Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 30

Dhugaadhaan Deddeebiʼuu Keessan Itti Fufaa

Dhugaadhaan Deddeebiʼuu Keessan Itti Fufaa

“Ijoolleen koo dhugaadhaan deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa anaaf argamsiisu hin jiru.”—3 YOH. 4.

FAARFANNAA 54 “Karichi isa Kana”

QABIYYEE *

1. Akkuma 3 Yohaannis 3, 4 irratti ibsame, wanti nu gammachiisu maali dha?

YOHAANNIS ERGAMAAN namoonni inni dhugaa akka beekan gargaare amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan yommuu dhagaʼu hammam gammadee akka ture tilmaamuu dandeessaa? Rakkoowwan hedduun isaan mudataniiru, Yohaannisis amantii Kiristiyaanota amanamoo karaa hafuuraa ijoollee isaa taʼanii cimsuuf carraaqqii guddaa godheera. Haaluma walfakkaatuun, ijoolleen keenyas taʼan namoonni dhugaa akka beekan gargaarre kaan, Yihowaadhaaf yommuu of murteessanii fi isa tajaajiluu isaanii yommuu itti fufan baayʼee gammanna.—3 Yohaannis 3, 4 dubbisi.

2. Kaayyoon xalayaawwan Yohaannis barreessee maal ture?

2 Yohaannis Dh.K.B. bara 98⁠tti Efesoon keessa ykn naannoo ishiitti dhihoo taʼe keessa jiraachaa kan ture taʼuu hin oolu. Achi jiraachuu kan jalqabe mana hidhaa odoola Phaaximosii erga hiikamee booda taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti, Yihowaan geggeessaa hafuura isaatiin Yohaannis xalayaawwan sadan kunneen akka barreessu isa kakaaseera. Kaayyoon xalayaawwan kanaa, Kiristiyaanonni amanamoon amantii Yesuus irratti qaban eeganii akka jiraatanii fi dhugaa keessa deddeebiʼuu isaanii akka itti fufan jajjabeessuu ture.

3. Gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?

3 Yeroo kanatti ergamoota keessaa lubbuudhaan kan jiru Yohaannis qofa ture; dhibbaan barsiisonni sobaa gumii irratti geessisaa turanis isa yaaddessee ture. * (1 Yoh. 2:18, 19, 26) Gantoonni kunneen Waaqayyoon akka beekan kan dubbatan taʼanis, ajajawwan Yihowaa garuu hin eegan turan. Mee gorsa Yohaannis geggeessaa hafuuraatiin kenne haa ilaallu. Kana yeroo goonutti, gaaffiiwwan sadan kanaaf deebii arganna: Dhugaa keessa deddeebiʼuu jechuun maal jechuu dha? Dhugaa keessa akka hin deddeebine gufuuwwan akkamiitu nu mudata? Dhugaa keessa jiraachuu keenya itti fufuuf wal gargaaruu kan dandeenyu hoo akkamitti?

DHUGAA KEESSA DEDDEEBIʼUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

4. Akkuma 1 Yohaannis 2:3-6 fi 2 Yohaannis 4, 6 irratti ibsame, dhugaa keessa deddeebiʼuun maalfaa dabalata?

4 Dhugaa keessa deddeebiʼuuf, dhugaa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe keessa jiru beekuu nu barbaachisa. Kana malees, ‘ajajawwan Yihowaa eeguu’ qabna. (1 Yohaannis 2:3-6; 2 Yohaannis 4, 6 dubbisi.) Yesuus Yihowaadhaaf ajajamuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Kanaaf karaan Yihowaadhaaf ajajamuu itti dandeenyu keessaa inni guddaan, hamma nuuf dandaʼame faana Yesuus dhiheenyatti hordofuu dha.—Yoh. 8:29; 1 Phe. 2:21.

