Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Wantin Hojjedhe, Wantan Hojjechuu Qabu Dha

Wantin Hojjedhe, Wantan Hojjechuu Qabu Dha

DOONAALDI RIIDLIIN waggoota 30 oliif dhimmoota seeraa wajjin wal qabateen abukaatoo Dhugaa Baatota Yihowaa taʼee falmuudhaan tajaajileera. Obboloonni dhukkubsatan yeroo yaaliin fayyaa isaaniif godhamutti dhiiga fudhachuu diduuf mirga akka qaban ibsuu irratti gaʼee guddaa qaba ture. Hojiin isaa kunis manneen murtii ol aanaa Yunaayitid Isteetis jiran keessatti injifannoo hedduu argamsiiseera. Michoonni isaa Doon jedhanii isa waamu, inni jabaatee kan hojjetu, kan gad of qabuu fi fedhii isaa aarsaa kan godhu ture.

Doon bara 2019⁠tti dhukkuba narvii baayʼee baramaa hin taanee fi qoricha hin qabneen qabame. Dhukkubichi saffisaan itti hammaachaa kan deeme siʼa taʼu, Hagayya 16, 2019⁠tti duʼaan boqote. Kun seenaa isaa ti.

Magaalaa Miiniisootaa Yunaayitid Isteetis, naannoo Seeyinti Pool jedhamutti bara 1954 maatii galii gidduu galeessa qabuu fi amantii Kaatolikii Roomaa hordofu keessattan dhaladhe. Ijoollee shan keessaa ani isa lammaffaan ture. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Kaatolikiittin baradhe, akkasumas qophiiwwan mana amantaa keessatti godhaman irratti qeesii gargaaraan ture. Taʼus, beekumsi Kitaaba Qulqulluu ani qabu muraasa ture. Waaqni wantoota hundumaa uume jiraachuu qaba jedhee kanan amanu taʼus, waldaan Kaatolikii akkan isa waaqeffadhu na gargaarti jedhee hin amanun ture.

DHUGAA BEEKUU

Kolleejjii Seeraa Wiiliyaam Miicheel jedhamutti waggaa jalqabaa yommuun barachaa turetti, Dhugaa Baatonni Yihowaa mana koo dhufan. Uffata koo miicaa waanan tureef, hiriyoonni gaaʼelaa kun deebiʼanii akka dhufan yommuu isaanitti himu gaarummaadhaan tole jedhan. Yommuu deebiʼanii dhufanis gaaffii laman isaan gaafadhe: “Namoonni hamoon namoota gaarii taʼan caalaa milkaaʼina kan argatan maaliifi?” akkasumas “Gammachuu dhugaa argachuun kan dandaʼamu akkamitti?” Kitaaba Dhugaa Jireenya Bara Baraatti Geessu jedhamuu fi Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa qolli isaa magariisa taʼee fi xiyyeeffannaa namaa harkisun fudhadhe. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabuufis waliin gale. Kunis dhugumaan ija koo naaf baneera. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa gara fuulduraatti ilmaan namootaa lafa irratti bulchu taʼuu isaa beekuun koo baayʼee na gammachiiseera. Ilmaan namootaa ofiin of bulchuun isaanii guutummaatti kufaatii akka fidee fi addunyaan kun dhiphinaan, rakkinaan, jalʼina haqaa fi wantoota gaddisiisoo taʼaniin akka guutamu gochuu isaa hubachuu dandaʼeera.

Achiis jalqaba bara 1982⁠tti Yihowaadhaaf kanan of murteesse siʼa taʼu, Walgaʼii Guddaa “Dhugaa Mootummichaa” jedhuu fi yeroo booda wagguma sanatti gamoo guddaa magaalaa Seeyint Pool keessa turetti geggeeffame irrattin cuuphame. Torban itti aanu qorumsa abukaatoo taʼuuf qoramuu qabu fudhachuuf gamoo Miiniisootaa sanattin deebiʼe. Jalqaba jiʼa Onkoloolessaatti qorumsicha akkan darben dhagaʼe, kanaafuu amma abukaatoo taʼuu nan dandaʼa jechuu dha.

