Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Dhugaa Baatonni Yihowaa weebsaayitiiwwan hiriyaa gaaʼelaa barbaaddachuuf qophaaʼanitti fayyadamuu qabuu?

Yihowaan namoonni gaaʼela godhatan gammadoo akka taʼanii fi hariiroo cimaa bara baraaf turu akka qabaatan barbaada. (Mat. 19:4-6) Gaaʼela dhaabbachuu barbaadda yoo taʼe, hiriyaa gaaʼelaa gaarii argachuu kan dandeessu akkamitti? Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef, gaaʼela gammachiisaa qabaachuuf wanta gochuun nu barbaachisu beeka. Kanaafuu, qajeelfama nuuf kenne hojii irra kan oolchitu yoo taʼe gammachuu dhugaa ni argatta. Mee qajeelfamawwan kana keessaa muraasa isaanii haa ilaallu.

Duraan dursinee ‘garaan namaa wanta kam iyyuu caalaa gantuu fi hamaa’ taʼuu isaa hubachuu qabna. (Er. 17:9) Yeroo namoonni gaaʼela godhachuu barbaadan lama wal arganii wal qoratanitti miirri jaalalaa cimaa taʼe dafee isaan gidduutti uumamuu dandaʼa; kun immoo murtoo ogummaa irratti hundaaʼe murteessuun akka isaanitti ulfaatu godha. Namoonni miira jaalalaa waan waliif qabaniif qofa gaaʼela godhatan yeroo booda murtoo isaanii kanatti gaabbuu dandaʼu. (Fak. 28:26) Namoonni lama sirriitti wal beekuu isaanii dura miira jaalalaa cimaa akka waliif qaban walitti himuu ykn waadaa waliif galuun isaanii gaarii kan hin taane kanaafi.

Fakkeenyi 22:3, “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata, namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis isa irra gaʼa” jedha. Weebsaayitiiwwan hiriyaa gaaʼelaa barbaaddachuuf qophaaʼanitti fayyadamuun miidhaa akkamii qabaachuu dandaʼa? Kan nama gaddisiisu, namoonni tokko tokko namni intarneetii irratti wal baranii fi wal qorachuu jalqaban isaan gowwoomsaa akka ture kan hubatan erga miidhamanii booda dha. Kana malees, namoonni amanamoo hin taane akkaawuntii sobaa banatanii namoota gowwoomsuudhaan maallaqa jalaa hataniiru. Yeroo tokko tokko immoo, namoonni amanamoo hin taane kun Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan illee dubbachuu dandaʼu.

Mee balaa uumamuu dandaʼu kan biraas haa ilaallu. Weebsaayitiiwwan akkasii keessaa tokko tokko sagantaawwan kompiitaraatti fayyadamuudhaan namni tokko nama akkamii wajjin wal qorachuu akka qabu murteessu. Haa taʼu malee, ragaan malli kun gaarii taʼuu isaa mirkaneessu hin jiru. Murtoo cimaa gaaʼela dhaabbachuuf goonu irratti sagantaa kompiitaraa ilmaan namootaatiin kalaqametti amanamuun ogummaa dhaa? Sagantaan kompiitaraa matumaa akka Kitaaba Qulqulluu amansiisaa taʼuu hin dandaʼu.—Fak. 1:7; 3:5-7.

Fakkeenyi 14:15 qajeelfama, “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala” jedhu qabateera. Namni tokko hiriyaa gaaʼelaa kee akka taʼu murteessuu kee dura, waaʼee nama sanaa akka gaariitti beekuu qabda. Garuu nama intarneetii irratti argattu sirriitti beekuun ulfaataa dha. Odeeffannoo walii keessanii yoo walii ergitanii fi karaa intarneetii yeroo dheeraadhaaf yoo waliin haasoftan illee, ‘Nama sana akka gaariittan beeka’ jechuu dandeessaa? Namoonni jaalallee dhugaa akka argatanitti isaanitti dhagaʼame tokko tokko, yommuu nama sanaa wajjin qaamaan wal arganii fi namni sun isa isaan yaadan irraa adda taʼuu isaa hubatanitti baayʼee gaddaniiru.