5. Maal of amansiisuu qabna?

5 Dhugaa keessa deddeebiʼuu keenya itti fufuuf, Yihowaan Waaqa dhugaa, jechuunis wanti inni Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe keessatti nutti himu hundi dhugaa taʼuu isaa of amansiisuu qabna. Kana malees, Yesuus Masiihiicha abdachiifame taʼuu isaa of amansiisuu qabna. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuu isaa ni shakku. Yohaannis ‘dogoggorsitoonni hedduun’ namoota dhugaa waaʼee Yihowaa fi Yesuus dubbatuuf falmuu hin dandeenye gowwoomsuu akka dandaʼan akeekkachiiseera. (2 Yoh. 7-11) Yohaannis, “Yesuus, Kiristoos taʼuu isaa kan ganu malee sobduun eenyu?” jedhee barreesseera. (1 Yoh. 2:22) Karaan gowwoomfamuu irraa ooluu itti dandeenyu Dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan qofa dha. Akkas yoo goone qofa Yihowaa fi Yesuusiin beekuu dandeenya. (Yoh. 17:3) Akkasumas dhugaa akka qabnu of amansiisuu kan dandeenyu akkas yoo goone qofa dha.

DHUGAA KEESSA AKKA HIN DEDDEEBINE GUFUUWWAN AKKAMIITU NU MUDATA?

6. Gufuun shamarree Kiristiyaana taate takka mudate maali dha?

6 Kiristiyaanonni hundi falaasama namootaatiin akka hin gowwoomfamne of eeggachuu qabu. (1 Yoh. 2:26) Keessumaa dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan kiyyoo kanaan akka hin qabamne of eeggachuu qabu. Obboleettiin Aleeksiyaa * jedhamtuu fi umuriin ishii 25 taʼe Faransaay keessa kan jiraattu siʼa taʼu akkana jetteetti: “Yeroon ijoollee turetti ilaalchawwan addunyaa, kan akka barumsa jijjiirama tirannaa fi falaasama namootaa dhugaa akkan shakku na taasisanii turan. Yeroo tokko tokko, barumsawwan kunneen baayʼee na hawwatu turan. Haa taʼu malee, wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu dhiisee, wanta barsiisonni koo jedhan hunda amanuun dogoggora akka taʼe yaaduun jalqabe.” Aleeksiyaan kitaaba Jireenyi Akkamitti Argame? Jijjiirama Tirannaatiin moo Uumamaani? (Ingiliffa) jedhamu qoʼatte. Torban muraasa gidduutti shakkiin ishii ni bade. Aleeksiyaan akkas jetteetti: “Kitaabni Qulqulluun dhugaa akka qabate ofiif qoree mirkaneeffadheera. Akkasumas ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu wajjin haala wal simuun jiraachuun gammachuu fi nagaa akka naaf argamsiisu hubadheera.”

7. Dhiibbaa akkamii dandamachuu qabna? Maaliif?

7 Kiristiyaanonni hundi, jechuunis dargaggoonnis taʼan maanguddoonni jireenya bifa lamaa akka jiraatan dhiibbaa isaan irratti godhamu dandamachuu qabu. Yohaannis jireenya gadhiisii jiraachaa dhugaa keessa deddeebiʼuu akka hin dandeenye ifatti dubbateera. (1 Yoh. 1:6) Ammas taʼe gara fuulduraatti Waaqayyo duratti fudhatama argachuu yoo barbaanne, wanti goonu hundi ifatti akka mulʼatu akka beeknu haala argisiisuun jiraachuu qabna. Karaa biraatiin, Yihowaan wanta goonu hunda waan arguuf, cubbuun dhoksaatti raawwatamu hin jiru.—Ibr. 4:13.

8. Maal irraa fagaachuu qabna?

8 Ilaalcha addunyaan cubbuudhaaf qabu irraa fagaachuu qabna. Yohaannis ergamaan, “‘Cubbuu hin qabnu’ jennee yoo dubbanne of gowwoomsaa jirra” jedhee barreesseera. (1 Yoh. 1:8) Bara Yohaannisitti, gantoonni ‘Namni tokko taʼe jedhee cubbuu utuma raawwatuu Waaqayyoo wajjin hariiroo qabaachuu dandaʼa’ jedhu turan. Yeroo harʼaattis, namoota ilaalcha akkasii qaban gidduu jiraachaa jirra. Namoonni hedduun Waaqayyootti akka amanan kan dubbatan taʼanis, ilaalcha Yihowaan cubbuudhaaf qabu, keessumaa immoo dhimma saalqunnamtii wajjin walqabate irratti walii hin galan. Gocha Yihowaan akka cubbuutti ilaalu, isaan immoo filannoo dhuunfaa ykn akkaataa jireenyaa kan biraa akka taʼe dubbatu.

