MATA DUREE QOʼANNAA 32
Yaada Ofiitti kan hin Cichine Taʼuudhaan Yihowaa Fakkaadhaa
“Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu.”—FILP. 4:5.
FAARFANNAA 89 Dhagaʼi, Ajajami, ni Eebbifamta
QABIYYEE a
1. Kiristiyaanonni akka mukaa taʼuu kan qaban karaa kamiini? (Fakkichas ilaali.)
“BUBBEEN muka jajalʼachuu dandaʼu hin cabsu.” Jechamni kun mukti tokko yeroo bubbee cimaan jiraatutti akka hin cabneef jajalʼachuun akka isa barbaachisu argisiisa. Nutis gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf yeroo haalli rakkisaan nu mudatu akkuma haala isaatti jijjiirama gochuun keenya barbaachisaadha. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Haalli keenya yeroo jijjiiramu sirreeffama gochuudhaan, akkasumas ilaalchaa fi murtoo warra kaanii kabajuudhaan yaada keenyatti akka hin cichine argisiisuu qabna.
2. Amaloonni jijjiirama nu mudatutti baruuf nu gargaaran kamfaʼi? Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
2 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef yaada keenyatti kan hin cichine taʼuu barbaanna. Gad of qabuu fi gara laafina argisiisuus ni barbaanna. Mata duree kana keessatti Kiristiyaanonni tokko tokko amaloota kana qabaachuun isaanii jijjiirama jireenya isaanii keessatti isaan mudate dandamachuuf kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe ilaalla. Amaloota kana horachuun keenya kan nu gargaaru akkamitti akka taʼes ni ilaalla. Jalqaba garuu, Yihowaa fi Yesuus yaada ofiitti kan hin cichine taʼuudhaan fakkeenya kan nuuf taʼan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
YIHOWAA FI YESUUS YAADA OFIITTI HIN CICHAN
3. Yihowaan yaada isaatti kan hin cichine taʼuu isaa akkamitti beekna?
3 Yihowaan cimaa fi kan hin sochoone waan taʼeef “Qarsaa” jedhameera. (Kes. 32:4) Taʼus, yaada isaatti hin cichu. Addunyaan kun jijjiiramaa yeroo deemu Yihowaan kaayyoo isaa raawwachuuf jecha akkuma haala isaatti jijjiirama gochuu isaa itti fufeera. Yihowaan akka bifa isaatti waan nu uumeef ilmaan namootaa dandeettii jijjiiramatti baruu qabu. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu ifa taʼanii fi rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate murtoo gaarii gochuuf nu gargaaran nuuf kenneera. Yihowaan gama kanaan fakkeenya taʼuun isaa fi dhugaawwan buʼuuraa nuu kennuun isaa inni “Qarsaa” qofa utuu hin taʼin yaada isaatti kan hin cichine akka taʼe argisiisa.
4. Fakkeenya Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine argisiisu kenni. (Leewwota 5:7, 11)
4 Daandiin Yihowaa mudaa kan hin qabnedha, akkasumas inni yaada isaatti akka hin cichine argisiisa. Akkaataan itti namoota qabes kana mirkaneessa. Fakkeenyaaf, Yihowaan hariiroo Israaʼelota wajjin qaburratti yaada isaatti akka hin cichine kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Namoonni sooreyyii fi hiyyeeyyii taʼan aarsaa wal fakkaatu akka dhiheessan seera hin baasne. Haalawwan tokko tokko keessatti namoonni hammuma humna isaanii aarsaa akka dhiheessan heyyameera.—Leewwota 5:7, 11 dubbisi.
