Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 28

Wanti Itti Amantu Dhugaa Taʼuu Isaa Mirkaneeffadhu

Wanti Itti Amantu Dhugaa Taʼuu Isaa Mirkaneeffadhu

“Wantoota namoonni si barsiisanii fi akka amantu si gargaaran sanatti cimii itti fufi.”—2 XIM. 3:14.

FAARFANNAA 56 Dhugaa kan Ofii Godhadhu

QABIYYEE *

1. “Dhugaa” yeroo jennu maal jechuu keenya dha?

“DHUGAA kan dhageesse akkamitti?” “Dhugaa keessatti guddattee?” “Yeroo hammamiitiif dhugaa keessa turte?” Gaaffiiwwan akkasii gaafatamtee beekta taʼa ykn atumti iyyuu warra kaan gaafattee beekta taʼa. “Dhugaa” yeroo jennu maal jechuu keenya dha? Jecha “dhugaa” jedhu, yeroo baayʼee wanta itti amannu, wanta Waaqayyoon waaqeffachuuf goonuu fi jireenya keenya akkamitti akka geggeessinu argisiisuuf itti fayyadamna. Namoonni ‘dhugaadhaan deddeebiʼaa jiran’ wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beeku, akkasumas qajeelfama isaa wajjin haala wal simuun jiraatu. Kanaan kan kaʼes, amantii sobaa irraa bilisa taʼaniiru, addunyaa Seexanaa keessa kan jiraatan taʼanis, jireenya gammachiisaa taʼe jiraatu.—Yoh. 8:32.

2. Akka Yohaannis 13:34, 35 jedhutti, namni tokko gara dhugaatti akka dhufu wanti jalqaba irratti isa hawwatu maal taʼuu dandaʼa?

2 Jalqaba irratti dhugaan akka si hawwatu kan godhe maali dha? Tarii amala gaarii Dhugaa Baatonni Yihowaa argisiisan taʼuu dandaʼa. (1 Phe. 2:12) Yookiin immoo jaalala isaan warra kaanitti argisiisan taʼuu dandaʼa. Namoonni hedduun jaalala kana kan argan yeroo jalqabaatiif yommuu walgaʼii irratti argaman siʼa taʼu, barumsa waltajjii irraa darbaa ture caalaa, jaalalli kun dhiibbaa guddaa isaan irraan geessiseera. Yesuus barattoonni isaa jaalala waliif qabaniin adda baafamanii akka beekaman dubbatee waan tureef kun taʼuun isaa kan nama dinqisiisu miti. (Yohaannis 13:34, 35 dubbisi.) Haa taʼu malee, amantii cimaa qabaachuuf wanti dabalataa gochuu qabnu jira.

3. Amantiin Waaqayyoo irratti qabnu jaalala obboloonni argisiisan qofa irratti kan hundaaʼe yoo taʼe maaltu taʼuu dandaʼa?

3 Amantiin keenya jaalala sabni Waaqayyoo qabu qofa irratti kan hundaaʼe taʼuu hin qabu. Maaliif? Namni hidhata amantii keenya taʼe tokko, jechuunis jaarsi ykn qajeelchaan tokko cubbuu cimaa hojjete haa jennu. Yookiin obboleessi ykn obboleettiin takka karaa taʼe tokkoon yoo si miidhan hoo? Yookiin immoo namni tokko amantii keenya dhugaa akka hin taane dubbachuudhaan gantuu taʼuu dandaʼa. Haalawwan akkasii yoo uumaman, gufattee Yihowaa tajaajiluu kee ni dhiistaa? Barumsi argannu kana dha: Amantiin Waaqayyo irratti qabdu hariiroo isaa wajjin qabdu irratti utuu hin taʼin guutummaatti wanta namoonni kaan godhan irratti kan hundaaʼe yoo taʼe cimaa hin taʼu. Yihowaa fi saba isaatiif miirri sitti dhagaʼamu hamma tokko amantii kee guddifachuuf si gargaaruu dandaʼa. Taʼus Kitaaba Qulqulluu dhimmitee qoʼachuu fi wanta barachaa jirtu hubachuun, akkasumas wanti waaʼee Yihowaa barachaa jirtu dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf qorannaa gochuun kee baayʼee barbaachisaa dha.—Rom. 12:2.

