Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Warra Kaaniif Xiyyeeffannaa Kennuun Eebba Umurii Guutuu Turu Argamsiisa

Warra Kaaniif Xiyyeeffannaa Kennuun Eebba Umurii Guutuu Turu Argamsiisa

Haadha koo fi obboleettii koo Paat wajjin, bara 1948

“WALDAAN Anjalikaan dhugaa hin barsiistu. Dhugaa barbaaduu kee itti fufi.” Haati koo akkoon koo ishiin amantaa Anjalikaan hordoftu erga akkas ishiidhaan jettee booda amantaa dhugaa barbaaduu jalqabde. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatota Yihowaa haasofsiisuu waan hin barbaanneef, yeroo isaan mana keenya isa Toorontoo, Kaanaadaatti argamu dhufan akkan isaan jalaa dhokadhu natti himte. Bara 1950tti quxusuun ishii Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu yeroo jalqabdu garuu, ishii faana qoʼachuu jalqabde. Mana adaadaa kootti qoʼatu turan; boodas ni cuuphaman.

Abbaan koo Waldaa Tokkummaa Kaanaadaa naannoo keenyatti argamu keessatti jaarsa taʼee tajaajilaa waan tureef, torban torbaniin anaa fi obboleettii koo gara mana barumsaa Sanbataatti nu erga ture; achiis isa faana tajaajila waldaa saʼaatii 5:00tti geggeeffamurratti argamna turre. Waaree boodammoo haadha koo wajjin gara Galma Walgaʼii dhaqna turre. Kanaafuu, garaa garummaa amantaa lamaan gidduu jiru ifatti arguu dandeenyeerra.

Walgaʼii Idil Addunyaa Fedhii Waaqayyoo jedhamuu fi bara 1958tti geggeeffamerratti maatii Boob wajjin

Haati koo waaʼee amantaa ishii isa haaraa Boob Hachisanii fi haadha manaa isaa Meeriyoon warra yeroo dheeraadhaa kaasee michoota ishii turanitti himte; isaanis dhugaa ni fudhatan. Bara 1958tti Boobii fi Meeriyoon Walgaʼii Idil Addunyaa Fedhii Waaqayyoo jedhamuu fi Niiwu Yoorki Siitiitti guyyaa saddeetiif geggeeffamerratti akkan argamuuf ijoollee isaanii sadanii wajjin na fuudhanii deemanii turan. Duubatti deebiʼee yeroon yaadu, gara walgaʼii sanaa na fuudhanii deemuun isaanii salphaa akka hin turre nan hubadha; taʼus, walgaʼii sanarratti argamuun koo jireenya koorratti dhiibbaa guddaa godheera.

WARRI KAAN XIYYEEFFANNAA NAAF KENNUUN ISAANII EGEREE KOORRATTI DHIIBBAA GODHEERA

Yeroon umurii waggoota kurnanii keessa turetti beelladoota waan qabnuuf isaan kunuunsuun na gammachiisa ture. Kanaafuu, doktara beelladootaa taʼuuf yaadaan ture. Haati koos yaada koo kana jaarsa gumii tokkotti himte. Innis gaarummaadhaan kakaʼee “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru na yaadachiise, akkasumas yunivarsiitii galee waggoota hedduudhaaf barachuun koo hariiroon Yihowaa wajjin qaburratti dhiibbaa akkamii akka godhu akkan yaadu na jajjabeesse. (2 Xim. 3:1) Kanaafuu, yunivarsiitii galee barachuu dhiisuufin murteesse.

Taʼus, barumsa sadarkaa lammaffaa ergan xumuree booda maal akkan godhu na yaaddessee ture. Yeroo hunda dhuma torbaniitti tajaajila kanan baʼu taʼus, tajaajilli na hin gammachiisu ture; kanaafuu, qajeelchaa taʼuu akkan dandaʼu natti hin dhagaʼamu ture. Yeroo sanatti abbaan koo inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taanee fi wasiilli koo dhaabbata inshuraansii guddaa Toorontoo keessatti argamu tokko keessatti hojii guyyaa guutuu akkan jalqabu na jajjabeessan. Wasiilli koo dhaabbaticha keessatti aangoo guddaa waan qabuuf, hojii sana hojjechuufan walii gale.