5. Fakkeenya Yihowaan akka gad of qabuu fi gara laafessa akka taʼe argisiisu kenni.
5 Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine kan isa kakaasu kan gad of qabuu fi gara laafessa taʼuu isaati. Fakkeenyaaf, Yihowaan namoota hamoo Sodoom keessa turan balleessuuf yeroo jedhetti akka gad of qabu argisiiseera. Maleekota isaatti fayyadamee Loox inni nama qajeelaa taʼe gara naannoo gaarotaatti akka baqatu ajajee ture. Loox garuu achi deemuu sodaate. Kanaafuu, innii fi maatiin isaa magaalaa xinnoo Zoʼaar jedhamtuu fi Yihowaan balleessuuf murteessetti akka baqatan akka isaaniif heyyamu kadhate. Yihowaan Loox wanta ajajame akka raawwatu isatti himuu ni dandaʼa ture. Taʼus, magaalattii balleessuu dhiisuudhaan Loox achitti akka baqatu isaaf heyyameera. (Uma. 19:18-22) Jaarraawwan hedduu booda Yihowaan jiraattota Nanawweetti gara laafina argisiiseera. Magaalattiinii fi namoonni hamoon magaalattii keessa jiraatan akka balleeffaman akka isaanitti himu Yoonaasiin ajajee ture. Taʼus, namoonni Nanawwee yaada waan geddarataniif isaaniif gadduudhaan magaalattii balleessuu dhiiseera.—Yon. 3:1, 10; 4:10, 11.
6. Fakkeenya Yesuus akkuma Yihowaa yaada isaatti akka hin cichine argisiisu kenni.
6 Yesuus fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan yaada ofiitti akka hin cichine argisiiseera. Gara lafaatti kan ergame “hoolota mana Israaʼel keessaa badaniif” akka lallabuuf ture. Hojii isaaf kenname yeroo raawwatutti garuu yaada isaatti akka hin cichine argisiiseera. Yeroo tokko dubartiin lammii Israaʼel hin taane takka intala ishii “jinniidhaan qabamtee akka malee dhiphachaa” jirtu akka fayyisu isa kadhattee turte. Yesuusis gara laafinaan kakaʼee intala dubartii sanaa fayyiseera. (Mat. 15:21-28) Mee fakkeenya kan biraas haa ilaallu. Yesuus tajaajila isaa yeroo jalqabetti, ‘Nama na ganu kamiyyuu anis nan gana’ jedhee ture. (Mat. 10:33) Haa taʼu malee, Pheexiros isa siʼa sadi isa gane ganeeraa? Lakki. Yesuus Pheexiros wanta godhetti gaabbuu isaa fi nama amantii qabu taʼuu isaa hubatee ture. Yesuus erga duʼaa kaafamee booda Pheexirositti mulʼatee dhiifama akka isaaf godhee fi akka isa jaallatu isaaf mirkaneesseera.—Luq. 24:33, 34.
7. Filiphisiyus 4:5 akka jedhutti maqaa akkamii qabaachuu barbaanna?
7 Yihowaa fi Yesuus yaada ofiitti akka hin cichine ilaalleerra. Nutoo gama kanaan akkami? Yihowaan yaada keenyatti akka hin cichine nurraa eega. (Filiphisiyus 4:5 dubbisi.) Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Namoonni yaada ofiitti kan hin cichinee fi warra kaaniif kanan obsu akkan taʼetti na ilaaluu? Moo nama mata jabeessa, gara jabeessa ykn yaada ofiitti cichu akkan taʼetti na ilaalu? Wanta tokko karaa ani barbaaduun akka godhan namootarratti dhiibbaa nan godhaa? Moo yeroo dandaʼamutti yaada warra kaanii nan fudhadha?’ Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keenya fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hammam hordofaa akka jirru argisiisa. Mee haalawwan lama keessatti, jechuunis haalli keenya yeroo jijjiiramu, akkasumas ilaalchii fi murtoon warra kaanii kan keenyarraa adda yeroo taʼutti yaada keenyatti akka hin cichine argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