4. Maatewos 13:3-6, 20, 21 akka jedhutti, namoonni tokko tokko amantiin isaanii yommuu qoramu maal godhu?

4 Yesuus namoonni tokko tokko dhugaa “gammachuudhaan” kan fudhatan taʼanis, yeroo qorumsi isaan irra gaʼu amantiin isaanii akka laafu dubbateera. (Maatewos 13:3-6, 20, 21 dubbisi.) Tarii namoonni kun Yesuus duukaa buʼuun rakkinaa fi dhiphina isaanitti fiduu akka dandaʼu hin hubanne taʼa. (Mat. 16:24) Yookiin Kiristiyaana taʼuu jechuun jireenya rakkina irraa walaba taʼe jiraachuu, jechuunis jireenya eebba malee rakkina hin qabne akka taʼetti yaadu taʼa. Haa taʼu malee, addunyaan yeroo harʼaa jiru rakkinaan kan guutame dha. Haalawwan tokko tokko kan jijjiiraman siʼa taʼan, gammachuu keenya yeroodhaaf nu jalaa xiqqeessuu dandaʼu.—Far. 6:6; Lal. 9:11.

5. Obboloonnii fi obboleettonni keenya harki caalaan isaanii dhugaa akka qaban kan mirkaneeffatan akkamitti?

5 Obboloonnii fi obboleettonni keenya harki caalaan isaanii dhugaa akka qabatan mirkaneeffataniiru. Akkas kan jennu maaliifi? Namni hidhata amantii isaanii taʼe tokko yoo isaan miidhe ykn gocha Kiristiyaana tokko irraa hin eegamne yoo raawwate amantiin isaanii hin raafamu. (Far. 119:165) Yeroo qorumsi isaan mudatu hundatti, amantiin isaanii caalaatti cimaa deema malee hin laafu. (Yaq. 1:2-4) Maarree amantii cimaa akkasii qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

“BEEKUMSA SIRRII WAAʼEE WAAQAYYOO IBSU” ARGADHAA

6. Amantiin barattoota jaarraa jalqabaa maal irratti kan hundaaʼe ture?

6 Barattoonni jaarraa jalqabaa, amantii isaanii kan ijaaran beekumsa Kitaaba Qulqulluu fi barumsa Yesuus Kiristoos isa ‘dhugaa misiraachichaa’ taʼeen ture. (Gal. 2:5) Dhugaan kun aarsaa furii Yesuusii fi duʼaa kaafamuu isaa dabalatee, barumsawwan Kiristiyaanaa hundumaa kan qabate dha. Phaawulos ergamaanis barumsawwan kunneen dhugaa akka turan mirkaneeffateera. Maaliif? Sababiin isaas Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee “Kiristoos dhiphachuu fi duʼaa kaʼuun isaa barbaachisaa akka taʼe barreeffamoota irraa” mirkaneesseera. (HoE. 17:2, 3) Barattoonni jaarraa jalqabaatti turan barumsawwan kunneen fudhataniiru, akkasumas Dubbii Waaqayyoo hubachuuf akka isaan gargaaruuf hafuura qulqulluutti amanamaniiru. Barumsawwan kunneen Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼan akka turan mirkaneeffataniiru. (HoE. 17:11, 12; Ibr. 5:14) Amantiin isaanii miira isaanitti dhagaʼamu irratti kan hundaaʼe miti; Yihowaa kan tajaajilanis namoota hidhata amantii isaanii taʼanii wajjin yeroo dabarsuun waan isaan gammachiisuuf qofa miti. Kanaa mannaa, amantiin isaanii “beekumsa sirrii waaʼee Waaqayyoo ibsu” irratti kan hundaaʼe dha.—Qol. 1:9, 10.

7. Amantiin dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti qabnu kan nu fayyadu akkamitti?

7 Dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo hin jijjiiraman. (Far. 119:160) Fakkeenyaaf, namni hidhata amantii keenyaa taʼe yoo nu mufachiise ykn cubbuu cimaa yoo hojjete dhugaawwan kun hin jijjiiraman. Yeroo rakkoon nu mudatuttis hin jijjiiraman. Kanaafuu barumsawwan Kitaaba Qulqulluu sirriitti beekuu fi dhugaa taʼuu isaanii mirkaneeffachuu nu barbaachisa. Akkuma qofoon yeroo obomboleettii cimaan jirutti doonii tokko jabeessee dhaabu, amantiin keenya inni dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼes yeroo qorumsaatti jabeessee nu dhaaba. Maarree dhugaa akka argatte amanannaa qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti?

