Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 29

Rakkina Guddaadhaaf Qophoofteettaa?

Rakkina Guddaadhaaf Qophoofteettaa?

“Qophaaʼoo taʼaa.”—MAT. 24:44.

FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

QABIYYEE a

1. Balaadhaaf dursanii qophaaʼuun gaarii kan taʼe maaliifi?

 DURSANII qophaaʼuun lubbuu namaa oolcha. Fakkeenyaaf, balaan tokko yeroo gaʼu namoonni dursanii qophaaʼan warra kaan caalaa balaa sanarraa ooluu fi namoota kaan gargaaruu dandaʼu. Dhaabbanni gargaarsaa Awurooppaatti argamu tokko, “Akka gaariitti qophaaʼuun jijjiirama guddaa fida” jedheera.

2. Rakkina guddaadhaaf qophaaʼuu kan qabnu maaliifi? (Maatewos 24:44)

2 “Rakkinni guddaan” akkuma tasaa jalqaba. (Mat. 24:21) Haa taʼu malee, balaawwan kaanirraa haala adda taʼeen rakkinni guddaan akka dhufu dursinee beekna. Gara waggaa 2,000 dura Yesuus duuka buutonni isaa guyyaa sanaaf akka qophaaʼan akeekkachiiseera. (Maatewos 24:44 dubbisi.) Dursinee yoo qophoofne yeroo rakkisaa taʼe sana keessa darbuunii fi warri kaanis akkas akka godhan gargaaruun nuuf salphata.—Luq. 21:36.

3. Amalli jabaatanii dhaabbachuu, gara laafinaa fi jaalalaa rakkina guddaadhaaf qophaaʼuuf kan nu gargaaran akkamitti?

3 Mee amaloota rakkina guddaadhaaf qophaaʼuuf nu gargaaran sadi haa ilaallu. Ergaa murtii baayʼee cimaa taʼe akka lallabnu yoo ajajamnee fi namoonni yoo nu morman maal goona? (Mul. 16:21) Yihowaadhaaf ajajamuuf jabaannee dhaabbachuun nu barbaachisa; yeroo sanatti Yihowaan eegumsa akka nuuf godhu ni amanna. Obboloonni keenya qabeenya isaanii muraasa ykn hunda isaa yoo dhaban maal goona? (An. 3:17, 18) Isaan gargaaruuf gara laafina qabaachuun nu barbaachisa. Haleellaa saboonni waltaʼiinsa uuman geessisaniin kan kaʼe yeroo muraasaaf obboloota keenya hedduu wajjin iddoo dhiphaa taʼe keessa jiraachuuf yoo dirqamnehoo maal goona? (His. 38:10-12) Yeroo rakkisaa taʼe sana keessa darbuuf jaalala cimaa isaaniif qabaachuun nu barbaachisa.

4. Kitaabni Qulqulluun amala jabaatanii dhaabbachuu, gara laafinaa fi jaalalaa horachuu keenya itti fufuu akka qabnu kan ibsu akkamitti?

4 Dubbiin Waaqayyoo amala jabaatanii dhaabbachuu, gara laafinaa fi jaalalaa horachuu keenya akka itti fufnu nu jajjabeessa. Luqaas 21:19, “Jabaattanii dhaabbachuudhaan lubbuu keessan ni oolfattu” jedha. Qolosaayis 3:12, “Gara laafina . . . uffadhaa” jedha. Tasalonqee Tokkoffaa 4:9, 10 immoo akkana jedha: “Isinumti iyyuu wal jaallachuu akka qabdan Waaqayyo irraa [barattaniittu]. Haa taʼu malee, yaa obbolootaa, kana guutummaatti gochuu keessan akka itti fuftan isin gorsina.” Gorsawwan kun kan kennaman namoota amala jabaatanii dhaabbachuu, gara laafinaa fi jaalalaa argisiisaa turaniifi. Taʼus, amaloota kana horachuu itti fufuu qabu turan. Nutis akkasuma gochuu qabna. Kana gochuuf akka nu gargaaruuf, mee Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa amaloota kana kan argisiisan akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Achiis fakkeenya isaanii hordofuudhaan rakkina guddaadhaaf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

JABAATTEE DHAABBACHUU KEE ITTI FUFI

5. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa qorumsa keessatti jabaatanii kan dhaabbatan akkamitti?