Dargaggootaa, amantii keessaniif falmuu akka dandeessaniif, gama naamusaatiin wanta sirrii taʼee fi dogoggora taʼe ilaalchisee amantii keessan isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe cimsadhaa (Keeyyata 9 ilaali) *

9. Dargaggoonni amantii isaanii isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼetti maxxananii jiraachuudhaan kan fayyadaman akkamitti?

9 Keessumaa Kiristiyaanonni dargaggoota taʼan, namoota wajjin baratanii fi hojjetan irraa amala naamusaan ala taʼe akka hordofan dhiibbaan akka isaan irra gaʼu isaanitti dhagaʼama taʼa. Wanti Aleekzaandar irra gaʼes kanuma ture. Akkana jedheera: “Mana barumsaatti shamarran tokko tokko isaanii wajjin saalqunnamtii akkan raawwadhu dhiibbaa na irratti gochuuf yaalanii turan. Hiriyaa durbaa waanan hin qabneef, nama saala wal fakkaatu wajjin saalqunnamtii raawwattu taʼuu qabda naan jedhan.” Atis qorumsi akkasii kan si mudatu yoo taʼe, amantii kee isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼetti maxxantee yommuu jiraattu, kabaja ofiif qabdu, fayyaa kee, miira kee fi hariiroo Yihowaa wajjin qabduuf eegumsa gochuu akka dandeessu yaadadhu. Qorumsa si irra gaʼu yommuu dandamattu hundumatti, wanta sirrii taʼe raawwachuun caalaatti salphaa siif taʼa. Saalqunnamtii ilaalchisee Ilaalchi dogoggoraa addunyaan kun qabu maddi isaa Seexana akka taʼes yaadadhu. Kanaafuu ilaalcha akkasii fudhachuu yommuu diddu, ‘isa hamaa sana moʼaa’ jirta jechuu dha.—1 Yoh. 2:14.

10. Tokkoffaan Yohaannis 1:9 qalbii qulqulluudhaan Yihowaa tajaajilluuf kan nu gargaaru akkamitti?

10 Yihowaan gocha cubbuu taʼe adda baasee ibsuuf mirga akka qabu amannee fudhanna. Akkasumas cubbuu akka hin raawwanneef wanta nuuf dandaʼame hunda goona. Yommuu cubbuu hojjennutti garuu, dogoggora raawwanne kadhannaadhaan Yihowaatti himanna. (1 Yohaannis 1:9 dubbisi.) Cubbuu cimaa yoo hojjenne immoo, gargaarsa jaarsolii warra Yihowaan eegumsa akka nuuf godhaniif muude gaafanna. (Yaq. 5:14-16) Haa taʼu malee, dogoggora kanaan dura raawwanneen of ceephaʼuu hin qabnu. Maaliif? Sababiin isaas Abbaan keenya inni jaalala qabeessi cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuuf Ilma isaa aarsaa furii godhee nuuf qopheesseera. Yihowaan nama yaada geddarateef dhiifama akka godhu yommuu dubbatu, dhugumaan akka isaaf dhiisu dubbachuu isaa ti. Kanaafuu wanti qalbii qulqulluudhaan Yihowaa akka hin tajaajille nu dhowwu tokko illee hin jiru.—1 Yoh. 2:1, 2, 12; 3:19, 20.

11. Sammuu keenya barumsawwan amantii keenya miidhan irraa eegu kan dandeenyu akkamitti?

11 Barumsawwan gantootaa irraa fagaachuu qabna. Gumiin Kiristiyaanaa erga hundeeffamee jalqabee, Diyaabilos sammuu tajaajiltoota Waaqayyoo taʼan keessatti shakkii uumuuf gowwoomsitoota hedduutti fayyadamaa jira. Kanaan kan kaʼes, garaa garummaa wanta dhugaa fi soba taʼe gidduu jiru akkamitti akka adda baasnu beekuu nu barbaachisa. * Diinonni keenya amanannaa Yihowaa irratti qabnuu fi jaalala obboloota keenyaaf qabnu laaffisuuf intarneetii fi weebsaayitii hawaasaatti fayyadamuuf yaalu taʼa. Qaama olola akkasii duuba jiru yaadachuudhaan, irraa fagaadhaa!—1 Yoh. 4:1, 6; Mul. 12:9.