‘AMANII’ FUDHADHU

8. Akkuma 2 Ximotewos 3:14, 15 irratti ibsame, Ximotewos dhugaa akka qabu kan mirkaneeffate akkamitti?

8 Ximotewos dhugaa akka qabu mirkaneeffatee ture. Xumura akkasii irra kan gaʼe akkamitti? (2 Ximotewos 3:14, 15 dubbisi.) Barumsa “Kitaabota Qulqulluu” yeroo jalqabaatiif kan isa barsiisan haadha isaa fi akkoo isaa turan. Taʼus innis gama isaatiin yeroo fi humna isaa Kitaabota Qulqulluu kana qoʼachuuf akka oolche hin shakkisiisu. Kanaan kan kaʼes, kitaabonni kun dhugaa akka qabatan ‘amanee’ fudhateera. Yeroo booda, Ximotewos, haati isaa fi akkoon isaa Kiristiyaanota taʼaniiru. Ximotewos jaalala duuka buutonni Yesuus argisiisan isa dinqisiisee akka ture hin shakkisiisu; kana malees isaanii wajjin walitti qabamuu fi obboloota isaa hafuuraa kunuunsuuf fedhii cimaa qaba ture. (Filp. 2:19, 20) Haa taʼu malee, amantiin isaa miira namootaaf qabu irratti utuu hin taʼin, dhugaawwan gara Yihowaatti akka dhihaatu isa gargaaran irratti kan hundaaʼe ture. Atis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa barsiisu mirkaneeffachuu qabda.

9. Dhugaawwan buʼuuraa mirkaneeffachuun si barbaachisu sadan kamfaʼi?

9 Jalqaba irratti, yoo xinnaate dhugaawwan buʼuuraa sadii mirkaneeffachuu si barbaachisa. Tokkoffaa, Yihowaan Uumaa wantoota hundumaa akka taʼe amanuu qabda. (Bau. 3:14, 15; Ibr. 3:4; Mul. 4:11) Lammaffaa, Kitaabni Qulqulluun ergaa Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin ilmaan namootaatiif barreeffame taʼuu isaa mirkaneeffachuu qabda. (2 Xim. 3:16, 17) Sadaffaa, Yihowaan tuuta gurmaaʼee geggeessaa Kiristoos jalatti isa waaqeffachaa jiru akka qabuu fi isaanis Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan mirkaneeffachuun si barbaachisa. (Isa. 43:10-12; Yoh. 14:6; HoE. 15:14) Dhugaawwan buʼuuraa kunneen mirkaneeffachuuf garuu waaʼee Kitaaba Qulqulluu wanta hunda beekuu si barbaachisa jechuu miti. Galmi kee “dandeettii yaaduu” keetti fayyadamtee dhugaa akka qabdu amanannaa kee cimsachuu taʼuu qaba.—Rom. 12:1.

WARRA KAAN AMANSIISUUF QOPHAAʼI

10. Dhugaa beekuu malees maal gochuu dandaʼuu qabna?

10 Dhugaawwan buʼuuraa sadan, jechuunis waaʼee Waaqayyoo, Kitaaba Qulqulluu fi saba Waaqayyoo takkaa erga mirkaneeffattee booda, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamtee warra kaaniif dhugaawwan kanneen mirkaneessuu qabda. Maaliif? Kiristiyaanota waan taaneef dhugaawwan baranne warra nu dhagaʼan barsiisuuf itti gaafatamummaan nu irra jira. * (1 Xim. 4:16) Waaʼee dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu warra kaan amansiisuuf yommuu carraaqqii goonu, amantii dhugaawwan kunneen ilaalchisee qabnu cimsanna.

11. Phaawulos ergamaan barsiisaa taʼuudhaan fakkeenya akkamii nuuf taʼa?

11 Phaawulos ergamaan namoota yeroo barsiisaa turetti, “Seera Musee fi kitaaba Raajotaa irraa waaʼee Yesuus ragaa amansiisaa isaaniif [dhiheesseera].” (HoE. 28:23) Nuti hoo yeroo warra kaan dhugaa barsiisnutti fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu akkasumaan isaanitti himuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya yommuu caalaatti Yihowaatti dhihaachaa deeman, wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu akka hubatan isaan gargaaruu qabna. Dhugaa akka fudhatan kan barbaannu waan nu dinqisiifataniif utuu hin taʼin, wanti isaan waaʼee Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼee barachaa jiran dhugaa akka taʼe waan mirkaneeffataniif taʼuu qaba.

Warra kan taatan, ijoollee keessan “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan” barsiisuudhaan amantii isaanii akka guddifatan isaan gargaaraa (Keeyyata 12-13 ilaali) *

12-13. Warri ijoolleen isaanii dhugaa keessa akka jiraatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

12 Warra kan taatan, ijoolleen keessan dhugaa keessa akka jiraatan akka barbaaddan hin shakkisiisu. Gumii keessatti michoota gaarii yoo qabaatan, gama hafuuraatiin guddina akka godhan isinitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, ijoolleen keessan dhugaa akka qabatan mirkanaaʼoo akka taʼaniif, michoota gaarii qabaachuu caalaa wanti isaan barbaachisu jira. Waaqayyoo wajjin hariiroo dhuunfaa qabaachuu fi wanti Kitaabni Qulqulluun barsiisu dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuun isaan barbaachisa.

