Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 29

“Ani Yeroon Dadhabu Yeroo Sanatti Humna Qaba”

“Ani Yeroon Dadhabu Yeroo Sanatti Humna Qaba”

“Ani Kiristoosiif jedhee dadhabinatti, arrabsootti, dhabatti, ariʼatamattii fi rakkinatti guddaa nan gammada.”—2 QOR. 12:10.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

QABIYYEE *

1. Phaawulos ergamaan maal ifatti amanee fudhateera?

PHAAWULOS ERGAMAAN yeroo tokko tokko akka dadhabu ifatti dubbateera. Qaamni isaa ‘dhumaa akka deemu,’ jechuunis wanta sirrii taʼe raawwachuuf walʼaansoo gochuu akka qabu amanee fudhateera, Yihowaanis karaa inni eegeen kadhannaa isaatiif deebii hin kennine. (2 Qor. 4:16; 12:7-9; Rom. 7:21-23) Kana malees, mormitoonni isaa akka dadhabaatti akka isa ilaalan amanee fudhateera. * Haa taʼu malee, ilaalchi dogoggoraa warri kaan isaaf qabaniis taʼee dadhabinni isaa, nama gatii hin qabne akka taʼetti akka isatti dhagaʼamu hin heyyamne.—2 Qor. 10:10-12, 17, 18.

2. Akkuma 2 Qorontos 12:9, 10 irratti ibsame, Phaawulos barumsa barbaachisaa akkamii argateera?

2 Phaawulos namni tokko dadhabaa akka taʼe yoo isatti dhagaʼame iyyuu, jabaa taʼuu akka dandaʼu barumsa barbaachisaa argateera. (2 Qorontos 12:9, 10 dubbisi.) Yihowaan humni Phaawulos ‘guutuu kan taʼu yeroo dadhabutti,’ jechuunis Yihowaan humna Phaawulosiin barbaachisu yeroo isaaf kennutti akka taʼe isatti himeera. Mee jalqaba irratti, mormitoonni keenya yeroo nu arrabsanitti jeeqamuu kan hin qabne maaliif akka taʼe haa ilaallu.

‘ARRABSOOTTI GUDDAA GAMMADAA’

3. Arrabsootti guddaa kan gammannu maaliifi?

3 Eenyuu iyyuu arrabsamuu hin barbaadu. Haa taʼu malee, diinonni keenya yoo nu arrabsanii fi nutis wanti isaan jedhan gar malee kan nu dhiphisu yoo taʼe, abdii nu kutachiisuu dandaʼa. (Fak. 24:10) Maarree, arrabsoo mormitoota keenyaa akkamitti ilaaluu qabna? Akkuma Phaawulos nutis ‘arrabsootti guddaa gammanna.’ (2 Qor. 12:10) Maaliif? Sababiin isaas arrabsamuunii fi mormiin nu irra gaʼuun isaa, barattoota Yesuus warra dhugaa taʼuu keenya argisiisa. (1 Phe. 4:14) Yesuus duuka buutota isaa irra ariʼatamni akka gaʼu dubbateera. (Yoh. 15:18-20) Kun Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa irra gaʼeera. Bara sanatti, namoonni aadaan Giriikii dhiibbaa isaan irratti godhe Kiristiyaanonni kan hin barannee fi dadhaboo akka taʼanitti isaan ilaalu turan. Kiristiyaanonni Yihudoota biratti akkuma Pheexirosii fi Yohaannis ergamaa “namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” akka taʼanitti ilaalamu turan. (HoE. 4:13) Namoonni hedduun Kiristiyaanonni dadhaboo fi diinota isaanii of irraa ittisuuf humna kan hin qabne akka taʼan godhanii yaadu. Siyaasa keessa waan hin seenneef mootummaa irratti dhibbaa gochuu hin dandaʼan jedhu. Akkasumas loluu fi of irraa ittisuuf humna waan hin qabneef humna waraanaa kam keessa iyyuu seenuu hin barbaadan jedhanii yaadu.

4. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa ilaalcha dogoggoraa mormitoonni isaanii qabaniif deebii akkamii kennan?