Toorontoo keessatti yeroo hunda saʼaatii dabalataa hojjechuun koo fi namoota Yihowaa hin waaqeffanne wajjin walitti dhihaachuun koo sochiiwwan hafuuraarratti karaa dhaabbataa taʼeen akkan hin hirmaanne gufuu natti taʼee ture. Jalqabarratti akaakayyuu koo isa Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane wajjinan jiraadha ture; erga inni duʼee booda garuu, iddoo jireenyaa koo jijjiiruun na barbaachise.

Boobii fi Meeriyoon warri walgaʼii guddaa bara 1958tti geggeeffamerratti akkan argamuuf na fuudhanii deeman akkuma warra kootii naaf taʼanii turan. Isaanis mana isaanii akkan jiraadhu na affeeran, karaa hafuuraas guddina akkan godhu na gargaaran. Achiis bara 1960tti ilma isaanii Joon wajjin cuuphamne. Joon qajeelchaa taʼee tajaajiluu yeroo jalqabu tajaajilarratti caalaatti hirmaachuufan kakaʼe. Obboloonni gumii keessaa guddina hafuuraa gochaa akkan jiru hubatan; yeroo boodas tajaajilaa Mana Barumsaa Tiʼookraasii taʼeen muudame. a

HIRIYAA GAARIIN ARGADHE, QAJEELCHAAS NAN TAʼE

Guyyaa cidha keenyaa, bara 1966

Bara 1966tti qajeelchituu hinaaffaa guddaa qabduu fi Raandii Bargi jedhamtun fuudhe; Raandiin naannoo gargaarsi barbaachisutti tajaajiluuf fedhii guddaa qabdi turte. Daawwataan olaanaa keenya dhuunfaatti xiyyeeffannaa nuuf kennuudhaan gumii Oriliyaa, Ontaariyootti argamu akka gargaarru nu jajjabeesse. Nutis yeruma sana deemne.

Anis akkuma Oriliyaa geenyeen akkuma Raandii qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Hinaaffaan ishii anattis darbee ture! Qajeelchaa gaarii taʼuuf carraaqqii gochuu yeroon jalqabu, Kitaaba Qulqulluu fayyadamuunii fi namoonni yeroo dhugaa hubatan arguun hammam akka nama gammachiisu hubachuun jalqabe. Oriliyaatti hiriyoonni gaaʼelaa tokko jireenya isaaniirratti jijjiirama godhanii Yihowaa tajaajiluu akka jalqaban gargaaruun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera.

AFAAN HAARAA BARACHUU FI ILAALCHA HAARAA HORACHUU

Yeroon Toorontoo dhaqee ture tokkotti obboloota Beetel keessatti dura buutota taʼan keessaa tokko kan taʼe Arnooldi Maaknaamaaraa wajjinan wal arge. Innis qajeelchitoota addaa taʼuu kan barbaannu taʼuu keenya na gaafate. Anis yeruma sana, “Eeyyee! Kiyuubeekiin alatti eessattiyyuu ni tajaajilla!” jedheen isaaf deebise. Ilaalchi namoota Kaanaadaa Afaan Ingiliffaa dubbatan, namoota bulchiinsa Kiyuubeek keessa jiraatanii fi Afaan Faransaayi dubbataniif qaban ilaalchan koorratti dhiibbaa godhee ture. Yeroo sanatti namoonni naannichaa bulchiinsi Kiyuubeek kutaa Kaanaadaa kaanirraa akka adda baʼu waan barbaadaniif mootummaarratti fincila kaasaa turan.

Arnooldis, “Yeroo ammaatti waajjirri damee qajeelchitoota addaa ergaa kan jiru gara Kiyuubeekitti qofadha” jedhee naaf deebise. Anis yeruma sanan achi dhaquuf walii gale. Raandiin achitti tajaajiluu akka barbaaddu beekan ture. Boodas, murtoon kun murtoo jireenya keenya keessatti goone hundarra wayyu akka taʼen hubadhe.

Anii fi Raandiin hiriyoota gaaʼelaa tokko faana torban shaniif Afaan Faransaayi erga barannee booda gara kaaba bahaa Montiriiyaalitti kiilomeetira 540 imaluudhaan Riimuskii deemne. Afaanicha ammayyuu akka gaariitti barachuun nu barbaachisa ture; keessumaa kun yeroon walgaʼiirratti beeksisa tokko tokko dubbisu ifatti mulʼateera. Yeroo tokko, walgaʼii guddaa dhiheenyatti godhannurratti “keessummoota Ostiriyaadhaa dhufan” hedduu akka qabnu dubbachuu barbaadeen, “keessummoota guchii taʼan” hedduu akka qabnun dubbadhe.