HAALLI KEE YEROO JIJJIIRAMU YAADA OFIITTI KAN HIN CICHINE TAʼI
8. Haalli keenya yeroo jijjiiramu yaada keenyatti akka hin cichine maaltu nu gargaara? (Miiljalees ilaali.)
8 Yaada ofiitti cichuu dhiisuun yeroo haalli keenya jijjiiramu sirreeffama gochuu gaafata. Jijjiiramni akkasii haalli rakkisaan hin eegamne akka nu mudatu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, akkuma tasaa dhibeen fayyaa nu mudachuu dandaʼa. Yookiinimmoo rakkinni diinagdee ykn jijjiiramni siyaasaa naannoo keenyatti uumame akkuma tasaa jireenya keenya jeequu dandaʼa. (Lal. 9:11; 1 Qor. 7:31) Ramaddiin tajaajilaa keenya jijjiiramuun isaallee qorumsa nutti taʼuu dandaʼa. Haalli rakkisaan nu mudate maaliyyuu yoo taʼe tarkaanfiiwwan arfan armaan gadii yoo fudhanne haala haaraa nu mudatetti baruu dandeenya: (1) dhugaa jiru amannee fudhachuu, (2) yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffachuu, (3) wanta gaariirratti xiyyeeffachuu fi (4) warra kaan gargaaruu. b Mee muuxannoowwan tarkaanfiiwwan kana fudhachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti akka taʼe argisiisan tokko tokko haa ilaallu.
9. Hiriyoonni gaaʼelaa misiyoonota taʼan tokko rakkina akkuma tasaa isaan mudate dandamachuu kan dandaʼan akkamitti?
9 Dhugaa jiru amanii fudhadhu. Imaanuweelaa fi Firaancheeskaan biyya alaatti misiyoonota taʼanii ramadamanii turan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun afaan haaraa barachuu fi obboloota gumii isaanii jiran wajjin walbaruu akkuma jalqabaniin weerarri dhibee Kooviid-19 waan kaʼeef warra kaanirraa adda of baasuun isaan barbaachise. Achiis haati Firaancheeskaa akkuma tasaa duute. Firaancheeskaan maatii ishii wajjin taʼuuf baayʼee barbaaddee kan turte taʼus, sababa weerara dhibee kanaatiin maatii ishii bira dhaquu hin dandeenye. Maarree, haala abdii nama kutachiisan kana dandamachuu kan dandeesse akkamitti? Tokkoffaa, Imaanuweelaa fi Firaaancheeskaan rakkina guyyaa guyyaadhaan isaan mudatu dandamachuu akka dandaʼanii fi akka hin dhiphanne waliin taʼanii kadhatan. Yihowaanis qophiiwwan hafuuraa yeroo isaaniitti dhihaatanitti fayyadamee kadhannaa isaaniitiif deebii kenneera. Fakkeenyaaf, wanti obboleessi tokko viidiyoo tokkorratti akkana jechuudhaan dubbate isaan jajjabeesseera: “Haala haaraa nu mudate dafnee kan itti barru yoo taʼe gammachuun keenya dafee nuu deebiʼa; kunimmoo haala haaraa nu mudatetti akka gaariitti fayyadamuuf carraa nuu bana.” c Lammaffaa, bilbilaan dhugaa baʼuurratti dandeettii qaban guddifachuuf murteessan; qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuullee dandaʼaniiru. Sadaffaa, obboloonni naannichaa jaalalaan kakaʼanii yeroo isaan jajjabeessanii fi isaan gargaaran, gargaarsa isaanii fudhataniiru. Obboleettii gaariin takka guyyaa guyyaadhaan waggaa tokkoof ergaa gabaabaa caqasa Kitaaba Qulqulluu qabate isaaniif ergiti turte. Nutis haala haaraa nu mudate amannee kan fudhannu yoo taʼe wanta gochuu dandeenyutti gammaduu ni dandeenya.