4 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa kunneen ilaalchi dogoggoraa mormitoonni isaanii isaaniif qaban akka isaan dhaabsisu heyyamaniiruu? Matumaa. Fakkeenyaaf, Pheexiros ergamaa fi Yohaannis ergamaan, Yesuus duukaa buʼuu isaaniitii fi barumsa isaa warra kaanitti himuu isaaniitiin kan kaʼe ariʼatamni isaan irra gaʼuun isaa akka mirga guddaatti ilaalu turan. (HoE. 4:18-21; 5:27-29, 40-42) Barattoonni sababii itti qaanaʼan hin qaban turan. Oolee bulee, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa gad of qaboo taʼan kunneen, wanta mormitoonni isaanii raawwatan kam iyyuu caalaa namootaaf waan gaarii hedduu godhaniiru. Fakkeenyaaf, kitaabonni Kiristiyaanota sana keessaa tokko tokko geggeessaa hafuuraatiin barreessan, namoota miliyoonaan lakkaaʼaman gargaaruu fi abdii akka qabaatan gochuu isaanii itti fufaniiru. Kana malees, Mootummaan isaan waaʼee isaa labsaa turan yeroo ammaatti samii irratti bulchaa kan jiru yeroo taʼu, dhiheenyatti immoo guutummaa ilmaan namootaa irratti bulchuu jalqaba. (Mat. 24:14) Faallaa kanaatiin immoo, humni siyaasaa aangoo guddaa qabuu fi Kiristiyaanota irra ariʼatama geessisaa ture guutummaatti kan balleeffame siʼa taʼu, barattoonni amanamoon kunneen garuu yeroo ammaatti samii irratti mootota taʼaniiru. Mormitoonni isaanii garuu duʼaniiru; duʼaa kaʼuuf carraa yoo argatan illee, Mootummaa Kiristiyaanonni isaan jibbaa turan kunneen labsaa turan jalatti bulu.—Mul. 5:10.

5. Akka Yohaannis 15:19 jedhutti, sabni Yihowaa gad aanaa akka taʼetti kan ilaalamu maaliifi?

5 Yeroo harʼaattis, namoonni tokko tokko sadarkaan barumsaa keenya gad aanaa akka taʼee fi dadhaboo akka taanetti waan yaadaniif, Dhugaa Baatota Yihowaa hin kabajan, akkasumas nutti qoosu. Maaliif? Sababiin isaas ilaalcha namoonni naannoo keenya jiran qaban waan hin qabneefi. Nuti gad of qabuuf, garraamii taʼuu fi ajajamuuf carraaqqii goona. Faallaa kanaatiin immoo, addunyaan namoota of jajan, of tuulanii fi finciltoota taʼan jajjabeessa. Dabalataanis, siyaasa keessa hin seennu; akkasumas raayyaa waraanaa biyya kamii keessatti iyyuu hin hirmaannu. Addunyaa yeroo harʼaa jiru irraa adda waan taaneef, warra kaan irraa gad aanaa akka taanetti yaadu.—Yohaannis 15:19 dubbisi; Rom. 12:2.

6. Yihowaan saba isaatti fayyadamee maal raawwachaa jira?

6 Ilaalcha Addunyaan nuuf qabu maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan karaa keenya wantoota baayʼee dinqisiisoo taʼan raawwachaa jira. Inni seenaa ilmaan namootaa keessatti duula hojii lallabaa guddaa taʼe raawwachaa jira. Yeroo harʼaatti biyya lafaa irratti tajaajiltoonni isaa barruulee baayʼinaan hiikamanii fi raabsaman qopheessaa jiru; akkasumas Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman jireenya isaanii akka fooyyessan gargaaraa jiru. Hojiiwwan dinqisiisoo taʼan kana hundumaaf kan galateeffamu Yihowaa isa garee namoota dadhaboo fakkaatan kanatti fayyadamee hojiiwwan guguddaa taʼan hojjetu dha. Waaʼee tokkoon tokkoon keenyaa hoo maal jechuutu dandaʼama? Yihowaan humna akka qabaannu nu gargaaruu dandaʼaa? Taanaan gargaarsa kana argachuuf maal gochuu qabna? Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa irraa wantoota barachuu dandeenyu sadii haa ilaallu.

