waaqeffachuu, (2) dhiiga akka qulqulluutti ilaaluu, akkasumas (3) ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu warra olaanoo eeguudha. (Hojii Ergamootaa 15:28, 29 dubbisi.) Yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni dhimmoota sadan kanarratti ejjennoo cimaa qabaachuu kan dandaʼan akkamitti?

4. Yihowaa qofa akka waaqeffannu kan argisiisnu akkamitti? (Mulʼata 4:11)

4 Waaqeffannaa waaqolii tolfamoorraa fagaachuudhaan Yihowaa qofa waaqeffanna. Yihowaan isa qofa akka waaqeffatan Israaʼelota ajajee ture. (Kes. 5:6-10) Yesuus yeroo Diyaabilos isa qoretti waaqeffachuu kan qabnu Yihowaa qofa akka taʼe ifatti dubbateera. (Mat. 4:8-10) Kanaafuu, waaqolii tolfamoo hin waaqeffannu. Geggeessitoota amantaa, geggeessitoota siyaasaa ykn namoota ispoortii fi bashannanarratti beekamoo taʼan akka waaqaatti ilaaluurraas ni fagaanna. Yihowaa cinaa dhaabbanna, eeyyee, isa ‘wantoota hundumaa uume’ qofa waaqeffanna.—Mulʼata 4:11 dubbisi.

5. Seera Yihowaan qulqullummaa lubbuu fi dhiigaa ilaalchisee kenneef kan ajajamnu maaliifi?

5 Qulqullummaa lubbuu fi dhiigaa ilaalchisee seera Yihowaan kenne ni eegna. Maaliif? Sababiin isaas, Yihowaan dhiigni lubbuu isa kennaa isaa gatii guddaa qabu akka bakka buʼu dubbateera. (Lew. 17:14) Yihowaan foon beelladootaa akka nyaatan yeroo jalqaba namootaaf heyyametti, dhiiga isaa akka hin nyaanne qajeelfama isaaniif kenneera. (Uma. 9:4) Yeroo Seera Musee Israaʼelotaaf kennettis seera kana irra deebiʼee caqaseera. (Lew. 17:10) Kiristiyaanota hundaaf qajeelfama, “Dhiiga irraa . . . fagaadhaa” jedhu akka kennus qaama olaanaa jaarraa tokkoffaatti ture kakaaseera. (HoE. 15:28, 29) Yeroo murtoo yaalii fayyaa wajjin wal qabatu goonutti ajaja kana cimsinee hordofna. b

6. Jireenya keenya keessatti ulaagaalee Yihowaa warra olaanoo eegnee jiraachuuf carraaqqii akkamii goona?

6 Ulaagaalee naamusaa Yihowaa warra olaanoo cimsinee hordofna. (Ibr. 13:4) Phaawulos ergamaan kutaawwan qaama keenyaa akka ‘ajjeesnu,’ jechuunis fedhiiwwan dogoggoraarraa fagaachuuf tarkaanfii cimaa akka fudhannu gorsa nuuf kenneera. Wanta gara halalummaatti nu geessuu dandaʼu ilaaluus taʼe gochuurraa ni fagaanna. (Qol. 3:5; Iyo. 31:1) Wanta dogoggora taʼe raawwachuuf yeroo qoramnu, yaadas taʼe gocha michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼu akkamiirraayyuu dafnee fagaanna.

7. Maal gochuuf kutachuu qabna? Maaliif?

7 Yihowaan ‘garaadhaa akka ajajamnu’ nurraa eega. (Rom. 6:17) Wanti inni akka goonu nu gaafatu yeroo hunda kan nu fayyadudha; seera isaarratti jijjiirama gochuus hin dandeenyu. (Isa. 48:17, 18; 1 Qor. 6:9, 10) Yihowaa gammachiisuuf wanta dandeenyu hunda goona; akkuma faarfatichaa: “Yeroo hundumaa, hamma dhumaatti, dambiiwwan keetiif ajajamuuf kutadheera” jenna. (Far. 119:112) Haa taʼu malee, Seexanni kutannoo keenya kana laaffisuuf carraaqqii godha. Kana gochuuf malawwan akkamiitti fayyadama?