5 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa jabaatanii dhaabbachuun isaan barbaachisee ture. (Ibr. 10:36) Rakkoowwan namoota hundumaarra gaʼaniin alatti qorumsi dabalataa isaan mudatee ture. Baayʼeen isaanii geggeessitoota amantaa Yihudii fi abbootii taayitaa Roomaarraa qofa utuu hin taʼin, miseensota maatii isaaniirraas ariʼatamni isaanirra gaʼeera. (Mat. 10:21) Yeroo tokko tokkommoo gumii keessatti gantootaa fi barumsa isaanii isa qoqqoodinsa uumu dandamachuun isaan barbaachisa ture. (HoE. 20:29, 30) Taʼus, Kiristiyaanonni kun jabaatanii dhaabbataniiru. (Mul. 2:3) Akkamitti? Seenaa Iyyoob dabalatee seenaa namoota jabaatanii dhaabbachuurratti fakkeenya taʼaniirratti ni xiinxalu turan. (Yaq. 5:10, 11) Cimina argachuuf kadhataniiru. (HoE. 4:29-31) Akkasumas buʼaa gaarii jabaatanii dhaabbachuun isaanii argamsiisurratti xiyyeeffataniiru.—HoE. 5:41.

6. Wanta Meeriitaan mormii ishiirra gaʼe dandamachuuf gooterraa maal baratte?

6 Nutis seenaawwan namoota jabaatanii dhaabbachuurratti fakkeenya taʼanii fi Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota keenyarratti ibsaman yeroo hunda kan qoʼannuu fi irratti kan xiinxallu yoo taʼe jabaannee dhaabbachuu dandeenya. Obboleettiin Meeriitaa jedhamtuu fi Albaaniyaa keessa jiraattu akkas gochuudhaan mormii maatii cimaa taʼe dandamachuu dandeesseetti. Akkana jetteetti: “Kitaaba Qulqulluurraa seenaa Iyyoob yeroon qoʼadhu baayʼeen jajjabaadhe. Iyyoobirra rakkinni baayʼeen gaʼeera; Iyyoob rakkina sana kan isatti fide eenyu akka taʼe beekuu baatus, ‘Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu!’ jedheera. (Iyo. 27:5) Rakkina Iyyoobirra gaʼe wajjin yeroo walbira qabamu qorumsi narra gaʼe baayʼee xinnoo akka taʼen yaade. Iyyoobirraa haala adda taʼeen ani qorumsawwan kana duuba kan jiru eenyu akka taʼe beeka.”

7. Yeroo ammaatti rakkinni cimaan nurra gaʼaa hin jiru yoo taʼellee barsiifata akkamii qabaachuu qabna?

7 Nutis wantoota nu yaaddessan ilaalchisee irra deddeebinee kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan amala jabaatanii dhaabbachuu horachuu keenya itti fufuu dandeenya. (Filp. 4:6; 1 Tas. 5:17) Tarii yeroo ammaatti qorumsi cimaan sirra gaʼaa hin jiru taʼa. Taʼus, yeroo aartu, yeroo burjaajoftu ykn wanta gootu yeroo wallaaltu hundumaatti qajeelfama Yihowaa argachuuf ni kadhattaa? Yeroo ammaatti guyyaa guyyaadhaan rakkinni yeroo si mudatu irra deddeebitee gargaarsa Yihowaa argachuuf kan kadhattu yoo taʼe gara fuulduraatti rakkoowwan guguddaan yeroo si mudatan akkas gochuurraa duubatti hin jettu. Akkas gochuun kee Yihowaan si gargaaruuf yoomii fi akkamitti tarkaanfii akka fudhatu guutummaatti akka beeku mirkanaaʼaa taʼuuf si gargaara.—Far. 27:1, 3.