Walgaʼii Guddaa “Dhugaa Mootummichaa” jedhu sana irratti obboleessa miseensa maatii Betʼel Biruukiliin taʼee fi Maayik Riichaardisan jedhamuu wajjin wal argine; inni waajjira muummeetti kutaan seeraa hundeeffamuu isaa natti hime. Anis wanta xuʼaashiin Itoophiyaa Hojii Ergamootaa 8:36 irratti dubbate yaadachuudhaan, ‘Kutaa Seeraa galee hojjechuuf akka hin gaafanne wanti na dhowwu maali dha?’ jedheen of gaafadhe. Kanaafuu Betʼel keessa tajaajuufan foormii guute.

Warri koo Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun koo isaan hin gammachiisne ture. Abbaan koo Betʼelitti abukaatoo taʼee tajaajiluun koo faayidaa maalii akka naaf argamsiisu na gaafate. Hojii fedhiidhaan hojjetamu hojjechaa akkan jirun isaaf ibse. Akkuma miseensota maatii Betʼel kaan hundaa jiʼatti qarshii xinnoo akkan argadhun itti hime.

Dirqama hojii na irra ture tokko tokko ergan xumuree booda, bara 1984⁠tti Betʼel isa Biruukiliin Niiwu Yoorki jiru galee tajaajiluun jalqabe. Achiis Kutaa Seeraa keessa akkan hojjedhun ramadame. Muuxannoon mana murtii keessa hojjechuudhaan argadhe wanta itti aanee dhufuuf na qopheesseera.

GALMA TIYAATIRAA ISTAANLII DEEBISANII HAARESSUU

Galmi Tiyaatiraa Istaanliin yeroo bitametti kana fakkaata ture

Galmi Tiyaatiraa Istaanlii magaalaa Jeersii, Niiwuu Jeersii, Sadaasa 1983⁠tti bitame. Obboloonni toora elektiriikii fi bishaanii gamoo kanaa haaressuuf heyyama gaafatanii turan. Abbootii taayitaa naannoo sanaa wajjin yommuu wal arganis, Dhugaa Baatonni Yihowaa galma Tiyaatiraa Istaanlii walgaʼii guguddaa gochuuf itti fayyadamuu akka yaadan isaaniif ibsan. Kunis rakkina uume. Seerri magaalaa Jeersii inni gamoon tokko akkamitti akka faayidaa irra oolu ajaju, gamoon waaqeffannaaf oolu bakka manneen jireenyaa qofa taʼuu akka qabu ajaja. Galmi Tiyaatiraa Istaanlii naannoo daldalaa kan jiru waan taʼeef, abbootiin taayitaa magaalatti heyyama kennuu didan. Obboloonnis murtoo kana irratti ol iyyannoo galchan; ol iyyannoon isaanii garuu fudhatama utuu hin argatin hafe.

Betʼel galee torban isa jalqabaatti, jaarmiyichi dhimmicha gara mana murtii fedaraalaa naannootti dhiheesse. Mana murtii Seeyint Pool, Miiniisootaa keessa waggaa lamaaf hojjedhee waanan tureef, dhimmoota akkasii sirriittan beeka ture. Abukaatoowwan keenya keessaa tokko Galmi Tiyaatiraa Istaanlii fiilmii argisiisuutii kaasee hamma koonsartii muuziqaa dhiheessuutti qophiiwwan hawaasaa gara garaa keessatti geggeeffamaa akka turan yaada dhiheesse. Erga akkas taʼee qophiiwwan amantiitiif itti fayyadamuun kan dhorkamu maaliifi? Manni murtii fedaraalaa dhimmicha erga qoree booda, magaalaan Jeersii mirga bilisummaa amantii keenya akka sarbe murteesse. Manni murtii sunis heyyama barbaachisu akka kennu ajaje; anis Yihowaan carraaqqii jaarmiyaan isaa seeratti fayyadamee hojiicha babalʼisuuf godhu eebbisaa akka jiru arguun jalqabe. Kana irratti gaʼee qabaachuu koottis baayʼee gammadeen ture.