SEEXANNI KUTANNOO KEENYA LAAFFISUUF CARRAAQQII AKKAMII GODHA?

8. Seexanni ariʼatamatti fayyadamee kutannoo keenya laaffisuuf carraaqqii gochaa kan jiru akkamitti?

8 Ariʼatama. Diyaabilos karaa qaamaa fi karaa miiraa miidhaa nurraan gaʼuudhaan kutannoo keenya laaffisuuf yaala. Kaayyoon isaa ‘nu liqimsuu,’ jechuunis hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuudha. (1 Phe. 5:8) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa ejjennoo isaanii laaffisuu diduu isaaniitiin kan kaʼe, doorsifamaniiru, reebamaniiru, akkasumas ajjeefamaniiru. (HoE. 5:27, 28, 40; 7:54-60) Seexanni yeroo harʼaattis ariʼatamatti fayyadamuu isaa itti fufeera. Mormitoonni obboloota keenya Raashiyaa fi biyyoota kan biroo keessa jiran dararaa jiru; addunyaa maratti mormitoonni karaa garaa garaatiin obboloota keenya ariʼachaa jiru.

9. Fakkeenya dhiibbaa dhokataa taʼerraa of eeguun akka nu barbaachisu argisiisu tokko dubbadhu.

9 Dhiibbaa dhokataa. Seexanni ariʼatamaan alattis “malawwan haxxummaa” garaa garaatti ni fayyadama. (Efe. 6:11) Mee muuxannoo Boob isa yaaliin baqaqsanii hodhuu cimaa taʼe isa barbaachisee hospitaala galee turee akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Boob haala akkamiiyyuu keessatti dhiiga akka hin fudhanne doktarootatti himee ture. Doktarri yaalii baqaqsanii hodhuu isaaf godhus murtoo isaa akka isaaf kabaju isatti himee ture. Haa taʼu malee, galgala guyyaa yaaliin baqaqsanii hodhuu itti isaaf godhamu dura turetti, maatiin isaa gara manaatti erga deebiʼanii booda doktarri kan biraan isa ilaaluuf dhufe. Innis dhiigni isa barbaachisuu dhiisuu akka dandaʼu, garuummoo tarii akka tasaa yoo barbaachise dursanii akka qopheessan isatti hime. Tarii doktarri sun Boob yeroo maatiin isaa isa bira hin jirretti yaada isaa jijjiiruu dandaʼa jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus, Boob haala akkamiiyyuu keessatti dhiiga akka hin fudhanne dubbachuudhaan ejjennoo cimaa qabaatee itti fufeera.

10. Yaanni namaa kiyyoo kan taʼe maaliifi? (1 Qorontos 3:19, 20)

10 Yaada namaa. Ilaalcha namoonni seera Yihowaatiif kabaja hin qabne qaban yoo horanne, Yihowaa fi ulaagaalee isaarraa fagaachuun keenya hin oolu. (1 Qorontos 3:19, 20 dubbisi.) “Ogummaan addunyaa kanaa” Yihowaadhaaf akka hin ajajamne dhiibbaa nurratti godha. Namoonni karaa naamusaa mancaʼanii fi waaqolii tolfamoo waaqeffatan Kiristiyaanota Phergaamoonii fi Tiyaaxiraa keessa jiraatan muraasarratti dhiibbaa godhanii turan. Yesuus gocha halalummaa calluma jedhanii waan bira darbaniif gumiiwwan kana lamaaniif gorsa cimaa kennee ture. (Mul. 2:14, 20) Yeroo harʼattis, namoonni naannoo keenya jiraatan ilaalcha dogoggoraa akka qabaannu dhiibbaa nurratti godhu. Miseensonni maatii keenyaa fi namoonni beeknu tokko tokko garmalee seera akka cimsinuu fi seera Yihowaatiif ajajamuun akka nu hin barbaachisne nu amansiisuuf yaalu. Fakkeenyaaf, fedhii keenyaaf moʼamuun rakkina akka hin qabnee fi ulaagaaleen naamusaa Kitaaba Qulqulluu yeroon kan itti darbe akka taʼe dubbatu.