JABINA KEESSANITTI HIN AMANAMIINAA

7. Fakkeenya Phaawulos irraa barumsi argannu inni tokko maali dha?

7 Fakkeenya Phaawulos irraa barumsi argannu inni tokko isa kana: Yihowaa yeroo tajaajiltan jabina ykn dandeettii keessanitti hin amanaminaa. Akka ilaalcha namaatti Phaawulos kooruu fi ofitti amanamuuf sababa qaba ture. Inni Xarsees magaalaa guddoo koonyaa Roomaa taatee keessatti guddate. Xarsees magaalaa badhaatuu fi mana barumsaa sadarkaa ol aanaa beekamaa taʼe kan qabdu turte. Phaawulos nama akka gaaritti barate, jechuunis Gamaaliʼel isa bara sanatti gaggeessaa Yihudootaa baayʼee kabajamaa taʼe irraa barate dha. (HoE. 5:34; 22:3) Yeroo taʼe tokkotti Phaawulos haawaasa Yihudootaa keessatti nama iddoo guddaa qabu ture. “Saba koo keessatti warra hiriyoota koo taʼan hedduu caalaas amantii Yihudii keessatti baayʼee guddachaan ture” jedheera. (Gal. 1:13, 14; HoE. 26:4) Taʼus, Phaawulos ofitti hin amanamne.

Phaawulos wantoota faayidaa kan qaban fakkaatan mirga duuka buutuu Kiristoos taʼuuf argate wajjin yommuu wal bira qabu akka “kosiitti” ilaaleera (Keeyyata 8 ilaali) *

8. Akka Filiphisiyus 3:8 jedhutti, Phaawulos wantoota aarsaa godhe akkamitti ilaale? ‘Dadhabina isaatti guddaa kan gammade’ hoo maaliifi?

8 Phaawulos akka ulaagaa addunyaatti wanta cimaa isa taasisu gammachuudhaan dhiiseera. Wantoota duraan faayidaa kan qaban fakkaatan kunneen akka “kosiitti” ilaaluu dandaʼeera. (Filiphisiyus 3:8 dubbisi.) Phaawulos duuka buutuu Kiristoos taʼuu isaatiin kan kaʼe rakkinni hedduun isa irra gaʼeera. Saba isaatiin jibbameera. (HoE. 23:12-14) Namoota akkuma isaa lammii Roomaa taʼaniin reebameera, akkasumas hidhameera. (HoE. 16:19-24, 37) Kana malees, mudaa akka qabuu fi wanta sirrii taʼe raawwachuun carraaqqii guddaa gochuu akka gaafatu hubatee ture. (Rom. 7:21-25) Taʼus, mormitoonni isaa fi dadhabinni isaa akka isa laaffisu heyyamuu mannaa, ‘dadhabina isaatti guddaa gammada’ ture. Maaliif? Sababiin isaas yeroo dadhabutti humni Waaqayyoo jireenya isaa keessatti akka hojjetu argeera.—2 Qor. 4:7; 12:10.

9. Wantoota dadhaboo akka taane akka nutti dhagaʼamu taasisaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

9 Yihowaa biraa humna argachuu yoo barbaanne, ciminni qaamaa, sadarkaan barumsaa, akkaataan guddinaa ykn qabeenyi keenya isa biratti iddoo guddaa akka qabu goonee yaaduu hin qabnu. Wantoonni kunneen Yihowaa biratti fudhatama argachuuf wanta nu barbaachisan miti. Sabni Waaqayyoo baayʼeen isaanii iyyuu ‘warra akka ilaalcha namootaatti ogeeyyii taʼan keessaa, namoota jajjaboo taʼan hedduu fi namoota maatii beekamoo taʼan keessaa kan dhalatan’ miti. Kanaa mannaa, Yihowaan “wantoota addunyaa dadhaboo” taʼanitti fayyadamuuf filate. (1 Qor. 1:26, 27) Atis wantoota keeyyata kana jalqaba irratti caqasaman hin qabdu yoo taʼe iyyuu, Yihowaa tajaajiluu ni dandeessa. Kanaafuu, carraa humna Yihowaa karaa kee yommuu hojjetu arguuf si dandeessisu akka taʼetti ilaali. Fakkeenyaaf, namoota amantii kee akka shakkitu gochuuf yaalaniin sodaan yoo sitti dhagaʼame, Yihowaan ija jabina amantii keetiif falmuuf si gargaaru akka siif kennu kadhadhu. (Efe. 6:19, 20) Dhibee fayyaa cimaa taʼe wajjin qabsoo gochaa jirta yoo taʼes, humna hamma dandeessu tajaajila Yihowaa irratti hirmaachuuf si gargaaru akka siif kennu isa kadhadhu. Gargaarsa Yihowaan siif godhu yommuu argitu hundatti, amantiin kee dabala deema, atis caalaatti cimaa taata.