JABAATANII DHAABBACHUU

Qorumsa tokko keessatti jabaannee dhaabbachuun keenya qorumsa isa itti aanuuf nu qopheessa (Keeyyata 8 ilaali)

8. Fakkeenyi Maayiraa yeroo ammaatti qorumsa keessatti jabaannee dhaabbachuun keenya qorumsa gara fuulduraatti nu mudatu dandamachuuf akka nu gargaaru kan argisiisu akkamitti? (Yaaqoob 1:2-4) (Fakkichas ilaali.)

8 Yeroo ammaatti qorumsa keessatti jabaannee kan dhaabbannu yoo taʼe gara fuulduraatti yeroo rakkinni guddaan dhufu jabaannee dhaabbachuu dandeenya. (Rom. 5:3) Akkas kan jennu maaliifi? Obboloonni baayʼeen qorumsa isaan mudate tokko keessatti jabaatanii dhaabbachuun isaanii qorumsa sana booda isaan mudateef akka isaan qopheesse hubataniiru. Jabaatanii dhaabbachuun isaanii isaan qulqulleesseera; Yihowaan isaan gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼee fi fedhii akka qabu amantii qaban isaaniif cimseera. Amantiin isaaniimmoo qorumsa sana booda isaan mudatu keessatti jabaatanii dhaabbachuuf isaan gargaareera. (Yaaqoob 1:2-4 dubbisi.) Qajeelchituun Maayiraa jedhamtuu fi Albaaniyaa keessa jiraattu kanaan dura jabaattee dhaabbachuun ishii yeroo ammaattis jabaattee dhaabbachuuf akka ishii gargaare hubatteetti. Yeroo tokko tokko rakkinni hedduun gaʼaa kan jiru ishiirra qofa akka taʼe akka ishiitti dhagaʼamu dubbatteetti. Taʼus, Yihowaan waggoota 20n darbanitti akkamitti akka ishii gargaare ni yaadatti. Achiis akkana ofiin jetti: ‘Amanamtuu taʼii itti fufi. Waggoottan sun hundii fi injifannoowwan gargaarsa Yihowaatiin argatte sun hundi gatii akka dhaban hin godhin.’ Atis Yihowaan hanga ammaatti jabaattee dhaabbachuuf kan si gargaare akkamitti akka taʼe xiinxaluu dandeessa. Yihowaan yeroo qorumsa keessatti jabaattee dhaabbattu hundumaatti akka si ilaaluu fi akka si badhaasu mirkanaaʼaa taʼi. (Mat. 5:10-12) Akkas yoo goote yeroo rakkinni guddaan jalqabuttis taʼe sana booda jabaattee dhaabbachuuf kutachuu dandeessa.

GARA LAAFINA ARGISIISI

9. Obboloonni gumii Anxokiyaa ishii Sooriyaatti argamtu keessa jiran gara laafina kan argisiisan akkamitti?

9 Mee wanta yeroo beelli guddaan Kiristiyaanota Yihudaa keessa jiraatan mudatetti taʼe haa ilaallu. Obboloonni Anxokiyaa ishii Sooriyaatti argamtu keessa jiraatan waaʼee beela kanaa yeroo dhagaʼan obboloota Yihudaa jiraataniif garaa akka laafan hin shakkisiisu. Kanaafuu, obboloota isaanii gargaaruuf tarkaanfii fudhatan. “Obboloota Yihudaa keessa jiraataniif gargaarsa erguuf jecha tokkoon tokkoon isaanii hamma humna isaanii buusii gochuuf murteessan.” (HoE. 11:27-30) Obboloonni kun obboloonni beela kanaan miidhaman isaanirraa fagaatanii kan jiran taʼus isaan gargaaruuf kutatanii turan.—1 Yoh. 3:17, 18.

GARA LAAFINA

Balaawwan uumamaa warra kaanitti gara laafina argisiisuuf carraa nuu banu (Keeyyata 10 ilaali)

10. Obboloota keenya balaadhaan miidhamanitti gara laafina argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? (Fakkichas ilaali.)