11. Yeroo jabaannee dhaabbannu maal gochuurraa fagaachuu qabna?

11 Yeroo tokko tokko, qajeelfamni Yihowaan nuuf kennu ifa akka hin taane nutti dhagaʼama taʼa. ‘Wantoota barreeffaman irra darbuufillee’ qoramuu dandeenya. (1 Qor. 4:6) Geggeessitoonni amantaa bara Yesuus turan cubbuu akkasii raawwataniiru. Seericharratti seera namootaa dabaluudhaan sabicharratti baʼaa ulfaataa feʼanii turan. (Mat. 23:4) Yihowaan Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaatti fayyadamee qajeelfama ifa taʼe nuuf kenna. Qajeelfama inni nuuf kennetti qajeelfama kan biraa dabaluun nu hin barbaachisu. (Fak. 3:5-7) Kanaafuu, wanta Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamerra hin darbinu ykn dhimmoota dhuunfaa ilaalchisee obboloota keenyaaf seera hin baasnu.

12. Seexanni “gowwoomsaa homaa of keessaa hin” qabnetti kan fayyadamu akkamitti?

12 Gowwoomsaa. Seexanni “gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabnee” fi “wantoota jalqabaa addunyaatti” fayyadamee namoota dogoggorsuu fi qoqqooduuf yaala. (Qol. 2:8) Jaarraa jalqabaatti, kun falaasama yaada namaa, barumsa Yihudootaa Kitaaba Qulqulluurratti hin hundoofnee fi barumsa ‘Kiristiyaanonni Seera Musee hordofuu qabu’ jedhurratti hundaaʼe kan dabalatu ture. Yaadawwan kun namoonni Yihowaa isa madda ogummaa dhugaa taʼerratti akka hin xiyyeeffanne kan godhan waan taʼaniif kan nama gowwoomsan turan. Yeroo harʼaatti, Seexanni oduu buʼuura hin qabnee fi gabaasawwan sobaa geggeessitoonni siyaasaa dubbatan babalʼisuuf miidiyaalee hawaasaatti fayyadama. Yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 kaʼetti kun dhugaa taʼuu isaa argineerra. c Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelfama jaarmiyaan keenya kenne dhagaʼan, dhiphina namoota odeeffannoo dogoggoraa dhagaʼaa turan mudaterraa ooluu dandaʼaniiru.—Mat. 24:45.

13. Wantoota xiyyeeffannaa hihiranirraa of eeguu kan qabnu maaliifi?

13 Wantoota xiyyeeffannaa hihiran. Ija keenya “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” irraa buqqifachuu hin qabnu. (Filp. 1:9, 10) Wantoonni xiyyeeffannaa hihiran yeroo fi humna keenya hedduu nu jalaa qisaasessuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, jireenyi keenya wantoota guyyaa guyyaadhaan raawwannu kan akka nyaachuu, dhuguu, bashannanuu fi hojii jiranirratti akka xiyyeeffatu yoo goone, wantoonni kun xiyyeeffannaan keenya salphaatti akka hihiramu gochuu dandaʼu. (Luq. 21:34, 35) Kana malees, guyyaa guyyaadhaan gabaasawwan oduu waaʼee jeequmsa hawaasaa fi dhimmoota siyaasaa ibsan nu mudatu. Falmiiwwan dhimmoota akkasiirratti kaʼan xiyyeeffannaa keenya akka hin hihirre of eeggachuu qabna. Taʼuu baannaan, sammuu fi garaa keenya keessatti garee isa tokko deggeruu jalqabuu dandeenya. Seexanni malawwan olitti ilaalle hundatti fayyadamuudhaan kutannoo wanta sirrii taʼe raawwachuuf goone nu jalaa laaffisuuf yaala. Ammammoo dhiibbaa isaa dandamachuudhaan jabaannee dhaabbachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

JABAANNEE DHAABBACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

Sababii of murteessitee cuuphamuuf si kakaaserratti yoo xiinxalte, Dubbii Waaqayyoo qoʼattee yoo irratti xiinxalte, garaan kee cimaa akka taʼu yoo goote, akkasumas Yihowaatti yoo amanamte jabaattee dhaabbatta (Keeyyata 14-18 ilaali)