FAKKEENYOOTA KITAABA QULQULLUU KEESSA JIRAN IRRAA BARADHAA

10. Fakkeenyawwan Kitaaba Qulqulluu namoota amanamoo kan akka Ibroota 11:32-34 irratti ibsamanii qoʼachuu kan qabnu maaliifi?

10 Phaawulos Kitaaba Qulqulluu dhimmee qoʼata ture. Inni barumsawwan hedduu kan barate siʼa taʼu, fakkeenya namoota muuxannoon isaanii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman irraas barumsa argateera. Yommuu Ibroota Kiristiyaanota taʼaniif barreessetti fakkeenya tajaajiltoota Yihowaa amanamoo bara duriitii kaasee turan irratti akka yaadan isaan gaafateera. (Ibroota 11:32-34 dubbisi.) Tajaajiltoota kunneen keessaa mee waaʼee Daawit Mootichaa haa ilaallu. Mormii diinota isaa taʼan irraa qofa utuu hin taʼin, namoota yeroo taʼe tokkotti michoota isaa turan tokko tokko irraa isa irra gaʼus dandamachuun isa barbaachiseera. Fakkeenya Daawit yeroo qorrutti, Phaawulos jireenya Daawit irratti xiinxaluudhaan jabina akkamii argatee taʼuu akka dandaʼuu fi fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

Daawit yommuu Goliyaadii wajjin wal loletti wanta dadhabina fakkaatu carraa humna Waaqayyoo arguuf isa dandeessisutti jijjiireera (Keeyyata 11 ilaali)

11. Daawit dadhabaa kan fakkaatu maaliif ture? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

11 Goliyaad inni qaamaan loltuu jabaa taʼe Daawitiin akka nama dadhabaatti ilaaleera. Goliyaad yommuu Daawitiin xiyyeeffatee ilaalu isa “tuffate.” Inni guddaa, meeshaa waraanaa sirriitti kan hidhatee fi waraanaaf akka gaariitti kan leenjiʼe ture. Faallaa kanaatiin immoo, Daawit dargaggeessa muuxannoo hin qabnee fi meeshaa waraanaa sirriitti hin hidhanne fakkaata ture. Taʼus, Daawit wanta dadhabina fakkaatu jabinaatti akka jijjiiramu godhe. Humna argachuuf Yihowaatti amanameera, diina isaas injifateera.—1 Sam. 17:41-45, 50.

12. Daawit haala rakkisaa kan biraa akkamii dandamachuun isa barbaachisee ture?

12 Daawit haala rakkisaa kan biraa dadhabbiin akka isatti dhagaʼamu gochuu dandaʼu dandamachuu qaba ture. Daawit, Saaʼol isa Yihowaan mootii Israaʼel akka taʼu muudee ture amanamummaadhaan tajaajileera. Saaʼol Mootichi jalqaba irratti Daawitiin ni kabaja ture. Yeroo booda garuu, of tuulummaan Saaʼol Daawititti akka hinaafu isa taasise. Saaʼol Daawititti kan hammaate taʼuu isaa irra iyyuu, isa ajjeesuuf yaalii godheera.—1 Sam. 18:6-9, 29; 19:9-11.