Faarfatichi, “Namoota gowwoomsaa raawwatanii wajjin michuu hin taʼu, warra eenyummaa isaanii dhoksan irraas nan fagaadha” jedheera. (Far. 26:4) Namoonni tokko tokko yeroo intarneetiidhaan wal qoratanitti namoota nama hawwatan fakkaatanii mulʼachuuf odeeffannoo sobaa baasuun rakkina akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Tarii namoonni kun yeroo ergaa warra kaaniif barreessan amala isaanii isa sirrii ni dhoksu ykn amalli isaanii inni dhugaan hin mulʼatu. Tarii namoonni tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan dubbatu taʼa; garuu namoonni kun dhugumaan Kiristiyaanota cuuphamani dhaa? Namoota karaa hafuuraa bilchaatoo taʼani dhaa? Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabuu? Namoota gumii isaanii keessatti maqaa gaarii qabani dhaa? Moo namoota fakkeenya gaarii hin taane, tarii immoo ‘hiriyoota gadhee’ dha? (1 Qor. 15:33; 2 Xim. 2:20, 21) Namoota akka qajeelfama Kitaaba Qulqulluutti gaaʼela godhachuu dandaʼani dhaa? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun kee barbaachisaa dha; Dhugaa Baatota Yihowaa nama kana sirriitti beekan utuu hin haasofsiisin deebii gaaffiiwwan kanaa argachuun garuu ulfaataa dha. (Fak. 15:22) Namni amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilu tokko, yaanni nama hin amannee wajjin ‘gita malee walitti camadamuu’ jedhu illee isatti ulfaata.—2 Qor. 6:14; 1 Qor. 7:39.

Weebsayitiiwwan kanatti fayyadamuun balaa hedduu waan qabuuf, karaawwan gaggaarii hiriyaa gaaʼelaa gaarii taʼe argachuuf si gargaaran kan biroon jiru. Carraawwan hiriyaa gaaʼelaa gaarii argachuu itti dandeessu kam faʼi? Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo walitti qabamuun hin dhorkamnetti walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa, walgaʼii naannoo fi qophiiwwan kan biroo irratti obboloota kaanii wajjin wal baruuf carraa argatu.

Yommuu yeroo waliin dabarsitan, galmawwan keessanii fi wantoonni iddoo guddaa kennitaniif kan wal fakkaatan taʼuu fi dhiisuu isaanii ifatti hubattu

Yeroo walitti qabamuun dhorkamutti immoo kan akka yeroo weerara dhibee Kooviid 19⁠tti, meeshaalee elektiroonikiitti fayyadamuudhaan walgaʼii gumii geggeeffanna; kun immoo Dhugaa Baatota Yihowaa qeenxee taʼanii wajjin wal baruuf carraa nuuf bana. Walgaʼii irratti hirmaannaa akkamii akka godhan ilaaluu fi amantii isaanii yeroo ibsan dhagaʼuu dandeessa. (1 Xim. 6:11, 12) Walgaʼii boodas waliin haasaʼuu ni dandeessu. Yommuu Dhugaa Baatonni Yihowaa karaa intarneetii walitti qabamuudhaan yeroo dabarsanitti namni si hawwate sun namoota kaan akkamitti akka qabu hubachuu dandeessa; kun immoo eenyummaa dhugaa nama sanaa beekuuf si gargaara. (1 Phe. 3:4) Yeroo caalaatti wal baraa deemtan immoo galmawwanii fi wantoonni iddoo guddaa kennitaniif wal fakkaataa taʼuu fi dhiisuu isaanii, akkasumas hiriyaa gaaʼelaa gaarii waliif taʼuu kan dandeessan taʼuu fi dhiisuu keessan adda baafachuuf isin gargaara.

Namoonni qeenxee taʼanii fi qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan hiriyaa gaaʼelaa barbaaddatan yaanni kitaaba Fakkeenyaa irra jiru dhugaa taʼuu isaa hubachuun isaanii hin oolu; caqasichi, “Namni haadha manaa [abbaa manaa] gaarii argatu [argattu] wanta gaarii argata [argatti], Yihowaa birattis fudhatama argata [argatti]” jedha.—Fak. 18:22.