Obboloonnis hojii haaromsuu guddaa jalqaban; hojiin haaromsuu jalqabamee utuu waggaa tokko hin guutin Fulbaana 8, 1985 eebbi mana barumsaa Giilʼaad kutaa 79⁠ffaa Galma Walgaʼii Guddaa magaalaa Niiwuu Jarsiitti geggeeffame. Miseensa kutaa seeraa taʼee hojii Mootummichaa babalʼisuuf hirmaachuu koo akka mirga guddaattin ilaala; akkasumas hojii seeraa gara Betʼel dhufuu koo dura raawwadhe kam irra iyyuu caalaa gammachuu guddaatu natti dhagaʼama. Taʼus, Yihowaan dhimmoota seeraa hedduu raawwachiisuuf natti fayyadamuuf akka jedhu hin hubanneen ture.

MIRGA YAALII FAYYAA DHIIGA MALEE TAASIFAMUUF FALMUU

Bara 1980mmanitti doktaronnii fi manneen yaalaa, mirga Dhugaa Baatonni yaalii fayyaa dhiiga malee taasifamu argachuuf qaban hin kabajan turan. Abbootiin murtii yeroo baayʼee dubartoonni dhiiga fudhachuu diduuf mirga akka hin qabne waan isaanitti dhagaʼamuuf, keessumaa dubartoota ulfa taʼan rakkina cimaatu isaan mudata ture. Abbootiin murtii yoo dhiigni kennamuu baate, daaʼimni sun haadha malee hafuu dandaʼa jedhanii yaada dhiheessu.

Muddee 29, 1988, obboleettiin keenya Deenis Niikoolaan ilma ishii erga deessee booda dhiigni ishii baayʼee dhangalaʼee ture. Hiimoogilobiiniin ishii 5.0 gad buʼee waan tureef, doktarri ishii dhiiga akka fudhattu ishii gaafate. Obboleettiin keenya Niikoolaan garuu tole hin jenne. Guyyaa itti aanu ganama, manni yaalaa sun dhiiga ishiidhaaf kennuuf abbaa murtii irraa heyyama gaafate. Abbaan murtii sunis wanta obboleettiin keenya Niikoolaan ykn abbaan manaa ishii jedhan utuu hin dhagaʼin ykn utuu isaanitti hin himin, manni yaalaa sun akka dhiiga ishiidhaaf kennu heyyama kenne.

Jimaata, Muddee 30, abbaan manaa ishii fi miseensonni maatii ishii kaan ishii wajjin turan cimsanii kan morman taʼus, hojjettoonni mana yaalaa sanaa obboleettiin keenya Niikoolaan dhiiga akka fudhattu godhan. Gaafa sana galgala, miseensonni maatii hedduunii fi jaarsi gumii tokko ykn lama obboleettii keenya Niikoolaadhaaf dhiiga akka hin kennamne dhowwuuf karaa waan cufaniif himatamanii qabamanii hidhaman. Muddee 31, Sanbadduraa ganama, gaazexoonni, dhaabbanni televizyiinii fi raadiyoo magaalaa Niiwuu Yorkii fi naannoo ishiitti argaman qabamanii hidhamuu isaanii gabaasan.

Filiip Biramlii wajjin yeroo dargaggummaa keenyatti

Wiixata ganama, abbaa murtii mana murtii ol aanaa Miiltan Moolan wajjinan haasaʼe. Abbaan murtii sun wanta isaan jedhan utuu hin dhaggeeffatin dhiiga akka fudhattu mallatteessuu isaan akka gaariitti isaaf ibse. Abbaan murtii Moolan guyyuma sana waaree booda dhimmicha ilaalchisee dhugaa jiruu fi seera yeroo kanatti hojii irra oolu irratti mariʼachuuf gara biiroo isaa akkan dhufu na gaafate. Galgala sana yeroon gara biiroo isaa deemu Fiiliip Biramlii inni kutaa ani hojjedhutti ilaaltuu ol aanaa ture naa wajjin dhaqe. Abbaan murtii sunis abukaatoon mana yaalaa sun nuu wajjin akka argamu affeere. Mareen goones baayʼee cimaa ture. Yeroo tokkotti obboleessi keenya Biramlii galmee seeraa dhuunfaa isaa irratti barreessuudhaan tasgabbaaʼuu akkan qabu natti hime. Yeroon duuba deebiʼee ilaalu, abukaatoon mana yaalaa sun dogoggoruu isaa mirkaneessuuf aariidhaan yaalii gochaa waanan tureef kun gorsa gaarii ture.