“Mana Adii” Riimuskiitti argamu

Riimuskiitti arfan keenyaan alatti obboleettonni qeenxeen hinaaffaa qaban afur, obboleessi Hubeerdoon, haati manaa isaa fi ijoolleen durbaa isaanii lamaan nu faana jiraatu turan. Obboleessi Hubeerdoonii fi haati manaa isaa mana guddaa kutaa ciisichaa torba qabu kireeffatanii turan; kiraa manaa qajeelchitoonni achi jiraannu hundi walitti buusnee kaffalla turre; manichi fuuldurri isaa fi utubaawwan isaa adii waan turaniif Mana Adii jennee waamna turre. Yeroo baayʼee manicha keessa nama 12 hanga 14 taanee jiraanna. Anii fi Raandiin qajeelchitoota addaa waan taaneef ganama, waaree boodaa fi galgala ni tajaajilla turre; kanaafuu, yeroo hunda nama nu wajjin tajaajila baʼu qabaachuu keenyatti ni gammanne; tibba gannaatti galgala qorra keessallee nama nu faana tajaajilu hin dhabnu turre.

Qajeelchitoota amanamoo taʼan sana faana baayʼee walitti dhihaannee waan turreef, akkuma maatii nuuf taʼanii turan. Yeroo tokko tokko ibiddatti marsinee teenya, yeroo tokko tokkommoo nyaata waliin hojjenna turre. Obboleessi tokko dandeettii muuziqaa qaba ture; kanaafuu, yeroo baayʼee Sanbadduraa galgala waliin taanee ni sirbina, akkasumas ni shubbisna turre.

Riimuskiitti namoonni Kitaaba Qulqulluu barachuu barbaadan hedduun jiru turan. Waggaa shan keessatti barattoonni Kitaaba Qulqulluu garaa garaa guddina godhanii yeroo cuuphaman arguu keenyatti gammanneerra. Lakkoofsi babalʼistoota gumii keenyaas gara 35tti guddateera.

Kiyuubeek keessatti labsitoota wangeelaa taʼuurratti leenjii baayʼee gaarii taʼe arganneerra. Yihowaan tajaajila keenyarrattis taʼe wantoota nu barbaachisan nuuf guutuudhaan akkamitti akka nu gargaare argineerra. Kana malees, namoota Afaan Faransaayi dubbatan, afaan isaanii fi aadaa isaanii jaallanneerra; kunimmoo aadaawwan kan biroo jaallachuufis nu kakaaseera.—2 Qor. 6:13.

Achiis waajjirri damee akkuma tasaa gara Tiraakedii akka deemnu nu gaafate; magaalaan kun qarqara bahaa Niiwu Biraanisweekitti argamti. Appaartimentii haaraa tokko kireeffannee waan turreef, anis torbanitti saʼaatii muraasa barsiisuuf mana barumsaa tokkoof mallatteessee waanan tureef, kun nuuf murtoo salphaa hin turre. Kana malees, namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu tokko tokko dhiheenyatti babalʼistoota taʼan, Galma Walgaʼii tokkos ijaaraa turre.

Dhuma torban sanaa waaʼee kanaa kadhachuudhaan dabarsine; achiis Tiraakedii dhaqnee ilaalle, magaalaan kun Riimuskiirraa guutummaatti addadha. Taʼus, Yihowaan achi akka deemnu erga barbaadee deemuu qabna jennee murteessine. Yihowaa qorree ilaaluudhaan, yeroo inni gufuu nu mudatu hunda karaarraa nuuf kaasu argineerra. (Mil. 3:10) Raandiin karaa hafuuraa cimtuu, fedhii ofii aarsaa kan gootuu fi kan tattaphattu taʼuun ishii achi deemuun akka nuuf salphatu godheera.

Jaarsi gumii keenya isa haaraa keessa jiru Roobarti Roos qofa ture. Innii fi haati manaa isaa Lindaan achitti qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa turan, mucaan isaanii inni angafaa erga dhalatee boodas achuma turuuf murteessan. Mucaa isaanii kunuunsuun kan isaan barbaachisu taʼus, mana isaaniitti nu simachuudhaan, akkasumas hinaaffaadhaan tajaajiluudhaan baayʼee nu jajjabeessaniiru.