13. Saaʼol Mootichi isatti kan hammaate taʼus Daawit deebii akkamii kenne?

13 Saaʼol Mootichi, Daawititti kan hammate taʼus, Daawit mootii Yihowaan muude akka kabaju argisiisuu isaa itti fufeera. (1 Sam. 24:6) Daawit wanta hamaa Saaʼol raawwateef Yihowaa hin komanne. Kanaa mannaa, jabina haala rakkisaa isa muudate dandamachuuf isa barbaachisu akka isaaf kennu Yihowaatti amanameera.—Far. 18:1, ibsa jalqaba boqonnaa irra jiru.

14. Phaawulos ergamaan haala Daawitii wajjin wal fakkaatu akkamiitu isa mudatee ture?

14 Phaawulos ergamaanis haala rakkisaa Daawitiin mudatee ture wajjin wal fakkaatu isa mudateera. Diinonni Phaawulos isa caalaa humna guddaa qabu turan. Bulchitoota bara sana beekamoo taʼan hedduun isa jibbu turan. Yeroo baayʼee isa reebaniiru, mana hidhaattis isa galchaniiru. Akkuma Daawit, Phaawulosis namoota michoota isaa taʼuu qabaniin hammeenyi isa irratti raawwatameera. Kiristiyaanonni gumii keessa turan tokko tokko illee isa mormanii turan. (2 Qor. 12:11; Filp. 3:18) Taʼus, Phaawulos warra isa morman hundumaa injifachuu dandaʼeera. Akkamitti? Mormiin jiraatus lallabuu isaa itti fufeera. Obboloonnii fi obboleettonni isaa yeroo isa gaddisiisanitti illee amanamaa isaaniif taʼee itti fufeera. Hunda caalaa immoo, hamma dhuma jireenya isaatti Waaqayyoof amanamaa taʼee jiraateera. (2 Xim. 4:8) Wantoota kana hunda dandamachuu kan dandaʼe qaamaan jabaa waan tureef utuu hin taʼin, Yihowaatti waan amanamuuf ture.

Namoota wantoota amantan irratti gaaffii kaasaniif yommuu deebii kennuuf yaaltan kabajaa fi gaarummaa isaanitti argisiisaa (Keeyyata 15 ilaali) *

15. Galmi keenya maali dha? Galmaan gaʼuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

15 Ati hoo ijoollee wajjin barattu, namoota wajjin hojjettu ykn miseensota maatii Dhugaa Baatota hin taane irraa arrabsoon ykn ariʼatama si irra gaʼu dandamachuun si barbaachisaa? Namni gumii keessa jiru tokko hammeenya si irratti raawwatee beekaa? Taanaan, fakkeenya Daawitii fi Phaawulos yaadadhu. ‘Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufuu’ ni dandeessa. (Rom. 12:21) Yeroo namoonni nu morman, akkuma Daawit Goliyaadii wajjin yeroo wal loletti godhe, nutis isaanii wajjin wal loluun nu hin barbaachisu; kanaa mannaa, namoonni waaʼee Yihowaa fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaruuf carraaquudhaan hamaa moʼuu dandeenya. Gaaffii namoonni gaafataniif Kitaaba Qulqulluutti fayyadamnee deebii kennuudhaan, namoota hammeenya nu irratti raawwatan kabajaa fi gaarummaa isaanitti argisiisuudhaan, akkasumas diinota keenya illee dabalatee namoota hundaaf gaarii gochuudhaan galma kana irra gaʼuu dandeenya.—Mat. 5:44; 1 Phe. 3:15-17.

GARGAARSA WARRA KAANII FUDHADHAA

16-17. Wanti Phaawulos matumaa hin irraanfanne maali dha?

16 Phaawulos ergamaan barataa Kiristoos taʼuu isaa dura, dargaggeessa of tuuluu fi duuka buutota Yesuus ariʼatu ture. (HoE. 7:58; 1 Xim. 1:13) Yesuus ofuma isaa Phaawulos inni Saaʼol jedhamee beekamu gumii Kiristiyaanaa irra ariʼatama akka hin geessisne isa dhaabsiseera. Yesuus samii irraa Phaawulositti dubbachuudhaan ijji isaa akka jaamu godhe. Phaawulos qaroon isaa akka isaaf deebiʼuuf, namoota ariʼachaa ture irraa gargaarsa gaafachuuf dirqamee ture. Gad of qabuudhaan barataa Anaaniyaas jedhamuu fi qaroon isaa akka isaaf deebiʼu godhe irraa gargaarsa fudhateera.—HoE. 9:3-9, 17, 18.