13 Warri ijoollee isaanii waaʼee Waaqayyoo dhugaa barsiisuuf, barataa Kitaaba Qulqulluu gaarii taʼuudhaan fakkeenya isaaniif taʼuu qabu. Wanta baratan irratti xiinxaluuf yeroo ramaduu qabu. Taanaan ijoolleen isaaniis akkasuma akka godhan isaan barsiisuu dandaʼu. Akkuma barataa Kitaaba Qulqulluu isaanii kaan barsiisan, ijoollee isaaniis meeshaalee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaranitti akka fayyadaman barsiisuu qabu. Akkas gochuudhaan, ijoolleen isaanii Yihowaa fi karaa inni ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee nyaata hafuuraa itti dhiheessu akka dinqisiifatan gargaaru. (Mat. 24:45-47) Warra kan taatan, ijoollee keessan dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu qofa barsiisuun gaʼaa akka taʼe isinitti dhagaʼamuu hin qabu. Hamma umurii fi dandeettiin isaanii isaaniif heyyamu, “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan” isaan barsiisuudhaan amantii cimaa akka qabaatan gargaaraa.—1 Qor. 2:10.

RAAJII KITAABA QULQLLUU QOʼADHAA

14. Raajii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan qabnu maaliifi? (Saanduqa “ Raajiiwwan Kunneen Ibsuu ni Dandeessaa?” jedhus ilaali.)

14 Raajiin Kitaaba Qulqulluu kutaa Dubbii Waaqayyoo barbaachisaa taʼee fi Yihowaa irratti amantii cimaa qabaachuuf nu gargaaru dha. Raajiiwwan kamfaatu amantii kee siif cimse? Raajiiwwan “guyyoota dhumaa” ilaalchisee dubbataman caqasta taʼa. (2 Xim. 3:1-5; Mat. 24:3, 7) Haa taʼu malee, raajiiwwan raawwataman kan biroo kamfaatu amantii kee siif cimsuu dandaʼa? Fakkeenyaaf, raajiiwwan Daaniʼel boqonnaa 2 ykn Daaniʼel boqonnaa 11 irratti argaman akkamitti akka raawwatamanii fi yeroo ammaatti raawwatamaa kan jiran akkamitti akka taʼe ibsuu dandeessaa? * Amantii cimaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe yoo qabaatte, amantiin kun matumaa hin laafu. Mee fakkeenya obboloota keenya Jarman keessatti yeroo Waraana Addunyaa Isa Lammaffaatti ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼee ture haa ilaallu. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbataman guutummaatti hubachuu baatanis, Dubbii Waaqayyo irratti amantii cimaa qabu turan.

Raajiiwwan achi keessatti ibsaman dabalatee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun keenya, yeroo ariʼatamni nu irra gaʼutti jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru (Keeyyata 15-17 ilaali) *

15-17. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun amantii obboloota keenya warra Naaziitiin ariʼatamaa turanii kan cimse akkamitti?

15 Bulchiinsa Naazii Jarman jalatti, obboloonnii fi obboleettonni keenya kumaan lakkaaʼaman kaampiiwwan hojiin humnaa itti hojjetamutti ergamanii turan. Hiitlarii fi ajajaan SS Haayinriish Hiimlar Dhugaa Baatota Yihowaa ni jibbu turan. Akka obboleettiin takka jettetti, Hiimlar tuuta obboleettotaa keenya mana hidhaa tokko keessa turaniin akkana jedhee ture: “Yihowaan keessan samii irratti bulcha taʼa, as lafa kana irratti garuu kan bulchu nuyi! Isin ykn nuyi eenyu lafa kana irra akka jiraatu isinitti argisiisna!” Maarree sabni Yihowaa amanamaa taʼee akka jiraatu kan gargaare maali dha?

16 Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kunneen Mootummaan Waaqayyoo bara 1914⁠tti bulchuu akka jalqabe hubatanii turan. Mormii cimaan isaan mudachuu isaatti hin dinqisiifamne. Haa taʼu malee, sabni Yihowaa bulchiinsi ilmaan namootaa kam iyyuu kaayyoon Waaqayyoo akka hin milkoofne dhowwuu akka hin dandeenye mirkanaaʼaa ture. Hiitlar waaqeffannaa dhugaa haxaaʼee balleessuu ykn bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo caalaa cimaa taʼe hundeessuu hin dandeenye. Obboloonni keenya bulchiinsi Hiitlar oolee bulee baduun isaa akka hin oolle mirkanaaʼoo turan.