IDDOO BARBAACHISU KAMITTIYYUU TAJAAJILUUN EEBBA ARGAMSIISA

Ganna hojii daawwannaa itti jalqabne

Tiraakediitti qajeelchitoota taanee waggaa lama erga tajaajillee booda, akkuma tasaa hojii daawwannaa akka hojjennu affeeramne. Aanaawwan Afaan Ingiliffaa itti dubbatamu keessatti waggaa torba erga tajaajillee booda, Kiyuubeekitti aanaa Afaan Faransaayi itti dubbatamu keessatti ramadamne. Kiyuubeek keessatti ilaaltuu olaanaa koonyaa keenyaa kan taʼe Liyoons Kiriipoolt, yeroon haasaa dhiheessu na galateeffata ture. Sana booda garuu yeroo hunda, “Haasaan kee caalaatti namoota kan fayyadu akka taʼu gochuu kan dandeessu akkamitti?” jedhee na gaafata ture. b Karaa kanaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa naaf kennuun isaa, barumsi koo caalaatti namoota kan fayyaduu fi salphaa akka taʼu gochuuf na gargaareera.

Bara 1978tti Walgaʼii Idil Addunyaa Montiriiyaal keessatti geggeeffamee fi “Amantii Injifannoo Argatu” jedhamurratti hojii naaf kenname yoomiyyuu hin irraanfadhu. Kutaa Tajaajila Nyaataa keessatti akkan tajaajilu ramadameen ture. Namoonni 80,000 taʼan akka argaman eegaa turre, akkaataan nyaata itti dhiheessinus isa sana dura beeknurraa adda ture. Miʼawwan itti fayyadamnu, nyaanni qophaaʼuu fi malli nyaanni itti qophaaʼu guutummaatti adda ture. Firiijii guguddaa gara 20 kan qabnu taʼus, yeroo tokko tokko hin hojjetan turan. Istaadiyeemichi sagantaa ispoortiitiif qabamee waan tureef, wantoota guyyaa jalqabaatiif barbaachisan qoqopheessuuf gara istaadiyeemichaatti seenuu kan dandeenye halkan walakkaa boodadha. Lafti bariʼuu isaa dura ciree qopheessuu jalqabuu qabna turre. Baayʼee dadhabnee kan turre taʼus, obboloota na faana tajaajilaa turanirraa barumsa argadheera; obboloonni kun jabaatanii kan hojjetan, bilchina kan qabanii fi tattaphachuu kan jaallatan turan. Michummaan keenya hamma ammaatti itti fufeera. Kiyuubeek keessatti walgaʼii guddaa seena qabeessa taʼe kanarratti argamuun baayʼee nama gammachiisa; bulchiinsa kana keessatti bara 1940mmanii fi 1950mman keessa obboloota keenyarra ariʼatamni cimaan gaʼaa ture.

Bara 1985tti Raandii wajjin qophii walgaʼii guddaadhaaf godhamurratti utuu gargaarsa goonuu

Obboloota yeroo Montiriiyaal keessatti walgaʼiiwwan guguddaan geggeeffamanitti na faana ilaaltota olaanoo taʼaanii tajaajilaa turanirraas wanta baayʼee baradheera. Deevid Ispileen inni yeroo ammaatti miseensa Qaama Olaanaa taʼee tajaajilaa jiru, waggaa tokko ilaaltuu olaanaa walgaʼichaa taʼee tajaajilaa ture. Walgaʼii guddaa ittaanurratti bakka isaa buʼee akkan hojjedhu yeroon gaafatametti Deevid deggersa guddaa naaf godheera.

Waggaa 36f hojii daawwannaa erga hojjennee booda bara 2011tti barsiisaa Mana Barumsaa Jaarsolii Gumii taʼee akkan tajaajilun affeerame. Anii fi Raandiin waggaa lama keessatti siree garaa garaa 75 irra ciisuun kan nu barbaachise taʼus, aarsaa kaffalletti matumaa hin gaabbinu. Jaarsoliin sun Qaamni Olaanaa nageenyi hafuuraa isaanii hammam akka isa yaaddessu waan hubataniif, yeroo hunda dhuma torbaniirratti baayʼee galateeffatu turan.