Abukaatoowwan keenya guyyaa falmii Mana Murtii Ol Aanaa waaʼee Ganda Istiraatan ilaalchisee dhihaate irratti hirmaatan bitaatii gara mirgaatti: Riichaardi Mook, Giriigoorii Ooldiiz, Pool Poolidooriʼoo, Filiip Biramlii, anaa fi Maariyoo Moreenoo.—Dammaqaa! Amajjii 8, 2003 ilaali (Amaariffa)

Gara saʼaatii tokkoo booda, Abbaan Murtii Moolan dhimmichi dhimmoota guyyaa itti aanu ganama ilaalaman keessaa isa jalqabaa akka taʼu dubbate. Yeroo biiroo isaatii baanu Abbaan Murtii Moolan abukaatoon mana yaalaa sana “bor hojii ulfaataatu isa eeggata” jedhe. Abukaatoon kun manni yaalaa sun obboleettiin keenya Niikoolaan dhiiga akka fudhattu dirqisiisuuf mirga akka qabu mirkaneessuun salphaa isaaf hin taʼu. Yihowaan dhimmicha irratti injifannoo akka nuuf kennu naaf mirkaneessaa akka jiru natti dhagaʼame. Yihowaan fedha isaa raawwachuuf akkamitti nutti fayyadamaa akka jiru beekuun nama dinqisiisa.

Falmii keenya ganama itti aanu godhamuuf hamma halkaniitti qophaaʼaa turre. Manni murtii sun Betʼel isa Biruukiliin jirutti baayʼee dhihoo waan tureef, obboloonni Kutaa Seeraa keenya keessa hojjetan hedduun isaanii achitti argamaniiru. Abbootiin murtii arfan himata keenya erga dhaggeeffatanii booda, dhiiga akka fudhattu ajajni kennamuu akka hin qabne murteessan. Manni murtii ol aanaa obboleettii keenya Niikoolaadhaaf kan murteesse siʼa taʼu, wanta namni dhukkubsate sun dubbatu utuu hin dhaggeeffatin ajaja kennuun mirga namummaa buʼuuraa sarbuu akka taʼe dubbate.

Dhuma irratti manni murtii ol aanaan Niwuu Yoorki obboleettiin keenya Niikoolaan dhiiga malee yaalamuuf mirga akka qabdu murteesse. Kun murtoowwan manneen murtii adda addaa dhiigaa wajjin haala wal qabateen murteessan afur keessaa isa jalqabaa ani irratti hirmaachuuf mirga argadhe dha. (Saanduqa “ Injifannoowwan Manneen Murtii Ol Aanaa Yunaayitid Isteetisitti Argaman” jedhu ilaali.) Kana malees, abukaatoowwan Betʼel jiran wajjinii fi dhimmoota mirga ijoollee guddisuu, wal hiikuu, seerawwan lafaa fi gamoowwan wajjin wal qabatan raawwachiisuu irratti hirmaachuuf mirga argadheera.