10. Obboleettiin takka jijjiirama guddaa jireenya ishii keessatti ishii mudatetti baruu kan dandeesse akkamitti?
10 Yeroo gara fuulduraarrattii fi wanta gaariirratti xiyyeeffadhu. Obboleettiin lammii Roomaaniyaa Jaappaan keessa jiraattuu fi Kiristiinaa jedhamtu gumiin Afaan Ingiliffaa ishiin irratti hirmaachaa turte yeroo diigamu baayʼee gadditee turte. Taʼus, wanta darberratti hin xiyyeeffanne. Kanaa mannaa, Afaan Jaappaaniin akka gaariitti tajaajiluudhaan gumii afaanichaan geggeeffamu keessatti wanta dandeessu hunda gochuuf murteessite. Afaan kana akka ishii barsiistu dubartii duraan ishii wajjin hojjechaa turte gaafatte. Dubartiin sunis Afaan Jaappaan ishii barsiisuuf Kitaaba Qulqulluu fi birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamuuf irratti walii galte. Kiristiinaan Afaan Jaappaan barachuu dandeesseetti; dubartiin sunis waaʼee Kitaaba Qulqulluu beekuuf fedhii argisiisuu jalqabdeetti. Yeroo gara fuulduraarrattii fi wantoota gaggaariirratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe jijjiiramni akka tasaa nu mudatu eebba hin eegamne nuuf argamsiisuu dandaʼa.
11. Hiriyoonni gaaʼelaa rakkinni maallaqaa isaan mudate tokko haala isaa dandamachuu kan dandaʼan akkamitti?
11 Warra kaan gargaari. Hiriyoonni gaaʼelaa biyya hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan tokko yeroo diinagdeen biyyattii kufetti madda galii isaanii dhaban. Maarree, haala kanatti baruu kan dandaʼan akkamitti? Jalqaba, jireenya isaanii salphisuuf tarkaanfii fudhatan. Achiis rakkina isaaniirratti xiyyeeffachuu mannaa, tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsuudhaan warra kaan gargaaruurratti xiyyeeffachuuf murteessan. (HoE. 20:35) Abbaan manaa akkana jedheera: “Tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsuun yeroo baayʼee yaada gaarii hin taanerratti akka hin xiyyeeffannee fi fedhii Waaqayyoo raawwachuurratti xiyyeeffachuuf yeroo dabalataa akka argannu nu gargaareera.” Yeroo haalli keenya jijjiiramu keessumaa tajaajilarratti hirmaachuudhaan warra kaan gargaaruu keenya itti fufuun hammam barbaachisaa akka taʼe yaadachuu qabna.
12. Fakkeenyi Phaawulos ergamaa jijjiirama tajaajila keenyarratti nu mudatutti baruuf kan nu gargaaru akkamitti?
12 Tajaajila keenyarratti akkuma haala isaatti sirreeffama gochuu qabna. Namoota amantii fi ilaalcha garaagaraa qaban, akkasumas namoota akkaataa guddinaa garaagaraa qaban wajjin wal argina. Phaawulos ergamaan akkuma haala isaatti sirreeffama godha ture; nutis fakkeenya isaarraa barachuu dandeenya. Yesuus, “saboota kaaniif ergamaa” akka taʼuuf Phaawulosiin muudeera. (Rom. 11:13) Kanaafuu, Phaawulos Yihudootaaf, Giriikotaaf, namoota barataniif, namoota baadiyyaatiif, abbootii taayitaa mootummaa fi moototaaf lallabuu dandaʼeera. Phaawulos garaa namoota kanaa tuquuf “akaakuu namootaa hundumaatiif waan hundumaa” taʼeera. (1 Qor. 9:19-23) Aadaa, akkaataa guddinaa fi amantii namoota isa dhaggeeffataniitiif xiyyeeffannaa waan kenneef, karaa garaa isaanii tuquun isaan haasofsiisuu dandaʼeera. Nutis akkuma haala isaatti sirreeffama kan goonuu fi karaa gaarii namoota argannu hundumaa gargaaruu itti dandeenyu kan yaannu yoo taʼe tajaajila keenyarratti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya.