10 Nutis yeroo harʼaatti obboloonni keenya balaa tokkoon miidhaan akka isaanirra gaʼe yeroo dhageenyu gara laafina isaanitti argisiisuu dandeenya. Gargaarsa gochuu akka barbaannu jaarsolii beeksisuudhaan, hojii addunyaa maraatiif buusii gochuudhaan ykn obboloota balaa sanaan miidhamaniif kadhachuudhaan dafnee tarkaanfii fudhanna. b (Fak. 17:17) Fakkeenyaaf, bara 2020​tti obboloota weerara dhibee Kooviid-19n kan kaʼe miidhaan isaanirra gaʼe gargaaruuf addunyaa maratti Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa 950 ol hundeeffameera. Obboloota koree gargaarsaa keessatti tajaajilan baayʼee galateeffanna. Gara laafina obboloota isaaniitiif qabaniin kakaʼanii karaa qaamaa fi karaa hafuuraa isaan gargaaraniiru; yeroo barbaachisuttimmoo manneenii fi iddoowwan waaqeffannaa isaanii deebisanii isaaniif ijaaraniiru.—2 Qorontos 8:1-4 wajjin walbira qabii ilaali.

11. Gara laafina argisiisuun keenya Abbaa keenya isa samiitiif ulfina kan fidu akkamitti?

11 Balaan tokko erga gaʼee booda namootatti gara laafina yeroo argisiisnu warri kaan aarsaa nuti kaffallu ni hubatu. Fakkeenyaaf, bara 2019​tti obomboleettiin Dooriyaan jedhamu Galma Walgaʼii Baahaamaas keessatti argamu tokko jigsee ture. Obboloonni galma kana deebisanii yeroo ijaaranitti hojii tokko tokko hojjechuuf maallaqni hammamii akka barbaachisu koontiraaktara Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane tokko gaafatanii turan. Innis akkana isaaniin jedhe: ‘Meeshaa fi hojjettoota isin barbaachisu tola isiniif dhiheessuun barbaada. Jaarmiyaa keessan gargaaruun barbaada. Miirri obboloota keessaniif qabdan baayʼee na ajaaʼibsiiseera.’ Namoonni addunyaarra jiran hedduun Yihowaa hin beekan. Taʼus, baayʼeen isaanii wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan ni argu. Wanti gara laafinaan kakaanee goonu namoonni hedduun Waaqa “gara laafinni isaa guddaa” taʼetti akka dhihaatan kan godhu taʼuu isaa beekuun keenya nu gammachiisa.—Efe. 2:4.

12. Yeroo ammaatti gara laafina horachuun keenya rakkina guddaadhaaf kan nu qopheessu akkamitti? (Mulʼata 13:16, 17)

12 Yeroo rakkina guddaatti gara laafina argisiisuun kan nu barbaachisu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun namoonni sirna siyaasaa hin deggarre yeroo ammaattis taʼe yeroo rakkina guddaatti haalli rakkisaan akka isaan mudatu dubbata. (Mulʼata 13:16, 17 dubbisi.) Obboloonnii fi obboleettonni keenya wantoota buʼuuraa argachuuf gargaarsi isaan barbaachisuu dandaʼa. Mootiin keenya Kiristoos Yesuus murtii kennuuf yeroo dhufu gara laafina yeroo argisiisnu akka nu arguu fi ‘Mootummicha dhaalaa’ jedhee akka nu affeeru barbaanna.—Mat. 25:34-40.

JAALALA KEE CIMSADHU

13. Roomaa 15:7 irratti akka ibsametti Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa jaalala waliif qaban kan cimsatan akkamitti?