17 Phaawulos yeroo booda miseensa gumii Kiristiyaanaa beekamaa taʼuu dandaʼeera; garuu barumsa Yesuus karaa gara Damaasqoo geessu irratti isa barsiise matumaa hin irraanfanne. Sana booda Phaawulos gad of qabee jiraateera, gargaarsa obboloonnii fi obboleettonni isaa isaaf godhanis fedhiidhaan fudhateera. “Madda jajjabinaa” akka isaaf turan amanee fudhateera.—Qol. 4:10, 11.

18. Gargaarsa warri kaan nuuf godhan fudhachuu irraa duubatti kan jennu maaliif taʼuu dandaʼa?

18 Phaawulos irraa maal barachuu dandeenya? Yeroo saba Yihowaa wajjin wal arguu jalqabnetti, karaa hafuuraa ijoollee akka taanee fi wantoota baayʼee barachuu akka qabnu hubannee warra kaan irraa gargaarsa argachuuf fedhii cimaa qabna turre taʼa. (1 Qor. 3:1, 2) Yeroo ammaatti hoo? Waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa kan turree fi muuxannoo hedduu kan qabnu yoo taʼe, gargaarsa warri kaanii, keessumaa immoo gargaarsa obboloonni hamma keenya dhugaa keessa hin turre irraa nuuf kennamu fudhachuuf fedhii hin qabnu taʼa. Taʼus, Yihowaan nu jajjabeessuuf yeroo baayʼee obbolootaa fi obboleettota keenyatti fayyadama. (Rom. 1:11, 12) Humna Yihowaan kennu argachuu yoo barbaanne dhugaa kana amannee fudhachuu qabna.

19. Phaawulos wantoota dinqisiisoo hedduu raawwachuu kan dandaʼe maaliifi?

19 Phaawulos Kiristiyaana erga taʼee booda wantoota dinqisiisoo tokko tokko raawwateera. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas milkaaʼinni nama tokkoo jabina qaamaa, sadarkaa barumsaa, qabeenya ykn iddoo hawaasa keessatti qabu irratti utuu hin taʼin, gad of qabuu fi Yihowaatti amanamuu isaa irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa hubateera. Hundi keenya (1) Yihowaatti amanamuudhaan, (2) fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman irraa barachuudhaan, akkasumas (3) gargaarsa obboloonni keenya nuuf godhan fudhachuudhaan fakkeenya Phaawulos haa hordofnu. Taanaan, hammam dadhabinni kan nutti dhagaʼamu taʼu illee, Yihowaan cimoo nu taasisa.

FAARFANNAA 71 Nu Raayyaa Yihowaa Ti!

^ key. 5 Mata duree kana keessatti fakkeenya Phaawulos ergamaa qorra. Kan gad of qabnu yoo taane, Yihowaan jabina arrabsoo nu irra gaʼuu fi dadhabina keenya dandamachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu hubanna.

^ key. 1 IBSA JECHAA: Sababiiwwan tokko tokkoon, jechuunis mudaa kan qabnu waan taaneef, hiyyeeyyii waan taaneef, waan dhukkubsannuuf ykn sadarkaan barumsaa keenya gad aanaa waan taʼeef dadhabinni nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Kana malees, diinonni keenya dubbiidhaan ykn qaamaan nu miidhuudhaan nu dadhabsiisuuf yaalu.

^ key. 57 IBSA FAKKII: Phaawulos yeroo waaʼee Kiristoos lallabuu deemetti, wantoota yeroo Fariisicha turetti kutaa jireenyaa isaa turan dhiiseera. Kunis maraa kitaaba namoonni kaan barreessanii fi caqasoota bifa kudhaamaatiin qophaaʼan kan dabalatu taʼuu dandaʼa.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Namoonni obboleessa tokkoo wajjin hojjetan qophii guyyaa dhalootaa nama isaanii wajjin hojjetu tokkoo irratti akka hirmaatu dhiibbaa isa irratti gochuuf yaalii gochaa jiru.