14. Yihowaa cinaa jabaannee dhaabbachuuf wanti nu gargaaru tokko maalidha?

14 Sababii of murteessitee cuuphamuuf si kakaaserratti xiinxali. Tarkaanfii kana kan fudhatte Yihowaa cinaa dhaabbachuu waan barbaaddeefi. Dhugaa akka argatte wanti si amansiise maal akka taʼe yaadi. Waaʼee Yihowaa beekumsa dhugaa argatte, akkasumas akka Abbaa kee isa samiitti isa ilaaluudhaan isa kabajuu fi jaallachuu jalqabde. Amantii horatte, achiis yaada geddarachuuf kakaate. Garaan kee gocha dogoggoraa dhiisuudhaan akka fedhii Yihowaatti jiraachuuf si kakaase. Waaqayyo dhiifama akka siif godhe yeroo hubattu boqonnaa guddaatu sitti dhagaʼame. (Far. 32:1, 2) Walgaʼiiwwan gumiirratti argamuu fi wantoota dinqisiisoo baratte warra kaanitti himuu jalqabde. Yeroo ammaatti Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuudhaan daandii kanarra deemuu jalqabdeetta, daandii kanarra deemuu kee itti fufuufis murteessiteetta.—Mat. 7:13, 14.

15. Qoʼachuu fi xiinxaluun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

15 Dubbii Waaqayyoo qoʼadhu, akkasumas irratti xiinxali. Akkuma mukti tokko hidda gadi fageeffachuun isaa cimee dhaabbachuuf isa gargaaru, nutis Dubbii Waaqayyoorratti amantii cimaa qabaachuun keenya cimnee dhaabbachuuf nu gargaara. Mukti tokko guddachaa yeroo deemu hiddi isaa gara gadiittii fi gara maddiitti babalʼachaa deema. Yeroo qoʼannuu fi xiinxallu karaan Waaqayyoo hundarra kan caalu taʼuu isaa ilaalchisee amantiin qabnu caalaatti cima. (Qol. 2:6, 7) Yihowaan bara duriitti tajaajiltoota isaatiif gorsaa fi qajeelfama kennuun isaa fi eegumsa isaaniif gochuun isaa kan isaan fayyade akkamitti akka taʼe xiinxali. Fakkeenyaaf, Hisqiʼel mulʼata arge tokkorratti yeroo maleekaan tokko mana qulqullummaa of eeggannoodhaan safaru xiyyeeffannaadhaan hordofaa ture. Mulʼanni kun Hisqiʼeliif cimina argamsiiseera, ulaagaalee Yihowaan waaqeffannaa dhugaatiif baase deggeruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes nu hubachiiseera. d (His. 40:1-4; 43:10-12) Nutis wantoota gadi fagoo Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman qoʼachuu fi xiinxaluuf yeroo kan ramannu yoo taʼe faayidaa guddaa arganna.

16. Boob garaan isaa cimaa akka taʼu gochuun isaa eegumsa kan isaaf godhe akkamitti? (Faarfannaa 112:7)

16 Garaan kee cimaa akka taʼu godhi. Daawit Mootichi, “Yaa Waaqayyo, garaan koo cimaa dha” jechuudhaan Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabu argisiiseera. (Far. 57:7) Nutis guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan garaan keenya cimaa akka taʼu gochuu ni dandeenya. (Faarfannaa 112:7 dubbisi.) Boob inni olitti ibsame akkas gochuun isaa kan isa fayyade akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Boob akka tasaa yoo barbaachise dhiiga akka qopheessan yeroo isatti himamu, carraan dhiigni itti isaaf kennamu yoo jiraate hospitaalicha dhiisee akka baʼu yeruma sana dubbate. Boodas Boob, “Mamii tokkollee hin qabun ture, homaa hin yaaddofne” jedheera.

Karaa hafuuraa buʼuura cimaa yoo qabaanne qorumsa akkamiiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya (Keeyyata 17 ilaali)

17. Muuxannoo Boobirraa maal baranna? (Fakkichas ilaali.)

17 Boob garaan isaa cimaa taʼuu kan dandaʼe hospitaala galuu isaa yeroo dheeraa dura murtoo akkasii waan godheefi. Tokkoffaa, Yihowaa gammachiisuu barbaadee ture. Lammaffaa, qulqullummaa lubbuu fi dhiigaa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluunii fi barreeffamoonni keenya jedhan gadi fageenyaan qoʼateera. Sadaffaa, qajeelfama Yihowaa hordofuun eebba guddaa akka isaaf argamsiisu mirkanaaʼaa taʼeera. Nutis qorumsi akkamiiyyuu yoo nu mudate garaan keenya cimaa akka taʼu gochuu ni dandeenya.