13 Jaalalli mallattoo Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa adda baasee beeksisu ture. Garuu jaalala argisiisuun isaaniif salphaa turee? Mee garaagarummaa obboloonni gumii Roomaa keessa turan qaban haa ilaallu. Gumicha keessa Yihudoota seera Musee eegaa guddatan qofa utuu hin taʼin, namoonni saboota kaan keessaa dhufanii fi akkaataa guddinaa guutummaatti isaanirraa adda taʼe qabanis jiru turan. Kiristiyaanonni tokko tokko garboota turan, tokko tokkommoo garboota kan qaban taʼuu hin oolan. Maarree, Kiristiyaanonni kun garaagarummaa akkasii qabaatanis jaalala waliif qaban cimsachuu kan dandaʼan akkamitti? Phaawulos ergamaan ‘akka wal simatan’ isaan jajjabeesseera. (Roomaa 15:7 dubbisi.) Maal jechuu isaati? Jechi ‘simachuu’ jedhamee hiikame nama tokko gaarummaadhaan mana ofiitti simachuu ykn michuu godhachuu argisiisa. Fakkeenyaaf, Phaawulos Fiilmoon garba Oneesimos jedhamuu fi isa jalaa baqatee ture ‘gaarummaadhaan akka simatu’ isatti himeera. (Film. 17) Phirisqiilaa fi Aqiilaanis Apholos isa waaʼee Kiristiyaanummaa hamma isaanii hin beekne ‘ofitti fudhachuudhaan’ isa simataniiru. (HoE. 18:26) Kiristiyaanonni kun garaagarummaan isaan gidduu jiru akka isaan qoqqoodu heyyamuu mannaa walii isaanii simataniiru.

JAALALA

Jaalalli obboloonni keenya nutti argisiisan jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara (Keeyyata 15 ilaali)

14. Aanaa fi abbaan manaa ishii jaalala kan argisiisan akkamitti?

14 Nutis michoota keenya akka taʼaniif ofitti isaan dhiheessuudhaan obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala argisiisuu dandeenya. Yeroo akkas goonu yeroo baayʼee isaanis jaalala nutti argisiisu. (2 Qor. 6:11-13) Mee muuxannoo Aanaa fi abbaa manaa ishii haa ilaallu. Dhiha Afrikaatti misiyoonota taʼanii erga ramadamanii utuma baayʼee hin turin weerarri dhibee Kooviid-19 ni kaʼe. Weerara dhibee sanaan kan kaʼe obboloota gumii isaanii wajjin qaamaan wal arguu hin dandeenye. Maarree, jaalala isaanitti argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? Obboloota wajjin wal arguuf viidiyoo koonfiransiitti fayyadamu turan, caalaatti isaan baruuf akka hawwanis isaanitti himu turan. Maatiiwwan gumii isaanii keessa jiran garaan isaanii kanaan waan tuqameef yeroo baayʼee isaaniif bilbilu, akkasumas ergaa isaaniif ergu turan. Aanaa fi abbaan manaa ishii carraaqqii akkasii kan godhan maaliifi? Aanaan akkana jetteetti: “Jaalalli obboloonni yeroo gaariittis taʼe yeroo gaarii hin taanetti anaa fi maatii kootti argisiisan garaa koo baayʼee waan tuqeef anis warra kaanitti jaalala argisiisuuf kakaʼeera.”

15. Obbolootaa fi obboleettota keenya hundumaa jaallachuu ilaalchisee fakkeenya Vaaneesaarraa maal baratte? (Fakkichas ilaali.)

15 Baayʼeen keenya gumiiwwan obboloonni akkaataa guddinaa fi eenyummaa garaagaraa qaban keessa jiran keessatti tajaajilla. Amaloota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffachuudhaan jaalala hunda isaaniitiif qabnu cimsachuu dandeenya. Obboleettiin Vaaneesaa jedhamtuu fi Niwu Ziilaandi keessatti tajaajiltu obboloota gumii ishii keessa jiran tokko tokko wajjin walii galuun ishiitti ulfaata ture. Taʼus, obboloota amala ishii aarsu qabanirraa fagaachuu mannaa, caalaatti isaan wajjin yeroo dabarsuuf murteessite. Akkas gochuun ishii wanta Yihowaan isaanirratti jaallate hubachuuf ishii gargaareera. Akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo ilaaltuu olaanaa aanaa erga taʼee kaasee obbolootaa fi obboleettota eenyummaa garaagaraa qaban hedduu wajjin yeroo dabarsaa waan turreef isaan wajjin walii galuun natti hin ulfaanne. Amma garaagarummaa nu gidduu jiru nan jaalladha. Gumii obboloonni garaagaraa keessatti argamanitti kan nu harkise isa waan taʼeef Yihowaanis garaagarummaa kanatti akka gammadu ifadha.” Ilaalcha Yihowaan obboloota keenyaaf qabu kan qabaannu yoo taʼe akka isaan jaallannu argisiisna.—2 Qor. 8:24.

