Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Wantoota Dursa Kennituuf Adda Baafadhu

Hundi keenyayyuu yeroon qoʼannaa dhuunfaatiif ramaduu dandeenyu daangeffamaadha. Maarree, yeroo kanatti sirriitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Jalqaba, yeroo gaʼaa ramadi. Wantoota hedduu ariitiidhaan dubbisuu mannaa, wanta gabaabaa taʼe akka gaariitti qoʼachuun kee caalaatti si fayyada.

Achiis, wantoota dursa kennituuf tokko tokko adda baafadhu. (Efe. 5:15, 16) Fakkeenyaaf, kana yaaluu dandeessa:

  • Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisi. (Far. 1:2) Dubbisa Kitaaba Qulqulluu walgaʼii torban gidduurratti qoʼatamu dubbisuudhaan jalqabuu dandeessaa.

  • Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa fi walgaʼii torban gidduutiif qophaaʼi. Yaada walgaʼiirratti kennitus qophaaʼi.—Far. 22:22.

  • Nyaatawwan hafuuraa barruulee raabsaman, viidiyoowwanii fi jw.org irratti baʼanis soorachuuf yaali.

  • Qorannaa godhi. Rakkina si mudachaa jiru, wanta gaaffii sitti taʼe ykn mata duree Kitaaba Qulqulluu caalaatti hubachuu barbaaddu tokkorratti qorannaa gochuu dandeessa.