Baaraaqii fi loltoonni isaa ija jabinaan raayyaa Siseeraa ariʼaa jiru (Keeyyata 18 ilaali)

18. Fakkeenyi Baaraaq Yihowaarratti amantii qabaachuu ilaalchisee maal nu barsiisa? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

18 Yihowaatti amanami. Baaraaq qajeelfama Yihowaarratti amantii qabaachuun isaa milkaaʼina kan isaaf argamsiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Biyyattii keessa gaachannis taʼe eeboon kan hin jirre taʼus, Yihowaan, Siseeraa isa ajajaa raayyaa waraanaa Kanaʼaanotaa taʼee fi loltoota isaa akka gaariitti hidhatanirratti akka duulu Baaraaqiif qajeelfama kennee ture. (Abo. 5:8) Dibooraan Siseeraa fi gaariiwwan fardaa isaa 900 waraanuuf gara dirreetti akka gadi buʼu Baaraaqitti himte. Gaariiwwan fardaa kun lafa diriiraarratti injifannoo argamsiisuu kan dandaʼan fakkaatus, Baaraaq ajajameera. Yeroo loltoonni sun Gaara Taaborirraa gadi buʼan Yihowaan bokkaa cimaan akka roobu godhe. Kanaan kan kaʼes, gaariiwwan fardaa Siseeraa dhoqqeedhaan qabaman; akka kanaan Yihowaan Baaraaqiif injifannoo kenne. (Abo. 4:1-7, 10, 13-16) Nutis isaa fi qajeelfama inni karaa jaarmiyaa isaa nuuf kennurratti amantii yoo qabaanne, Yihowaan injifannoo nuuf kenna.—Kes. 31:6.

JABAATTEE DHAABBACHUU KEE ITTI FUFUUF KUTADHU

19. Jabaattee dhaabbachuu kan barbaaddu maaliifi?

19 Hamma sirna kana keessa jiraannetti, jabaannee dhaabbachuu keenya itti fufuuf walʼaansoo gochuu qabna. (1 Xim. 6:11, 12; 2 Phe. 3:17) Kanaafuu, ariʼatamni, dhiibbaa dhokataan, yaanni namaa, gowwoomsaan, akkasumas wanti xiyyeeffannaa hihiru akka nu hin sochoosne haa murteessinu. (Efe. 4:14) Kanaa mannaa, jabaannee haa dhaabbannu, Yihowaa jaallachuu fi ajaja isaa eeguu keenyas itti haa fufnu. Yeroo akkasiitti yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keenyas barbaachisaadha. Mata duree itti aanurratti, Yihowaa fi Yesuus yaada ofiitti kan hin cichine taʼuurratti fakkeenya guddaa kan nuuf taʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.

FAARFANNAA 129 Jabaannee Dhaabbachuu Keenya Itti Fufna

a Seexanni bara Addaamii fi Hewaanii kaasee yaada, ‘Namoonni wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofii isaaniitiif murteeffachuu qabu’ jedhu babalʼisaa tureera. Nutis seera Yihowaa fi qajeelfama tiʼookraasii nuuf kennamu hundumaa wajjin haala wal qabateen ilaalcha akkasii akka qabaannu barbaada. Mata dureen kun ilaalcha ofiin of bulchuu jedhuu fi addunyaa Seexanaa keessatti babalʼatee jirurraa of eeguu fi kutannoo Yihowaa cinaa dhaabbachuuf goone cimsachuuf nu gargaara.

b Kiristiyaanni tokko ilaalcha Waaqayyo dhiigaaf qabu deggeruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe caalaatti beekuuf, kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa barumsa 39 ilaali.

c Mata duree, “Odeeffannoo Dogoggoraa Irraa Of Eegi” jedhu jw.org irraa ilaali.