Yeroo boodammoo, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaarratti barsiiseera. Barattoonni guyyaatti saʼaatii torbaaf taaʼanii baratu, yeroo hunda galgala saʼaatii sadiif hoji manee hojjetu, akkasumas torbanitti kutaan afur ykn shan isaaniif kennama ture; kanaan kan kaʼes, yeroo baayʼee dadhabbii fi dhiphinatu isaanitti dhagaʼama ture. Anii fi obboleessi na faana barsiisus gargaarsa Yihowaa malee kana gochuu akka hin dandeenye isaanitti himna turre. Barattoonni sun Yihowaatti amanamuudhaan isa yaadan caalaa raawwachuu akka dandaʼan yeroo hubatan baayʼee isaan ajaaʼibaa akka ture yeroo hundan yaadadha.

WARRA KAANIIF XIYYEEFFANNAA KENNUUN EEBBA DHUMA HIN QABNE ARGAMSIISA

Haati koo warra kaaniif dhuunfaatti xiyyeeffannaa kan kennitu taʼuun ishii, namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistu guddina akka godhanii fi ilaalchi abbaan koo dhugaadhaaf qabullee akka jijjiiramu godheera. Haati koo duutee guyyaa sadii booda abbaan koo haasaa sabaa dhaggeeffachuuf gara Galma Walgaʼii dhufuun isaa baayʼee nu ajaaʼibee ture; waggoottan 26n sana booda jiranitti walgaʼiirratti argamuu isaa itti fufee ture. Abbaan koo cuuphamuu baatus torban torbaniin walgaʼiirratti dursee argamaa akka ture jaarsoliin gumichaa natti himaniiru.

Haati koo ijoollee ishiitiifis fakkeenya gaarii turte. Obboleettonni koo sadanuu abbootii manaa isaanii wajjin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru. Obboleettiin koo tokko waajjira damee Poortugaal, ishiin kan biraanimmoo waajjira damee Heeyitii keessatti tajaajilaa jiru.

Anii fi Raandiin yeroo ammaatti Haamiltan, Ontaariyoo keessatti qajeelchitoota addaa taanee tajaajilaa jirra. Yeroo hojii daawwannaa hojjechaa turretti deddeebii gaaffii fi qoʼannaa obbolootaarratti argamuun nu gammachiisa ture. Amma garuu guddina hafuuraa barattoota ofii keenyaa arguudhaan gammadaa jirra. Obbolootaa fi obboleettota gumii keenya isa haaraa keessa jiranitti dhihaachaa yeroo deemnu, Yihowaan yeroo gaariittis taʼe yeroo gaarii hin taanetti akkamitti isaan deggeraa akka ture arguu keenyatti jajjabaanneerra.

Duubatti deebinee yeroo yaannu, obboloonni garaa garaa dhuunfaatti xiyyeeffannaa nuuf kennuu isaanii baayʼee dinqisiifanna. Nutis Yihowaa tajaajiluuf wanta dandaʼan hunda akka godhan isaan jajjabeessuudhaan namootaaf ‘garaadhaa akka yaannu’ argisiisuuf carraaqqii goona. (2 Qor. 7:6, 7) Fakkeenyaaf, maatii tokko keessatti haati, ilmii fi intalli tajaajila yeroo guutuu keessa jiru. Anis waaʼee qajeelchaa taʼuu yaadee kan beeku taʼuu isaan abbaa isaanii gaafadhe. Innis qajeelchitoota sadii deggeraa akka jiru natti hime. Anis, “Yihowaa caalaa isaan deggeruu dandeessaa?” jedheen isa gaafadhe. Achiis tajaajila isaan gammachuudhaan irratti hirmaachaa jiranirratti hirmaachuudhaan gammachuu akka argatun isa jajjabeesse. Innis jiʼa jaʼa booda qajeelchaa taʼe.

Anii fi Raandiin waaʼee ‘hojiiwwan Yihowaa warra dinqisiisoo taʼanii dhaloota itti aanutti’ himuu keenya itti fufneerra; isaanis akkuma keenya Yihowaa tajaajiluudhaan gammachuu akka argatan abdanna.—Far. 71:17, 18.

a Yeroo ammaatti ilaaltuu olaanaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa jedhama.

b Seenaa jireenyaa Liyoons Kiriipoolt Masaraa Eegumsaa Guraandhala 2020, ful. 26-30 irraa dubbisi.