17 Wanti obboloonnii fi obboleettonni kunneen cimsanii amanan dhugaa ture. Utuma baayʼee hin turin, bulchiinsi Naazii ni bade, Haayinriish Hiimlar inni “as lafa kana irratti garuu kan bulchu nuyi!” jedhee ture lubbuu isaa oolfachuuf baqachuuf dirqameera. Yeroo kanatti, obboleessa keenya Luupkan isa mana hidhaatti beekuu wajjin wal arge. Hiimlar abdii kutachuudhaan, obboleessa keenya Luupkaniin, “Bartoota Kitaaba Qulqulluu, kana booda hoo maaltu taʼa?” jedhee gaafate. Obboleessi keenya Luupkan Dhugaa Baatonni Yihowaa bulchiinsi Naazii akka kufuu fi isaaniis bilisa akka baʼan durumaanuu shakkii tokko illee akka hin qabne isaaf ibse. Hiimlar inni kanaan dura waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa wanta hamaa hedduu dubbachaa ture, dhuma irratti waan jedhu wallaale. Sana booda utuma baayʼee hin turin Hiimlar of ajjeese. Barumsa akkamii arganna? Raajiiwwan achi keessatti ibsaman dabalatee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun keenya, Waaqayyo irratti amantii cimaa akka qabaannuu fi yeroo ariʼatamni nu irra gaʼutti jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru.—2 Phe. 1:19-21.

18. Akkuma Yohaannis 6:67, 68 irratti ibsame, “beekumsa sirrii fi hubannaa guutuu” Phaawulos barreesse kan nu barbaachisu maaliifi?

18 Hundi keenya mallattoo Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu, jechuunis jaalala argisiisuu qabna. Taʼus “beekumsa sirrii fi hubannaa guutuu” qabaachuu nu barbaachisa. (Filp. 1:9) Taʼuu baannaan garuu, gantoota dabalatee “qilleensa barumsaa hundaan, mala gowwoomsaa namootaatiin” fudhatamuu dandeenya. (Efe. 4:14) Barattoonni Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti turan hedduun Yesuus duukaa buʼuu yommuu dhaabanitti, Pheexiros ergamaan Yesuus “dubbii jireenya bara baraa” akka qabu amanannaa cimaa qabu ibseera. (Yohaannis 6:67, 68 dubbisi.) Pheexiros yeroo sanatti dubbii sana guutummaatti hubachuu baatus, dhugaa waaʼee Kiristoos ibsu waan hubateef amanamaa taʼee jiraateera. Isinis amanannaa wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu irratti qabdan cimsachuu dandeessu. Akkas yoo gootan, wanti kam iyyuu yoo isin mudate amantiin keessan cimaa taʼee itti fufa, warri kaanis amantii isaanii akka cimsatan gargaaruu dandeessu.​—⁠2 Yoh. 1, 2.

FAARFANNAA 72 Dhugaa Mootummichaa Beeksisuu

^ key. 5 Mata dureen kun barumsawwan dhugaa, Dubbii Waaqayyoo keessa jiran hubachuuf nu gargaara. Akkasumas wanti itti amannu dhugaa taʼuu isaa ilaalchisee karaawwan amanannaa qabnu cimsachuu itti dandeenyu ibsa.

^ key. 10 Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti namootaa wajjin mariʼachuuf akka si gargaaruuf, Masaraa Eegumsaa 2010 hanga 2015⁠tti mata dureewwan “Maree Macaafa Qulqulluu Irratti Hundaaʼe” jedhuun walitti aananii baʼan ilaali. Mata dureewwan kan akka, “Yesuus Waaqadhaa?,” “Mootummaan Waaqayyoo Bulchuu kan Jalqabe Yoomi?,” akkasumas “Waaqayyo Ibidda Qiliilleetiin Namoota ni Gubaa?” (Amaariffa) jedhan qabateera.

^ key. 14 Raajiiwwan kana ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, maxxansa Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2012 fi Caamsaa 2020 irratti baʼe ilaali.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Warri waaqeffannaa maatii isaanii irratti ijoollee isaanii wajjin raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee rakkina guddaa ibsan waliin qoʼachaa jiru.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Maatiin olitti ilaalle wanti yeroo rakkina guddaatti taʼu isaan hin dinqisiisu.