12. Dhugaa baranneef dinqisiifannaa qabnu guddifachuu kan qabnu maaliifi?

12 Haleellaa Seexanaa dandamachuuf, amanannaa Yesuusii fi gaʼee inni kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu irratti qabnu cimsachuu qabna. Kana malees, karaa tokkicha Yihowaan yeroo ammaatti itti fayyadamaa jiru irratti amanannaa qabaachuu qabna. (Mat. 24:45-47) Yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan amanannaa keenya cimsachuu qabna. Taanaan amantiin keenya akkuma muka hidda isaa baayʼee gadi fageeffatee taʼa. Phaawulos gumii Qolosaayisiif yeroo barreessutti wanta kanaa wajjin walfakkaatu dubbateera. Akkana jedheera: “Akkuma Kiristoos Yesuus isa Gooftaa taʼe fudhattanitti, isaa wajjin tokkummaa qabaadhaatii deddeebiʼuu keessan itti fufaa; isa irratti hidda gad fageeffadhaa ijaaramaa; amantiittis cimaa.” (Qol. 2:6, 7) Amantii keenya cimsachuuf yoo jabaannee hojjenne, Seexannis taʼe deggertoonni isaa dhugaa keessa akka hin deddeebine nu dhowwuu hin dandaʼan.—2 Yoh. 8, 9.

13. Maal eeguu qabna? Maaliif?

13 Addunyaan akka nu jibbu eeguu qabna. (1 Yoh. 3:13) Yohaannis, ‘guutummaan addunyaa humna isa hamaa sana jala akka jiru’ nu yaadachiisa. (1 Yoh. 5:19) Dhumni sirna kanaa yommuu dhihaachaa deemutti, aariin Seexanaas ittuma dabalaa deema. (Mul. 12:12) Haleellaawwan baayʼee dhokatoo taʼanitti fayyadama, isaanis gochi naamusaan ala taʼe akka nu hawwatu taasisuu fi soba gantoonni dubbatani dha. Kana malees, humnaan tarkaanfii ni fudhata. Seexanni hojii lallabaa keenya dhaabsisuuf ykn amantii keenya laaffisuuf yaalii gochuuf yeroon gabaabaan qofti akka isa hafe beeka. Kanaaf, hojiin keenya biyyoota hedduu keessatti daangeffamuun isaa ykn dhorkamuun isaa nu hin dinqisiisu. Haa taʼu malee, obboloonnii fi obboleettonni biyyoota kanneen keessa jiran jabaatanii dhaabbachaa jiru. Inni hamaan maal iyyuu kan nutti darbatu taʼus, injifachuu akka dandeenyu mirkaneessaa jiru!

DHUGAA KEESSA JIRAACHUU KEESSAN ITTI FUFUUF WAL GARGAARAA

14. Karaan obboloonni keenya dhugaa keessa akka jiraatan gargaaruu itti dandeenyu tokko maali dha?

14 Obboloonnii fi obboleettonni keenya dhugaa keessa jiraachuu isaanii akka itti fufan gargaaruuf, gara laafina isaanitti argisiisuu qabna. (1 Yoh. 3:10, 11, 16-18) Yeroo haalli isaa gaarii taʼutti qofa utuu hin taʼin, yeroo rakkinni uumamuttis wal jaallachuu qabna. Fakkeenyaaf, nama nama jaallatu duʼaan dhabee fi jajjabinni isa barbaachisu ykn karaa qabatamaa taʼeen gargaarsi isa barbaachisu beektaa? Yookiin waaʼee obboloota balaa uumamaatiin qabeenya isaanii dhabanii fi Galma Walgaʼii isaanii ykn mana isaanii deebisanii ijaaruuf gargaarsi akka isaan barbaachisu hoo dhageesseettaa? Wanta dubbannuun qofa utuu hin taʼin, hunda caalaa gocha keenyaan jaalallii fi gara laafinni obboloota keenyaaf qabnu hammam cimaa akka taʼe argisiisna.