GAAʼELAA FI JIREENYA MAATII KOO

Haadha manaa koo Deenisii wajjin

Yeroo haadha manaa koo Deenis wajjin jalqaba wal arginetti, ishiin haadha qeenxee abbaa manaa ishii wajjin wal hiiktee fi ijoollee sadii kophaa ishii guddistu turte. Wanta jireenyaaf ishii barbaachisu argachuuf hojjechaa qajeelchituu taatee tajaajilti turte. Jireenya baayʼee ulfaataa taʼe dabarsiteetti; anis murtoo ishiin Yihowaa tajaajiluuf goote baayʼee na dinqisiisee ture. Bara 1992 Walgaʼii Guddaa magaalaa Niwuu Yoorkitti godhamee fi “Ibsitoota Ifaa” jedhamu irratti argamne; achiis gaaʼelaaf akka wal qorannun ishii gaafadhe. Waggaa tokko boodas gaaʼela godhanne. Haadha manaa yeroo hunda Yihowaadhaaf dursa kennituu fi taphachuu jaallattu qabaachuun eebba Yihowaa biraa argamte dha. Jireenya Deenisii wajjin dabarsine irratti ishiin dhugumaan wanta gaarii naaf gooteetti.—Fak. 31:12.

Yeroo gaaʼela godhannetti ijoolleen ishii umuriin isaanii 11, 13 fi 16 turan. Abbaa gaarii isaaniif taʼuu waanan barbaaduuf, abbaa buddeenaa taʼuu ilaalchisee wantoota barreeffamoota keenya irratti baʼan hunda sirriitti dubbisuu fi hojii irra oolchuufan carraaqa ture. Waggoottan darbanitti haalawwan rakkisoon nu mudatanii kan turan taʼanis, ijoolleen kunneen akka michuu amanamaa fi abbaa jaallatamaatti na ilaaluu dandaʼuu isaaniitti gammachuu guddaatu natti dhagaʼama. Hiriyoonni ijoollee keenyaa yeroo hunda mana keenya dhufu turan; dargaggoota gammadoo taʼan kunneenii wajjin taʼuun nutti tola ture.

Bara 2013⁠tti anii fi Deenis warra keenya dullooman kunuunsuuf gara Wiiskaansan deemne. Kan nama dinqisiisu garuu, Betʼelitti tajaajiluu koo hin dhiisne. Dhimmoota seeraa wajjin wal qabatan gara garaa irratti jaarmiyaa keenya gargaaruu koo akkan itti fufu affeerameen ture.

JIJJIIRAMA HIN EEGAMNE

Fulbaana 2018 qonqoon koo akka rakkina qabun hubadhe. Doktarri naannoo keenya ture yaalii kan naaf godhe taʼus, rakkina isaa beekuu hin dandeenye. Booda immoo doktarri kan biraan ogeessa fayyaa narvii bira akkan dhaqu natti hime. Achiis Amajjii 2019 doktarri kan biraan dhukkuba yeroo baayʼee hin uumamnee fi yeroo booda guutummaa qaama koo irra miidhaa cimaa geessisuun akkan qabame natti hime.

Guyyaa sadii boodas utuun cabbii irra sigigaachuu taphachaa jiru waanan kufeef lafeen cinaachaa koo mirgaa ni cabe. Umurii koo guutuu taphachaa waanan tureef, dandeettii guddaan qaba ture. Kana booda garuu sochii qaamaa koo toʼachuu akkan hin dandeenyen hubadhe. Dhukkubichi saffisaan caalaatti hammaachaa deemuun isaa baayʼee na dinqisiise; dubbachuun, sochoʼuunii fi liqimsuun yeroodhaa gara yerootti natti ulfaachaa dhufe.

Muuxannoo abukaatoo taʼuudhaan qabutti fayyadamee dhimmoota Mootummichaa babalʼisuu wajjin wal qabatan irratti gaʼee xinnoo raawwachuu koo akka mirga guddaattan ilaala. Mata duree barruulee doktaroonni, abukaatowwanii fi abbootiin murtii dubbisan hedduu irratti barreessuuf mirga argadheera. Kana malees, mirga Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga malee yaalii baqaqsanii hodhuu fi yaalii fayyaa argachuu filachuu akka dandaʼan falmuuf biyyoota hedduu dhaqee haasaa kenneera. Taʼus, akkuma barreessaan Kitaaba Qulqulluu Luqaas 17:10 irratti dubbate, ‘Ani garbicha gatii hin qabne dha. Wantin hojjedhe, wantan hojjechuu qabu dha.’