ILAALCHA WARRA KAANII KABAJI
13. Ilaalcha warra kaanii kabajuun rakkina 1 Qorontos 8:9 irratti ibsame kamirraa nu oolcha?
13 Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keenya ilaalcha warra kaanii kabajuufis nu gargaara. Fakkeenyaaf, obboleettonni keenya tokko tokko meekaappii dibachuu jaallatu, kaanimmoo hin jaallatan. Kiristiyaanonni tokko tokko hamma tokko dhugaatii alkoolii dhuguun isaan gammachiisa, kaanimmoo dhuguu hin barbaadan. Kiristiyaanonni hundi fayya buleeyyii taʼuu barbaadu, taʼus fayyaa isaanii eeggachuuf malli itti fayyadaman garaagara. Filannaan keenya yeroo hunda sirrii akka taʼe yaaduudhaan warri kaanis filannaa keenya akka fudhatan amansiisuuf kan yaallu yoo taʼe, warra kaan gufachiisuu fi qoqqoodinsa uumuu dandeenya. Akkas gochuu akka hin barbaanne beekamaadha. (1 Qorontos 8:9 dubbisi; 10:23, 24) Mee fakkeenyota dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuun madaallii keenya eeggachuu fi nagaa uumuuf akkamitti akka nu gargaaru argisiisan lama haa ilaallu.
14. Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenya ilaalchisee murtoo yeroo goonu dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kamfaa sammuutti qabachuu qabna?
14 Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa. Yihowaan akkaataa uffannaa keenya ilaalchisee seera baasuu mannaa, dhugaawwan buʼuuraa ittiin geggeeffamuu dandeenyu nuu kenneera. Uffata tajaajiltoota Waaqayyootiif malu, yaada ofiitti akka hin cichine, kabaja kan qabnuu fi “hubannaadhaan” akka deddeebinu argisiisu uffachuu qabna. (1 Xim. 2:9, 10; 1 Phe. 3:3) Kanaafuu, akkaataa uffannaa keenyaan xiyyeeffannaa hin barbaachisne ofitti hin harkisnu. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jaarsoliin akkaataa uffannaa fi akkaataa rifeensa itti qaban ilaalchisee seera mataa isaanii akka hin baasne isaan gargaaru. Fakkeenyaaf, jaarsoliin gumii tokko keessa jiran dargaggoota akkaataa rifeensa isaanii itti qabanirratti dargaggoota naannoo isaanii jiran hordofan gargaaruu barbaadanii turan; rifeensi dargaggoota kanaa gabaabaa taʼus seeraan kan hin qabamne ture. Maarree, jaarsoliin sun seera utuu hin baasin isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Ilaaltuun olaanaa aanaa isaanii obboloota sanaan akkana akka jedhan jaarsolii gorse: “Waltajjiirra baatanii kutaa yeroo dhiheessitan dhaggeeffattoonni kutaa keessanirratti utuu hin taʼin isinirratti yoo xiyyeeffatan akkaataan uffannaa fi miidhaginaa keessan rakkina qaba jechuudha.” Yaanni salphaa taʼe kun seera baasuun utuu hin barbaachisin dhimmichi akka furamu godheera. d
15. Seeronnii fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu yaalii fayyaa ilaalchisee murtoo gochuuf nu gargaaran kamfaʼi? (Roomaa 14:5)