15. Akkuma 1 Yohaannis 4:7, 8 jedhutti, maal gochuu qabna?

15 Yeroo jaalala walitti argisiisnu fakkeenya Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee hordofna. (1 Yohaannis 4:7, 8 dubbisi.) Karaa guddaan jaalala walitti argisiisnu tokko dhiifama waliif gochuu dha. Fakkeenyaaf, namni tokko nu miidha taʼa, achiis dhiifama nu gaafata taʼa. Dhiifama isaaf gochuu fi dogoggora inni raawwate irraanfachuudhaan jaalala argisiisuu dandeenya. (Qol. 3:13) Obboleessi Aldoo jedhamu tokko obboleessi inni kabaju tokko waaʼee sanyii isaa dubbii nama miidhu dubbachuu isaa yommuu dhagaʼu qorumsi akkasii isa mudatee ture. Aldoon, “Obboleessa kanaaf ilaalcha dogoggoraa akka hin qabaanne akka na gargaaruuf yeroo hunda Yihowaa nan kadhadhan ture” jedheera. Taʼus Aldoon wanta kan biraas godheera. Obboleessa kanaa wajjin tajaajila baʼuuf isa gaafachuu murteesse. Yommuu wajjin tajaajilan, Aldoon wanta obboleessi kun jedheen hammam akka gadde isaaf ibse. Aldoon akkana jedheera: “Obboleessi kun dubbii nama miidhu dubbachuu isaatiin hammam akkan miidhame yommuu hubatu dhiifama na gaafate. Wanta dubbatetti hammam akka gaabbe sagalee isaa irraa hubachuu dandaʼeera. Sana booda deebinee michoota gaarii waliif taane.”

16-17. Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

16 Yohaannis ergamaan nageenyi hafuuraa obboloota isaa baayʼee isa yaaddessee ture, kanas gorsa xalayaawwan geggeessaa hafuuraatiin barreesse irratti kenne irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. Dhiiroonnii fi dubartoonni akka isaa taʼan Kiristoosii wajjin bulchuuf akka dibaman beekuun baayʼee nama jajjabeessa!—1 Yoh. 2:27.

17 Gorsa hamma ammaatti irratti mariʼachaa turre yaadatti haa qabannu. Dhugaa keessa deddeebiʼuu fi kallattii jireenyaa keenya hundaan Yihowaadhaaf ajajamuuf haa murteessinu. Dubbii isaa qoʼadhaa, akkasumas isatti amanamaa. Yesuus irratti amantii cimaa qabaadhaa. Falaasama namootaa fi barumsawwan gantootaa irraa fagaadhaa. Dhiibbaa jireenya bifa lama jiraachuu fi cubbuu akka raawwattan isin irra gaʼu dandamadhaa. Ulaagaalee naamusaa Yihowaa warra hunda irra caalanii wajjin wal simaa jiraadhaa. Warra nu mufachiisaniif dhiifama gochuu fi warra rakkatan gargaaruudhaan, obboloonni keenya cimoo taʼanii akka jiraatan haa gargaarru. Akkas taanaan, haala akkamii wajjin iyyuu walʼaansoo kan goonu taʼus, dhugaa keessa deddeebiʼuu keenya itti fufna.

FAARFANNAA 49 Yihowaa Gammachiisuu

^ key. 5 Addunyaa toʼannaa Seexanaa isa abbaa sobaa taʼe jala jiru keessa jiraanna. Kanaaf dhugaa keessa deddeebiʼuu keenya itti fufuuf qabsoo wal irraa hin cinne gochuu nu barbaachisa. Kiristiyaanonni dhuma Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti jiraatan haalli rakkisaanis akkasii isaan mudatee ture. Isaaniinis taʼe nuun gargaaruuf, Yihowaan geggeessaa hafuuraa isaatiin Yohaannis ergamaan xalayaawwan sadan akka barreessu godheera. Qabiyyeen xalayaawwan kanaa rakkoowwan nu mudatan adda baasnee akka beeknuu fi akkamitti isaan dandamachuu akka dandeenyu hubachuuf nu gargaara.

^ key. 6 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 11 Mata duree qoʼannaa, “Odeeffannoo Guutuu Taʼe Qabdaa?” jedhuu fi maxxansa Masaraa Eegumsaa Hagayya 2018 irratti baʼe ilaali.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Shamarreen tokko mana barumsaa utuu jirtuu, olola saalqunnamtii saala walfakaatu gidduutti raawwatamu babalʼisuun marfamteetti. (Aadaawwan tokko tokko keessatti, mallattoon halluu sabbata waaqaa namoota saalqunnamtii saala walfakkaatu gidduutti raawwatan argisiisuuf faayidaa irra oola.) Booda immoo, wanta sirrii akka taʼe beektu ilaalchisee amantii ishii cimsachuuf yeroo fudhattee qorannaa gochaa jirti. Kunis haala rakkisaa ishii mudatu dandamachuuf ishii gargaara.