Obboloota keenya wajjin tokkummaa qabaannee yoo itti fufne, Yihowaan akkuma waadaa gale yeroo rakkina guddaatti eegumsa nuuf godha (Keeyyata 16 ilaali)

16. Yeroo rakkina guddaatti jaalalli baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

16 Yeroo rakkina guddaatti jaalalli baayʼee barbaachisaadha. Rakkinni guddaan yeroo jalqabu eessaa eegumsa arganna? Yihowaan yeroo Baabilon duriirratti haleellaan banametti saba isaatiif qajeelfama akkana jedhu kennee ture: “Yaa saba koo, dhaqi, gara kutaa kee isa keessaatti seeni, balbala kees of duubaan cufadhu. Hamma dheekkamsi darbutti yeroo xinnoodhaaf dhokadhu.” (Isa. 26:20) Qajeelfamni kun yeroo rakkina guddaatti nuufis kan hojjetu fakkaata. ‘Kutaan inni keessaa’ gumii keenya kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yeroo rakkina guddaatti obboloota keenya wajjin tokkummaa qabaannee yoo itti fufne Yihowaan akkuma waadaa gale eegumsa nuuf godha. Kanaafuu, ammumaa kaasnee obbolootaa fi obboleettota keenya dandeenyee jiraachuu qofa utuu hin taʼin, isaan jaallachuufis carraaqqii gochuu qabna. Fayyina argachuun keenya akkas gochuu keenyarratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa.

AMMUMA QOPHAAʼI!

17. Ammuma qophaaʼuun keenya yeroo rakkina guddaatti maal gochuuf nu dandeessisa?

17 “Guyyaan Yihowaa inni guddaan” ilmaan namootaarratti dhiphina fida. (Sef. 1:14, 15) Saba Yihowaas haalli rakkisaan ni mudata. Ammuma yoo qophoofne garuu tasgabbaaʼuu fi warra kaan gargaaruu dandeenya. Rakkina nu mudatu kamiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya. Obboloota keenyarra rakkinni yeroo gaʼu gara laafina isaanitti argisiisuu fi wanta isaan barbaachisu isaaniif dhiheessuudhaan isaan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda goona. Yeroo ammaatti obboloota keenyatti jaalala argisiisuu yoo baranne gara fuulduraattis jaalala isaanitti argisiisuu keenya itti fufna. Akkas yoo goone Yihowaan addunyaa balaa fi rakkinni keessa hin jirre keessatti jireenya barabaraa nuu kennuudhaan nu eebbisa.—Isa. 65:17.

FAARFANNAA 144 Badhaasicha Irratti Xiyyeeffadhu!

a Rakkinni guddaan dhiheenyatti ni jalqaba. Amala jabaatanii dhaabbachuu, gara laafinaa fi jaalalaa horachuun keenya yeroo rakkisaa seenaa ilmaan namootaa keessatti taʼee hin beekne sanaaf qophaaʼuuf nu gargaara. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa amaloota kana kan horatanii fi nutis yeroo harʼaatti amaloota kana horachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe, akkasumas amaloonni kun rakkina guddaadhaaf qophaaʼuuf kan nu gargaaran akkamitti akka taʼe ilaalla.

b Obboloonni hojii gargaarsa yeroo balaarratti hirmaachuu barbaadan jalqaba Foormii Hojii Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoorratti Hirmaachuuf Guutamu (DC-50) ykn Foormii Tajaajila Fedhaa (A-19) guutanii hamma affeeramanitti eeguu qabu.