15 Yaalii fayyaa. Kiristiyaanonni hundi akkaataa itti fayyaa isaaniitiif kunuunsa godhan ofuma isaaniitiin murteessuu qabu. (Gal. 6:5) Kiristiyaanonni yaalii fayyaa tokko yeroo filatan seera Kitaaba Qulqulluu dhiigaa fi gocha hafuurota hamoorraa akka fagaannu ajaju eeguu qabu. (HoE. 15:20; Gal. 5:19, 20) Warri kanaan ala jiran garuu filannaa dhuunfaatiif kan dhiifamanidha. Tokko tokko yeroo dhukkubsatan mana yaalaa qofa deemuudhaan gargaarsa argachuuf yaalu; warri kaanimmoo malawwan yaalii fayyaa kan birootti fayyadamuu filatu. Mala yaalii fayyaa tokko ilaalchisee wanti nutti dhagaʼamu maaliyyuu yoo taʼe yaalii fayyaa ilaalchisee murtoo obboloonnii fi obboleettonni keenya godhan ni kabajna. Kana ilaalchisee qabxiilee armaan gadii sammuutti qabachuu qabna: (1) Fayyaa guutuu kan qabaannu Mootummaa Waaqayyoo jalatti qofadha. (Isa. 33:24) (2) Kiristiyaanni tokko wanta isaaf wayyu ‘guutummaatti mirkaneeffachuu’ qaba. (Roomaa 14:5 dubbisi.) (3) Warra kaanitti murteessuu ykn gufuu isaanitti taʼuu hin qabnu. (Rom. 14:13) (4) Kiristiyaanonni jaalala argisiisuu fi filannaa dhuunfaa isaanii caalaa nageenya gumiitiif dursa kennuu qabu. (Rom. 14:15, 19, 20) Qabxiilee kana sammuutti yoo qabanne obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaanna; tokkummaa gumiitiifis gumaacha goona.
16. Jaarsi tokko hariiroo jaarsolii kaan wajjin qaburratti yaada isaatti akka hin cichine argisiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
16 Jaarsoliin yaada ofiitti kan hin cichine taʼuurratti fakkeenya gaarii taʼuu qabu. (1 Xim. 3:2, 3) Fakkeenyaaf, jaarsi tokko jaarsolii kaanirra umuriidhaan waan caaluuf qofa yaanni isaa yeroo hunda fudhatama akka argatu eeguu hin qabu. Hafuurri Yihowaa miseensi qaama jaarsolii kamiyyuu yaada murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuuf gargaaru akka kennu kakaasuu akka dandaʼu ni yaadata. Jaarsoliin yaada ofiitti hin cichine dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hamma hin cabnetti murtoon godhame kan isaan filatanirraa adda yoo taʼellee wanta jaarsolii hedduun irratti walii galan fedhiidhaan ni deeggaru.
FAAYIDAA YAADA OFIITTI KAN HIN CICHINE TAʼUUN ARGAMSIISU
17. Kiristiyaanonni yaada ofiitti hin cichine eebba akkamii argatu?
17 Kiristiyaanonni yaada ofiitti kan hin cichine taʼuudhaan eebba hedduu argachuu dandaʼu. Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaanna, gumichis nagaa qabaata. Saba Yihowaa gidduu namoonni eenyummaa fi aadaa garaagaraa qaban jiraachuu isaanitti, akkasumas tokkummaadhaan waaqeffachuu keenyatti ni gammanna. Hunda caalaammoo Waaqa keenya Yihowaa isa yaada isaatti hin cichine fakkaachaa akka jirru beekuu keenyatti ni gammanna.
FAARFANNAA 90 Wal Jajjabeessaa
a Yihowaa fi Yesuus yaada ofiitti hin cichan; nutis amala kana akka horannu barbaadu. Yaada keenyatti hin cichinu yoo taʼe fayyaa keenya ykn haala diinagdee wajjin walqabatee jijjiiramni yeroo nu mudatu itti baruun nuuf salphata. Nagaa fi tokkummaa gumiitiifis gumaacha goona.
b Mata duree “Jijjiiramatti Baruun kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhuu fi Dammaqaa! Lakk. 4 2016 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.
c Viidiyoo Gaafannoo Obboleessa Keenya Dimitrii Mikhaaloviif Godhame jedhamu, Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Bitootessa-Ebla 2021 irraa mata duree “Yihowaan Ariʼatama Gara Dhugaa Baʼuutti Jijjiira” jedhu jalaa ilaali.
d Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa barumsa 52ffaa ilaali.